Magaalaan Shaggarii fi Midire gannat shireen qabxii qooddatan - ENA Afaan Oromoo
Magaalaan Shaggarii fi Midire gannat shireen qabxii qooddatan
Amajjii 27/2018(ENA)- Pireemar liigii Itiyoophiyaa sagantaa torban 19ffaan tapha jalqabaan Magaalaa Shaggarii fi Midire gannat shireen galchii malee qixaan adda bahaniiru.
Taphichi Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffameera.
Bu’aa kana hordofuuun Magaalaan Shaggar qabxii 21n sadarkaasa 13ffaarraa gara 12ffaatti ol guddifateera.
Guddaattuu haaraan Magaalaan Shaggar inijifannoo ittifufaa galmessuu hin dandeenye.
Midire Gannet Shireen qabxii 23n sadarkaa 11ffaarraa gara 10ffaatti ol siiqeera .
Garichi taphoota sadan darban hin mo’anne.