Raayyaan Ittisa biyyaa ammayyaawaa fi amanamaa sodaawwan humnoota faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa faallessan hanqisuu danda'u ijaarameera – Jeneraal Alamisheet Daggifee - ENA Afaan Oromoo
Raayyaan Ittisa biyyaa ammayyaawaa fi amanamaa sodaawwan humnoota faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa faallessan hanqisuu danda'u ijaarameera – Jeneraal Alamisheet Daggifee
Waxabajjii 18/2018 (ENA):– Humnoota faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa faallessan ittisuu kan danda'u raayyaan ittisa biyyaa ammayyaawaa fi amanamaan ijaarameera jedhan Gorsaan Waraanaa fi Hoogganaan dhukaasaa ajaja waliigala Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Alamisheet Daggifee hubachiisan.
Koleejjiin ittisa biyyaa Itiyoophiyaa yaa’ii waggaa mata-duree "Hudhaalee Nageenya biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi kallattii furmaataa" jedhurratti marii gaggeessaa jira.
Jeneraal Alamishat Daggifee wayita kana akka ibsanitti; Itiyoophiyaan kallattii misoomaa sirrii guddina hunda-galeessa saffisiisu irratti argamti.
Humnoota finxaaleyyii fi shororkeessitoota guddina biyyattii gufachiisuu barbaadaniin, gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa fi uummata nageenya jaallatuun fashalaa'aa jiraachuu isaa ibsaniiru.