Qabxiilee ijoo Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad turtii NBC waliin mata duree ‘Mootora Haaraa Diinagdee’ jedhuun taasisaniin kaasan keessaa: - ENA Afaan Oromoo
Qabxiilee ijoo Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad turtii NBC waliin mata duree ‘Mootora Haaraa Diinagdee’ jedhuun taasisaniin kaasan keessaa:
👉 Bu'uuraalee misoomaa turizimii waliin walqabatee hojiin kaka'umsa qabu hojjetameera. Keessattuu pirojektoonni milkaa’oo naannoo Maaddii Shaggar, Maaddi Dhalootaaf; ammas kan itti fufanii fi kanneen biroos yeroo dhiyootti eebbifaman jiru.
👉 Ji'oota muraasa darban qofa keessatti buufata xiyyaaraa torba Itiyoophiyaa keessatti eebbifneerra. Kana malees daandii hedduun ijaaramaniiru. Kunis Turizimiidhaaf jajjabina guddaa ni uuma.
👉 Tuurizimiin hambaa qofa miti; hambaan waan jiruuf qofa kallattiin turizimii hawwata jechuu miti. Tuurizimiin qabeenya uumamaa qofa miti. Turizimiin yoo hin jiraanne, daldalli faayinaansii damee kana keessatti osoo hin raawwatamiin dinagdeen turizimii jiraachuu hin danda’u.
👉 Turizimii jechuun gabaabumatti namni nu daawwachuuf dhufu onnee gammachuu fi kiisa isaa duwwaa qabatee bahuu qaba jechuudha.
👉 Gama guddina sadarkaatiin hojii baay'ee qabna. Hojii baay’ee akka qabnus ni beekna; hiriyyoonni keenyas nutti himu. Itiyoophiaan hundi bareedina Itiyoophiyaa beeksisuu qaba. Biyya keenya beeksisuuf haala qindoominaan yeroo hojjennu faayidaan argannu haaluma kanaan guddata.
👉 Ummanni Itiyoophiyaa hojii hojjatu keessatti hambaan isaa ni bada jedhee sodaa qaba jedhee hin amanu. Balaa akkasii hin argu.
👉 Bara kana guddinni GDP biiliyoona 10.2 ni eeganna. Guddinni kun Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane, Afrikaa guutuu keessatti argama.
👉 Bara kana Doolaara biiliyoona 10.8 hanga 11 erguuf ni hojjenna. Kunis waggaa lama/sadii dura doolaara biliyoona sadii ture.
👉 Bara kana tuuristoonni biyya alaa miiliyoona 1.4 ol Itiyoophiyaa daawwataniiru. Lakkoofsi kun kan bara achii aanu darbee wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu kuma 300, kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu immoo kuma 100 caalmaa qaba.
👉 Haaluma walfakkaatuun lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 50.16 ta’anis kutaalee biyya isaanii gara garaa daawwataniiru. Lakkoofsi kun kan bara isa achi aanu darbe jiru waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu miiliyoona 9.4, kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu immoo miiliyoona 1.8 caalmaa qaba.
👉 Turistoota biyya keessaa irraa Birriin biiliyoona 79 ol argameera.
👉 Bara kana konfiraansiin idil addunyaa 204 gaggeeffameera. Lakkoofsi kun kan bara achi aanu darbe wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu konfiraansii 50 caala. Kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu konfiraansii 166 caalmaa qaba.
👉 Bara kana hirmaattonni kuma 166 ol Tuurizimii albuudaa (konfiraansii) qofaaf gara Itiyoophiyaa dhufaniiru.
👉 Itiyoophiyaan bara kana Birrii Tiriiliyoona 1.5 walitti qabdi. Jijjiirama kanaan dura galiin waggaatti sassaabamu birrii kuma 200/300 ture.
#ENA_Afaan Oromoo #ENA