Angafoota Oduu
Naannichatti hojiilee misoomaa ittifufsiisuuf hanqinoota gibira walitti qabuurratti mul’atan furuu barbaachisa-Bulchaa Ordiin Badrii
Jul 8, 2025 4
Adoolessa 01/2017(TOI)-Naannoo Harariitti hojiilee misoomaa ittifufsiisuuf hanqinoota gibira walitti qabuurratti mul’atan furuu akka barbaachisu Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii beeksisan. Waltajjiin sosochii Gibira bara 2018 sadarkaa naannootti magaalaa Hararitti gaggeeffameera. Waltajjii sosochii kanarratti kan argaman obbo Ordiin Badrii ergaa dabarsaniin, misooma fulla’aa fi nageenya naannichatti ittifufsiisuuf kafalaan gibiraa hundi dirqamasaa bahuu qaba jedhaniiru. Keessumaa bajata barana naannichaaf ramadamu keessaa harki 63 galii keessoorraa akka walitti qabamu ibsaniiru. Kanaaf kaffalaan gibiraa gibira irraa eegamu kaffaluun dirqama lammummaa bahuu akka abu eeranii rakkoolee taaksii waliin dhahuu fi gibira sirnaan kaffaluu dhabuun walqabatee mul’atan seeraan akka gaafataman himaniiru. Hojmaata badaa kaffaltii gibiraarratti mul’atan furuunis cimee akka ittifufu cimsanii kaasaniiru. Bara darbe naannichatti dameelee garagaraarraa galiin birriin biiliyoona 3 tuqaa 1 caalu walitti qabamuu kan ibsan ammoo hoogganaa biiroo galii naannichaa Yaasin Abdullaahiiti. Bara bajataa baranaas hojmaata qindaa’aa cimsuu fi waliigaltee waloo uumuun galii birrii biiliyoona 4 tuqaa 6 caalu walitti qabuuf karoorfamuu dubbataniiru. Akkasumas kaffaltoonni gibiraa seera qabeessa hintaane seera qabeessa gochuu, daldala seeraan alaa ittisuu, waliin dhahuu taaksii furuu fi labsiiwwanii fi dambiiwwan qajeelfama gibiraa hojiirra oolchuun xiyyeeffannoon nihojjetama jedhaniiru. Waltajjiin sosochii kun kaffaltoota gibiraa amanamoo jajjabeessuu fi kanneen yeroon gibira hinkaffalle karaa qabsiisuuf yaadamee qophaa’uusaa ibsanii, hojii galii walitti qabuuf hojjetamu keessatti hundi qoodasaa akka bahu gaafataniiru. Hawaasni daldalaa naannichatti argaman, hooggantoonni olaanoo naannichaa fi keessummoonni waamaman kan argaman yoo ta’u kaffaltoota gibiraa naannichaa amanamummaan gibira kaffalan sartafikeettiin beekamtii fi Waancaan Kennameera.
Kan mul'ate

Mariiwwan gamlamee ministirri muummee Dr. Abiyyi ahimad taasisan fedhii fi ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota tarsiimawaarratti qabdu biyyoota kan hubachiisedha-Ministira Dr. Geediyoon Ximootiwoos
Jul 7, 2025 73
Waxabajjii 30 /2017(TOI)- Mariiwwan gamlamee ministirri muummee Dr. Abiyyi ahimad yaa’ii hooggantoota BRICS cinaatti taasisan taasisan fedhii fi ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota tarsiimawaarratti qabdu biyyoota kan hubachiise ta’uu Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoosibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi jillisaanii yaa’ii hooggantoota BRICS Biraazil Riyoo De Jeneerootti taa’amaa jirurratti hirmaataniiru. Ministirri dhimma alaa Dr. Gaadiyoon Ximootiwoos yaa’ii kana ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniin, mariileen yaaa’icha cinaatti hooggantoota biyyootaa waliin taasifaman tumsa gamlamee cimsuu fi yaada walii qooduuf carraa gaariidha jedhaniiru. Fedhii fi ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota tarsiimawoorratti qabdu biyyoonni akka hubatanii fi akka deeggaran mariisisuuf carraa gaarii uumuusaa ibsaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Biraazil Ignaasiiyoo Lulaa Da Siilvaa waliin marii taasisaniin marii gamlamee keessumaa haala tumsa dinagdee cimsuun danda’amurratti yaada walii qooduusaanii himaniiru. Mariin kun pirezidaantiin Biraazil kallattii fi imaammata Itiyoophiyaa sirriitti akka hubatan gochuuf carraa gaarii uumuusaa ibsaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira dhimma alaa Chaayinaa Lii Kiiyaang waliin hariiroo cimaan biyyoota lamaanii caalaatti cimsuun haala danda’amurratti mari’achuusaanii eeraniiru. Tumsa dinagdee fi invastimantii cimsuun dhimma marii Kanaan ciminaan kaafamedha. Gumaacha gaarii Chaayinaan dinagdee Itiyoophiyaarrattio qabdu haala cimsuu dandeessurratti hammattoo paaris kilab keessatti Chaayinaan Faransaayi waliin ta’uun idea itiyoophiyaan deebifyu dheeressuurratti shoora baate cimsitee itti fufuu haala dandeessurratti mari’achuusaanii kaasaniiru. Itiyoophiyaan dhiheenya biyyoota akka Itiyoophiyaaf Shaqaxaa fi alergii qaraxarraa walabaa karaa ittiin galchuu danda’an mijeessuushee fi carraa kennite ilaaalchisuun yaada walii qooduun akka danda’ames ministirichi kaasaniiru. Maricharratti Ministirri dhimma alaa Chaayinaa Lii Kiyaang oomishni bunaa Itiyoophiyaa baay’inaan Chaayinaa galaa akka jiru eeranii, hariiroo daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaanii cimsuun akka barbaachisu himaniiru. Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Siriil Ramafoosaa waliin marii gamlamee gaggeessaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ijaarsi hidha haaromsaa xumuramuusaa pirezidaantichaaf himaniiru kan jedhan ministirri dhimma alaa hidhichaa fi dhimmoota walqabatanirratti mari’achuusaanii himaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota miseensa BRICS irraa muuxannoo, teeknooloojii fi invastimantii argachuu barbaaddi kan jedhan ministirri muummee, biyyittiin hammattoo tumsaatiin dameeleen gumaacha itti taasiftu akka jiru ibsaniiru. Mariin taasifaman xiyyeeffannoo ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad tumsa biyyoota waliin qabaniif kennan akka agarsiisu eeranii, BIRICS hammattoo fi gurmuu ijoo tumsa waloo cimsuu dandeessisu ta’uu dubbataniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bara Baajatichaatti Karoora Qabate Milkeessuuf Hirmaannaan Taassise Bu’aa Qabeessadha-Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo
Jul 7, 2025 113
Waxabajjii 30/2017(TOI)-Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bara Baajataa 2017tti Karoora Qabate Milkeessuuf hirmaannaan taassisee bu’aa qabeessa akka ta’e Af-yayaa’ii Taaggasaa Caafoo ibsan. Manni Marichaa Walga’ii addaa 3ffaa gaggeesseen gabaasa raawwii hojii bara baajatichaa dhihaatee irratti mariin gaggeeffameera. Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo wayita kanatti, manni maricha labsiiwwan baasu sirnaan hojiirra akka oolaniif mirkaneeffamuun dura Qorannoon barbaachisaan akka taassifamu kaasaniiru. Seeronni erga Mirkanaa’anii boodas sirnaan hojiirra ooluu isaa odiitii gochuun jalqabamuus beeksisaniiru. Manni Marichaa hojii to’annoo fi hordoffii haala kallattii taa’een gaggeeffamuu fi hojmaata itti gaafatamummaa hojiirra oolaa jiraachuu dubbataniiru. Manni Marichaa bara Baajatichaatti hojiiwwan karoorran qabatan milkeessuuf hirmaannaa taassisan bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru. Itti fufuunis Manni Marichaa bara hojii waggaa 5ffaa ciminoota turan ittifufsiisuun hanqinoota turan guutuun hojii fooyyee qabu raawwachuuf miseensonni hundi qooda isaanii bahu akka qaban kaasaniiru. Gabaasicha kan dhiheessan Itti Aantuun Af- yaa’ii Mana Maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo akka ibsanitti, Manni marichaa hojiiwwan karoorfame gahumsan raawwachuuf qindoominaan hojjechaa turuu ibsaniiru. Keessumaa manani marichaa ergamoota gurguddoo afur seeraan kennameef galmaan ga’uuf hojiiwwan hojjete bu’aa qabeessadha jedhaniiru. Seeronni osoo hin Raggaassifamiin Dura Ogeeyyiin Kutaa Seeraa Mana Marichaa Sadarkaa Sadarkaan Jiranii fi miseensonni koree dhaabbii qorannoo bal’aa akka Gaggeessan Ibsaniiru. Kanarra darbees waltajjii hubannaa fi Marii Hawaasaa Mijeessuun Iftoomina Seerotaa Keessatti akka Uumamu ta’eera jedhaniiru. Bara Baajatichaatti Manni Marichaa walga’ii Idilee 43ffaa fi walga’ii addaan Labsiiwwan adda addaa 50 ol qorachuun raggaassisuu ibsaniiru. Hojii Dippiloomaasii Paarlaamaan Jiloota Paarlaamaa biyyoota adda addaa waliin Hariiroo Dippiloomaasii faayidaa biyyoolessaa cimsan hojjetamaniiru jedhaniiru. Gabaasichaan Manni Marichaa koreewwan dhaabbii 13n karoora qaama raawwachiiftuu deeggaruu fi hordofuu ibsaniiru. Miseensonni mana marichaa hojiiwwan bakka bu’ummaa Filannoo Naannoo waggaatti yeroo lama gaggeessan sirnaan gaggeeffamaa jiraachuu fi gaaffii hawaasni kaasu sadarkaa sadarkaan deebii argachuu isaanii kaasaniiru.
Bulchiinsi gandaa bifa haaraan caaseffamee hojiitti gale tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka arganu taasiseera
Jul 6, 2025 217
Waxabajjii 29/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaatti bulchiinsi gandaa bifa haaraan caaseffamee hojiitti gale bu’aa ba’ii hambisuun tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatan taasisuu jiraattonni godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ibsan. Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi hooggantoonni olaanoo Naannichaa daawwannaa guyyaa shanaffaatiin hojiiwwan misoomaa garagaraa godina Baaleetti hojjetamaa jiran daawwachaa jiru. Daawwannaa kanaa sochii hojii caasaa gurmaa’insa gandaa dhiheenya naannichatti caaseffame ilaalaniiru. Jiraattonni aanaa Dalloo Mannaa TOI’n wayita kana dubbise bulchiinsi gandaa bu’aa bayii hambisuun tajaajila mootummaa si’ataa dhiheenyatti akka argatan taasiseera. Hajjii Kaliif Abdullaahii fi Aliyyii Toree akka jedhanitti, caasaan gandaa naannawasaaniitti gurmaa’e qe’eesaaniirraa osoo hinfagaanne tajaajiloota mootummaa garagaraa dhiheenyatti akka argata taasisuusaa dubbataniiru. Tajaajilli kun akka fulla’u qoodasaanii akka bahan mirkaneessaniiru. Hawaasni tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatu akkasumas rakkooleen bulchiinsa gaarii hatattamaan akka furamu yaaduun Mootummaan naannoo Oromiyaa caasaa kana gurmeessuunsaa nibeekama. Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira dame naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa akkasumas hooggantoonni olaanoo naannichaa daawwannaa godina Baaleetti taasifamaa jirurratti hirmaachaa jiru.
Fudhatama Itiyoophiyaan konfaransii Tuurizimiin qabdu caalaatti guddisuun nibarbaachisa-Miseensota mana maree
Jul 5, 2025 188
Waxabajjii 28/2017 (TOI)- Fudhatama Itiyoophiyaan konfaransii Tuurizimiin qabdu caalaatti guddisuun akka barbaachisu Miseensonni mana maree bakka bu’ootaa ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Waxabajjii 26 bara 2017 raawwii karoora bara bajataa 2017 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennuunsaanii niyaadatama. Ministirri muummee wayita kana akka jedhanitti, Bara kana qofa Konfaransiiwwan idil addunyaa 150 caalan Itiyoophiyaa keessatti adeemsifamaniiru. Kunis kan bardheengaddaan walbira yoo qabamu dachaan dabaluu eeraniiru. Sabaoonni dhaabbileen idil addunyaa Itiyoophiyaa filatanii dhufaniif keessaa riifoormii immigireeshiniirratti taasifame, tajaajila daandii qilleensaa, bakkeewwan tuurizimii fi misooma kooriidarii wabeeffataniiru. Bara bajataa kanatti tuuristoonni biyya alaa miiliyoona 1 tuqaa 3 Itiyoophiyaa daawwachuusaanii fi kunis baay’ina amma ammaatti jirurraa guddaa ta’uu kaasaniiru. Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa yaadasaanii TOI’f kennan yaada kana nifudhatu. Miseensi mana maree Uztaaz Kaamil Shamsuu akka jedhanitti, misoomni saffisaa finageenyi Itiyoophiyaa fooyya’uunsaa akkasumas fudhatamni idil addunyaarratti qabdu dabaluunsaa dameen Tuurizimiin konfaransii akka dadammaqu godheera. Magaalattiin magaalaa muummee Afriikaa fi teessoo dhaabbilee idil addunyaa ta’uunshee konfaransiif filatamtuu ieshee taasiseera jedhan. Miseensi mana maree kan biraan Dr. Kafanaa Ifaa gamasaaniin,Carraaqqiin Itiyoophiyaan bu’ura misoomaa Konfaransii Tuuriizimiif guutuuf taasiftee fi nageenyi argamaa jiru walgahiiwwan Afriikaa fi idil addunyaa akka keessummeessitu carraa uumeera. Nageenyi Itiyoophiyaatti mul’ate gara nageenya fulla’aatti jijjiiruun fudhatamaa fi dhageettiin idil addunyaa gabbisuuf hojjechuun akka barbaachisu miseensonni kunneen dubbataniiru. Namoonni miiliyoona 1 tuqaa 5 bara bajataa kana Paarkiin tokkummaa, golambaan Saayinsii, paarkiin michoomaa fi marasaa kan daawwatan yoo ta’u, kanarraas galiin birrii biiliyoona walakkaa argamuu ministirri muummee ibsaniiru.
