Badhaadhina fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti invastimantii gochuun barbaachisaa dha - ENA Afaan Oromoo
Badhaadhina fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti invastimantii gochuun barbaachisaa dha
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaatiif invastimantiin cimaa damee bishaanii irratti taasifamuun barbaachisaa ta’uu Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Qonnaa, Misooma Baadiyyaa, Diinagdee Biluu fi Naannoo Itti Fufiinsa qabu Moosees Viilaakaatii ibsani.
Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinneetti mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Komishinar Moosees Vilaakaatii saganticha irratti akka ibsanitti, Bishaanii fi qulqullina naannoo guddinaa fi jijjiirama diinagdee Afrikaaf bu’uuraa dha jedhani.
Afriikaan damee kanarratti waggaa waggaan hanqinni maallaqaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu kan ishee mudatuu ibsuun, kunis Galmoota Misooma Itti Fufiinsa Qabu galmaan ga’uufi jijjiirama qilleensaa ittisuuf gufuu ta’uu eeraniiru.
Mata dureen Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhu kanaafidha jedhan.
Walgahii kana irratti pirojektoota invastimantiif qophaa’an kan dhiyaatan ta’uu eeruun, kana keessaas waggaatti invastimantii doolaara biliyoonaan lakkaa’amuu kan danda’u wadaan argamuu himaniiru.
Qajeelfamni biyyoonni sagantaa bishaanii haala qilleensaa dandamatu akka qopheessanii fi adeemsa invastimantii hordofuuf kan gargaaru galmeen irratti barreessa ifa taasifamuu himaniiru.
Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti kutannoodhaan invastimantii gochuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.