Taphoota waancaa addunyaa mo’anii darbuu 32 - ENA Afaan Oromoo
Taphoota waancaa addunyaa mo’anii darbuu 32
Waxabajjii 21/ 2018 (ENA): Taphoonni ramaddii waancaa addunyaa 2026 qopheessummaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksiikoon taphatamaa turan xumurameera.
Ramaddii isaaniirraa biyyoonni sadarkaa 1ffaafi 2ffaan xumuran kallattiin akkasumas biyyoonni dabalataa 8 ammoo sadarkaa 3ffaa filatamoo ta’uun taphoota mo’anii darbuu 32’tti makamaniiru.
Haaluma Kanaan taphni mo’anii darbuu tapha’a har’a galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee Kaanaadaafi Afrikaan Kibbaa taphataniin eegala.
Ramaddii 3ffaa irraa olaantummaan kan xumurte Biraazil Jaappaan waliin akkasumas ramaddii 5ffaa irraa mo’attee kan darbite Jarman Paaraaguwaay waliin ramadamaniiru.
Kana malees Neezerlaandii fi Moorookoo, Kootdiivaar fi Noorweey, Faransaay fi ISwiidiin, Meeksiikoofi Ikkuwaadoor, Ingiliz fi RD Koongoo akkasumas Beeljiyeem fi Seenegaal kan waliin taphatan ta’u.
Ameerikaa fi Boosniyaan, Ispeen fi Oostiriyaan, Poorchugaal fi Kirooshiyaan, Siwiizarlaandii fi Aljeeriyaan, Awustaraaliyaafi Ijipt, Arjentiinaafi Keeppi Verdeen akkasumas Kolombiyaafi Gaanaan waliin ramadamaniiru.