Qabeenyi bishaanii Itiyoophiyaa bu’aa oomishtummaa qonnaa saffisiisuun wabii nyaataa mirkaneessuu kan danda’u galmaan ga’aa jira - ENA Afaan Oromoo
Qabeenyi bishaanii Itiyoophiyaa bu’aa oomishtummaa qonnaa saffisiisuun wabii nyaataa mirkaneessuu kan danda’u galmaan ga’aa jira
Guraandhala 12/2018 (ENA):Qabeenyi bishaanii Itiyoophiyaa bu’aa oomishtummaa qonnaa saffisiisuun wabii nyaataa mirkaneessuu kan danda’u galmaan ga’aa jiraachuu Inistiitiyuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa beeksise.
Daariktarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa, Dr. Maandafiroo Nugusee ENAtti akka himanitti, Itiyoophiyaan oomishtummaa qonnaa fooyyessuun biyya qabeenya lafaa wabii nyaataa mirkaneessuu dandeessu qabdu dha jedhani.
Itiyoophiyaan lafa mijataa ta’e oomishtummaa midhaanii fi horsiisa beeyladaaf ta’u kan qabdu ta’uus hubachiisaniiru.
Haaluma kanaan misooma lafaa fi qabeenya bishaanii Itiyoophiyaa wal simsiisuun oomishtummaa qonnaa fooyyessuuf carraan uumamuu dubbatani.
Qabeenyi bishaanii dirra lafaa fi lafa jalaas oomishtummaa qonnaa Itiyoophiyaa guddisuu keessatti bu’aa olaanaa galmeessisaa jiraachuu himani.
Kanaafis Tiraanisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa guddisuuf imaammanni qonnaa fi baadiyyaa, diinagdee mandhaleen kan bocame, karoorrii waggaa 10 baafamuu fi dhaabbileen raawwachiiftotaa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaan jijjiiramaa imaammata jijjiirama damee qonnaa saffisiisu hojiirra oolchuun oomishtummaa midhaanii fi beeyladaa irratti bu’aa gaarii akka argamsiise hubachiisaniiru.
Bu’aa gaarii oomishtummaa qonnaa irratti argameen wabii nyaataa fi guddina diinagdee biyyaa waliigalaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa akka taphatu isa dandeessisuus ibsaniiru.
Aadaan qabeenya bishaanii jallisii ammayyaatiin misoomsuus bu’aa qabatamaa jijjiirama qonnaa saffisiisuun wabii nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuu danda’u argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital