Tamsaasa Kallatti:

Oromiyaatti Balaa Tiraafikaa Ittisuuf Hojiiwwan Hojjetamaa Jiran Ciminaan Kan Itti fufan ta'uun Ibsame

Waxabajjii 23/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti balaa tiraafikaa hir'isuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran caalaatti ciminaan kan itti fufan ta'uu Ejensiin Geejjibaa Naannoo Oromiyaa beeksise.

Ejensiin Geejjibaa Naannoo Oromiyaa Komishinii Poolisii Oromiyaa waliin ta'uun sagantaa Torbee Nageenya Tiraafikaa mata duree “Balaa Tiraafikaa Waliin Taanee Haa Ittisnu” jedhuun qopheesse Magaalaa Roobeetti kabajameera.

Sirnicharratti Daarektarri Ol'aanaan Ejensii Geejjibaa Oromiyaa obbo Kamaal Maammee akka himanitti, naannichatti balaa tiraafikaa hir'isuuf dhimmamtoota waliin ta'uun hojiiwwan hojjetamaa jiran ciminaan itti fufu jedhan.


 

Keessattuu to'annoo nageenya tiraafikaa cimsuu fi hubannoo hawaasaa guddisuun lubbuu fi qabeenya irratti miidhaan qaqqabu hir'isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiras jedhan.

Torbeen Nageenya Tiraafikaa Magaalaa Roobeetti kabajames hubannoo hawaasaa seeraa fi dambii tiraafikaa irratti qaban guddisuuf gahee olaanaa akka qabu ibsuun, rakkoo kana waaraan furuuf hojii tajaajila lammummaa yeroo Gannaa keessatti raawwatamu keessaa hojii hubannoo nageenya tiraafikaa uumuu tokko ta'uu himaniiru.

Itti aanaan ittigaafatamaa Tajaajila Faandii Nageenya Daandii fi Inshuraansii Federaalaa Obbo Mahaammad Hasan gamasaaniin, dameen geejjibaa milkaa'ina hojii jijjiiramaa biyyattiif gahee guddaa akka qabu yaadachiisaniiru.


Rakkinicha waaraan furuuf seerotaa fi ulaagaalee konkolaattootaa fooyyessuu, sirna to'annoo tiraafikaa ammayyeessuu fi damee kana teeknooloojii ammayyaan deeggaruun hojii jalqabaman ciminaan itti fufu jedhaniiru.

Itti aanaan Bulchaa Godina Baalee Obbo Abrahaam Hayilee, kabajni Torbee Nageenya Tiraafikaa hubannoo hawaasaa guddisuu fi tumsa qaamolee dhimmicha irratti hirmaatan cimsuuf murteessaa ta'uu ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Roobee Obbo Diinoo Amiin gamasaaniin, hojii misooma Koriidarii magaalattii keessatti gaggeeffamaa jiru bareedina magaalattii dabaluun cinatti sochii tiraafikaa akka salphatu taasisee balaa tiraafikaa hir'isuuf gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhaniiru.

Saganticharratti dhaabbileen leenjii konkolaachisummaa, waldaaleen Baajaajii, jiraattonni magaalaa fi qaamoleen mootummaa akkasumas mootummaa miti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015