Manni Marichi labsiiwwan sadii mirkaneesse - ENA Afaan Oromoo
Manni Marichi labsiiwwan sadii mirkaneesse
Waxabajjii 23/2018 (ENA): Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa wixineewwan labsii fooyya’iinsa bulchiinsa taaksii Federaalaa, istaatistiksii Itiyoophiyaa fi gabaa kaarbonii Itiyoophiyaa raggaasiseera.
Manni mariichaa walga’ii idilee 29ffaa har’a gaggeesseen, labsii raggaasisuun alatti wixinee karoora baajata mootummaa Federaalaa bara baajataa 2019 irratti bal’inaan mari’ateera.
Walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota pilaanii, baajataa fi faayinaansii Obbo Dassaalenyi Wadaajee, gabaasaa fi yaada murtoo wixineewwan labsii ilaalchisee mana mariitiif dhiyeessaniiru.
Walitti qabaan korichaa akka jedhanitti, labsiin kun walitti bu’iinsa kaffaltoota taaksii fi sassaabdota taaksii gidduutti ka’u hiikuuf, itti gaafatamummaa fi haqummaa mirkaneessuuf, akkasumas sirna bulchiinsa taaksii ammayyaa’aa diriirsuuf kan gargaarudha.
Labsiichi walabaa fi haala walhubatamu ta’ee akka ramadamu gochuun waldhabdee karaa filannoo biraatiin hiikuuf kan dandeessisu ta’uu isaan manni mariichaa akka raggaasisu gaafataniiru.
Gama biraatiin, wixineen labsii Istaatistiksii Itiyoophiyaa imala guddinaa, sagantaalee jijjiiramaa fi ragaa irratti hundaa’uun imaammata baasuuf kan dandeessisudha jedhaniiru.
Kunis sirna Istaatistiksii ammayyaa’aa jabaa, bu’uura seeraa qabuu fi sirna idil-addunyaa hordofe akka jiraatu kan taasisudha jedhaniiru.
Walitti qabaan koree dhaabbataa Obbo Dassaaleny Wadaajee akka ibsanitti, wixineen labsii gabaa Kaarbonii Itiyoophiyaa sagantaa ashaaraa magariisaa guddachaa jiru gara faayidaa dinagdeetti cesisuuf, akkasumas hojii investimentii magariisaa fi ce’umsa teekinoolojii saffisiisuuf kan gargaarudha.
Manni mariichaa yaada murtoo koree dhaabbataatiin dhiyaate qorachuun wixineewwan labsii sadan qoratee raggaasiseera.