Qooda dhaabbileen demokirasii bilisaa fi ofdanda’oon ijaarsa mootummaa cimaaf qaban caalaatti guddisuuf manni maree deeggarsasaa ittifufa-Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo
Jul 5, 2025 133
Waxabajjii 28/2017(TOI)- Qooda dhaabbileen demokirasii bilisaa fi ofdanda’oon ijaarsa mootummaa cimaaf qaban caalaatti guddisuuf manni maree bakka bu’oota ummataa deeggarsasaa ciminaan akka ittifufu Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo ibsan. Waltajjiin waloo rawwii hojiiwwan riifoormii dhaabbatummaa dhaabbilee demokiraasii mana marichaaf itti waamamanii gaggeeffamaa jira. Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo ergaa baniinsa waltajjiirratti dabarsaniin, mirki namoomaa fi demokiraasii lammiilee akka kabajamu dhaabbileen demokiraasii qooda guddaa akka qaban ibsaniiru. Miroonni namoomaa fi demokiraasii lammiilee sirnaan akka kabajaman akkaataa heera mootummaatiin dhaabbileen demokiraasii bilisaa fo ofdanda’oon hundeeffamanii hojjechaa jiraachuu yaadachiisaniiru. Dhaabbileen kunneen ittigaafatamasaanii sirnaan akka bahan gufuulee sera fi gurmaa’insarratti mul’atan akka sirraa’an riifoormiin hojjetamuu ibsaniiru. Manni marichaa qooda ijoo dhaabbileen demokiraasii ijaarsa mootummaa cimaaf qaban caalaatti guddisuuf rakkoolee raawwiirratti mudatan furuuf kutannoon akka hojjetamu mirkaneessaniiru. Manni marichaa yeroo yerootti raawwii dhaabbilee qorachuun hanqinoota sera fi hojmaataa guutuuf deeggarsa barbaachisu nitaasisa jedhaniiru. Miidiyaaleen ajandaawwan nageenya biyyaa, tokkummaa fi misooma cimsan hubachiisuun ittigaafatama kennameef gahumsaan bahachuu akka danda’an riifoormii gochuusaanii himaniiru. Waltajjicharratti raawwiin karooraa riifoormii dhaabbatummaa boordii filannoo biyyaalessaa, komishinii miroota namoomaa Itiyoophiyaa, dhaabbata abbagaar ummata Itiyoophiyaa akkasumas tajaajila oduu Itiyoophiyaa, abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa, Itiyoophiyaa biroodkaast korporeeshinii fi dhaabbata pireesii Itiyoopiyaa dhihaatee nimari’atama.

Hawaasummaa
Tajaajilli tola ooltummaa Daangaa qaxxaamuraa namoota deeggaruu irra darbee tokkummaa sabdaneessuumaa fi walitti hidhaminsa Aadaa kan jabeessudha-dargaggoota tola ooltota
Jul 7, 2025 77
Waxabajjii 30/2017(TOI)-Tajaajilli tola ooltummaa Daangaa qaxxaamuraa namoota deeggaruu irra darbee tokkummaa sabdaneessuumaa fi walitti hidhaminsa Aadaa kan jabeessudha jedhan dargaggootni tola Ooltotaa Daangaa Qaxxaamuran. Dargaggoonni Tola Ooltonni Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaa Hunda Irraa Walitti Dhufan Naannoo Tigraayitti Tajaajila Tola Ooltummaa Bilsaa kan Gannaa Kennuu Eegalaniiru. Dargaggoonni kun tibbana Naannoo Tigiraayitti Aanaa Indartaa ganda Aratootti boolla biqiltuun itti dhaabbatu qotuu fi Hojii Misoomaa biroo raawwataniiru. Dargaaggota Sagantaa Kana irratti hirmaatan kan TOI dubbise keessaa turtii Naannoo Tigiuraayi ganna kana Dabarsaaniin Hawaasa Tajaajiluu fi Hojii Misoomaa Adda Adaa Irratti Hirmaachuuf Qophii ta’uu Isaanii Ibsaniiru. Tajaajilli tola Ooltummaa Daanga Qaxxaamuraa namoota deeggaruu irra darbee tokkummaa sabdaneessummaa fi walitti hidhaminsa Aadaa haala cimsuun turtii taassisna jechuun dubbataniiru. Naannoo Oromiyaa irraa kan dhufe Dargaggoo Gabbisaa Nagaasuu fi Naannoo Amaaraa irraa kan dhufe dargaggoo Fiqiresab Alamuu, simannaa NaannooTigiraayitti Taassifameefiitti gammaduu isaanii ibsuun, turtii isaaniitiin hojii gaarii raawwachuunfi namoota harka qal’eeyyii deeggaruun dabarsuuf qophaa’uu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaa keessaa Afaanota Hedduu, Aadaa fi bakkeewwan hawata Tuuristii waan jiraniif sababa Kanaan dargaggoonni turtii Isaanii Naannoo Tigiraayiin beekumsa adda addaa, Walitti dhufeenyaa aadaa, fi duudhaalee hawaasummaa akka waliirraa qooddatan ibsaniiru. Dargaggoon Dirree Dawaatii dhufe Falmataa Ahimad , Itiyoophiyaan Biyya Guddoo, uummata baay’ee fi kuufama qabeeeenya uumamaa kan qabdu waan taateef tajaajilli tola ooltummaa Daangaa Qaxxaamuraa xiqqoos ta’u akka beeknu nugaragaara jedheera. Naannoo Tigiraayitti Qabeenya uumamaa fi namtolchee, seenaawwan kan keessatti argaman, tajaajila tola ooltummaa kennuu kootii fi carraa daawwachuu argachuukootiif gammadeera jedhaeera. SNaannoo Itiyoophiyaa Kibbaarraa kan dhufte shamarree Maaragaa Mulugeetaa gamasheetiin, walooma ummataa fi tokkummaa biyyaa cimsuuf hojiiwwan daangaa qaxxaamuraa kan akkasii murteessaa ta’uu kaafteetti. Keessumaa dargaaggoonni kunneen turtii isaanii Yunvarsiitiin wal beekuuf carraa argatanis , qabeenya Tuurizimii fi aadaa sirnaan beekuuf daawwannaan humna guddaa qabaachuu ibsaniiru. Nageenya, Misoomaa fi tokkummaa sabdaneesummaa Itiyoophiyaa cimsiuuf tattaaffii taassifamu keessatti dargaggoonni qooda olaanaa kan qaban waan ta’eef haala Kanaan hojjechuu qabna jechuun dargaggoonni kunneen mirkaneessaniiru.
