Naannoo Oromiyaatti Ganna kana biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban ni dhaabamu - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Ganna kana biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban ni dhaabamu
Waxabajjii 22/2018(ENA): Naannoo Oromiyaatti Ganna kana biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban akka dhaabaman Itti aanaan Pireezidaantii Naannichaa obbo Awwaluu Abdii ibsan.
Godinaalee naannichaa adda addaa keessatti sagantaan jalqabsiisa Ashaaraa Magariisaa baranaa kan adeemsifame yoo ta'u, Itti Aanaan Pireezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandiitti argamuun ashaaraa isaanii kaa'aniiru.
Itti aanaan Pireezidaantii obbo Awwaluu Abdii wayita sana akka dubbatanitti, hojiilee sagantaa ashaaraa magariisaa waggoota darban raawwatamaniin hojii misooma diinagdeetiif bu'uura kaa’aa jiru jedhani.
Keessattuu sagantichaan biqiltuuwwan dhaabaman kan nyaataaf oolan madda diinagdee dabalataa ta'uu eegaluu isaanii ibsaniiru.
Kana qofa osoo hin taane, sagantichi naannichaa keessatti dargaggoota baay'eedhaaf carraa hojii kan uume yoo ta'u, gabbina biyyee fi magariisummaa naannoo dabaluu isaas dubbataniiru.
Sagantichi imala gargaarsarraa gara oomishtummaatti taasifamaa jiru galmaan ga'uufis gargaaraa akka jiru eeraniiru.
Ganna kanaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin naannichatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban lafa hektaara kuma 94 irratti ni dhaabamu jedhaniiru.
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Diidhaa Guddataa gama isaaniitiin, Godinichatti sagantaan biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabuu adeemsifamaa ture faayidaa hedduu argamsiisaa jira jedhaniiru.
Waggoota darbanitti biqiltuuwwan dhaabamee kanaan miidhaginni Haroo Dandii dabalaa dhufuu isaa kaasanii, biqiltuun har'a dhaabnu kun dhaloota boruutiif faayidaa guddaa qaba jechuun ibsaniiru.
Sagantaa biqiltuu dhaabbii kana irratti jiraattonni naannichaa bal'inaan hirmaataniiru.