Tamsaasa Kallatti:

Hojiin misooma bishaan kuufamaa naannichaa horsiisee bultoonni horsiisa beeyladaa cinatti qonna irratti akka bobba’an ni gargaara

Guraandhala 8/2018 (ENA) - Hojiin misooma bishaanii naannoo Affaaritti hojjetamaa jiru horsiisa beeyladaa cinatti horsiisee bultoonni qonnaa irratti akka bobba’an kan gargaaru ta’uu bulchaan mootummaa naannichaa obbo Awwal Arbaa ibsaniiru.


 

Naannichatti Sagantaan Jalqabsiisa Misooma Bishaanii bara 2018 zoonii Awusii Reesuu Aanaa Ade’aariitti mata duree “Misooma Bishaanii Hawaasa qindaa’e hammate Milkaa’ina wabii nyaataaf” jedhuun eegalameera.

obbo Awwal Arbaan saganticha yeroo eegalchiisan hojiiwwan misooma bishaan kuufamaa cimsuun horsiisee bultoonni jireenya isaanii barame cinatti qonna irratti akka bobba’an taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.


 

Misoomni bishaan kuufamaa qabeenya uumamaa sababoota adda addaatiin dhumaa adeemaa jiru deebisuuf, hawaasni wabii nyaataa mirkaneessuu fi hiyyummaa akka mo’atu kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Naannoowwan manca’an caalaatti oomishaa taasisuudhaan horsiisee bultoonni horsiisa beeyladaa cinatti hojii qonnaa isaanii dabaluu, beeylada isaaniif nyaata dhiyeessuu fi nyaata ofii isaanii akka danda’an himaniiru.


 

Sadarkaa naannootti piroojektiin misooma bishaan qindaa’ee kan bara kanaa Zoonii Awusii Reesuu, Aanaa Ade'aar, Waraansoo fi ganda Hormaatiitti eegalame lafa heektaara kuma 52 ol irratti kan raawwatamu ta'uun ibsameera.

Sagantaa jalqabsiisa misooma bishaanii irratti bulchaa mootummaa naannchaa dabalatee, hoggantoonni naannoo, zoonii fi godinaalee, akkasumas jiraattonni aanaa Ade'aar argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015