Bara baajatichaatti daa’imman Miiliyoona 1 tuqaa 4 ol sagantaa waadaa Saqoxaan fayyadamoo ta’aniiru
Jul 5, 2025 106
Waxabajjii 28/2017(TOI)-Bara baajatichaatti Daa’imman Miiliyoona 1 tuqaa 4 ol sagantaa waadaa Saqoxaan fayyadamoo ta’uun ibsame. Waajjira Qindeessaa Sirna Soorataa Ministeera Fayyaatti Ittigaafatamaan Sagantaa olaanaa Kutaa Raawwachiisaa Sagantaa Federaalaa Waadaa Saqoxaa Dr. Sisaayi Siinaamoo Raawwii Sagantichaa ilaalchisuun TOI Waliin turtii Taasisaniiru. Turtiisaaniin Bara Baajataa 2017 Xumuramaa Jirutti Waadaa Saqoxaan Daa’imman Miiliyoona 1 Tuqaa 4 Ol Fayyadamoo Gochuun Danda’ameera. Sagantichaan Haadholii Ulfaa fi Hoossisan Miiliyoona 2 tuqaa 8 ol Fayyadamoo ta’uu Dubbataniiru. Sagantichi Sektaroota Fayyaan, Barnootaan, Qonnaan, Bishaaniin, Dhimma Dubartootaa fi hawwaasummaa dabalatee sektaroota biroon raawwatamuu ibsaniiru. Bara 2014 Sagantichi Sadarkaa Biyyoolessaatti keessumattuu Aanaaleen Quucarummaa Olaanaa Qaban 240 Hojiitti Galuusaanii Yaadachiisaniiru. Sagantichaan Waggaa Waggaatti Daa’imman Quucarummaa fi Du’a Irraa Baraaruu Irratti Madaalaamee Bu’aa Argisiisuu Isaa Kaasaniiru. Qorannoo bara darbe gaggeeffameen Daa’imman kuma 100 ol Quucaruu irraa, daa’imman kuma 1 ol immoo du’arraa baraaruun danda’amuu ibsaniiru. Sagantichi waggoota itti Aanaan Aanota birootti kan babal’atu ta’uu beeksisaaniiru. Sagantaa Waadaa Saqoxaan haala karoora waggaa 15 Kaa’ameen Aanota biroo dabalaan fayyadamoo taassisuu danda’uu dubbataniiru. Kanaanis bara Baajatichaatti Aanaalee 334 Baajata Birrii Miiliyoona 750 oliin gara raawwii waadaa Saqoxaatti kan galan ta’uu beeksisaniiru. Yeroo hojiirra oolmaa yaalii raawwii jalqabaa Sagantichaa Naannoo Amaaraa fi Tigiraayitti Aanaalee 40 tti babal’achuu isaa ibsaniiru. Hawaasni saganticha abbummaan akka itti fufsiisu gochuu fi furmaata naannawaa akka fidu gochuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Rakkoon quuxarummaa ilaalchisuun hubannaa uumuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Bara Kana Tuuristoonni Alaa Miiliyoona 1 tuqaa 3 ta’an Itiyoophiyaa daawwataniiru-  Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Jul 3, 2025 225
Waxabajjii 26/2017(TOI)-Barana Tuuristoonni Alaa Miiliyoona 1 tuqaa 3 ta’an Itiyoophiyaa daawwachuu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Manni Maree bakka bu’oota Uummataa Walga’ii Idilee 42ffaa gaggeessaa jira. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffiiwwan Miseensota Mana Maree irraa ka’aniif deebii fi ibsa Kennaa Jiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Damee Tajaajilaa irratti haala Qindaa’een hojjechuun dandeettii Dinagdee Itiyoophiyaa baachuuf humna guddaa qaba jedhaniiru. Itiyophiyaatti barana konfiraansiiwwan Idil Addunyaa150 ol keesummeeffamuusaanii fi kunis kan bara darbee dachaan akka caalu dubbataniiru. Riifoormii Immiigireeshinii, Hojii Daandii Qilleensaa, Hoteelotaa fi bakkeewwan Turizimii babal’isuu, Misooma Koriideraa fi Hojiiwwan Biroon hawwata turistii dabaluuf qooda guddaa qabaachuu dubbataniiru. Bara Baajataa kanatti Namoonni Miiliyoona 1 tuqaa 5 paarkii tokkummaa, Addababayii Michoomaa, Godambaa saayinsii, fi Masaraa Mootummaa Biyyoolessaa Daawwachuu fi kanaanis galiin birrii biiliyoona walakkaa ol argamuu ibsaniiru. Waggoottan muraasa darbanitti bakkeewwan Afran Namoonni Miiliyoona 13 tuqaa 5 daawwachuu kaasaniiru. Sadarkaa Magaalaa Finfineetti hoiiwwan hojjetamaniin lakkoofsi Daawwattoota biyya keessaa fi biyya alaa Sadarkaa Olaanaan guddachuu ibsaniiru. Tuurizimii Utubaa Ijoo Damee Tajaajilati kan jedhan Ministirri Muummee , Mootummaan Hojii Damicharratti eegale cimsee akka itti fufu dubbataniiru.
Diinagdee
Naannichatti hojiilee misoomaa ittifufsiisuuf hanqinoota gibira walitti qabuurratti mul’atan furuu barbaachisa-Bulchaa Ordiin Badrii
Jul 8, 2025 4
Adoolessa 01/2017(TOI)-Naannoo Harariitti hojiilee misoomaa ittifufsiisuuf hanqinoota gibira walitti qabuurratti mul’atan furuu akka barbaachisu Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii beeksisan. Waltajjiin sosochii Gibira bara 2018 sadarkaa naannootti magaalaa Hararitti gaggeeffameera. Waltajjii sosochii kanarratti kan argaman obbo Ordiin Badrii ergaa dabarsaniin, misooma fulla’aa fi nageenya naannichatti ittifufsiisuuf kafalaan gibiraa hundi dirqamasaa bahuu qaba jedhaniiru. Keessumaa bajata barana naannichaaf ramadamu keessaa harki 63 galii keessoorraa akka walitti qabamu ibsaniiru. Kanaaf kaffalaan gibiraa gibira irraa eegamu kaffaluun dirqama lammummaa bahuu akka abu eeranii rakkoolee taaksii waliin dhahuu fi gibira sirnaan kaffaluu dhabuun walqabatee mul’atan seeraan akka gaafataman himaniiru. Hojmaata badaa kaffaltii gibiraarratti mul’atan furuunis cimee akka ittifufu cimsanii kaasaniiru. Bara darbe naannichatti dameelee garagaraarraa galiin birriin biiliyoona 3 tuqaa 1 caalu walitti qabamuu kan ibsan ammoo hoogganaa biiroo galii naannichaa Yaasin Abdullaahiiti. Bara bajataa baranaas hojmaata qindaa’aa cimsuu fi waliigaltee waloo uumuun galii birrii biiliyoona 4 tuqaa 6 caalu walitti qabuuf karoorfamuu dubbataniiru. Akkasumas kaffaltoonni gibiraa seera qabeessa hintaane seera qabeessa gochuu, daldala seeraan alaa ittisuu, waliin dhahuu taaksii furuu fi labsiiwwanii fi dambiiwwan qajeelfama gibiraa hojiirra oolchuun xiyyeeffannoon nihojjetama jedhaniiru. Waltajjiin sosochii kun kaffaltoota gibiraa amanamoo jajjabeessuu fi kanneen yeroon gibira hinkaffalle karaa qabsiisuuf yaadamee qophaa’uusaa ibsanii, hojii galii walitti qabuuf hojjetamu keessatti hundi qoodasaa akka bahu gaafataniiru. Hawaasni daldalaa naannichatti argaman, hooggantoonni olaanoo naannichaa fi keessummoonni waamaman kan argaman yoo ta’u kaffaltoota gibiraa naannichaa amanamummaan gibira kaffalan sartafikeettiin beekamtii fi Waancaan Kennameera.
