Tamsaasa Kallatti:

Aadaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Itiyoophiyaa keessatti gara boqonnaa haaraatti ce'aa jira – Obbo Mallas Alamuu

Waxabajjii 18/2018 (ENA)– Itiyoophiyaa keessatti dirree siyaasaa bal'isuudhaan ijaarsi sirna diimokiraasii gara boqonnaa haaraatti ce'aa jiraachuu isaa, Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaatti Hogganaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Obbo Mallas Alamuu ibsan.

Filannoon waliigalaa Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffame, paartileen siyaasaa dorgomtoota ta'an 42 fi lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman adeemsa sagalee kennuu keessatti kan hirmaatan filannoo seena-qabeessa ta'ee xumurameera.

Gamtaan Afriikaa, IGAD, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa fi dhaabbileen hawaasa siivilii hedduun adeemsi filanichaa bilisa, haqa-qabeessaa fi loogirraa bilisa ta'uu isaa ragaa ba'uun mirkaneessaniiru.

Guyyaa filannoo sanas lammiileen ganama sa'aatii 10:00 irraa eegalee hanga halkan walakkaatti hiriiruun, ijaarsa sirna dimokiraasiitiif kutannoo qaban gochaan agarsiisaniiru.

Obbo Mallas Alamuu ENA'f akka ibsanitti; filannoon waliigalaa 7ffaan filannoo paartilee fi imaammataa qofa osoo hin taane, filannoo sirnaati.

Dhaabbileen dimokiraasii fi ummatni Itiyoophiyaa abbaa aangoo ta'uun bilisummaa fi loogirraa bilisa ta'uu isaanii filannoo gochaan mirkaneessan ta'uusaa ibsaniiru.

Itiyoophiyaanonni fedhii diimokiraasii dhugaa qaban firaafis diinaafis kan itti agarsiisan ta'uu eeranii; filannoo duraatii hanga filannoo boodaatti qindoominni agarsiifame kan dinqisiifatamuu dha jedhaniiru.

Filannichi dorgommii paartilee siyaasaa irra darbee, kabaja biyyaalessaa fi bilisummaan kan itti mul’ate waan ta'eef “ Itiyoophiyaan mo'atteetti" jedhaniiru.

Barii jijiiramichaarraa eegalee riifoormiin siyaasaa bal'aan taasifame cunqursaa fi baqattummaa paartilee hambisuun, dirree dorgommii siyaasaa fayyaalessa ta'e akka uumamu taasisuu isaa ibsaniiru.

Fooyya'iinsi seeraa fi imaammata filannoo waliigalaa 6ffaa fi 7ffaa keessatti hirmaannaa paartilee guddisuudhaan, ijaarsi aadaa diimokiraasii haaraa akka dhalatu gochuu isaa ibsaniiru.

Kunis paartileen siyaasaa maddi aangoo sagalee ummata irraa kennamu ta'uu hubachuudhaan, ijaarsa aadaa dimokiraasii keessatti gahee ijaarsaa irraa eegamu akka ba'atan carraa uumuusaa ibsaniiru.

Filannoo waliigalaa 7ffaa keessatillee paartileen siyaasaa dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun, ijaarsa aadaa dimokiraasiitiif qaamolee ashaaraa isaanii kaa’an galatteeffataniiru.

Mootummaan jijjiiramaa dhimmoota faayidaa biyyaalessaa irratti dorgommii irra hojii gamtaatti xiyyeeffate diriirsuun , filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti paartileen dorgomtoota ta'an faayidaa biyyaalessaa irratti ejjennoo tokko akka qabaatan godheera jedhan.

Kunis bu'aa dimokiraasii guddaa ta'uu isaa kaasuun; garaagarummaan akkuma eegametti ta'ee, paartilee gidduutti amanamummaa uumuun qaamolee Itiyoophiyaaan akka dadhabdu barbaadanii fi diinota seenaa akka qaaneffatan taasiseera jedhaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015