Ijaarsi Bu'uuraalee Misooma Tuuriizimii haala ikkooloojii naannoo fi misooma fulla’aa biyyattii giddu-galeessa godhateen raawwatamaa jira – MM Doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsi Bu'uuraalee Misooma Tuuriizimii haala ikkooloojii naannoo fi misooma fulla’aa biyyattii giddu-galeessa godhateen raawwatamaa jira – MM Doktar Abiyyi Ahimad
Waxabajjii 24/2018 (ENA): Ijaarsi bu'uuraalee misooma Tuuriizimii haala ikkooloojii nannoo fi misooma fulla’aa biyyattii tilmaama keessa galcheen hojjetamaa jiraachuu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad beeksisan.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad turtii "Tuuriizimii-Motora Dinagdee Haaraa" jedhuun NBC Itiyoophiyaa waliin taasisaniin, ijaarsi bu'uuraalee misooma tuuriizimii haala ikkooloojii, tuuriizimii fulla’aa fi misooma magariisaa kan hammateen ijaaramaa akka jiru ibsaniiru.
Hudhaalee damee tuuriizimii furuuf bu'uuraaleen misoomaa kutaalee gurguddoo afuritti qoodamuun xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan.
Kanaanis Misooma bakkeewwan hawwata tuuriizimii,Iddoowwan boqonnaa tuuristootaa, Bu'uuraalee misooma geejjibaa, fi Bu'uuraalee misooma dijiitaalaa ta'uu isaanii eeraniiru.
Ji'oota muraasa darban keessattis buufatoonni xiyyaaraa dabalataa torba eebbifamanii hojii kan eegalan yoo ta'u, warri hafanis dhiyeenyatti hojii akka eegalan dubbataniiru.
Waggoottan ja'aa fi torban darban keessatti pirojeektoonnis "Maaddii Guutuu" biyyattii irratti bu’aa guddaa uumuu danda'uu isaanii ibsaniiru.
Haala Raawwii Pirojeektotaa fi Misooma Koriidarii, yeroo ammaa kanatti pirojeektoonni "Maaddii Biyyaaf " fi "Maaddii Dhalootaaf " kanneen akka Arbaa Mincii fi Jimmaa harki caalaan isaanii kan xumuraman yoo ta'u, pirojeektoonni Arbaa Minci dhiyeenyatti ni eebbifamu jedhaniiru.
Bu’aa misooma koriidarii fi rizoortotaa ilaalchisee yeroo ibsan:"Rizoortonni fi misoomni koriidarii Arbaa Minci, Gorgoraa Haayiqi, Jimmaa fi Jigjigaa (Shabalee) keessatti ijaaraman, bifa magaalota naannichaa jijjiiruu keessatti bu’aa qabatamaa guddaa fidaa jiraachuu eeraniiru.
Mootummaan dammaqina damee tuuriizimii kana uumuuf maddooleen dhiyeessii investimentii fayyadame adda adda kan ta'an yoo ta'u, kutaalee gurguddoo sadiitti qoodamuu isaanii eeraniiru.
Waliigaltee Mootummaa fi Dhaabbata Dhuunfaa (Public-Private Partnership),Hirmaannaa Uummataa, fi deeggarsa biyyoota michootaati.
Amma irratti dammaqina damee tuuriizimii keessatti mul'achaa jiru kun bu'aa walitti-ida’ama qabeenyaa, yaadaa fi beekumsa lammiilee, sektera dhuunfaa, biyyoota michuu alaa fi dhuunfaalee ta'uu isaa addeessaniiru.