ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Bakkeewwan miidhagaa fi bashannanaa dhiheessuuf hojii hojjenne keessaa inni tokko Paarkii Araadaati - Kantiibaa Adaanech Abeebee
May 1, 2026 84
Ebla 23/2018 (ENA) – jiraattota magaalaa keenyaaf bakka mijataa, miidhagina magaalaaf akkasumas tuuristiin akka dabaluuf faayidaa guddaa kan qabu akkasumas bakkeewwan miidhagaa fi bashannanaa gahaa dhiheessuuf hojii hojjenne keessaa inni tokko Paarkii Araadaati jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee. Gaalariin seenaan keessatti mul’atu, bakkeewwan daldalaa, Suppar maarkeettii irraa kaasee baankota irraa amma dukkaanota gurgurtaa meeshaalee garagaraatti, kaaffeewwan, galmoota, Hoteelota, mana rifeensaa, jimnaaziyeemota Ispoortii, bakkeewan dorgommii Bishkileetii, tiraakii fiigichaa, Faawunteeyinii fi bakka daa’imman itti taphatan kkf bakka konkolaataan dhaabatu gahaan hundi bakka tokkotti qophaa’anii Paarkii Araadaa keessatti akka argaman ibsaniiru. Kun ammo magaalattiif bifa haaraa kan uume paarkiin araadaa miidhagaan kun jiraattota magaalaa Finfinnee hundaaf baatiiwwan itti aananitti bilisaan akka daawwatan banaa ta’uusaa dubbataniiru. Itti fufuunis dhuftanii wirtuu gabaa kanarraa akka shamattan, akkasumas wiirtuu bashannanaatti akka bashannantan, affeeramtaniittu jedhanii, Araadaa dhuftanii maal dhabdan jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti ergaa dabarsaniiru.
Eksipoon idil addunyaa Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan Dilbata dhufu ifatti banama
May 1, 2026 111
Ebla 23/2018 (ENA)- Eksipoon idil addunyaa Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan Dilbata Ebla 25 bara 2018 Finfinneetti ifatti akka banamu ministirri Industirii Malaakuu Allabal beeksisan. Industiriiwwan rakkoolee isaan mudachaa ture sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuutiin sadarkaa sadarkaan akka furamanii fi dandeettiin oomishuu isaanii akka dabalu taasifamuu mninistirichi ibsa isaanii keessatti kaasaniiru. Eksipoon Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan mata duree “birmadummaa hunda galeessaaf Itiyoophiyaan haa oomishtu” jedhuun Ebla 25-30 bara 2018tti akka gaggeeffamu ibsanii, oomishoota Itiyoophiyaa beeksisuu fi carraalee gabaa dabalataa bal’isuun kaayyoo ijoo Eksipoo kanaati jedhan. Walitti hidhaminsa gabaa uumuu fi qulqullina oomishaa fooyyessuufis qooda guddaa ni qabaata jedhaniiru. Kalaqa jajjabeessuunis kaayyoo Eksipoo kanaa keessaa isa tokko ta’uu eeranii, cehumsa teeknooloojii fi muuxannoo wal jijjiiruu uumuunis galma isa ijoo ta’uu dubbataniiru. Walii galteewwan daldalaa 850 Eksipoo kanarratti akka taasifaman eeranii, bittaa fi gurgurtaan birrii biiliyoona shanii ol ni raawwatama jedhamee akka akka eegamu eeraniiru. Eksipoo wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti guyyoota shaniif gaggeeffamu kanarratti namoonni biyya keessaa fi biyya alaa kuma 150 caalan akka argaman ibsameera. Eksipoo Itiyoophiyaan haa oomishtuu Kanaan oomishoota beeksisuun gamatti mariileen paanaalii garagaraa, dorgommiiwwan misooma oomishaa, industiriiwwan raawwii fooyya’aa qabaniif sagantaa beekkamtii fi sagantaaleen biroon akka raawwataman ibsa Kanaan eerameera.
Teeknooloojiin sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan iftoomaa fi ittigaafatama kan buusudha-Ambaasaaddar Reedwaan Huseen
May 1, 2026 91
Ebla 23/2018 (ENA)- Teeknooloojiin sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan iftoomaa fi ittigaafatama kan buusuu fi hirmaannaa lammiilee kan guddisu ta’uu daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan. Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan hojjete teeknooloojii miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aa ifatti hojii eegalchiiseera. Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatuu Allanee, daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Innaatalam Mallasaa, daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa, daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa, hooggantoonni miidiyaalee akkasumas keessummoonni afeeraman saganticharratti hirmaachaa jiru. Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen wayita kana akka jedhanitti, sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojii kan si’achiisudha. Teekinooloojiin kun iftoomaa fi itti gaafatama kan buusu akkasumas hirmaannaa lammiilee kan guddisu ta’uu dubbataniiru. Murtee kennuufis gumaacha olaanaa akka qabu eeranii, akkasumas deebii hatattamaa kennuuf gargaaruudhaan dhaabbatichaaf humna guddaa akka uumu dubbataniiru. Kun ammoo guddina damichaaf gumaacha guddaa kan gumaachu ta’uu ibsanii, teekinooloojichi hojii akka eegalu qaamolee gumaacha taasisan galateeffataniiru.
Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hubannoo nam-tolcheen deeggarame odeeffannoo sobaa ittisuuf qooda guddaa qaba
May 1, 2026 96
Ebla 23/2018 (ENA)- Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hubannoo nam-tolcheen deeggarame odeeffannoo sobaa fi dubbii jibbiinsaa ittisuu fi qooda guddaa akka qabu daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanoot Zallaqaa ibsan. Sirni jalqabsiisa teeknooloojii sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’a Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan hojjetee gaggeeffamaa jira. Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatuu Allanee, daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Innaatalam Mallasaa, daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa, daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa, hooggantoonni miidiyaalee akkasumas keessummoonni afeeraman saganticharratti hirmaachaa jiru. Teeknooloojiin miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojiirra akka oolu godhamuunsaa hojiilee abbaa taayitichaa fi damichaa gara boqonnaa ammayyaa isa haaraatti kan ceesisu ta’uun ibsameera. Daarektarri olaantuun abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa wayita kana akka jedhanitti, teeknooloojiin kun ergama dhaabbatichaa galmaan ga’uuf gumaacha guddaa qaba. Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojii hordoffii fi to’annoo miidiyaalee akka ammayyeessu ibsanii, sirna dijitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtuun kan wal simdha jedhaniiru. Hubannoo nam-tolcheen deeggaramuun tamsaasa odeeffannoo sobaa fi dubbii jibbiinsaa ittisuuf hojii hojjetamu bu’a qabeessa akka taasisu eeraniiru. Miidiyaaleen seera qabeessa ta’uusaanii mirkaneessuu fi sirna hordoffii fi to’annoo ifaa ta’e damee kanarratti gama diriirsuutiin qooda murteessaa akka bahatu dubbataniiru. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa Dr. Warquu Gaachanaa, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee kaasee hubannoon nam-tolchee hundaaf yaada jedhuun hojjechaa akka jiru eeraniiru. Hojmaata miidiyaalee ammayyeessuun qooda irraa eegamu bahachaa akka jiru ibsaniiru. Teeknooloojiin reegulaatoorii miidiyaa fi bulchiinsaa har’a ifoome gumaachi damee kanaaf gumaachu olaanaa ta’uusaa himaniiru.
Doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filataman
May 1, 2026 182
Ebla 23/2018 (ENA)- Doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filatamaniiru. Miseensa mana maree bakka bu’oota ummataa kan ta’an doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filatamuusaanii odeeffannoon mana marichaa ni mul’isa. Doktar Ashabbir Waldagoorgis dursaa itti aanaa pirezidaantii paarlaamaa Paan Afriikaa ta’uun filatamuusaaniitti gammaduusaa ibsee bara hojii gaarii akka ta’uuf hawweera
Siyaasa

Itiyoophiyaan waltajjiiwwan naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti hojiiwwan dippilomaasii dantaa biyyaalessaa ishee eegsisu gaggeessaa jirti - Ministeera Dhimma Alaa
Apr 30, 2026 664
Ebla 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaan dhimmoota naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti barbaachisummaa ishee guddisuu fi dantaa biyyaalessaa ishee eegsisan hojii dippilomaasii gaggeessaa jirti jedhan Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo. Ambaasaaddar Nabiyaat Geetachow sochii dippilomaasii yeroo ammaa ilaalchisee ibsa kennaniin, pireesidaantonni Burundii, Laayibeeriyaa, Moozaambiikii fi Sudaan Kibbaa torbeewwan darban keessa daawwannaa hojiif Itiyoophiyaatti taasisan yaadachiisaniiru. Hoggantoonni kunneen hariiroo biyyoota gidduu jiru daran cimsuuf daawwannaa isaaniin ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad (Dr.) waliin marii bu’a qabeessa taasisuu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaan muuxxannoo ishee waliif qooduuf waliigalteewwan biyyoota lamaanii mallatteessuun hubannoo namtolchee, qonna, turizimii, ashaaraa magariisaa fi dameewwan biroon guddina olaanaa galmeessitetti waliin hojjechuuf waliif mallatteessuu ishee eeraniiru. Haaluma kanaan, Daawwannaa Ministiroota Dhimma Alaa Poorchugaal, Baanglaadeesh fi Oostiriyaa fi Ergamaa addaa Chaayinaa gaanfa Afrikaatti taasisanis eeraniiru. Kunis ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota naannoo fi idil-addunyaa irratti qabdu akka gaariitti kan calaqqisiisu ta’uu ibsaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Dr. Gidiyoon Ximootiyoos daawwannaa Iswiidinii fi Noorweeyitti taasisaniin hoggantoota hojii mootummaa akkasumas hoji gaggeessitoota dhaabbatichaa waliin marii bu’a qabeessa taasisaniiru jedhan. Itiyoophiyaan hojii dippilomaasii daldalaa fi invastimantii keessattuu anniisaa haaromfamuu danda’u, teeknooloojii, turizimii fi dameewwan biroo irratti waliin hojjechuuf kan dandeessisu raawwachuu ishee ibsaniiru. Itiyoophiyaan pirezidaantummaa Mana Maree Nageenyaa fi Nageenyaa Gamtaa Afrikaa haala gaariin raawwachaa akka jirtus ibsaniiru. Itiyoophiyaan Galooo Galaana Hormuuz irratti ajandaa marii akka dhiheessite eeruun, akkasumas dhimmoota nageenya ardiilee biroo irrattis yaada ishee ibsiteetti. Hariiroon biyyoota lamaanii, biyyoota hedduu fi hojiin dippilomaasii Itiyoophiyaa dantaa biyyaalessaa ishee eegsisuun dhimmoota naannoo, ardiilee fi idil-addunyaa irratti fudhatamummaa ishee akka dabalu himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Manni maree muudama miseensota boordii Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaa raggaasise
Apr 30, 2026 570
Ebla 22/2018 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa muudama miseensota boordii Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaa sagalee caalmaan raggaasise. Muudama miseensota boordii kanaa kan ibsan mana marichaatti itti waamamaan de’eetaan ministiraa Dr. Miratuu Shaanqoo muudamtoonni qophii barnootaa fi dandeettii horataniin ergama dhaabbatichaa galmaan ga’uuf dandeettii akka qaban ibsaniiru. Dantaa biyyaalessaa hubachuuf dandeettii kan qaban yoo ta’u, dhaabbaticha gara milkaa’inaatti akka geessan kan amanaman ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan: 1. Bileen Maammoo …….walitti qabduu boordii 2. Fedilaa Biyyaaa ....... Miseensa 3. Tasfaayee Zawudee ....... Miseensa 4. Mohaammad Kaasaa ....... Miseensa 5. Afawarqi Badawwii ....... Miseensa 6. Asmaa Radii ....... Miseensa 7. Yoonaas Baqqalaa ....... Miseensa 8. Haftaay Gabraigzi’abiher....... Miseensa 9. Dr. Isaayyaas Kaasaa ....... Miseensota kanneen dhiyeessuun, Manni marichaa yaada namoota miseensa taasifamanii muudamuuf dhiyaatan ilaaluun, miseensi sagalee kan hin kennine tokko, sagalee caalmaan raggaasiseera. Muudamtoonni Mana Maree duratti dhiyaatanii waadaa galaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Paartii guddinaa fi misooma biyyaaf ni hojjeta jennu filachuuf qophoofneerra – Barattoota
Apr 30, 2026 490
Ebla 22/2018(ENA)- Paartii guddinaa fi misooma biyyaaf ni hojjeta jennu filachuuf qophoofneerra jedhan Yunivarsiitii Haroo Mayaatti barattootni kolleejii fayyaa fi saayinsii waldhaansaa. Filannoo walii galaa 7ffaatiin paartii nuuf ta’a jedhan filachuuf marsariitii galmee addaatti fayyadamuun galmaa’uusaanii ibsaniiru. Barattoota keessaa kolleejichatti barattuun wagga 3ffaa Makliit Shaawul akka jettetti marsariitii galmee addaa boordichi qopheessetti gargaaramuunpaartii naaf ta’a jettu filachuuf galmaa’uushee ibsiteetti. “Filachuuf yoon galmaa’u kun kan jalqabaati” kan jettu barattuun kun, paartii biyyaaf ni fayyada, anaanis bakka ni bu’a jedhu nan filadha jetteetti. Kolleejichatti barataan waggaa sadaffaa teknishaanii laaboraatoorii Murteessaa Diinii barattoonni carraa kana argachuun keenya carra qabeessa nu taasiseera jedheera. Barataan Faarmaasii wagga afraffaa Amiiraa Makkii gamasheetiin, paartii guddinaa fi misooma biyyaaf ni hojjeta jettu filachuuf qophaa’uushee dubbatteetti. Kolleejichatti pirezidaantiin gamtaa barattootaa fi barataan saayinsii waldhaansaa wagga shanaffaa Adinaan Abdusalaam, gabatee yeroo boordiin filannoo baasee fi marsariitii galmee addaatti fayyadamuun barattoonni filmaata jiran hundaan akka galmaa’an gochaa jirra jedheera. Yeroo ammaa barattoonni marsariitii galmee addaatti fayyadamuun galmaa’aa akka jiran dubbateera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Yaa’ii Idilee isaa 18ffaa Boru Gaggeessa
Apr 29, 2026 1857
