Mul'ata Itiyoophiyaa ceesisuuf duungoo wareegama kaleessaa jaalala hojiin itti fufsiisuun barbaachisaa dha - ENA Afaan Oromoo
Mul'ata Itiyoophiyaa ceesisuuf duungoo wareegama kaleessaa jaalala hojiin itti fufsiisuun barbaachisaa dha
Guraandhala 12/2018 (ENA): Mul'ata Itiyoophiyaa ceesisuuf duungoo wareegama kaleessaa jaalala hojiin itti fufsiisuun barbaachisaa dha jedhani Pireezidaanti Taayyee Asqasillaaseen.
Pireezdaanti Taayyeen guyyaa yaadannoo wareegamtoota 89ffaa Guraandhala 12 ilaachisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Ergaa isaanii keessatti yaadannoon kun Itiyoophiyaa jaallachuu keenya yeroo itti mirkaneessinu, guutummaatti Itiyoophiyaaf of kennuunis yaadannoo hin bannee ta’uu isaa kan mirkaneessudha jedhaniiru.
Mul'ata biyyoolessaa guddaaf of kennuun yeroo hunda Itiyoophiyaa keessatti aadaa ta'uu hubachiisaniiru.
Jaalalli Itiyoophiyummaa har’as ta’ee boru arginu, lammiilee ishee tokkummaa fi guddina isheef kutannoo qaban keessatti mul’atu humna jiraataa fi waamicha yeroo hunda ta’uu ibsaniiru.
Mul'ata Itiyoophiyaa ceesisuuf duungoo wareegama kaleessaa jaalala hojiin itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.