Mariiwwan gamlamee ministirri muummee Dr. Abiyyi ahimad taasisan fedhii fi ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota tarsiimawaarratti qabdu biyyoota kan hubachiisedha-Ministira Dr. Geediyoon Ximootiwoos
Jul 7, 2025 73
Waxabajjii 30 /2017(TOI)- Mariiwwan gamlamee ministirri muummee Dr. Abiyyi ahimad yaa’ii hooggantoota BRICS cinaatti taasisan taasisan fedhii fi ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota tarsiimawaarratti qabdu biyyoota kan hubachiise ta’uu Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoosibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi jillisaanii yaa’ii hooggantoota BRICS Biraazil Riyoo De Jeneerootti taa’amaa jirurratti hirmaataniiru. Ministirri dhimma alaa Dr. Gaadiyoon Ximootiwoos yaa’ii kana ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniin, mariileen yaaa’icha cinaatti hooggantoota biyyootaa waliin taasifaman tumsa gamlamee cimsuu fi yaada walii qooduuf carraa gaariidha jedhaniiru. Fedhii fi ejjennoo Itiyoophiyaan dhimmoota tarsiimawoorratti qabdu biyyoonni akka hubatanii fi akka deeggaran mariisisuuf carraa gaarii uumuusaa ibsaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Biraazil Ignaasiiyoo Lulaa Da Siilvaa waliin marii taasisaniin marii gamlamee keessumaa haala tumsa dinagdee cimsuun danda’amurratti yaada walii qooduusaanii himaniiru. Mariin kun pirezidaantiin Biraazil kallattii fi imaammata Itiyoophiyaa sirriitti akka hubatan gochuuf carraa gaarii uumuusaa ibsaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira dhimma alaa Chaayinaa Lii Kiiyaang waliin hariiroo cimaan biyyoota lamaanii caalaatti cimsuun haala danda’amurratti mari’achuusaanii eeraniiru. Tumsa dinagdee fi invastimantii cimsuun dhimma marii Kanaan ciminaan kaafamedha. Gumaacha gaarii Chaayinaan dinagdee Itiyoophiyaarrattio qabdu haala cimsuu dandeessurratti hammattoo paaris kilab keessatti Chaayinaan Faransaayi waliin ta’uun idea itiyoophiyaan deebifyu dheeressuurratti shoora baate cimsitee itti fufuu haala dandeessurratti mari’achuusaanii kaasaniiru. Itiyoophiyaan dhiheenya biyyoota akka Itiyoophiyaaf Shaqaxaa fi alergii qaraxarraa walabaa karaa ittiin galchuu danda’an mijeessuushee fi carraa kennite ilaaalchisuun yaada walii qooduun akka danda’ames ministirichi kaasaniiru. Maricharratti Ministirri dhimma alaa Chaayinaa Lii Kiyaang oomishni bunaa Itiyoophiyaa baay’inaan Chaayinaa galaa akka jiru eeranii, hariiroo daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaanii cimsuun akka barbaachisu himaniiru. Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Siriil Ramafoosaa waliin marii gamlamee gaggeessaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ijaarsi hidha haaromsaa xumuramuusaa pirezidaantichaaf himaniiru kan jedhan ministirri dhimma alaa hidhichaa fi dhimmoota walqabatanirratti mari’achuusaanii himaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota miseensa BRICS irraa muuxannoo, teeknooloojii fi invastimantii argachuu barbaaddi kan jedhan ministirri muummee, biyyittiin hammattoo tumsaatiin dameeleen gumaacha itti taasiftu akka jiru ibsaniiru. Mariin taasifaman xiyyeeffannoo ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad tumsa biyyoota waliin qabaniif kennan akka agarsiisu eeranii, BIRICS hammattoo fi gurmuu ijoo tumsa waloo cimsuu dandeessisu ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan qajeeltoo faayidaa biyyaalessaa fi ofdanda’uun dhaabachuu jiddugaleessa godhachuun  yaa’icharratti ejjennooshee sirriitti ibsiteetti-Dr Laggasaa Tulluu
Jul 7, 2025 49
Waxabajjii 30/2017(TOI)- Itiyoophiyaan qajeeltoo faayidaa biyyaalessaa fi ofdanda’uun dhaabachuu jiddugaleessa godhachuun yaa’ii hooggantoota BRICS 17ffaa irratti ejjennooshee sirriitti ibsachuushee ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Dr Laggasaa Tulluu ibsan. Yaa’iin hooggantoota BIRICS 17ffaan Biraazil Riyoo De Dejeneerootti gaggeeffameera. Ministirri muummee DR. Abiyyi Ahimad fi jillisaanii yaa’icharratti hirmaataniiru. Ministirichi yaa’icha ilaalchisuun ibsa kennaniin, ministirri muummee Dr. Abiyyi ahimad Riyoo De Dejeneeroo kan dhaqan yaa’icharratti hirmaachuu fi hooggantoota biyyootaa waliin mari’achuun hariiroo gamlamee cimsuuf kaayyeffachuun ta’uu ibsaniiru. Ajandaawwan hooggantoonni mari’atan keessaa sirnii fi riifoormiin bulchiinsa addunyaa hammataa fi haqa qabeessi keessatti argama. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhimmicharratti faayidaa biyyoolessaa Iyiyoophiyaa fi qajeeltoo ofdanda’uun dhaabachuu bu’ura godhachuun addunyaan bakkeewwan hunda hammachuu akka qabuu fi sagaleen Afriikaa dhaabbilee addunyaa hunda keessatti walqixa dhageettii akka qabaatu kaasuusaanii ministirichi ibsaniiru. Afriikaan dhageettii argachuun gamatti hirmaannaanshee guddachuu akka qabu cimsanii dubbachuusaanii dubbataniiru. Ministirri muummee tumsa kibba kibbaaf cimsuu ilaalchisuun yaada kennaniin qaroomina bara dheeraa, aadaa fi seenaa garagaraa kan qabdu Itiyoophiyaan tumsa aadaa fi dinagdee biyyoota biroo waliin qabdu cimsuu fi muuxannoo qooddachuuf akka hojjettu dubbataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dinagdee fi faayinaansiin wal qabatees Itiyoophiyaan tumsa BRICS waliin qabduun fayyadamaa akka jirtu ibsaniiru. Dhaabbanni faayinaansii akka misoomni Baankii BIRICS dhiheessii faayinaansii fi liqii haqa dhabeessa sadarkaa addunyaatti jiru filaata ta’uusaanii fi Itiyoophiyaan kanarraa akka fayyadamtu kaasaniiru. Dijitaalaayizeeshinii fi hubannoo namtolchee ilaalchisuunis mariin taasifamee ture. Ministirichi ibsa kennaniin ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad carraalee gaarii addunyaan dijitaalaa fidee dhufe caalaatti fayyadamuun fi yaaddoo xiqqeessuuf waliin dhaabachuun akka barbaachisu dubbachuusaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaan hubannoo namtolcheerratti hojii bal’aa hojjechaa akka jirtuu fi biyyoota BRICS waliin damee kanarratti tumsaan hojjechuu akka barbaaddu eeraniiru. Inistirri muummee Dr, Abiyyi Ahimad Jijjiirama haala qilleensaan waqabatee Itiyoophiyaan afaanirra darbee qabatamaan hojii addunyaaf fakkeenya ta’u hojjechaa akka jirtu dubbataniiru. Walumaa gala Itiyoophiyaan yaa’ii hooggantoota BIRICS irratti hirmaannaa milkaa’aa gochuushee Dr. Laggasaa Tulluun eeraniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Tattaaffii badhaadhina dhugoomsuuf taasifamu keessatti ilaalcha eeggattummaarraa jalaa bahe guddisuun dhimma ijooti-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jul 5, 2025 170