Ebla 21/2018 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Ummatootaa 6ffaan Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa waggaa 5ffaa bara hojiisaa boru walgahii idilee 18ffaa isaa akka gaggeessu ibsame. Manni marichaa yaa’ii idilee isaa 18ffaa gaggeessuun wixinee labsii Waliigaltee Tajaajila Qilleensaa Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Rippabiliika Seeraaliyoon raggaasisuuf ba’e afur ilaaluuf, Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Rippabiliika Angoolaa, Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Rippabiliika Ummataa Baangilaadeesh, akkasumas Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Mootummaa Eswatini ilaaluun raggaasisuuf karee dhaabbiitti akka qajeelchu himameera. Gama biraatiin Manni marichaa wixinee labsii Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Rippabiliika Seeraaliyoon dhiyeessanis ni ilaala. Akkasumas, tajaajila viizaa bilisa ilaalchisuun Mootummaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Mootummaa Rippabiliika Sooshaalistii Veetnaam gidduutti waliigaltee mallattaa’e raggaasisuuf wixinee labsii Manni marichaa ilaalee koree dhaabbii dhimmi ilaallatuuf ni qajeelcha. Itiyoophiyaa fi Mootummaan Rippabiliika Soshaalistii Veetnaam namoota paaspoortii dippilomaasii ykn tajaajila viizaa bilisaa ilaalchisee, akkasumas muudama miseensota boordii Ejensii Pireesii Itiyoophiyaa ilaalee akka raggaasisu ni eegama. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Jiraattonni magaalaa Finfinnee kaardii filannoo fudhachuuf tattaffiin olaanaa agarsiisan sirna dimokiraatawaa ijaaruuf kutannoo qabaniif ragaadha
Apr 29, 2026 1453
Ebla 21/2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Finfinnee kaardii filannoo fudhachuuf quuqama olaanaa agarsiisan sirna dimokiraatawaa ijaaruuf kutannoo qabaniif ragaa ta’uu Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa ibseera. Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Finfinnee filannoo waliigalaa torbaffaa galmeen filattotaa xumuramuu ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kenneera. Walitti qabaan Mana Maree Waloo, obbo Maaruu Jaanee ibsa kana kan kennan yoo ta’u, Manni Maree Waloo kun dhimmoota siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa magaalattii irratti bulchiinsa magaalattii waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Adeemsa filannoo waliigalaa torbaffaa irratti Manni Marichaa jiraattota magaalaa Finfinneef karaa adda addaatiin kaardii filannoo akka argatan hubannoo uumuun akka hojjetamaa ture ibsaniiru. Filannoo kana ilaalchisee qaamota dhimmi ilaallatu waliin mariin bu’a qabeessa ta’e adeemsifamuus ibsaniiru. Galmeen filattotaa xumuruun jalqaba filannoo dha malee filannoon hin xumuramne waan ta’eef filannoo waliigalaa adeemsifamu irratti hirmaachuun gahee isaanii bahachuu aka qaban hawaasaaf dhaamaniiru. Filannoon kun milkaa’inaan akka xumuramu gochuuf Manni Marichaa gahee irraa eegamu akka ba’us mirkaneessaniiru. Itti aanaan Af-yaa’ii Mana Maree Waloo paartilee siyaasaa Zarihuun Kormee akka ibsanitti, Manni Marichaa filannoo haqa qabeessa, bilisaa fi nagaa akka ta’u gochuu keessatti gahee irraa eegamu ba’aa jira jedhani. Dhimmoota biyyaalessaa adda addaa irratti marii gaggeessuun hubannoo waloo uumaa akka jiru akeekaniiru. Filannoon biyyaalessaa torbaffaa milkaa’inaan akka xumuramuufis qindoomina Boordii Filannoo waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Filannoo kana keessatti hubannoo hawaasaa guddisuuf hojiin qindaa’een hojjetamaa akka jirus ibsaniiru. Dabalataanis Manni Marichaa milkaa’ina filannoo mirkaneessuu keessatti gahee isaa cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Pirezdaanti Taayyee Asqasillaaseen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kaabaa bara hojii isaanii xumuran Siim Toongi Gook gaggeessani
Apr 27, 2026 4802
Ebla 19/2018 (ENA): Pirezdaanti Taayyee Asqasillaaseen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kaabaa bara hojii isaanii xumuran Siim Toongi Gook gaggeessani. Pireezdaanti Taayyee Asqasillaaseen turtii Itiyoophiyaa keessa turanitti hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsuuf gumaacha taasisaniif Ambaasaaddar Siim Toongi Gook galateeffataniiru. Itiyoophiyaa fi Kooriyaa Kaabaa waliin tumsa dippilomaasii biyyoota lamaanii keessatti michummaan seena qabeessi akka jirus ibsaniiru. Michummaa seenaa biyyoota damee daldalaa fi invastimantii cimsuun fayyadamummaa waliinii galmaan gahuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Itti dabaluunis Itiyoophiyaan hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii cimsuuf kutannoodhaan hojjechuu akka itti fuftu mirkaneessaniiru. Pireezidaanti Taayyeen ergaa isaanii keessatti ambaasaaddarichi turtii Itiyoophiyaa keessa turan keessatti gumaacha taasisan hundaaf galata qaban ibsuun, gara fuula duraatti hawwii gaarii qaban dabarsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Ministirri muummee Dr. Abiyyi pirezidaantii Moozaambiik Daani’eel Firaansiiskoo Chappoo simatan
Apr 27, 2026 2530
Ebla 19/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi pirezidaantii Moozaambiik Daani’eel Firaansiiskoo Chappoo buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti kabajaan simataniiru. Daawwannaan pirezidaantichaa misooma waloo biyyoota lamaanii fi walitti hidhamiinsa ummattoota biyyoota lamaanii karaa hiika qabuun jijjiiruu kan danda’an hojiilee qabatamaaf dursa kan kenne ta’uusaa waajjirri ministira muummee beeksiseera. Dabalataanis daawwannaan kun Itiyoophiyaan tumsa Afriikaaf kutannoo hin jijjiiramne kan mirkaneessu ta’uun himameera.

Hawaasummaa
Bakkeewwan miidhagaa fi bashannanaa dhiheessuuf hojii hojjenne keessaa inni tokko Paarkii Araadaati - Kantiibaa Adaanech Abeebee
May 1, 2026 84
Ebla 23/2018 (ENA) – jiraattota magaalaa keenyaaf bakka mijataa, miidhagina magaalaaf akkasumas tuuristiin akka dabaluuf faayidaa guddaa kan qabu akkasumas bakkeewwan miidhagaa fi bashannanaa gahaa dhiheessuuf hojii hojjenne keessaa inni tokko Paarkii Araadaati jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee. Gaalariin seenaan keessatti mul’atu, bakkeewwan daldalaa, Suppar maarkeettii irraa kaasee baankota irraa amma dukkaanota gurgurtaa meeshaalee garagaraatti, kaaffeewwan, galmoota, Hoteelota, mana rifeensaa, jimnaaziyeemota Ispoortii, bakkeewan dorgommii Bishkileetii, tiraakii fiigichaa, Faawunteeyinii fi bakka daa’imman itti taphatan kkf bakka konkolaataan dhaabatu gahaan hundi bakka tokkotti qophaa’anii Paarkii Araadaa keessatti akka argaman ibsaniiru. Kun ammo magaalattiif bifa haaraa kan uume paarkiin araadaa miidhagaan kun jiraattota magaalaa Finfinnee hundaaf baatiiwwan itti aananitti bilisaan akka daawwatan banaa ta’uusaa dubbataniiru. Itti fufuunis dhuftanii wirtuu gabaa kanarraa akka shamattan, akkasumas wiirtuu bashannanaatti akka bashannantan, affeeramtaniittu jedhanii, Araadaa dhuftanii maal dhabdan jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti ergaa dabarsaniiru.
