Tamsaasa Kallatti:

Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jira

Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad egzibiishinii bu’aalee riifoormii fooyyessa siviil sarviisii agarsiisu kan mata duree ‘dijitaalli ga’oomaaf’ jedhuun golambaa Saayinsiitti qophaa’e eebbisanii bananiiru.

Egzibiishinii har’arraa eegalee guyyoota walitti fufan afuriif tururratti konkolaattota federaalaa socho’uun tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob gaazii fi elektiriikiin hojjetan eebbisanii hojii eegalchiisaniiru.

Kana malees dhaabbilee kudha lama tajaajila isaanii wajjin waltajjii tokkorratti kan walitti fidu appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa ifatti eebbisanii hojii eegalchiisaniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kanatti ergaa dabarsaniin, mootummaan Itiyoophiyaa tajaajiloota dhaabbilee ammayyeessuuf hojii guddaa hojjechuusaa eeraniiru.

Hojiileen riifoormii milkaa’oon tajaajiloota mootummaa ammayyeessuuf taasifaman Itiyoophiyaaf madda boonsaa ta’uudhaan invastimantii teeknooloojiin gaggeeffamuu fi kaayyoo irratti xiyyeeffate akka argamsiisan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.


Dhaabbata mootummaa isa ijoo kan ta’e siviil sarviisiin jijjiiramee fi ammayyoomee arguun gammachuu namatti hora kan jedhan ministirri muummee, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoobis bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoodha jedhan.

Hundaa ol milkaa’inni kun hawwii egeree Itiyoophiyaa ይqofa osoo hin taane, haqa harkaa fi dandeettii keenyaan kan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu raga guddaa ta’uu ibsaniiru.

Teeknooloojiin qonna Itiyoophiyaa, industirii, albuuda, turizimi fi tajaajilaa fi oomishtummaa industirii baankii ammayyeessuudhaan qooda olaanaa bahachaa akka jiru dubbataniiru.

Milkaa’ina Itiyoophiyaa caalaatti cimsuun, muuxannoo obboloota keenya Afriikaatiif qooduun, akkasumas kana irra caalaatti bu’aa guddaa galmeessisuuf kutannoon gara fuulduraatti deemuun akka barbaachisu dhaamaniiru.

Fooyya’iinsi tajaajila dhaabbilee mootummaa wiirtuu tokkoo Masoob irraa gara socho’aatti, itti fufuunis gara aplikeeshinii mobaayilaatti ce’umsa si’ataa taasise saffisa dinqisiisaan kan deeggarame ta’uu ibsaniiru.

Sadarkaa Afriikaatti akka Masoob tajaajilli hundis sirna qindaa’aan kan itti kennamu akka hin jirre kan dubbatan Ministirri muummee, Itiyoophiyaanis waggaa tokko keessatti tokko jedhanii kan eegalani tajaajilli Masoob amma 70 irra gahuu isaa dubbataniiru.

Itiyoophiyaan biyyoota muuxannoo irraa fudhatte waggoota kudhan keessatti torbaatama akka hin geenye eeruun, dhaqqabamummaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Itiyoophiyaas saffisa dinqisiisaan babal’achaa jiraachuu isaa dubbataniiru.


 

Aplikeeshiniin tajaajila dijitaalaa qindaa’aan kun Afriikaatti gama hundaan aplikeeshinii tajaajila qindaa’aa isa jalqabaati, jedhaniiru.

Masoob wiirtuu tokkoon tajaajila argachuun dinqisiisaa ta’ee utuu jiruu, lammiileen bilbila harka isaaniitiin dhimma isaanii bakka jiranitti fi yeroo kamittuu tajaajilamuu kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Yuunivarsiitiin Artiifishaal Intalajansii dhimmoota baay’eedhaan Itiyoophiyaa Afriikaatti fakkeenya kan ishee taasisu ta’uun isaa eeranii, badhaadhina mirkaneessuuf caalaatti tajjajila, hojii fi carraaqqii guddaa akka gaafatus eeraniiru.

Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni kan itti boonaan akka ta’an, ijoollee isheetiif biyya hiyyummaa hin dhaalchisne ijaaruun akka barbaachisu eeraniiru.

Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afriikaa taasisuuf mul’anni jiru gama hundaan milkaa’aa jiraachuu isaas ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015