Adwaan injifannoo humni waloomaa qabu kan itti mul'atedha- Obbo Hayiluu Addunyaa - ENA Afaan Oromoo
Adwaan injifannoo humni waloomaa qabu kan itti mul'atedha- Obbo Hayiluu Addunyaa
Guraandhala 13/2018(ENA)- Waltajjiin Gumii Balal marsaa 49ffaa injifannoo Adwaa irratti xiyyeeffachuun mata duree ''Adwaa:Injifannoo waloo yaadannoo waliinii'' jedhuun bakka hooggantoonni mootummaa, haayyoonnii fi keessummoonni adda addaa argamanitti galma Waajjira Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.
Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa saganticharratti haasaa taasisaniin, Itiyoophiyaan biyya birmadummaan ishee wareegama qaalii Abboonii fi haadholiin keenya kaffalaniin tikfamaa kan dhufte fakkeenya bilisummaa Gurraachotaati jedhan.
Adwaan injifannoo seenessa koloneeffattootaa cabse; dabaafi shira diinaa hunda kan diige waltajjii guddaa Idil-Addunyaawaa dha jedhani. Dirree falmii haqaafi diddaa garbummaa finiinse, garaagarummaa akka miidhaginaatti tokkummaa akka humnaatti fayyadamuun ijaaramee hoggansa tarsiima’aanis masakamuun humni Koloneeffattootaa kaayyoo Afriikaa qircachuu qabatee duulaan dhufe kan itti injifatamedhas jedhan. Injifannoo yaadama sirna garboomsaa kan diige ilaalcha walqixxummaa namoomaaf boqonnaa haaraa kan saaqe akka ta'ees Obbo Hayiluun himaniiru.
Adwaarratti gootonni Itiyoophiyaa bakka hundarraa walitti babbahanii garaagarummaa keessoo cinatti dhiisuun, mufiiwwan sirna bulchiinsaa irraa qaban bulfachuun gamtaan ka’anii wareegama qaalii waloon kaffalameen birmadummaan biyyaa kan itti tikfame gootummaa Itiyoophiyaa kan ittiin labsame dha jedhani.Injifannoon kun humna sabdaneessummaan kan galmaa’e Itiyoophiyaatti ulfina horuun diinota kan qaanesse ta'uus ibsani.Kanaaf, Adwaan qaama seenessa waloo tokkummaa cimsee gaaddisa waloomaa jalatti Itiyoophiyummaa kan walitti qabe eenyummaa Itiyoophiyaanota dhugaa yeroo hundaa akka ta'ees eeraniiru.
Dhalootni haaraan kunis waggoota Torban darbe gama tokkoon birmadummaa biyyaa tiksaa gama biraatiin pirojektootaa fi hojiiwwan misoomaatiin injifannoo galmeessuun ashaaraa isaa kaa’aa jira jedhan.
Kanaanis akkuma Abboonnii fi haadholiin keenya Adwaarratti seenaa hojjetan, dhaaloonni haaraan Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa ijaaree xumuruun injifannoo fakkeenya Adwaa 2ffaa ta’e kaa’uun kan danda’ame ta'uu ibsaniiru.
Pirojektiin Hidha Haaromsaa xumuramuu hordofee labsiiwwan seena qabeessa Gubaarratti labsamaniiru. Ajandaan waloo hojmanee hunda keenyaa ta’ee jirus imala haaraa hidharraa gara Ulaa Galaanaatti tarkaanfate jiru dha jedhani. Kunis qabeenya Ulaa Galaanaa shiraan dhabne karaa seera Idil-Addunyaa eegeen deebisuuf mootummaan xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira jedhaniiru.
Akkuma abbootiinii fi haafholiin keenya tokko ta'anii injifannoo Adwaa galmeessan, nuti immoo birmadummaa biyya keenyaa murteessaa kan ta'e tokko taanee ulaa galaanaa fi marii biyyaalessaa jalqabamee jiru fiixaan baasuun, imala ijaarsa biyya jabduufi mootummaa cimaa jalqabame milkeessuuf dhimmoota waloon irraanfachuu qabnu waloon irraanfachaa dhiifamaan ce’uun dhimmoota waloon yaadatamuu qaban utubaa ijaarsa biyyaa taasisuun yaadachaa egeree ijaaruun murteessaa ta'uu himaniiru obbo Hayiluun.