Inshuraansiin Beeyladaa Naannoo Horsiisee bulaatti hojii irra oole bu'aa fidaa jira - ENA Afaan Oromoo
Inshuraansiin Beeyladaa Naannoo Horsiisee bulaatti hojii irra oole bu'aa fidaa jira
Waxabajjii 24/2018(ENA):Naannoo Oromiyaatti jireenya hawaasa horsiisee bulaa fooyyessuufi qabeenya beeyladaa balaa irraa ittisuuf inshuraansii beeyladaa hojii irra oolche bu’aa fidaa jiraachuu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa naannichaa beeksise.
Inshuraansiin beeyiladaa kun saaxilamummaa sodaa balaa hawaasa horsiisee bulaa hir’isuufi fayyadamummaa dinagdeesaa caalaatti guddisuuf gahee guddaa akka qabu ibsameera.
Itti-aanaan hogganaa biirichaa fi hogganaan damee misooma horsiisee bulaa Obbo Roobaa Turcee addatti ENA'f akka ibsanitti, naannichatti fayyadamummaa hawaasa horsiisee bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera.
Keessattuu horsiisee bulaan saaxilamummaa hongee akka hir’isuufi qabeenya beeyiladaasaa irraa caalaatti akka fayyadamu hojmaata gargaaran diriirfamuu isaanii hubachiisaniiru.
Kanneen keessaa poolisiin inshuraansii beeyiladaa tokko ta'uu eeranii; inshuraansiin kun saaxilamummaa hongee hawaasa horsiisee bulaa hir’isuufi fayyadamummaa isaa mirkaneessuuf gargaaraa dhufuu dubbataniiru.
Pirojeektiin hir’isa sodaa balaa kun naannichatti waggoottan lamaan darban hojii irra oolaa turuus eeraniiru.
Inshuraansii beeyiladaa kanaan nyaatni beeyiladaa, bishaanii fi qorichi akka bitamu kan ibsan hogganaan kun; hongeen yeroo mudatuttis beeyiladni osoo hin miidhamiin gara maallaqa callaatti kan jijjiiraman hojmaanni jedhus kan hojiirra oolu ta’uu dubbataniiru.
Fakkeenyaaf, bara baajataa kanatti miseensota inshuraansii horsiisee bulaa kuma 22 caalaniif dhiyeessii nyaata beeyiladaa fi bishaanii akkasumas fayyaa beeyiladaa eegsisuuf kaffaltiin birrii miiliyoona 413 caalu raawwatamuu ibsaniiru.
Kanaanis waggoottan lamaan darban naannoolee horsiisee bulaa hanqinni roobaa xiqqaan keessatti mudatetti rakkoon guddaan osoo hin mudatiin, dandeettii naannootti uumameen hongee dandamachuu danda'amuun agarsiistuu carraaqqii kanaa ta'uu dubbataniiru.
Inshuraansichaan cinaatti hanqina nyaata beeyiladaa mudatu furuuf, dheedumsa looniif godinaalee adda addaa keessatti lafa hektaara miiliyoona 3 caalu irraa marga nyaata loonii toonii kuma 409 fi 900 caalu oomishuun kuusuun danda’amuu ibsaniiru.
Man kuusaan Nyaata beeyiladaaf gargaaran wiirtuuleen kuusaa gurguddoon 17 caalan ijaaramanii tajaajila kennaa jiraachuu isaaniis dabalanii ibsaniiru.
Gabaa beeyiladaa horsiisee bulaa naannoo sanatti dhaqabamaa taasisuufi walitti hidhaminsa daldalaa saffisiisuuf wiirtuuleen ijaaraman 20 horsiisee bulaan kallattiin bitataa waliin wal argatee akka daldalu gochaa jiraachuu Obbo Roobaan yaadachiisaniiru.
Mootummaan naannichaa inshuraansii beeyiladaa kana caalaatti dhiyeessuun, akkaataa jireenya horsiisee bulaa ammayyeessuufi dandeettii dhiibbaalee naannoo dandamachuu ijaaruuf deeggarsa taasisu kan cimsu ta’uus hubachiisaniiru.