Kitaabni Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ‘’Ida’amuu’’ jedhu afaan Chaayinaatiin hiikamee dubbisaaf gahuufi - ENA Afaan Oromoo
Kitaabni Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ‘’Ida’amuu’’ jedhu afaan Chaayinaatiin hiikamee dubbisaaf gahuufi
Waxabajjii 24/2018 (ENA): Kitaabni Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad "Ida’amuu" jedhu gara afaan Chaayinaatti hiikame; yeroo dhiyootti dubbisaaf qophaa'aa jira.
Jijjiirama biyyaalessaa bara 2010 mudate hordofuun imala Itiyoophiyaa gara fuula duraatiif daandii ta'ee kan dhalate kitaabni "Ida’amuu" jedhu hiikni afaan Chaayinaatti xumuramaa jira.
"Ida’amuun" falaasama dhalattootaa muraasa ardii Afrikaa keessaa bahanii gara waltajjii addunyaatti ce'an keessaa tokko kan ta'e, amma dhaqqabummaa isaa fi falaasama dhalattoota Itiyoophiyaa Ida’amuu irraa kan ka'e ajandaa namoonni hedduun xiyyeeffannoo guddaa itti kennaa jiran ta'aa jira.
Chaayinaan hojii hiikkaa ishee xumuraa yeroo jirtutti kitaabni kun duraanuu gara Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo fi Ingiliffaatti kan hiikame yoo ta’u, yeroo dhiyoo as gara Afaan Arabaa fi Urduu Paakistaanitti hiikameera.
Amma akka odeeffannoon Paartii Badhaadhinaa irraa argame mul’isutti waltajjii afaan Chaayinaa kan biliyoonaan lakkaa’aman dubbatamutti ifatti makamuuf sadarkaa dhumaa irra jira.
#ENA_Afaan Oromoo #ENA