Tamsaasa Kallatti:

Injifannoon Adwaa Seenessa Waloo Waggoota Dheeraaf Uummanni Itiyoophiyaa Waliin Qabu dha."- Dr.Rattaa Dhugumaa

Guraandhala 13/2018(ENA): Gumii Balal marsaa 49ffaa Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti mata duree "Adwaa: Injifannoo waloo yaadannoo waliinii" jedhuun qophaa'e irratti waraqaa qorannoo kan dhiyeessan Yuunivarsiitii Haromaayaatti barsiisaa fi qorataa seenaa kan ta'an Dr.Rattaa Dhugumaa, ibsa kennaniin injifannoon Adwaa seenaa waloo uummanni biyya keenyaa waggoota dheeraaf waliin qabu dha jedhan.

Saba,sablammoonnii fi uummattoonni waamicha biyya baraaruuf taasifame osoo wal hin qoodiin ba'ee injifannoo galmaa'e ta'uus eeraniiru.


 

Seenaa xiqqaa guddaa,beekaafi wallaalaa,dhiiraa fi dubartii osoo wal hin qoodiin qaama teeknoloojii hidhatee nu caalu injifachuun Afrikaaf seenaan addaa tokkummaan itti galmaa'e ta'uus ibsaniiru.

Akkasumas Adwaan birmadummaa uummata Itiyoophiyaaf qofa osoo hin taanee mallattoo bilisummaa saboota gurraacha Addunyaa ta'uu ibsani.

Dabalataanis Adwaan ka'umsa Paan Afrikaa ta'uun akka galmaa'ee jirus dubbataniiru.

Adwaan alattis saba,sablammoonnifi uummanni Itoophiyaa aadaa,hawaasummaafi amantaan walitti hidhamuun seenaa waloos waliin qabaachuu himaniiru.

Adwaa irraas tokkummaan humnaafi injifannoo akka argamsiisuu danda'u irraa baranneerra jechuunis himaniiru.

Dhaloonnni amma jirus rakkoo biyya mudatuufi birmadummaa biyyaa sarbu walgargaarsa,tokkummaafi jaalalan ijaaramee injifachuu akka qabus Dr.Rattaan yaadachiisaniiru.

Adwaan injifannoo abbootiinii fi haadholiin keenya galmeessan nutimmoo yeroo ammaa diinagdee fi birmadummaa biyyaa kabachiisuun seenaa haaraa galmeessuu qabna jedhaniiru.

Dhaloonni yeroo ammaas bu'aan waloomaa fi tokkummaan injifannoo Adwaa seenaa waloo keenyaa bareeche, hubatee tokkummaan waliin taanee seenaa dhaloonni bara baraan hin daganne hojjechuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015