Waxabajjii 28/2017 (TOI)- Tattaaffii badhaadhina dhugoomsuuf taasifamu keessatti ilaalcha eeggattummaarraa jalaa bahe guddisuun dhimma ijooti jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Sagantaan “aadaa harak hojetuu” biroon hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Addis Miidiyaa Neetwoork waliin ta’uu qopheesse ifatti jalqabsiiseera. Af-yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil, walitti qabaan boordii Addis Miidiyaa Neetwoorkii fi paartii badhaadinaatti hoogganaan waajjira damee Finfinnee obbo Mogos Baalachaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaa, hojii uumtonni, dargaggoonni, fi qooda fudhattoonni biroon saganticharratti argamaniiru. Sagantaan kun guyyaa 15tti al tokko ddis Miidiyaa Netwoorkiin kan dhihaatu yoo ta’u, yaadonni hojii uumuurratti dhaloota qaroomsan kan dhihaatan ta’uun himameera. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana, karoora gargaaramuu jalaa bahuun badhaadhinatti geessu qabannee hojjechaa jirra jedhaniiru. Karoorri qabanne kan milkaa’u cimnee yoo hojjenne qofa kan jedhan kantiibaa Adaanech, kanaaf ammoo biyyoonni hojjetanii jijjiiraman fakkeenya ta’uu qabu jedhaniiru. Hojii filachuu fi dadhabummaa jalaa bahuun akka barbaachisu haala Kanaan hawaasa hubachiisuun ittiyaadamuu qaba jedhaniiru. Abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, abbootii Gadaa dabalatee dhaabbileen dhaloota qaran aadaa hojii lammiilee jijjiiruuf hojii hubannoo uunuu ciminaan akka hojjetan himaniiru. Manneen barnootaa fi bakka hojiitti lammiilee dadammaqsuun cimuu qaba jedhaniiru. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamiil gamasaaniin, akka biyyaatti aadaa hojii guddisuuf sagantaan maree oomishtummaa hawaasaa hojeeffamaa akka jiru kaasaniiru. Sagantaan maree kun hawaasni dilbii naannawasaa jiru beekuu fi hojjechuun bu’a qabeessa akka ta’u ulaa kan banudha jedhan. Sagantichi aadaan hojii akka guddatu kan gumaachu tarkaanfii guddaa ta’uusaa dubbataniiru. Gootummaa yeroon gaafatu hojjechuudhaan jjjiiramuun ofdanda’uudha kan jedhan ministirittiin, harki hojii bare biyyas nama dhuunfaas niguddisu jedhaniiru. Xiyyeeffannoon yoo hojjetame aadaa hojiirratti jijjiiramni qabatamaan akka dhufu misoomni kooriidarii Finfinnee agarsiiftuu ta’uu kaasaniiru. Iyya ceesisuuf hojii qajeelfama ittiin yaadan, ciminaan hojjechuu fi qaxalummaa gochuun tumsuu qabna jechuun cimsanii dubbataniiru. Sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti hoogganaan biiroo hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Xiraatuu Bayyanaa gamasaaniin, bara bajatichaa namoota hojii barbaadan kuma 366’f carraan hojii dhaabbataa uumamuufii dubbataniiru. Dargaggoonni yaada hojii uumuu qaban sirni yaadasaanii gochatti jijjiiran diriirfamuu eeraniiru.
Leenjiin Koodersii Beekumsaa fi Dandeettii  Dijiitaalaa Fooyya’aa akka argannu carraa Gaarii nuuf uumeera-Dargaggoota 
Jul 4, 2025 145
Waxabajjii 27/2017(TOI)- Leenjiin Koodersii Beekumsaa fi Dandeettii Dijiitaalaa Fooyya’aa akka argannu carraa Gaarii nuuf uumeera jechuun ibsan Dargaggoonni leenjii koodersii fudhatan. Biiroon Innooveeshinii fi Teekinoolojii Naannoo Sumaalee gama saatiin, dargaggoonni waktii Gannaa Boqonnaarra jiran leenjii koodarsii akka fudhatan qophii taassisuu isaa beeksiseera. Dargaggoota Leenjiin Itiyoo-koodarsi fudhatan keessaa Shirmaarkee Shekib Abdii, leenjiichi dargaggootaaf carraa gaarii waan ta’eef beekumsaa fi Dandeettii Dijiitaalaa akka argannu nu taassisaa jira jedheera. Beekumsaa fi dandeettii leenjicha irraa argateen weebsaayitii uumuun hojii daldala dhuunfaasaa beeksisuuf fayyadamaa jiraachuu kaasuun, caaraa akkasii bilisaan argachuusaaf galateeffateera. Beekumsi argamu biyya irra darbee Sadarkaa Idil Addunyaatti kan barbaadamu waan ta’eef carraan kun dargaggoota biroo akka hin dabarre gorseera. Dabalataanis Dargaggoota Leenjicha argatan keessaa Abdiishukur Mahaammad Abdii fi Sekeriyyee Abdirehiman Alee, leenjiin koodersii gama hedduun faayidaa akka qabu beekumsaa fi dandeettii argannerraa hubanneerra jedhaniiru. Yeroon kun yeroo Teekinooloojii Dijiitaalaa ta’uu kan ibsan dargaggoonni barachuu, qophaa’uu fi yeroo waliin deemuun dirqama ta’uu kaasaniiru. Kanaaf , waqtii Gannaa Manni Barumsaa Idilee cufaa waan ta’eef dargaggoonni yeroo isaanii leenjii koodarsii fudhachuun akka itti fayyadaman hubachiisaniiru. Naannichatti Daarektarri Bulchiinsa Wiirtuu Odeeffannoo Abdii Aziiz Abdilaahii Leenjiin Itiyoo Koodarsii umuriin osoo hin daangessiin lammiilee hundaaf leenjii bilisaan kennamu beekumsa dijiitaalaa ta’uu fi hunduu carrichatti akka fayyadamu gorsaniiru. Keessumaa dragaggoonni beekumsa teekinooloojii yeroon barbaadu gonfachuun gahumsaa fi dorgomaa Idil Addunyaa ta’uuf leenjichi bay’ee akka isaan barbaachisu dubbataniiru. Naannichatti hanga ammaatti dargaggoonni kuma 48 ol leenjii Itiyoo koodarsii fudhatanii waraqaa ragaa fudhachuu ibsuun, dargaggoonni waqtii gannaa boqonnaarra jiran hundi leenjicha akka fudhatan waamicha dhiheessaniiru.