Bu’aaleen kalaqaa misooma itti fufiinsa qabuuf bu’uura
Apr 30, 2026 507
Ebla 22/2018 (ENA): Bu’aaleen kalaqaa misooma itti fufiinsa qabuuf bu’uura jedhan Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa obbo Kadir Juhaar. Agarsiisni teeknooloojii fi kalaqa, mata duree "Saayinsii fi Teeknooloojii; Guddina Biyyaalessaa Saffisaa fi Jijjiiramaaf" jedhuun qophaa'ee fi Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi Lammaffaa Dirree Dhawaatiin qophaa'e magaalaa Dirree Dhawaatti banameera. Agarsiisa kana kan banan kantiibaan magaalaa Dirree Dhawaa obbo Kadir Juhaar, Af-yaa'ii Mana Maree Bulchiinsa magaalichaa obbo Abdii Muktaar, Hogganaa Biiroo Barnoota magaalichaa Sulxaan Alii fi hoggantoonni biroo argamaniiru. Obbo Kadir Juhaar wayita sana akka himanitti, kalaqniwwan agarsiisa kanarratti dhiyaatan Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuudhaaf tattaaffii kallattii hedduun eegalame kan agarsiisanidha jedhani. Bu’aa saayinsii fi teeknooloojii manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa keessatti gaggeeffamaa jiru gara sadarkaa olaanaatti akka ceesisuuf bulchiinsi magaalichaa deeggarsa isaa cimsee kan hojjetu ta’uu ibsaniiru. Bu’aan kalaqaa fi teeknooloojii agarsiisa kanarratti dhiyaate rakkoo hawaasaa kan furu ta’uu ibsuun, hojii kalaqawwan gara fayyadamummaatti jijjiiruun kolleejjiiwwan teeknikaa fi ogummaa waliin walitti hidhuun kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru. Itti Gaafatamaan Biiroo Barnoota Bulchiinsa magaalichaa obbo Sulxaan Alii jijjiirama biyyaalessaa hordofuun manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Dirree Dhawaa keessatti kalaqawwan teeknooloojii fi saayinsii irratti xiyyeeffannaan addaa kennameera jedhan. Kalaqni teeknooloojii amma manneen barnootaa keessatti mul’achaa jiru bu’aa hojimaataa fi qophii, akkasumas deeggarsaafi to’annoo ta’uu ibsaniiru. Bu’aan teeknooloojii manneen barnootaa keessatti oomishaman dandeettii kalaqaa barattootaa kan agarsiisu yoo ta’u, daran guddachuu akka qabuu fi intarpiraayizoota omishaa, industiriiwwanii fi dhaabbilee tajaajila kennitootaaf dandeettii dabalataa akka ta’uu qabu ibsaniiru. Agarsiisni guyyoota sadiif turu har’a baname kun pirojektoota kalaqaa jallisii, ibsaa, tajaajila, qorichaa, baruu fi barsiisuun akkasumas dameewwan birootiin hojjetaman agarsiifameera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Leenjii ogummaa Poolisii Nagaa fi tas-gabbii naannichaa eegsisuuf nu gargaaru arganneera
Apr 30, 2026 358
Ebla 22/2018(ENA)-Miseensonni Poolisii Kolleejjii Poolisii Naannoo Beenishaangul Gumuuz irraa eebbifaman, leenjii ogummaa poolisii nagaa fi tas-gabbii naannichaa eegsisuuf isaan gargaaru fudhachuu isaanii dubbatan. Kolleejjiin Poolisii Naannichaa Miseensota Poolisii marsaa 7ffaa leenjisaa ture eebbisiiseera. Miseensota poolisii eebbifaman keessaa Itti Aanaa Saajin Habtaamuu Warquu ENA’f akka ibsanitti, yeroo kolleejjii turanitti naamusa ogummaa poolisii dabalatee, Leenjii Jabeenya Qaamaa fi ogummaa loltuu fudhachuu isaanii ibsaniiru. Itti fufuudhaan, nageenya naannichaa eegsisuun lammiileen nagaan akka socho’anii fi mirgi namoomaa isaanii akka kabajamu gochuun itti gaafatamummaa isaanii akka bahanis ibsaniiru. Itti Aantuu Saajin Burtukaan Warquu gama isaaniitiin, leenjii fudhataniin hawaasa tajaajiluuf qophii ta'uu isaanii ibsuun, nagaa naannichaa itti fufsiisuuf hawaasa waliin qindoominaan ni hojjanna jedhaniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaan fuulduratti geggeeffamu nagaan akka xumuramuuf shoorri Miseensota Poolisii guddaa waan ta'eef, ergama kennameef gahumsaan bahuuf qophii ta'uu isaaniis eeraniiru. Leenjicha hoggantoota dandeettii hoggansa poolisii fi leenjii loltuu irratti muxxannoo guddaa qabaniin fudhachuu isaanii kan dubbatan ammoo Konistaabil Daani'eel Kabbadaati.
Kenniinsi Tajaajila Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo fooyya’uun deddeebi’uurraa nu baraareera – Tajaajilamtoota
Apr 30, 2026 374
Ebla 22/2018(ENA): Tajaajilli Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo fooyya’uunsaa rakkoowwan deddeebi’uu irraa fi baasii hin barbaachisne irraa nu oolcheera jechuun tajaajilamtoonni ENA’n dubbise ibsan. Akka jiraatan Magaalichaa Shaambal Andu'aalam Garramaa ibsanitti, kanaan dura mana qopheessaa keessatti dhimma tokko raawwachiisuuf guyyoota hedduu deddeebi’uun waan gaafatuuf qisaasama yeroo guddaatu nu mudata ture jedhan. Amma garuu, tajaajillichi hoj-maata si’ataa diriirseen, dhimma ijaaramanii lafa gaafachuuf dhufan yeroo gabaabaa keessatti akka raawwataniif dubbataniiru. Hoj-maanni mana qopheessichaa si’ataa fi ammayyaa’aa kan ta’e rakkoowwan kanaan duraa waan fureef, akka itti fufuus gaafataniiru. Aadde Warqinash Dheeressaa gama isaaniitiin, tajaajilli ammayyaa mana qopheessichaatti jalqabame dhimma kaartaa baafachuu itti dhufan yeroo gabaabaa keessatti akka xumuran kan isaan dandeessise ta’uu ibsaniiru. Jiraataan Magaalichaa biroon Yaadeessaa Bultumaa gama isaaniitiin, hoj-maata duraaniitiin ragaankee badeera jechuun tajaajilamaa rakkisuun akka ture yaadatanii, amma garuu tajaajilli waan fooyya’eef dhimma isaanii yeroo gabaabaatti raawwachuusaanii ibsaniiru. Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo obbo Mul’isaa Fayyeeraa akka himanitti, tajaajila kennamu ammayyeessuun tajaajilamtoonni akka dafanii keessummeeffaman gochuuf hojiin humna namaa fi meeshaalee guutuu hojjetameera jedhani. Tajaajila Mana Qopheessaa teeknolojiin deeggaruu fi deebisanii gurmeessuun , kanaan dura dhimma tokko raawwachiisuuf deddeebi’uun yeroo dheeraa fudhatu hambisuun, tajaajilamtoonni yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii akka xumuran taasifamuu isaa ibsaniiru.
