Tamsaasa Kallatti:

Hariiroon uummattootaa Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Obbo Adam Faaraah

Waxabajjii 22/2018(ENA) : Hariiroon uummattootaa Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii obbo Adam Faaraah ibsani.

Obbo Adam Faaraah guyyaa har’aa Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Cheen Haayin waliin mari’ataniiru.


 

Cheen Haayin wayita sana Paartiin Kooministii Chaayinaa filannoon waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan xumuramuufi Paartiin Badhaadhinaa injifachuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarse dhiyeessaniiru.

Paartichi ergaa isaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin nageenyiifi tasgabbii waaraan, tokkummaan biyyaalessaafi badhaadhinni gama hundaa akka mirkanaa’u amantaa qabu ibseera.

Bu’aan filannichaa deeggarsa uummanni Itiyoophiyaa Paartii Badhaadhinaaf qabu kan agarsiisuufi yeroo itti aanuttis paartichi uummata Itiyoophiyaa hirmaachisuun galma Itiyoophiyaa biyya fakkeenyummaatti ceesisuuf qabame akka dhugoomsu eereera.

Paartichi waliigalteewwan Kanaan dura mallatteeffaman hojiirra akka oolaniif hojjechuu akka itti fufu akkasumas guddina biyyoota lameeniif tumsa cimaa akka uumu mirkaneesseera.

Obbo Adam Faaraah gamasaaniin, Paartiin Badhaadhinaa hariiroo uummattootaafi mootummootaa akkasumas tumsi Paartii Kooministii Chaayinaa waliin qabu cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Paartileen lameen yaadamoota mandhaleen hogganamuun furmaatawwan maddisiisuun bu’aa galmeessisuu eeruun, dhimmoota dam-daneessa irratti tumsaan hojjechuu irra darbee deeggarsa gama maraa dameewwan garaagaraarratti taasifamaa jiraniif galateeffataniiru.

Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa hedduun Itiyoophiyaa keessatti, keessumaa albuuda, tajaajila, paarkii industirii, hubannoo namtolchee (artificial intelligence) fi ijaarsa irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.

Qaamonni lamaan bu’aawwan gama hundaan argame itti fufsiisuu fi hariiroo paartilee cimsuun waliin hojjechuuf waliigalaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015