Itiyoophiyaan guddina dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan guddina dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti
Waxabajjii 17/2018 (ENA):Itiyoophiyaan guddina bu’uuraalee misoomaa, gahumsa dhaabbilee fi ogummaa dijitaalaatiin dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti jedhan gorsituu dijitaalaa Waajjira Ministira Muummee Miiriyaam Sa’iid.
Mnistirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti yaa’iin ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’jedhu mata duree “jijjiirama irraa gara cehumsa itti fufinsa qabutti jedhu gaggeeffameera.
Waajjira Ministira Muummeetti Gorsituu Dijitaalaa Miiriyaam Sa’iid; Itiyoophiyaan sirnoota kanaan dura gargar ciccitaa turan caasaa diinagdee walitti makame keessatti karaa eenyummaa dijitaalaa, kaffaltii fi waljijjiirraa daataa walitti makuun haala dandeessistuu hubannoo namtolchee (AI) ijaaraa akka jirtu himaniiru.
Tajaajila mootummaa walitti hidhuu fi gahumsa lammiilee waliin guddisaa akka jiru ibsaniiru.
Guddinni dinagdee dandeettii oomishaa, al-ergii fi invastimantii irratti kan hundaa’e ta’uu ibsuun, kana gara guddina fooyya’aatti jijjiiruuf sirna dijitaalaa cimsuun sirrii ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan jijjiirama diinagdee bal’aa ta’een sochii diinagdee biyyattii albuudaa, qonna, magaalotaa fi bu’uuraalee misoomaa irratti haala mijeessuuf tooftaalee dijitaalaa hojiirra oolchaa jirti jedhan.
Xiyyeeffannaan bu’uuraalee misoomaa tajaajila dijitaalaa saffisiisan sirna kaffaltii dinagdee keessatti bu’a qabeessa taasisuu, galmee, daldalaa fi hojiiwwan biroof haala mijeessaa jiraachuus hubachiisaniiru.
Riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiruuf Itiyoophiyaan rakkoolee faayinaansii fi hanqina dandeettii ogummaa guddina damichaa gufachiisaa jiran furuu akka qabdu ibsaniiru.
Humna hojjetaa gahumsa qabu kan teeknooloojii fayyadamuu danda’u oomishuuf hojiiwwan qulqullina barnootaa fooyyessanis hojiirra oolchaa jirti jedhan.
Itti dabaluudhaanis, Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan lammiilee hedduu humneessuuf bal’inaan hojiirra oolaa jira jedhan.
Itiyoophiyaan hubannoo namtolchee misoomsuu fi hojiirra oolchuuf dandeettii dhaabbilee, humna namaa fi teeknooloojii irratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtus hubachiisaniiru.
Itti dabaluudhaanis, Yuunivarsiitiin Namtolchee Yuunivarsiitii sadarkaa addunyaatti adda ta’ee, sirna leenjii fi qorannoo hojii waliin walqabsiisu ta’ee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.
#ENA_Afaan_Oromoo #ENA