Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa ta’e kaa’aa jirti

Waxabajjii 16/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa ta’e kaa’aa akka jirtu waajjira ministira muummeetti gorsituun dijitaalaa Miiriyaam Se’iid ibsan.

Yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwatti” jedhu mata duree jijjiiramarraa gara cehumsa fulla’aatti” jedhu bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira.

Waajjira ministiira muummeetti gorsituun dijitaalaa Miiriiyaam Se’iid Itiyoophiyaan Kanaan dura hojmaattota bittinnaa’aa turan eenyummaa dijitaalaatiin, kaffaltii fi waljijjiirraa daataatiin caasaalee dinagdee qindaa’aa keessatti galchuun hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa kaa’aa akka jirtu dubbataniiru.

Biyyattiin tajaajila mootummaa walitti fiduun akkasumas dandeettii man-dhalee waloomaan guddisuu irratti akka argamtu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan riifoormii dijitaalaa kana  gara oomishtummaatti jijjiiraa akka jirtu gorsituun kun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015