Tamsaasa Kallatti:

Biqiltoonni har'a dhaabnu jijjiirama qilleensaaf furmaata - Afyaa'ii Sa’aadaa Abdurahmaan

Waxabajjii 22/2018 (ENA): Biqiltoonni har’a dhaabnu kun biyya keenya qofaaf osoo hin taane addunyaa guutuuf furmaata jijjiirama qilleensaa ta’u jedhan Af-yaa’iin Mootummaa Naannoo Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurahmaan.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa naannoo Oromiyaa Godinoota adda addaatti eegalamaa jira.



Sagantaan biqiltuu dhaabuu kun magaalaa Shaggar, kutaa magaalaa Buraayyuu, aanaa annee Diimaatti, bakka Afyaa’iin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahmaan fi Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa hawaasa naannoo waliin ta’uun gaggeeffameera.

Aadde Sa’aadaan wayita sana akka himanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa jijjiirama qilleensaa ittisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphataa jira jedhani.


Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa ammayyummaa magaalaaf gaheen ashaaraa magariisaa olaanaa dha jedhan.

Waggoota darbanitti magaalichatti biqiltuun miiliyoona 71 ol dhaabamuu eeruun kantiibaan kun, lafti manca’e deebi’ee akka dandamatu kan taasisee fi namoota hedduuf carraa hojii kan uume ta’uu ibsaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaatiin magaalichatti biqiltuuwwan gosa adda addaa fi faayidaa adda addaa qaban miiliyoona 19.1 dhaabuuf qophiin taasifamuus kantiibaan kun eeraniiru.

Biqiltuun dhaabame kaayyoo yaadameef akka ooluuf hawaasni of eeggannoo addaa gochuu fi eegumsa gochuu akka qabus dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015