Diinagdee
Eksipoon idil addunyaa Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan Dilbata dhufu ifatti banama
May 1, 2026 111
Ebla 23/2018 (ENA)- Eksipoon idil addunyaa Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan Dilbata Ebla 25 bara 2018 Finfinneetti ifatti akka banamu ministirri Industirii Malaakuu Allabal beeksisan. Industiriiwwan rakkoolee isaan mudachaa ture sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuutiin sadarkaa sadarkaan akka furamanii fi dandeettiin oomishuu isaanii akka dabalu taasifamuu mninistirichi ibsa isaanii keessatti kaasaniiru. Eksipoon Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan mata duree “birmadummaa hunda galeessaaf Itiyoophiyaan haa oomishtu” jedhuun Ebla 25-30 bara 2018tti akka gaggeeffamu ibsanii, oomishoota Itiyoophiyaa beeksisuu fi carraalee gabaa dabalataa bal’isuun kaayyoo ijoo Eksipoo kanaati jedhan. Walitti hidhaminsa gabaa uumuu fi qulqullina oomishaa fooyyessuufis qooda guddaa ni qabaata jedhaniiru. Kalaqa jajjabeessuunis kaayyoo Eksipoo kanaa keessaa isa tokko ta’uu eeranii, cehumsa teeknooloojii fi muuxannoo wal jijjiiruu uumuunis galma isa ijoo ta’uu dubbataniiru. Walii galteewwan daldalaa 850 Eksipoo kanarratti akka taasifaman eeranii, bittaa fi gurgurtaan birrii biiliyoona shanii ol ni raawwatama jedhamee akka akka eegamu eeraniiru. Eksipoo wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti guyyoota shaniif gaggeeffamu kanarratti namoonni biyya keessaa fi biyya alaa kuma 150 caalan akka argaman ibsameera. Eksipoo Itiyoophiyaan haa oomishtuu Kanaan oomishoota beeksisuun gamatti mariileen paanaalii garagaraa, dorgommiiwwan misooma oomishaa, industiriiwwan raawwii fooyya’aa qabaniif sagantaa beekkamtii fi sagantaaleen biroon akka raawwataman ibsa Kanaan eerameera.
Godinichatti Ganna dhufu lafa heektara 884 irratti biqiltuun shaayii ni dhaabbata
Apr 30, 2026 353
Ebla 22/2018(ENA): Godina Iluu Abbaa Booraatti Ganna dhufu lafa heektara 884 irratti biqiltuu Shaayii Miiliyoona 13.8 dhaabuuf hojjetamaa akka jiru Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Addaamuu Takkalaa ENA’f akka ibsanitti, Godinichatti Hawaasni hojiiwwan qonnaa biroo cinaatti inisheetivii misooma shaayiitiin akka fayyadamu xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Haaluma Kanaan bara kana lafa hektaara 884 irratti biqiltuu shaayii misoomsuuf karoorfamee qophiin biqiltuu fi boolla qotuun bal’inaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Akka itti gaafatamaan kun himanitti, bara kanatti biqiltuu miliyoona 18.5 qopheessuun kan danda’ame yoo ta’u, kanneen keessaas miliyoona 13.5 Ganna dhufu lafa heektara 884 irratti ni dhaabbatu jedhaniiru. Hojiin misoomaa kun aanaalee godinichaa ja’aa fi gandaoota 22 keessatti raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, qonnaan bultootaa fi waldaalee imaaxaa dabalatee lammiileen 400 ol misoomicha irratti hirmaachaa akka jiran eeraniiru. Qonnaan bultoonni hojii qonnaa misooma shaayii irratti bobba’an gama isaaniitiin, hojiin misooma shaayii sadarkaa hundaatti irra caalaan humna namaatiin kan hojjetamu waan ta’eef, namoota hedduuf carraa hojii akka uumu dubbataniiru. Dabalataan, yeroo oomishaaf ga’u torban lama lamaan funaanamee warshaaf kan dhiyaatu waan ta’eef, madda galii dhaabbataa akka ta’u ibsaniiru. Qonnaan bultoonni kunneen carraa hojii warra kaaniif uumaa, gama isaaniitiin immoo fayyadamummaa isaanii guddisuuf cimanii hojjechaa akka jiranis ibsaniiru.
Naannoo Oromiyyatti ji’oota saglan darbanitti lammiilee miliyoona 2 caalaniif carraan hojii uumameera
Apr 30, 2026 292
Eebilaa 22/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaatti ji’oota saglan darban keessatti lammilee miliyoona 2 fi kuma 17 caalaniif carraan hojii adda addaa uumamuu Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa beeksise. Itti Aanaan Hooganaa biirichaa Obbo Waasihuun Golgaa ENA’tti akka himanitti; biirichi bara kana carraa hojii itti fufinsa qabu uumuu, leenjii ogummaa dorgomaa isaan taasisu kennuu fi misooma kalaqaa fi tekinoolojii irratti bal’inaan hojjeteera. Haaluma kanaan bara kana naannichatti lammiilee miliyoona 2 fi kuma 720’f carraa hojii uumuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru. Ji’oota saglan darbani hojii gama kanaan hojjetameen lammilee miliyoona 2 fi kuma 17 oliif carraa hojii uumuun danda’ameera jedhan. Kana keessaa lammileen miliyoonni 1 fi kuma 500 caalan waldaan kan gurmaa’aniif akkasumas lammilee kuma 400 oliif immoo qacarriin carraan hojii umameera jedhaiiru. Bara kana lammileef carraa hojii ogummaan durfamu uumuuf leenjiin dhawesummaa lammilee miliyoona 4 tuqaa 6 kennamuu eeranii; waliigalaan ogummaa daldalaa irratti lammilee miliyoona 2 tuqaa 6 oliif leenjiin gaggabaaban kan kenname ta’u himaniiru. Lammileef leenjiin kunneen erga kennameen booda gosa ogummaa isaan barbaadaniirratti akka gurmaa’anii hojjetan, bakkii itti hojjetanii fi liqaan akka mijatuuf taasifamuu ibsaniiru. Haaluma kanaan naannichatti bara kana ji’oota saglan darbanitti lammiilee carraan hojii uumameefis liqaan birrii biliyoona 23 ol kennamuu himaniiru. Lafti oomishaai fi gurguran heektaarri kumni 95 fi sheediwwan kumni 7 lammiilee carraan hojii uumameef dhihaachuus Obbo Waasihun ibsaniiru. Lammileen kunneen inisheetiviiwwaan adda addaa magaalaa fi baadiyyaatti mootummaan hojiirra oolchaa jiru irratti bali’anaan hirmaachaa jirachuus himaniiru. Inisheetiivoonni kunneenis misooma midhaanii, muduraa fi kuduraa, horsiisa sawwaan aannanii, furdisa loonii, misooma lukkuu foonii fi buuphaa fi kanneen biroon kan eeraman ta’uu dubbataniiru. Magaalaa keessatti immoo inisheetiviiwwaan industirii godoon lammiilee hedduuf carraan hojii bal’inaan uumamuu himaniiru. Ji’oota saglan darban naannichatti Industiriiwwan adda addaa kessattis carraan hojii hedduun lammiilee baay’eef uumamuu eeraniiru. Walitti hidhaminsi gabaas lammilee kanneeniif kan uumameef ta’uu himaniiru.
Tajaajilli geejjibaa gara idileetti akka deebi'u beeksisuu ilaallata.
