Tamsaasa Kallatti:

Miidiyaaleen Walqixxummaa Koorniyaa fi Murteessummaa Dubartootaarratti Xiyyeeffannoon hojjechuutu irra jira

Waxabajjii 23/2018 (ENA): Miidiyaaleen walqixxummaa koorniyaa fi dandeettii murteessummaa dubartootaa irratti xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjechuutu irra jira jedhan Daarektarri olaantuun Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa, Haayimaanot Zallaqaa.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa 'International Media Support (IMS)' waliin ta'uudhaan, mata duree koorniyaa fi dandeettii dubartoota gaazexeessitootaa cimsuu jedhu irratti marii paanaalii gaggeessaa jira.


Waltajjicharratti gaazexeessitoonni dubartootaa dhaabbilee miidiyaa adda addaa irraa dhufanii fi qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu irratti hirmaachaa jiru.

Daarektarri olaantuun Abbaa Taayitichaa Haayimaanot marii kana irratti akka ibsanitti, miidiyaaleen sochiiwwan walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuuf taasifaman keessatti xiyyeeffannoo kennanii hojjechuu qabu jedhani.

Labsii Miidiyaa lakkoofsa 1238/2013 bu'uureffachuudhaan, ergaawwan kabaja dubartootaa gadi buusanii fi miidhaa jajjabeessan tamsaasuun guutummaatti dhowwamaa ta'uu isaas yaadachiisaniiru.


 

Imaammata Iditoriyaalii Waliin Walsimsiisuu, Dhimmoota koorniyaatiif yeroo qilleensaa gahaa ramaduu, jechamoota fi ibsa sirrii hin taane maqsuu fi haqaa fi walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuu keessatti miidiyaaleen imaammata Idiitoriyaalii isaanii waliin walsimsiisanii hojiirra oolchuu qabu jedhaniiru.

Itiyoophiyaan Waliigalteewwan Idil-addunyaa fi ardii keessatti mirga, bakka bu'ummaa, fi hirmaannaa dubartootaa cimsuuf waliigalteewwan adda addaa fudhattee hojiirra oolchaa akka jirtu kaasaniiru.


Yeroo ammaa dhaabbilee miidiyaa keessatti sadarkaa hoggansaa, murteekennuurrattii fi qabiyyee qopheessuu keessatti hirmaannaan dubartootaa fooyya'iinsa argisiisaa kan jiru ta'uus, caalaatti cimuun akka irra jiru ibsaniiru.

Miidiyaaleen imaammata miidiyaa koorniyaaf deebii kennu (Gender-responsive media policies) cimsuu qabu jedhani.

Qajeelfama nageenya naannoo hojii dubartootaa mirkaneessu diriirsuun akka barbaachisu ibsaniiru.


Fuuldurattis, hirmaannaa fi hoggansa dubartootaa cimsuu, qabiyyee fi tamsaasa keessatti madaallii koorniyaa eeguu, qabiyyee xiinxala koorniyaatiin hordofuu, jechoota loogii qabu maqsuu, akkasumas hojmaata ijaarsa dandeettii fi leenjii walitti fufiinsa qabu uumuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.

Miidiyaaleen sirna Idiitoriyaalii koorniyaa irratti cime diriirsuun, seeraa fi naamusni ogummaa kabajamee qophiiwwan dhiyaatan irratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015