Tamsaasa Kallatti:

Haaromsi aadaa Oromoo  beekumsa oomishuun diinagdee ceesisuu keessaatti gahee olaanaa qaba – Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa

Guraandhala 12/2018( ENA )-Haaromsi aadaa Oromoo beekumsa oomishuu, diinagdee ceesisuu caaseffama aadaa sirneessuu akkasumas miidiyaa fi biraandiigii irratti fooyya’insa bu’uuraa fiduun jijjirama hunda galeessa dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksise.

Biirichatti Daarektarri Misooma Sona Aadaa obbo Olaanaa Tashoomaa ENA Afaan Oromootti akka himanitti;  Mootummaan naannoo Oromiyaa cabnisa siyaas-dinagdee akka biyyaatti mudate furuuf  haaromsa aadaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Hojiin haaromsa aadaa Oromoo muuxannoo biyyoota adda addaa kanaan dura rakkoo hawaas-dinagdee isaan mudate keessaa bahuuf haaromsa aadaa gochuun itti milkaa’an bu’uureffachuun haala qabatamaa naannoo Oromiyaan kan qophaa’edhas jedhaniiru.

Hojiin haaromsa aadaa kunis kan irraatti xiyyeeffatu aadaa siyaasaa, hawaasummaa, dinagdee, qusannaa, nyaataa fi hojii irratti jijjirama bu’uuraa fiduun jiruu fi jireenya hawaasaa gara jireenya qananiitti jijjiruuf kan bu’uureffatedha jedhaniiru.

Aadaan amala jijjiiramuu qabu ta’uu kan eeran obbo Olaanaan, aadan akkuma yaadni haaraa fi teknoloojiin haaraan kalaqamaa deemuun wajjin jijjiiramaa deema tahu yaadachiisaniiru.

Aadaa Oromoo haala qabatamaa ummatichi ammaa keessa jiru bu’uura gochachuun haaromsuun beekumsa rakkoo hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa akkasumas dinadee biyyaa ceesisuu haala danda’uun irratti hojjetama jiraachuu ibsaniiru.

Hojiin Haarmsa Aadaa Oromoo kun kaayyoon isaa kan duraa beekumsa mandhalee aadaa Oromoo irraa maddee oomishuu, ta’uu himanii, bu’uurri kun immoo bu’uura yaada ida’amuu kan of keessatti hammatedha jedhaiiru.

 Aadaa ogummaa adda addaa fi qabeenya jiru sirnaan hojiira oolchuun badhaadhina hunda galeessaaf gumaacha akka taasuufis gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

Sosochiin haaromsa aadaa Oromoo kun aadaa, duudhaa fi Afaan Oromoo yaadamaa haalaa kalaqaa bu’uureeffate fi tekinolojii ammaayyaan deeggaruun akka misoomaan taasisuuf kan hojjetama jiru ta’uus obbo Olaanaan himaniiru.

Kana gochuufis aadaa, duudhaa, safuu fi sirni gadaa Oromoo imaammata barnootaa keessatti hammatamee dhaloonni akka ittiin qaramuu taasisuuf  eegaluu himaniiru.

Hojii Haaromsa Aadaa kanaan Aadaa walgargarsaa Oromoo cimsuun Oromoo bira darbee addunyaaf illee haala bu’aa buusuu danda’uun sirini buusaa gonofaa hojiirra ooluu eegaluun bu’aa buusuu akkaa jiruu himaniiru.

 Manni murti aadaas hundaa’uun hawaasani haqa isaa karaa duudhaa isaa akka argatus hojii hojjetamuu eegaleen bu’aan guddaan argamuu himaniiru.

 

Artiin Oromoos sadarkaa isaa eeggatee akka misoomuu fi guddina dinagdee biyyaa keessatti gahee isaa akka bahatu horomsa aadaa kanaan hojjetama jirachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015