Tamsaasa Kallatti:

Ibsa Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa hariiroo Turkiyyee fi Itiyoophiyaa irratti kenne

Hariiroon seenaa qabeessa Turkiyyee fi Itiyoophiyaa gara sadarkaa olaanaatti ceheera. Hariiroon biyyoota lamaanii baroota kan lakkoofsise ta’us waggoottan digdamman darban garuu cimee kan itti fufe ta’eera.

Hariiroon michummaa Turkiyyee fi Itiyoophiyaa bara Impaayera Otomaanii eegalee cimee kan itti fufe yoo ta’u , yeroo ammaa daldalaa hanga dhimma siyaasaatti fayyadamummaa waloorratti hariiroo bu’uureffate qabu.

Turkiyyeenii fi Itiyoophiyaa hariiroon seenaa addaa waliin qaban yoo ta’u, isaan keeessaa Turkiyyeen biyyoota Baha Afriikaa keessaa Imbaasiishee dursitee kan bante Itiyoophiyaatti ta’uu eerameera.

Itiyoophiyaan Riijnii gaanfa Afriikaatti michuushee tarsiima’aa jalqabaa taatee gamaTurkiyyeen kan amanamtuu ta’uunshee michummaasaanii bu’uura jabaarra akka dhaabbatu gargaareeera.

Damee daldalaa fi Invastimantiin Itiyoophiyaa keessatti abbootii qabeenyaa qooda jalqabaa fudhatan keessaa Turkoonni jalqabarratti kan eeramanidha.

Keessumaa damee uffataa fi Manufaakcheringiin adda dureedha.

Pirezidaantiin Turkiyyee Rajiib Xaayib Erdoogaan guyyaa Kaleessaa hariiroon ifaa taasisan hariiroo seenaa qabeessa durii gara sadarkaa murteessaatti akka ceesisu ni eegama.

Mariin Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimadii fi Pirezidaanti Rajiib Xayib Erdoogaan gidduutti gaggeeffame, dhimmoota diinagdee fi nageenya gaanfa Afriikaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, keessumaa barbaachisummaa Ulaan Galaanaa Itiyoophiyaaf qaburratti walii galteerra gahameera.

Michummaan biyyoota lamaanii daandii amansiisaan gara fuulduraatti deemuu akka danda’u guyyaa seenaa qabeessa taasisa.

Daawwannaan pirezidaantichaa fi jilli isaanii hariiroo murteessaa seenaa qabeessarratti hundaa’ee calaatti akka cimsu ni eegama.

Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015