Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan jalqabsiisa Ashaaraa Magariisaa Godinaalee Naannoo Oromiyaa Adda Addaa keessatti adeemsifamaa jira

Waxabajjii 22/2018 (ENA): Godinaalee naannoo Oromiyaa adda addaa keessatti sagantaan jalqabsiisa ashaaraa magariisaa kan bara kanaa adeemsifamaa jira.


Sagantaan biqiltuu dhaabbii kun kan adeemsifamaa jiru Godinaalee Arsii Lixaa, Harargee Lixaa, Shawaa Lixaa, Wallagga Bahaa fi Jimma akkasumas bulchiinsa magaalaa Shaggar keessattidha.

Sagantaa biqiltuu dhaabbii kana irratti hoggantoonni olaanoo mootummaa naannichaa fi jiraattonni naannoo irratti hirmaachaa jiru.

Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa kan baranaatiif biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamaa turuun isaa ni yaadatama.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015