Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa wixinee labsii fooyya'e sagalee guutuun raggaasise - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa wixinee labsii fooyya'e sagalee guutuun raggaasise
Waxabajjii 18/2018 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 28ffaa gaggeesseen labsii bilisummaa odeeffannoo qorachuun raggaasiseera.
Walitti qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimookiraasii obbo Iwunatuu Allanaa wayita yaada murtoo kana mana marichaaf dhiyeessan, labsichi gaazexeessitoonni kaffaltii tokko malee qaamolee garaagaraarraa odeeffannoo fudhachuun faayidaa uummataaf akka oolchan gargaara jedhan.
Kanneen odeeffannoo gaafatan biroonis baasii sanadicha garagalchuuf barbaachisu qofaa uwwisuun odeeffannoo argachuu akka danda’an dubbataniiru.
Adabbiin wixinee labsii Kanaan taa’e warreen seera yakkaan hin hammatamne qofa kan ilaallatu ta’uu kaasanii, adabbiiwwan biroon bu’uura seera yakkaan kan ilaalaman ta’uu himaniiru.
Dhuma irrattis manni marichaa wixinee labsii kana labsii lakkoofsa 1427/2018 gochuun sagalee guutuun raggaasiseera.
Gama biraan manni marichaa gabaasaafi yaada murtoo Koreen Dhaabbii Dhimmoota Seeraafi Haqaa wixinee labsii Manneen Murtii Shari’aa Federaalaa ilaalchisee dhiyeesse qorachuun raggaasiseera.
Walitti qabduun korichaa Itsagannat Mangistuu, wixineen labsii fooyya’e kun sirna haqaa Itiyoophiyaa fooyyessuu keessatti faayidaa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Wixineen labsii kun dhaddacha ijibbaataa Mana Murtii Shari’aa Federaalaa hundeessuuf, akkasumas waliin gahiinsa hojii manneen murtii babal’isuuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru.
Haaluma Kanaan wixineen labsichaa labsii lakkoofsa 18/2018 ta’uun sagalee guutuun ragga’eera.
#ENA_Afaan Oromoo #ENA