Akkaadaamiin Leenjii Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaaf jiddugala leenjii filatamaa ta’aa jira-Abbaa taayitichaa
Jul 1, 2025 227
Waxabajjii 24/2017(TOI)- Akkaadaamiin Leenjii Abbaa taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaaf hedduuf jiddugala leenjii filatamaa ta’aa akka jiru daarektarri tajaajila reeguleeshinii ernaavigeeshinii fi eeggataan daarektaraa akkaadaamichaa Li’ulsaggad Gullulaat ibsan. Akkadaamichi bu’a qabeessummaa industirichaaf ogeeyyota horachaa jira jedhan turtii TOI waliin Taasisaniin. Waggoota dheeraaf naannolee biyyattii garagaraatti to’annaa tiraafika qilleensaa, damee komunikeeshinii fi Naavigeeshin Sarviilaansi(CNC)n ogeeyyota Aviyeeshinii ga’oomaa boddaasaa akka jiru eeraniiru. Bara kana qofa ogeeyyota 86 leenjisee hojiitti galchuu kaasaniiru. Akkaadaamichi biyyoota ollaa fi biyyoota Afriikaa biroof leenjii ga’aa kennaa akka jiruu fi fudhatama guddaa argachaa akka jiru dubbataniiru. Dhihoo kana leenjifamtoota Aviyeeshinii Jibutii, Somaaliyaa akkasumas Komoroosii fi biyyoota biroorraa dhufan leenjisuusaa dubbataniiru. Biyyoonni Afriikaa hedduun ogeeyyotasaanii akkaadaamii leenjii Aviyeeshinii Itiyoophiyaatti leenjisuuf leenjisuuf filachuusaanii dubbataniiru. Akkaadaamichi Afriikaa keessaa maqaa gudda fi fudhatama akka qabu kaasanii, riijinicha walitti hidhuuf hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru beeksisaniiru. Akkaadaamichatti leenjiftuu fi to’attuun tiraafika qilleemsaa Beeteliheem Mollaa Gamasheetiin, leenjichi sadarkaa industiriin Aviyeeshinii addunyaa irra gaheen kennamaa akka jiru ibsiteetti. Baatii sadan darban leenjii ga’aa argachuusaa kan dubbate ammoo Dirree Dawaa irraa kan dhufe Mintasinoot Alamaayyoo jedhama.
Dijiitaal Itiyoophiyaa 2025  sirna Dijiitaalaa keessatti bu’aa guddaa argamsiiseera- Dr.Balaxaa Mollaa 
Jul 1, 2025 173
Waxabajjii 24/2017 (TOI)-Waggoottan shanan darban hojiirra oolaa kan ture dijiitaal Itiyoophiyaa 2025 sirna Dijiitaalaa keessatti bu’aa argamsiiseera jechuun Ministirri Teekinooloojii fi Innovaashinii Dr.Ballaxaa Mollaa Ibsan. Mistirichi turtii TOI waliin taassisaniin akka ibsanitti , guddina waliigalaa biyya tokkoo mirkaneessuun kan danda’amu sirni hojmaataa Saayinsii fi Teekinooloojiin, akkasumas Innoveeshiniin yoo deegaramedha. Itiyoophiyaan hammattoo seeraa fi Tarsiimoo sirna dijiitaalaatti galuuf ishee dandeessisu qopheessitee hojii eegaluushee ibsaniiru. Dabalataanis bu’uuraaleen misoomaa gara sirna dijiitaalaatti galchuuf gargaaran guutamanii hojiirra ooluu jalqabuu beeksisaniiru. Tarsiimichi Riifoormii Dinagdee Mandhalee fi tarsiimoo karoora misoomaa waggaa 10 akkasumas Tarsiimoo Tiraanisfoormeeshinii Dijiitaalaa Afriikaa waliin walitti hidhamee raawwatamaa turuu ibsaniiru. Waggoottan darban hojiirra oolaa kan ture tarsiimoon Dijiittal Itiyoophiyaa 2025 baatii tokkoo booda akka goolabamu ibsuun, hanga 20230tti hojiirra kan oolu tarsiimoon waggaa shanii qophaa’aa akka jiru ibsaniiru. Tarsiimoon dijitaal Itiyoophiyaa 2025 waggoottan shanan darban hojiirra oolaa ture damee saayinsii, teeknooloojii fi Innoveeshiniirratti bu’aan guddaan akka irraa argame ministirichi beeksisaniiru. Waggoota shanan darban sirna kaffaltii Dijiitaalaa Diriirsuun Tajaajila Dijiitaalaa babal’isuun akkasumas, waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa dhaqabamaa taassisuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu kaasaniiru. Sirna hojii Mootummaa Ammayyeessuu waliin wal qabatee Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf tattaaffii milkaa’aa taasifamaa jiru keessatti tajaajilli jiddugaleessa tokkoo (Masoob) dhugoomsuuf hojii milkaa’inaa hojjetaman keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi Tajaajila Teekinooloojii Dijiitaalaa bakka tokkootti fayyadamuun Tajaajiloota Mootummaa adda addaa walitti hidhuun tajaajilaa kennaa akka jiru beeksisaniiru. Fuulduratti tajaajila jiddugaleessa tokkoo (masoob) gara Magaalota Naannooleetti babal’isuun fayyadamtoota tajaajilichaa akka ta’aniif hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.
Ispoortii
Hoggansii  fi gurmaa’insi  waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi  Teeknooloojii ammayyaan kan deeggaramedha-Leetenaal Jeneral  Zawuduu Balaay
Jun 27, 2025 474
Waxabajjii 20 /2017(TOI)-Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii Ammayyaan kan deeggarame ta’uu Ajajaa Olaanan izii giddugalaa Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaay ibsan. Festivaaliin Ispoortii Kooriwwan adda addaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti izzii jiddugalaa Daalol jalatti argaman hirmaachise Magaala Jimmaatti eegalameera. Baniinsa Feestivaalichaarratti kan argaman Raayyaa Ittisa biyyaatti ajajaa Olaanaan izzii giddugala Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaayi Izichi daangaa biyyaa kabachiisuurra darbee hojiiwwwan waloomaa fi Tajaajila Hawaasummaa cimsan raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Izziin Daalol tajaajila tola ooltummaan dhiiga arjoomuun,mana namoota harka qal’eeyyii haaromsuu fi biqiltuu dhaabuu dabalatee hojiii misooma adda addaa irratti hirmaachuun beekama jedhaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa Tokkummaa Sab-Daneessummaa gootummaan kabajaa fi birmadummaa biyyaatiif halkanii fi guyyaa hojjechaa kan jiru raayyaa cimaa fi gahoome ta’uu dubbataniiru. Raayyichi gahumsa hunda galeessa olaanaa, ogummaa waraanaa fi teekinooloojii ammayyaan haala gurmaa’een gaggeeffamaa jiraachuu kaasuun, gaachana birmadummaa biyyaa ta’uurra darbee, misoomaa fi tajaajila Hawaasummaa biroo itti gaafatamummaa isaa bahaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf Kaayyoon guddaan festivaala Ispoortii Iizzichi walitti dhufeenya raayyaa ittisa biyyaa fi hawaasa naannoo gidduu jiru daran cimsuuf ta’uu kaasaniiru. Hogganaan Waajjira izzii Gidduugala Daalol Koloneel Bazaabbihi Yimar akka jedhanitti, kooriiwwan izzii kana jala jiran 5 dorgmmii Ispoortiii kana irrratiti kan hirmaatanii fi guyyaa10’f gosa ispootii adda addaan akka dorgoman himaniiru. Sagantaa Baninsaa irrratti Qondaaltonni Olaanoon Raayyichaa, miseensonnii fi keessummooni wamichi taasifamee fi biroon argamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godinichatti lafa heektaara kuma 5 sababa garagaraan manca’erra biqiltuun dhaabamaa jira-Waajjira qonnaa godinichaa
Jul 6, 2025 108
Waxabajjii 29/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaa godina Boorana Bahaatti lafa heektaara kuma 5 sababa garagaraan manca’erra biqiltuun dhaabamaa jiraachuu Waajjira qonnaa godinichaa ibse. Waajjirichatti dursaan garee qabeenya uumamaa Aliyyee Arabaa sababa haala qilleensaa godinichaatiin biqiltuu dhaabuun kan eegalame walakkeessa Bitootessaarraa eegalee ta’uu dubbataniiru. Biqiltuu dhaabamaa kan jiru lafa heektaara kuma 5 sababa uumamaa fi namtolcheen manca’erra ta’uu dubbataniiru. Biqiltuun dhaabamu lafti manca’e akka lalisu gochuurra darbee ongeef akka hinsaaxilamne fulla’insaan damdamachuu hubannaa keessa galchuun hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Biqiltuu barana dhaabamaa jiran keessaa biqiltuu bosonaa, muka gaaddisaa, nyaata loonii akkasumas biqiltuuwwan muduraa keessaa Maangoo, Muuzii fi Zayituunaa akka ta’an himaniiru. Biqiltuun dhaabamu jiraattota godinichaa fi tola ooltota hirmaachisuun yoo ta’u, karoorri qabame amma milkaa’utti xiyyeeffannoon kennamee akka dhaabamu himaniiru. Godinichatti bona baranaa sulula 99 keessatti lafa heektaara kuma 63 irratti eegumsi biyyoo fi bishaanii hojjetamuu yaadachiisaniiru. Kaayyoon misooma sululaa ongee fi naannoon akka hin mancaane ittisuurra darbee misooma fulla’aadhaan wabii nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan kennameef ta’uu ibsaniiru. Hojiin biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa sulula dabalatee biqiltuun uwwisuuf karoorfamee kan hojjetamedha jedhan.
