Tamsaasa Kallatti:

Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera

Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise.

De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani.

Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru.

Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru.

Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan.

Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015