Tamsaasa Kallatti:

Bu'aa Sagantaa Asharaa Magariisaa qabatamaan argachaa waan jirruuf saganticharratti hirmaachaa jirra – Jiraattota Godina Jimmaa

Waxabajjii 22/2018 (ENA): Faayidaa sagantaa ashaaraa magariisaa qabatamaan argachaa waan jirruuf, saganticharratti waggaa waggaadhaan hirmaachaa jirra jechuun jiraattonni Godina Jimmaa ENA’n dubbise ibsaniiru.

Godina Jimmaa Aanaa Sokorruutti sagantaan jalqabsiisa biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa, Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti itti gaafatamaan Damee Siyaasaa Obbo Namarraa Bulii, Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu fi hoggantoonni mootummaa Godinaa fi aanaa biroon bakka argamanitti eegalameera.

Kana malees, miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Giddugaleessaa fi hojjettonni dhaabbilee mootummaa dabalatee kutaaleen hawaasaa garaagaraa hirmaachaa jiru.

Jiraattota godinichaa biqiltuu dhaaburratti hirmaatan keessaa tokko kan ta'an Barsiisaa Biyyaa Abbaadiggaa, faayidaa sagantaa ashaaraa magariisaa qabatamaan argachaa waan jirruuf saganticharratti hirmaachaa jirra jedhani.


 

Waggoottan darbatanitti biqiltuun naannoo isaaniitti dhaabaman naannicha, magariisaa taasisuu isaanii ibsuun, dhuunfaan biqiltuu dhaaban irraas fayyadamoo ta'uu jalqabuu isaanii dubbataniiru.

Hundi namaa hirmaannaa sagantaa biqiltuu dhaaburratti taasisu akka jabeessus dhaamsa dabarsaniiru.

Qonnaan bultoonni Abbaaraayyaa Sheekii fi Mahaammadsaanii Abbaadiggaa gamasaaniitiin, biqiltuun waggoottan darbatanitti dhaabaman bifa naannoo isaanii jijjiiruu irra cinatti dhiqama biyyee akka ittiseef ibsaniiru.

Biqiltuu kanaan dura dhaabamerraa faayidaa argachaa jiran hordofuun, har'as roobni utuu isaan hin daangessin biqiltuu dhaaburratti hirmaachaa akka jiran dubbataniiru.

Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Damee Siyaasaa Obbo Namarraa Bulli; biqiltuun waggoottan darbatanitti dhaabaman faayidaalee hedduu argamsiisaniiru jedhan.


 

Kunis jijjiirama qilleensaa ittisuu fi dhiqama biyyoo hanbisuu dabalatee faayidaa guddaan kan irratti argamedha jedhaniiru.

Sagantaa kanaan naannichatti omishtummaan bunaa fi dammaa guddachuu isaa ibsuun, qabeenya bishaanii keenya eeguu fi lammiileef carraa hojii uumuu dandeessiseera jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu gama isaaniitiin; naannichatti waggoottan torban darban keessatti biqiltuu dhaabaman keessaa dhibbeentaa 85 kan ta'an qabachuu isaanii dubbataniiru.

Naannichatti sagantaan ashaaraa magariisaa bu'aa qabatamaa fidaa waan jiruuf cimee akka itti fufus hubachiisaniiru.

Godina Jimmaatti Ganna kana biqiltuu miiliyoona 365 dhaabuuf karoorfachuu kan ibsan ammoo Bulchaa Ol'aanaa Godinichaa Obbo Tijjaanii Naasiridha.


 

Miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Giddugaleessaa Dalool, Ajajaa kudhanii Ashannafii Alamuu sagantaa ashaaraa magariisaarratti yeroo shanaffaatiif hirmaachaa akka jiran dubbataniiru.

Ashaaraan magariisaa faayidaalee dinagdee damee hedduu akka qabu hubachuu isaaniitiin ganamaan saganticharratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015