Naannichatti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabbatan kunuunsuun bu’aaf akka oolan gochuun ittifufa-Obbo Ordiin Badirii
Jul 5, 2025 140
Waxabajjii 28/2017(TOI)- Naannoo Haraariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabbatan kunuunsuun bu’aaf akka oolan gochuun cimee akka itti fufu Bulchaan Naannichaa Ordiin Badirii ibsan. Pirezidaantichii fi Qondaaltonni Olaanoon Nannnichaa Biqiltuuwwan Naannoo Jogol dhaabbatan kunuunsaniiru. Saganticha irratti Pirezidaanti Ordiin Badirii, Sagantaan Ashaaraan Magariisaa Hoggansa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin eegalame Naannichatti Hojiirra Ooluun Waggoottan darban Biqiltoonni Faayidaa hedduu qaban dhaabbachuu isaanii beeksisaniiru. Biqiltuuwwan Sagantichaan Dhaabaman Naannicha Magariisa gochuurra darbee miidhagaa fi hawataa akkasumas jiraattotaa fi tuuristootaaf mijataa gochuusaa dubbataniiru. Biqiltuuwwan sagantichaan dhaabaman hordofuu fi kunuunsuun bu’aaf akka oolan gochuun cimee akka itti fufu ibsaniiru. Kanaanis Naannoo Qulqulluu fi fayya qabeessa misoomsuu ta’uu eeraniiru. Pirezidaantichi Hawaasnis ta’e dhaabbileen, Biqiltuuwwan Dhaaban kunuunsuu fi bishaan obaasuun gahee keenya bahachuu guddisuu qabna jedhaniiru. Guyyoota Itti Aanaan Mata duree ‘’Dhaabuun Bayyanachuu‘’Jedhuun Naannichatti Aanaalee Magaalaa fi Baadiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltuuwwan Faayidaa Hedduu Qaban dhaabuu fi kan dhaabaman kunuunsuun akka raawwatamu ibsaniiru. Keessumattuu poolisoota, Dargaggooaa fi Miseensota Hawaasaa biroo saganticha irratti hirmaatanii fi biqiltuuwwan Kanaan dura dhaabbatan kunuunsan galateeffataniiru. Hara’a ganama sa’aatii 12 eegalee sagantaa biqiltuuwwan Kanaan dura dhaabaman kunuunsuu irratti Itti Aanaantuu Pirezidaantii Naannichaa Roozaa Umar, Miseensota Kabinee Naannichaa, Qaamolee Nageenyaa,hojjetota dhaabbiilee Mootummaa fi Qooda Fudhattoonni biroon hirmaataniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa lafti miidhame akka bayyanatuu fi oomishtummaan akka dabalu waan godhuuf biqiltuu dhaabuurratti cimnee nihirmaanna-Jiraattota godina Iluu Abbaa Boor
Jul 2, 2025 192
Waxabajjii 25/2017(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa lafti miidhame akka bayyanatuu fi oomishtummaan akka dabalu waan godhuuf biqiltuu barana dhaabuurratti cimanii akka hirmaatan Jiraattonni godina Iluu Abbaa Boor ibsan. Sagantaan jalqabsiisa biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabuu bara 2017 godinichatti aanaa Alleetti gaggeeffameera. Jiraataan godinichaa saganticharratti hirmaatan obbo Sisaayi Wandimmuu, sagantaalee biqiltuu waggaa waggaan dhaabuuf qophaa’anirratti hirmaachaa turuu ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun lafti miidhame akka bayyanatu kan godhuu fi oomishtummaa kan dabalu waan ta’eef akkuma waggoottan darbanii baranas biqiltuu dhaabuurratti akka hirmaatan dubbataniiru. Obbo Huseena Kabbadaa biqiltuuwwan dhuunfaa fi waloon dhaabaman irratti gumaacha isaanii taasisaa akka jiran eeraniiru. Hojiilee misooma magariisaa waggoottan darban raawwatamaniin naannoon isaanii jjjiiramaa dhufuu, oomishtummaan fooyya’aa waan jiruuf baranas hirmaannaasaanii akka cimsan ibsaniiru. Bulchaan aanaa Allee Yohaannis Kabbadaa gamasaaniin sagantaa ashaaraa magariisaan aanichatti muduraawwan Avokaadoo, Muuzii dabalatee biqiltuuwwan faayidaa dinagdee qabaniif xiyyeeffannoon kennamee akka dhaabamu dubbataniiru. Biqiltuu dhaabuun dhaloota boruu hubannoo keessa galchuun waan ta’eef sagantaa ashaaraa magariisaa gannaatiin biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban akka dhaabaman kan ibsan ammoo bulchaa godina Iluu Abbaa Boor Indaalkaachoo Tafariidha.   Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “dhaabuun bayyanachuu” jedhuun gaggeeffamuun biqiltuuwwan lafa miidhaman bayyanachiisanii fi faayidaa dinagdee qabaniif xiyyeeffannoon nitaasifama jedhaniiru. Saganticharratti kan argaman komishinariin komishinii manneen sirreessaa naannoo Oromiyaa Shaafii Huseen, biqiltuu dhaabuun madaallii uumamaa eeguu fi naannawa oomisha kennu uumuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojii waggoottan darban hojjetamaniin naannawoonni hedduu miidhaman bayyanatanii magariisatti jijjiiramaniiru jedhaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin hawaasni biqiltuuwwan naannawa jijjiiruu fi faayidaa dinagdee mirkaneessuu danda’an dhaabee akka kunuunsu ergaa dabarsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 11716
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015