ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Guraandhala 14 irraa eegalee talaalliin ittisa pooliyoo biyyaalessaa nikennama-ministeera Fayyaa
Feb 18, 2025 13
Guraandhala 11/2017(TOI)- Guraandhala 14 irraa eegalee duulli talaallii ittisa pooliyoo biyyaalessaa qindaa’aan akka kennamu ministeerri Fayyaa beeksise. Dhukkubni pooliyoo daa’imman waggaa shanii gadii irratti babal’achaa waan jiruuf talaalliin kun yeroo yeroon nilennama. Talaallii dhukkuba Pooliyoo ilaalchisuun ministeerri fayyaa har’a ogeeyyota miidiyaaf waltajjii hubannoo uumu adeemsiseera. Ministeerra Fayyaatti ogeessi sagantaa talaallii obbo Masfin Kaasayee akka jedhanitti, Guraandhala 14/2017 irraa eegalee guyyoota afur walitti aansuun duulli talaallii Pooliyoo ni’adeemsifama. Marsaa jalqabaan naannolee 10 keessatti daa’imman miiliyoona 14 ta’an talaaluun karoorfamuu ibsaniiru. Marsaan tokkoffaa erga xumuramee baatii tokko booda duulli marsaa lammaffaa naannolee hafan keessatti akka itti fufu ibsaniiru. Talaallichi manaa-manatti, manneen barnootaa, oolmaa daa’immanii fi dhaabbilee fayyaa keessatti tolaan akka kennamu eeraniiru. Duulli kun hawaasa bira akka gahu miidiyaaleen idirqama ogummaasaanii akka bahanwaamicha taasisaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI#Itiyoophiyaa#pooliyoo
Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Ruusiyaa Finfinnee dhufan
Feb 18, 2025 19
Guraandhala 11/2017(TOI)- Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Ruusiyaa Valentiinaa Matviyeenkoo daawwannaa hojiif Finfinnee dhufaniiru. Af-yaa’iin Matviiyenkoo fi jillisaanii buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee wayita gahan gitnisaanii Itiyoophiyaa obbo Aganyoo Tashaagar simataniiru. Jilli guyyaa lamaaf Itiyoophiyaa turu kun hooggantoota mootummaa olaanoo waliin marii fi daawwannaa akka taasisu ni’eegama.
Naannoo Amaaraatti bajanni gaaffii ummataa deebisuuf ramadame kaayyoo qabameef akka oolu to’annaan taasifamaa jira
Feb 18, 2025 17
Guraandhala 11/2017(TOI)- Naannoo Amaaraatti bajanni gaaffii ummataa deebisuuf ramadame kaayyoo qabameef akka oolu hordoffiin, to’annaa fideeggarsi taasifamaa akka jiru biiroon maallaqaa naannichaa beeksise. Biirichi raawwii baatii jahaa karoora bara bajataa 2017 magaalaa Daseetti qorachaa jira. Hoogganaan biirichaa Dr. Xilahun Mahaarii waltajjicharratti akka ibsanitti,bara bajataa kana gaaffii misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummataa deebisuuf bajanni birrii biiliyoona 150 caalu mana mareen ragga’eera. Bajanni kun kaayyoo akeekameef faaidaarra akka oolu hordoffii, to’annaa fi deeggarsi taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Hordoffii fi to’annoo kanaanis rakkooleen itti fayyadama bajataa waggoottan darban turan fooyya’uu dubbataniiru. Bajata ramadame keessaa amma ammaatti birriin biiliyoona 32 caalu hojiirra ooluu kan dubbatan hoogganaan biiroo kun, naannichatti argannoo Odiitii keessaa harki 79 akka deebi’u taasifamuusaa ibsaniiru. Minseensota hooggansaa naannoo, godinaa fi aanaa dabalatee qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.
Barri Hojii Komishinii Maree Itiyoophiyaa waggaa tokoof dheerate
Feb 18, 2025 20
Guraandhala 11/2017(TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa RDFI yaa’ii ariifachiisaa 1ffaa bara hojii 4ffaa taa’een raawwii hojii waggaa sadii komishinichaa erga qoratee booda waggaa dabalataa tokoof akka dheeratu murteesseera. Komishinichi bara 2014 irraa eegalee waggoota sadian darban dhimmoota biyyaa ijoorratti marii taasifamuuf hirmaattota adda baasuu fi ajandaa walitti qabaa tureera. Barri hojii komishinichaa xumuramuuf guyyoonni sadii qofti waan hafaniif manni marichaa waggaa tokkoof akka dheeratu murteesseera. Walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatuu Allanee yaada murtoo barri hojii komishinichaa akka dheeratu gaafatu dhiheessaniiru. Komishinichi hojii hafan akka xumuru waggaan tokko dabalameeraaf. Yaanni murtoo kun sagalee caalmaan ragga’eera.