Apr 29, 2026 1252
Waldhabdeen Baha Giddu Galeessaa keessatti mudate gabaa boba’aa addunyaa irratti dhiibbaa guddaa kan geessise yoo ta’u, gatiin boba’aa akka ol ka’uu fi dhiyeessiin akka addaan citu taasiseera. Kunis dhiyeessii naafxaa Itiyoophiyaa guyyaatti liitira miiliyoona 9 irraa gara liitira miiliyoona 4.5tti gadi buusuun tajaajila geejjibaa irratti dhiibbaa guddaa uumeera. Mootummaan rakkoo kana saffisaan furuuf tarkaanfiiwwan ariifachiisaa fi itti fufiinsa qaban hedduu kan fudhate yoo ta’u, kunis riifoormii taarifaa, bulchiinsa dhiyeessii cancala fooyyessuu, qindoomina loojistikii cimsuu dabalata. Kunis kallattii imaammata mootummaan tasgabbii dinagdee biyya keessaa eeguun faayidaa ummataaf dursa kennuu fi dhiibbaan alaa jiraatus tajaajilli mootummaa akka hin jeeqamne taasisuu kan calaqqisiisudha. Har’a Ebla 21, 2018 dhiyeessiin boba’aa gara idileetti deebi’uu Ministeerri Maallaqaa ifatti beeksiseera. Kunis dhiibbaa damee geejjibaa keessatti mudatu saffisaan furuuf kan dandeessisu ta’a. Kanaafuu, hooggantoonni seektaraa fi qooda fudhattoonni Finfinnee irraa kaasee hanga naannolee jiran hundi raawwii taarifa kanaa haala murtaa’een ciminaan akka hordofan, akkasumas hojiirra oolmaa isaa karaa task force walootiin akka mirkaneessu, rakkoon tajaajila geejjibaa sababa hanqina boba’aa mudateen guutummaan guutuutti har’a irraa eegalee furmaata argachuu akka danda’uuf dhaamna. Mootummaan tasgabbii jireenya hawaasaa mirkaneessuu, itti fufiinsa sochii diinagdee eeguu, tajaajila geejjibaa haala itti fufiinsa qabuun cimsuuf kutannoo qabu itti fufa. Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Saayinsii fi teeknooloojii
Teeknooloojiin sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan iftoomaa fi ittigaafatama kan buusudha-Ambaasaaddar Reedwaan Huseen
May 1, 2026 91
Ebla 23/2018 (ENA)- Teeknooloojiin sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan iftoomaa fi ittigaafatama kan buusuu fi hirmaannaa lammiilee kan guddisu ta’uu daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan. Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan hojjete teeknooloojii miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aa ifatti hojii eegalchiiseera. Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatuu Allanee, daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Innaatalam Mallasaa, daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa, daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa, hooggantoonni miidiyaalee akkasumas keessummoonni afeeraman saganticharratti hirmaachaa jiru. Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen wayita kana akka jedhanitti, sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojii kan si’achiisudha. Teekinooloojiin kun iftoomaa fi itti gaafatama kan buusu akkasumas hirmaannaa lammiilee kan guddisu ta’uu dubbataniiru. Murtee kennuufis gumaacha olaanaa akka qabu eeranii, akkasumas deebii hatattamaa kennuuf gargaaruudhaan dhaabbatichaaf humna guddaa akka uumu dubbataniiru. Kun ammoo guddina damichaaf gumaacha guddaa kan gumaachu ta’uu ibsanii, teekinooloojichi hojii akka eegalu qaamolee gumaacha taasisan galateeffataniiru.
Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hubannoo nam-tolcheen deeggarame odeeffannoo sobaa ittisuuf qooda guddaa qaba
May 1, 2026 96
Ebla 23/2018 (ENA)- Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hubannoo nam-tolcheen deeggarame odeeffannoo sobaa fi dubbii jibbiinsaa ittisuu fi qooda guddaa akka qabu daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanoot Zallaqaa ibsan. Sirni jalqabsiisa teeknooloojii sirna miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’a Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan hojjetee gaggeeffamaa jira. Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatuu Allanee, daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Innaatalam Mallasaa, daarektarri olaantuu abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa, daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa, hooggantoonni miidiyaalee akkasumas keessummoonni afeeraman saganticharratti hirmaachaa jiru. Teeknooloojiin miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojiirra akka oolu godhamuunsaa hojiilee abbaa taayitichaa fi damichaa gara boqonnaa ammayyaa isa haaraatti kan ceesisu ta’uun ibsameera. Daarektarri olaantuun abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa wayita kana akka jedhanitti, teeknooloojiin kun ergama dhaabbatichaa galmaan ga’uuf gumaacha guddaa qaba. Sirni miidiyaa reegulaatoorii fi bulchiinsaa qindaa’aan hojii hordoffii fi to’annoo miidiyaalee akka ammayyeessu ibsanii, sirna dijitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtuun kan wal simdha jedhaniiru. Hubannoo nam-tolcheen deeggaramuun tamsaasa odeeffannoo sobaa fi dubbii jibbiinsaa ittisuuf hojii hojjetamu bu’a qabeessa akka taasisu eeraniiru. Miidiyaaleen seera qabeessa ta’uusaanii mirkaneessuu fi sirna hordoffii fi to’annoo ifaa ta’e damee kanarratti gama diriirsuutiin qooda murteessaa akka bahatu dubbataniiru. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa Dr. Warquu Gaachanaa, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee kaasee hubannoon nam-tolchee hundaaf yaada jedhuun hojjechaa akka jiru eeraniiru. Hojmaata miidiyaalee ammayyeessuun qooda irraa eegamu bahachaa akka jiru ibsaniiru. Teeknooloojiin reegulaatoorii miidiyaa fi bulchiinsaa har’a ifoome gumaachi damee kanaaf gumaachu olaanaa ta’uusaa himaniiru.
Yaala Aadaa kan Ammayyaa waliin qindeessuun hojiirra akka oolu gochuuf tattaaffii taasifamuuf gaheen hayyootaa olaanaadha
Apr 30, 2026 360
Ebla 22/2018(ENA) - Yaala aadaa fi kan ammayyaa waliin qindeessuun tajaajlilaaf oolchuuf taattaaffii taassifamu keessatti gumaachi hayyootaa olaanaa ta'uu isaa itti aanaan walitti qabaa boordii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaa Piroofeesar Daani'eel Qixaawu ibsan. Konfiraansiin Idil-Addunyaa 6ffaan oomishaalee biqiltuu yaala aadaaf oolanii fi yaala fayyaa irratti xiyyeeffate Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaatti geggeeffameera. Piroofeesar Daani'eel Qixaawu wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan biqiltuu yaala aadaaf oolan hedduu qabaachuu ishee eeranii; yaala Aadaa Saayinsii yaala ammayyaa waliin qindeessuun tajaajila ummataaf oolchuun barbaachisaadha jedhaniiru. Adeemsa kana keessatti gumaachi hayyoota damee kanaa olaanaa ta'uusaa eeruun, filannoo yaalaa bu'aa qabeessa fi nageenyi isaa eegame dhiyeessuuf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuun akka irra jiru hubachiisaniiru. Yunivarsiitichi biqiltuu yaala aadaaf oolan qorannoon adda baasuurra darbee, gahumsaa fi qabiyyee isaan qaban qorannoon mirkaneessuu cimsanii itti fufuu akka qabanis hubachiisaniiru. Infeekshiinootaa fi dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuuf, biqiltuu dhimma kanaaf oolan irratti qooda fudhattoota waliin qindoominaan qorannoo gaggeessuun akka cimu ibsameera. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Saayinsii fi Teknoolojii Adaamaa Doktar Lammii Guutaa gama isaaniiin; Yaala Aadaa Ammayyeessuu fi yaala ammayyaa waliin walitti makuuf haala danda'amu irratti, Yunivarsiitichi Hayyoota fi dhaabbilee damee kanaa biyya keessaa fi Idil-Addunyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru. Kanaan wal-qabatee Yunivarsiitichi Inistiitiyuutii Faarmaasiiyutikaalaa gurmeessuun, yaala aadaa irratti qorannoo itti fufsiisuuf galma qabatee hojjechaa jiraachuusaa ibsaniiru. Qorataan olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansan Piroofeesar Milkiyaas Indaalaa akka jedhanitti, konfiraansii kana irratti qorannoon biqiltuu farra-kaansarii fi farra-sukkaaraa ta'anii tajaajilan irratti gaggeeffamee fi qabiyyeen isaanii adda bahe ni dhiyaata. Waltajjichi biqiltuun yaala aadaaf oolan qorannoon adda bahanii fi gahumsi isaanii mirkanaa'ee gara oomishaatti haala itti ce’an agarsiisuuf kaayyoo akka qabu ibsaniiru. Wal’aantonni tajaajila yaala aadaa, qorattoonni, oomishtoonni fi to'attonni qindoominaan hojjechuun akka irra jiru hubachiisaniiru.
