Tamsaasa Kallatti:

Ajandaaleen Komishiniin Marii Biyyaalessaa adda baase rakkoolee mariin furuun nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf ni gargaaru – Hayyoota

Waxabajjii 24/2018 (ENA): Ajandaaleen Komishiniin Marii Biyyaalessaa adda baase rakkoolee mariidhaan furuun nageenyaa fi misooma waaraa dhugoomsuuf ni dandeessisu jedhan hayyoonni Yunivarsiitii Jimmaa.

Ajandaalee yaa’ii Marii Biyyaalessaa Adoolessa 8 bara 2018 gaggeefamuuf dhiyaatan keessaa ijaarsa biyyaa, caasaa fi gurmaa’insa mootummaa, akkasumas sirna siyaasaa, bakka bu'insa siyaasaa fi sirni filannoo kanneen eeramaniidha.

Dabalataanis, dhimmoota magaalota Federaalaa, dhimmoota amantii, haaloowwan seenaa fi dhimmoota araaraa, ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa seeraa fi mirga namoomaa, dhimmoota hawaasummaa fi dinagdee akkasumas dhimmoota qonnaan bulaa fi horsiisee bultootaa, malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii fi ijaarsi nageenyaa dhimmoota ijoo kan irratti marii’atamudha.

Dhimmoota kanneen irratti hayyoota ENA’n dubbise keessaa ijaarsa biyyaatiif haala qaroomeen siyaasaa bilchaataa ta'een mari'achuun dhimma bu'uuraa ta'uu ibsaniiru.

Koomishiniin Marii Biyaalessaa Itiyoophiyaas hojiin inni jalqabe kana galmaan ga’uuf gaheen isaa olanaadha jedhan hayyoonni Yunivarsiitii Jimmaa.

Mariin olantumaa yaadaatiin imaammata filannoo biyyaaf tolu kan itti qophaa'u waan ta'eef, hojiirra oolmaa isaatiifis hirmaannaa ho’aa lammiilee kan gaafatu ta'uu dubbataniiru.

Yaada isaanii kanneen kennan keessaa barsiisaan muummee barnoota bulchiinsa uummataa Yuunivarsiitichaa Dr. Fiqaaduu Toleeraa akka ibsanitti, mariin nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf gargaara jedhani.

Haala kanaan Komishiniin Marii Biyyaalessaa uummata sadarkaa sadarkaan hirmaachisuun ajandaaleen inni adda baase, rakkoolee turan mariidhaan furuuf kan dandeessisan ta'uu dubbataniiru.

Kanaanis hirmaannaan dammaqaa uummatni fi dhaabbileen siiviilii qaban, akkasumas paartileen siyaasaa dhimma biyyaa irratti waliin hojjechuunsaanii kan jajjabeeffamu ta'uu dubbataniiru.

Yuunivarsiitii Jimmaatti Muummee barnoota Fookloorii Gargaaraan Pirofeesaraa Kaamiil Mahaammad gama isaaniitiin, duudhaalee marii mandhaalee gara aadaa siyaasaatti fiduun akka barbaachisu ibsaniiru.

Adeemsi rakkoolee mariidhaan furuu hojii irra ooluun isaa nagaa fi misooma waaraa galmaan gahuuf akka dandeessisu eeraniiru.

Hojiin Koomishinii Marii biyyaalessaa Itiyoophiyaas garaagarummaa yaadaa gara teessootti fiduun fageenyi inni deeme kan jajjabeeffamu fi aadaa siyaasaa haaraa lafa qabsiisuuf carraa seenaa ta'uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015