Magaalaa Shaggaritti kenninsi tajaajila socho’aan eegalame - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Shaggaritti kenninsi tajaajila socho’aan eegalame
Guraandhala 12/2018 (ENA) - Kenninsa tajaajilaa si’ataa gochuun itti fuufinsa maamilaa dhugoomsuuf Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaanitti tajaajilli garagaraa eegalameera.
Dhaqqabamummaa kenna tajaajilaa mirkaneessuun itti quufinsa maamiltootaa dabaluuf tarkaanfiiwwan hojiirra oolfaman keessaa tajaajila wiirtuu Masoob isa tokkodha.
Magaalaa Shaggarittis tajaajila Wiirtuun tokkoo Masoob erga hundaa'ee hojiiwwan bu'aa qabeessummaa kenna tajaajilaa mirkaneessan tekinooloojiiwwan dijitaalaan deeggaramuun kennamaa jira.
Kenna tajaajilaa caalaatti bu’aa qabeessa gochuuf Magaalaan Shaggar tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob socho’aa (konkolaataan) Kutaa Magaalaa Galaanitti kennaa jira.
Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Galaanitti kenni tajaajilaa socho'aa seektaroolee 8 fi gosoota tajaajilaa 16n eegalchiifameera.
Tajaajilootni kunneenis Waraqaa eenyummeessaa jiraatotaaf kennuu, taateewwan bu'uuraa, waraqaa ragaa hoji-dhabdummaa, Waraqaa Inshuraansii Fayyaa Haaressuu fi dijitaalessuu dabalatee waliigala tajaajilootni 16 akka kennamu eerameera.
Itti gaafatamaa Waajjira Paablik servisii fi misooma Qabeenya namaa Magaalaa Shaggar Obbo Cammaraa Shibbiruu, Mootummaan Badhaadhinaa kenna tajaajilaa si'ataa, dhaqqabamaa fi bu'a-qabeessa taasisuuf hojii hojjetameen hojiiwwan itti quufinsa maamiltootaa mirkaneessan qabatamaan argamuu himaniiru.
kunis imala dijitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaa dhugoomsuu keessatti tarkaanfii murteessaa ta'uus ibsaniiru.
Saganticharratti Hoji-gaggeessaa olaanaa Wiirtuu tajaajila tokkoo masoob Magaalaa Shagga Obbo Mokonnon Hambee akka ibsanitti, rakkoowwan kenna tajaajilaa seektaroolee Mootummaa keessa ture furuuf tarkaanfii Muummichi Ministeeraa fudhateen, tajaajila hawaasaa ammayyaa'aa, dhaqqabamaafi haqa-qabeessa taasisuuf hojiirra kan oolfameera.
Kunis biyya tekinooloojiiwwan dijitaalaan dorgomtuu taatee fi dhaqqabamummaan tajaajila Mootummaa keessatti mirkanaa'e taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru ta'uus ibsaniiru.
Itti quufinsa maamiltootaa caalaatti guddisuuf kenna tajaajila socho'aa tekinooloojiin deeggaramuun itti dhiheenyaan hawaasa tajaajiluuf kan eegalame ta'uu himaniiru.
Tarkaanfii Mootummaan kenna tajaajilaa itti dhiheenyaan hawaasaaf kennuuf hojjechaa jiru, rakkoowwan kenna tajaajilaan turan furuuf tarkaanfii murteessaa ta'uu itti Aanaa bulchaa kutaa Magaalaa Galaan Obbo Shimallis Lammeessaa himaniiru.
Sagantaa jalqabsiisa kana irrattis hooggantootni sadarkaan jiranii fi tajaajilamtootni garagaraa argamaniiru.