tiyoophiyaan Sirna Eegumsa Mirga Abbummaa Kalaqaa madaallii Sadarkaa Idil-Addunyaan wal simsiisuuf Fooyya'insa Seeraa Haaraa taasisaa jirti
Apr 29, 2026 831
Ebla 21/2018(ENA): Abbaan Taayitaa Eegumsa Abbummaa kalaqa Sammuu Itiyoophiyaa, Ulaagaa madaallii Idil-Addunyaa waliin wal-simsiisuuf fooyya'insa seeraa haaraa taasisaa akka jiru beeksisera. Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Walduu Yimasil akka ENA’f ibsanitti, namoota abbummaan kalaqaa isaanii akka eegamuuf gaafatanif tajaajilli kennamaa jira. Eegumsa Abbummaa kalaqaa ammayyeessuuf, hoj-maata ammayyaa’aa fi hammattoo seeraa qopheessuun hojiirra oolchuun danda'amuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, seera waggaa dheeraa turan fooyyessuun sirna hojii yeroo ammaa waliin deemu uumuun danda'amuu ibsaniiru. Hammattoowwan seeraa fi hoj-maanni kunniin mirga Abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa eeguuf gargaaraa jiru. Sirni eegumsa mirga abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa, Dhaabbata Daldala Addunyaa dabalatee Dhaabbilee Idil-Addunyaa waliin walitti hidhata uumaa jiraachuu ibsaniiru. Eegumsa mirga abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa sadarkaa Idil-Addunyaatti fiduuf fooyya'iinsi seeraa haaraa taasifamaa akka jiru hubachiisaniiru. Fooyya'insi sirna hojii fi seeraa kun mirga Abbummaa kalaqaa sammuu mirkaneessuun gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Kana malees, dandeettii ogeessotaa guddisuun qulqullinaa fi dhaqqabamummaan tajaajilichaa akka mirkanaa'u hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Waggoota darban dameelee adda addaan mirgi Abbummaa Kalaqa sammuu kuma 3 hin caalle kennamaa ture, amma garuu waggaatti galmee kuma 9 ta'uuf kennamuu kan dandeessisu jalqabameera jedhaniiru. Itiyoo-Aliyaansi Advokeesiitti (Ethio-Alliance Advocacy), Daayrektarri abbummaa kalaqa Sammuu fi Hariiroo Idil-Addunyaa, Doktar Tigisti Dasuu gamasaaniin, fooyya'iinsi seeraa eegumsa Abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa sirna hojii ammayyeessuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Bu'a qabeessummaa eegumsa Abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tumsa dhaabbilee Idil-Addunyaa caalaatti cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru. Fuuldurattis seerota fooyyessuu fi dandeettii ogeessotaa cimsuun barbaachisaa ta'uu dubbataniiru.
Ispoortii
Finfinneen dorgommii biskileetii idil addunyaa keessummeessuufi
Apr 28, 2026 898
Ebla 20/2018 (ENA): Dorgommiin biskileetii idil-addunyaa siitii maawunteen baayik iliminaator UCI (City Mountain Bike Eliminator) jedhamu,kan biskileetii biyyoota addunyaa mara irraa dhufan hirmaachisu , Ebla 24 fi 25, 2018 Finfinneetti gaggeeffama. Gamtaa Biskileetii Idil Addunyaa (UCI)’n beekamtii kan argatee fi addunyaa irratti jaalala guddaa kan horate "City Mountain Bike Eliminator Pro League" seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf Afrikaa, Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffama. Dorgommiin kun naannoo Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kan gaggeeffamu yoo ta'u, dorgommii kana irratti namoonni biskileetii addunyaa mara irraa dhufan hedduun akka hirmaatan Waajjirri Kantiibaa beeksiseera. Dorgommiin kun kallattiin chaanaalii televijiinii adda addaa addunyaa irratti kan tamsa’u yoo ta'u, daawwattoonni miiliyoona 20 ol ni daawwatu jedhamee eegama. Finfinneetti bu’uuraaleen ispoortii babal’achuun magaalattiin dorgommii ispoortii idil-addunyaa keessummeessuuf magaalaa filatamaa akka taatu ishee taasiseera jedhe waajjirichi. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waggoota darban keessa bu’uuraalee ispoortii hedduu ijaaruun dameen ispoortii dhalootaa fi dinagdee ijaaruu keessatti gahee isaa akka ba’u taasisuu isaa odeeffannoon waajjirichaa ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Maanchistar Yunaayitid Bireentifoordi waliin taphata
Apr 27, 2026 356
Ebla 19/2018 (ENA): Tapha xumuraa torbee 34ffaa Piriimiyerliigii Ingiliiz har'a Maanchistar Yunaayitid fi Bireentifoordi gidduutti taphatama. Taphi gareewwan lamaan gidduutti taasifamu har'a galgala sa'aatii 4:00 irratti Istaadiyeemii Ooldiraafoorditti taphatama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 58’n sadarkaa 3ffaa irra jira. Morkataan isaa Bireentifordi qabxii 48’n sadarkaa 9ffaa irratti argama. Gareen lamaan liigii kanaan yeroo 10ffaaf kan wal arganiidha. Taphoota sagal darbaniin Maanchistar Yunaayitid yeroo shan yoo injifatu, Bireentifoordi ammoo yeroo sadii injifateera. Tapha hafeen qixa bahaniiru. Liigii shanan darban waliin taphatan irratti, lamaan isaanii yeroo lama injifachuun al tokko qixa ba'aniiru. Bireentifordi taphoota liigii lamaan darban Yunaayitid waliin taphateen injifateera. Tapha 33ffaa irratti Cheelsii 1 fi 0’n injifate Maanchistar Yunaayitid taphoota liigii shanan darban yoo injifate carraa Chaampiyoonsi Liigii darbuu ni qabaata. Taphoota liigii shanan darban qixa bahee kan ture Bireentifoordi gara injifannootti deebi'ee Awurooppaa keessatti bakka isaa mirkaneessuuf kan taphatu ta'a. Abbaan murtii ganna 40 Kiriis Kaavaanaag tapha kana abbaa murtii onaanaa ta’uun ni gaggeessu. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Atileet Yoomiif Qajeelchaan Maraatoonii Landan irratti 2ffaa bahuun xumureera
Apr 26, 2026 977
Ebla 18/2018 (ENA): Atileet Yoomiif Qajeelchaan Maraatoonii Landan baay’ee eegamaa tureen sadarkaa lammaffaa ba’eera. Dorgommii Maaraatoonii Landan 46ffaa irratti yeroo jalqabaaf kan hirmaate atileet Yoomiif Qajeelchaan sa’aatii 1:59.41’n sadarkaa lammaffaa ba’eera. Atileetiin lammii Keeniyaa Sabestiyaan Saw sadarkaa tokkoffaan yoo xumuru, lammiin Yugaandaa Jaaqoob Kiplimoo immoo 3ffaa bahuun xumureera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Atileet Tigisti Asaffaa Maraatoonii dubartootaa Landan injifatte
Apr 26, 2026 943
