Sirni kenninsa qorumsaa dandeettii ofitti amanamummaa barattootaa cimsaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Sirni kenninsa qorumsaa dandeettii ofitti amanamummaa barattootaa cimsaa jira.
Waxabajjii 24/2018 (ENA): Qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti kennamuu erga eegalee asitti, ofitti amanamummaa barattootaa cimsaa dhufunsaa ibsameera.
Qorumsi kutaa 12ffaa dhaabbilee barnoota olʼaanoo keessatti kennamuu erga eegalee, hanna qorumsaafi waliin dhahuu ittisuuf akkasumas qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiileen riifoormii balʼaan hojjetamaa turaniiru.
Keessattuu, waggoottan muraasa darban keessatti sirna bulchiinsa qorumsaa ammayyeessuufi amanamaa gochuuf carraaqqiin eegalame, barattoonni dandeettii ofii qofa irratti akka amanamani gochuu keessatti jijjiirama guddaa galmeessisaa jira.
Karaa biraatiin, kenniinsa qorumsaa caalaatti saffisaa gochuufi fayyadama teknoolojii guddisuuf sirni qorumsaa interneetiin (online) balʼinaan hojiirra oolaa jira.
Hojmaanni dijitaalaa kun qusaannaa waraqaafi baasii loojistikii hirʼisuu bira darbee, adeemsa kenninsa buʼaa qorumsaa saffisaafi amansiisaa gochuun qaama ijoo riifoormichaa taʼee itti fufeera.
Yuunivarsiitiin Haramayaas itti-gaafatamummaa biyyaalessaa kana baʼachuuf waggaa waggaan qophii teknoolojii, loojistikiifi nageenyaa balʼaa hojjechuun dhaabbilee maqaan isaanii eeramu keessaa tokkodha.
Qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa Yuunivarsiitii Haramayaatti kennamaa jira.
Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qorumsa Biyyaalessaatti qindeessaan buufata qorumsaa Yuunivarsiitii Haramayaa obbo Mallas Darbii gamasaaniitiin, dhaabbatichi bulchiinsa qorumsaa caalaatti saffisaafi amanamaa gochuuf hojmaata teknoolojii irratti hundaaʼan balʼinaan hojiirra oolchaa jira jedhaniiru.
Barana barattoota qorumsa fudhatan keessaa dhibbeentaa 60.7 kan taʼan toora interneetiin kan qoraman yoo taʼu, warri hafan immoo qorumsa isaanii waraqaadhaan akka fudhatan qindeessichi ibsaniiru.
Sirni kenninsa qormaataa waggoottan darban irraa eegalee hojiirra oole kun, barataa ofitti amanamu uumuu, hattummaa akkasumas qisaasama qabeenyaafi humnaa hirʼisuu irratti gumaacha guddaa gumaachaa akka jirus ibsaniiru.
Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Haramayaa Dr.Jamaal Yuusuf gamasaaniitiin, yuunivarsiitichi barattoota bulchiinsa magaalaa Maayaafi Godina Harargee Bahaa irraa dhufan qorsiisaa akka jiru ibsaniiru.
Barana qorumsa marsaa ja’aan kennamu kanaan barattoonni kuma 8 fi 495 yuunivarsiitichatti kan qoraman yoo taʼu, isaan keessaa kuma 3 fi 765 karaa interneetiitiin, warri hafan kuma 4 fi 730 immoo waraqaadhaan qorumsa isaanii akka fudhatan ibsaniiru.
Qorumsa kana milkiidhaan xumuruuf yuunivarsiitichi hojiilee qophii duraa barbaachisoo taʼan xumuruu ibsuun, keessattuu sirni kenniinsa qormaataa haaraan waggaa irraa gara waggaatti ofitti amanamummaa barattootaa cimsaafi hattummaa hirʼisaa dhufuusaa dubbataniiru.
Barattoota qorumsa fudhachaa jiran keessaa barattuu Biilisee Dhugaasaafi Sumayyaa Fandishee akka dubbatanitti, kanaan dura qorumsa kanaaf qophii gahaa gochuu isaanii ibsaniiru.
Keessattuu barnoota dabalataa fudhachuun, waraqaalee gaaffii adda addaa hojjechuufi qo’annaa walitti fufiinsa qabu gochuusaaniitiin qorumsa kana ofitti amanamummaatiin fudhachaa akka jiran kaasaniiru.
Qorumsa kanaanis buʼaa gaarii akka eegan kan ibsan barattoonni kun, simannaa gaarii Yuunivarsiiticha keessatti isaaniif taasifamaa jiruun haala gaariidhaan qorumsa isaanii fudhachaa akka jiran dubbataniiru.