Tamsaasa Kallatti:

Manni  maree ministirootaa walga’iisaa idilee gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtee dabarse

Waxabajjii 19/2018 (ENA)- Manni maree ministirootaa walga’iisaa idilee 57ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murteewwan dabarseera.

1. Manni marichaa jalqaba walii galteewwan deeggarsaa fi liqii sadii waldaa misoomaa addunyaa waliin mallatteeffamanirratti mari’ate. Kan jalqabaa imaammata misooma guddinaa fulla’aa fi hunda hammataa raawwachiisuuf kan oolu walii galtee liqii SDR miiliyoona dhibba afurii fi miiliyoona soddomii torbaa fi kuma dhibba afurii (437,400,000) irratti mari’ate. Kan lammataa sagantaa qabannaa lafaa hawaasa irratti xiyyeeffatee walii galtee liqii SDR miiliyoona dhibba tokkoo fi miiliyoona afurtamii shanii fi kuma dhibba shanii (145,500,000) ti. Kan sadaffaa pirojektii oomishtummaa misooma jallisii fulla’aa jijjiirama haala qilleensaan hin miidhamne raawwachiisuuf kan oolu walii galtee liqii SDR miiliyoona 54 fi kuma dhibba jaha(54,600,000) ti. Manni marichaa wixinee labsii waliigalteewwan liqii sadanuu irratti mari’atee mana maree bakka bu’ootaaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera.

2. Itti aansuun manni marichaa wixinee dambiiwwanii dhaabbileen ministeera bishaanii fi inarjii, tajaajila galmee fi mana kitaabaa fi tajaajilli madaallii fi qormaata barnootaa tajaajiloota garagaraa kennaniif kaffaltiiwwan tajaajilaa kaffalaman murteessuuf dhihaatanirratti mari’ateera. Manni marichaas danbiiwwanirratti mari’atee galtee itti dabaluun guyyaa gaazexaa magalataarratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.


 

3. Itti aansuun Manni marichaa wixinee labsii walii galtee miseensummaa Niwu develoopimanti baankii Itiyoophiyaa dhaabuuf dhihaaterratti mari’ate. Manni marichaas dhimmicharratti mari’atee galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera.

4. Manni marichaa itti aansuun wixinee imaammataa industirii konistiraakshinii irratti mari’ateera Manni marichaas bal’inaan mari’atee galtee itti dabaluun guyyaa mana marichaaf raggaafame har’a Waxabajjii 19 bara 2019 irraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

5. Xumurarrattis wixinee imaammataa misooma magaalaarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun mana marichaan guyyaa itti raggaafame har’a Waxabajjii 19 bara 2018 irraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteessuusaa odeeffannoon waajjira ministira muummeerraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015