Ebla 18/2018 (ENA): Atileet Tigisti Asaffaa Maraatoonii dubartootaa Landan irratti baay’ee eegamaa ture injifatteetti. Dorgommii Olompikii Paaris meedaaliyaa meetii kan argatte Tigisti Asaffaan dorgommii dubartootaa Maraatoonii Landan 46ffaa irratti yeroo lammataaf walitti aansuun injifatte. Fiigicha kana atileet Tigisti Asaffaan sa’aatii 2:15:41’n injifattee, atileet Keeniyaa Helen Obiriin lammaffaa, atileetiin Keeniyaa kan biraa Joyseliyin Jepkosgi ammoo sadaffaan xumurteetti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera
Apr 23, 2026 467
Ebla 15/2018 (ENA): Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera jedha waajjirri qonnaa Godinichaa. Akka dursaan garee qabeenya uumamaa waajjirichaa, obbo Dassaalenyi Ballaxaa himanitti, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan dinagdeen barbaachisoo ta’an bal’inaan qophaa’aa jiru jedhani. Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota biqiltuu hundaaf xiyyeeffannaan kan kennamu ta’us, gosoota dinagdeen barbaachisoo ta’aniif xiyyeeffannoon guddaan kennameera jedhan. Biqiltoota dhaabbiif qopheeffamaa jiran keessaa kuduraalee fi muduraalee, biqiloota bosonaa fi leemmanaa fi nyaata beeyladaaf kan oolan ta’uu himaniiru. Gosti biqiltuu kun haala qilleensa naannoo sanaaf kan mijatu ta’uu fi yeroo gabaabaa keessatti bu’aa kan kennu ta’uu ibsaniiru. Muuxannoo waggoota darbanii irratti hundaa’uun bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophiin boolla biqiltuu qopheessuu eegalamee, qorannoo haala qilleensaa, kunuunsa biyyee fi bishaanii, akkasumas hirmaannaa hawaasaa guddisuuf hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Lafti heektaara kuma 107 dhaabbii bara kanaatiif qophaa’uusaa, hojiin kunuunsa biqiltuu kunuunsuu ciminaan itti fufuusaa godina kana keessatti buufanni biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa kuma 2, 194 irratti ciminaan itti fufuusaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Misoomni Ashaaraa Magariisaa Diinagdee Haala Qilleensaaf hin saaxilamne Ijaaruuf tattaaffii taasifamuuf fakkeenyadha
Apr 22, 2026 312
Ebla 14/2018 (ENA): Misoomni Ashaaraa Magariisa Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti diinagdee haala qilleensaa dandamachuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa jiruuf fakkeenya kan ta’u akka ta’e Dura taa’aan Boordii Gamtaa Warraaqsa Magariisaa Afrikaa (AGRA) Hayilamaariyaam Dassaalany ibsaniiru. Turtii ENA waliin taasisaniin, Dura taa’aan kun tarsiimoon misooma Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa tumsaa fi qindoomina misooma daangaa qaxxaamuraa fi ardiilee gidduutti bu’uura godhachuun milkaa’inaan hordofamuu isaa hubachiisaniiru. Tarsiimoon misooma ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru. Keessattuu hojiiwwan misoomaa waggoota dhiyoo asitti hojjetaman dinqisiisaa ta’uu hubachiisuun, akka biyyaatti milkaa’ina guddaa argamsiiseera jedhan. Waggoota darban keessatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa qolachuu qofaan osoo hin taane wabii nyaataaf bu’uura ta’uun agarsiifameera jedhan. Kanaaf, Afrikaa keessatti dinagdee haala qilleensaa dandamatu ijaaruuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti misoomni ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa fakkeenya ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuuwwan faayidaa dachaa qaban irrattis xiyyeeffannaan misooma qonnaa fi oomishtummaaf bu’uura ta’aa jira jedhan. Guddinni damichaa itti fufiinsa kan barbaadu ta’uus eeraniiru. Kanaaf biqiltuu dhaabuun barbaachisaa ta’ee osoo jiruu, shaakala kanneen dhaabaman eeguu fi kunuunsuu dagaaguu akka qabu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Itiyoophiyaa, akka biyya keessummeessituu COP32tti
Apr 17, 2026 912
Koree Biyyaalessaa ifatti hundeessuun qophii ishee eegalteetti. Adeemsa kana kaayyoo ifa ta’ee fi mul’ata guddaa qabatanii akka hoogganan hoggansa ijoo muudnee jirra. Kana hordofuun caasaan Pirezidaantummaa COP hojiiwwan dursa kennuuf qindoominaa fi bu’a qabeessa ta’an jalqabeera. Walgahii har'a Koree Biyyaalessaa waliin taasifneen, hojiiwwan hanga ammaatti dameewwan adda addaatiin hojjetaman gamaaggamuun, qaawwa jiru adda baasuun, carraaqqiin keenya hundi mul’ata biyyaalessaa keenyaa wajjin kan walsimu ta’uu fi dhiisuu isaa qoratameera. Gamaaggama bira darbee gara fuulduraatti kallattii waloo kaa'annee jirra. Xiyyeeffannaan keenya ifaadha; sagantaa idil-addunyaa kana tumsa cimaa, mul’ata tokkummaafi kutannoo walootiin olaantummaadhaan keessummeessuun guddummaa biyyattii agarsiisuufidha. Ministira MuummeeDr. Abiyyi Ahimad #Ena Afaan Oromoo #ENA
Naannoo Harariitti sagantaa Ashaaraa magariisaaf qophiin taasifamaa jira
Apr 15, 2026 448
Eebila 07/2018 (ENA): Sagantaa AShaaraa Magariisaa bara kanaatiif qophiin biqiltuu hedduumminaan gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Misooma Qonnaa Naannoo Hararii beeksise. Naannichatti hojiiwwan Ashaaraa magariisaa milkeessuuf hojiin qophii biqiltuu fi bakka dhaabbii biqiltuu mijeessuun gaggeeffamaa jiraachuu Biiroo Qonnaa Naannichaatti, Daarektarri Misooma itti fayyadamaa fi eegumsa qabeenya uumamaa obbo Araarsoo Adam ENA’f ibsaniiru. Biqiltuuwwan kunneenis giddu-gala biqiltuu mootummaa fi qonnaan bultootaan kan qophaa’aa jiran yoo ta’u, kanaanis dhibbeentaa 70 kan ta’an biqiltuuwwan firiin isaanii nyaatamu ta’uu isaanii ibsaniiru. Biqiltuuwwan hafan immoo mukeen biyyaalessaa, kan nyaata beeyladaa fi fayyidaa bosonaaf oolan ta’uu isaanii obbo Araarsoon ibsaniiru. Biqiltuuwwan akka Appilii, Maangoo fi Avokaadoon Faayidaa dachaa qaban, kilaastaraan kan dhaabaman ta’uu eeraniiru. Naannichatti baatii Gannaa keessa biqiltuuwwan lafa naannoo hektaara 1,000 irratti dhaabuuf karoorri qabamuun ibsameera.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2921
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10997
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.