Hubannoo waloo qabsiisuun faayidaa biyyaalessaa gama kabachiisuun qoonni dhabbile barnoota olaanaa guddaadha
Feb 18, 2025 18
Guraandhala 11/2017 (TOI)- Hubannoo waloo qabsiisuun faayidaa biyyaalessaa kabachiisuun fi walitti hidhamiinsa qaxanaa cimsuun qoonni dhabbile barnoota olaanaa guddaa ta’uun ibsame. Mariin Paanaalii Yuunivarsiitiin Samaraa ministeera nageenyaa waliin ta’uun mata duree “faayidaalee biyyaalessaa keenyaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa fayyadama ummataa madaalawaaf” jedhuun qopheesse taa’amaa jira. Mana maree bakka bu’oota ummataatti minseensi koree dhaabbataa nageenyaa fi hariiroo alaa adde Wubatee Taaddagee waltajjicha wayita banan akka jedhanitti, “nageenyi waaraa fi tasgabbiin kan jiraatu dhimmoota waloorratti hubannoo walfakkaataan yoo jiraatedha”. Akka biyyaa fi lammii tokkootti ummata abjuu, ibsituu, yaaddoo, fayidaa fi duudhaalee waloo kan qabnu waan ta’eef hubannoo waloo gabbifachuun faayidaalee biyyaalessaa keenya nama hunda qabsiisuu qabna jedhaniiru. Keessumaa ammoo dhaabbileen barnoota olaanaa qooda guddaa bahuu akka qaban hubachiisaniiru. Hojiin Itiyoophiyaan biyyoota Afriikaa waliin misoomuu fi guddachuuf hojjechaa jirtu walitti hidhamiinsa qaxanaa cimsuun fayyadama ummataa guddisuu iddoo guddaa akka qabu ibsaniiru. Yuunivarsiitii Samaraatti itti aanaa pirezidaantii dhimmoota akkadaami Dr. Abduraahimaan Kadir gamasaaniin, dhimoota faayidaalee biyyaalessaa biyya keenyaa eegsisuu fi itti fufsiisuu dandeessisanirratti ni mari’atama jedhaniiru. Ministeera nageenyaatti hoogganaan deeskii waliigaluu biyyaalessaa obbo Gazzaaheny Xilahuun dabalatee barsiiftonni, hojjettoonni bulchiinsaa fi barattoonni akkasumas keessummoonni waltajjicharratti hirmaachaa jiru.
Siyaasa

Dh.M.G fi gamtaan Awurooppaa tumsa waloo Itiyoophiyaa waliin qaban cimsanii akka itti fufan ibsan
Feb 17, 2025 61
Guraandhala 10/2017(TOI)- Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi gamtaan Awurooppaa tumsa waloo gamlamee fi qaxanaa Itiyoophiyaa waliin qaban cimsanii akka itti fufan beeksisan. Ministirri dhimmi alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos gargaartuu barreessituu olaanaa ijaarsa nageenyaa fi dhimmoota siyaasaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Roozmarii Dii Kaarloo fi gamtaa Awurooppaatti bakka bu’aa addaa gaanfa Afriikaa Dr. Annetoo Weber waliin waajjirasaaniitti mari’ataniiru. Ministirichi turtii gargaartuu barreessituu olaanaa waliin taasisaniin dhimma Itiyoophiyaa fi qaxanaa wayitaawaa ibsaniiruuf. Adeemsi marii biyyaalessaa gaariirra akka jiru Ministirichi ibsanii, ummanni Itiyoophiyaas hordofaa fi deeggaraa jira jedhaniiru. Dhimmoota qqaxanaan walqabatee carraaqqii Sudaanitti nageenya waaraa buusuuf taasifamu keessatti Itiyoophiyaan deeggarsa akka taasiftu himaniiru. Hariiroon Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa guddaa fooyya’aa dhufuusaa ibsanii, rakkoolee qaxanaa marii qofaan furuun akka danda’amu dubbataniiru. Gargaartuun barreessituu olaanaa ijaarsa nageenyaa fi dhimmoota siyaasaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Roozmarii Dii Kaarloo gamasaaniin, carraaqqii Itiyoophiyaan biyya keessattis ta’e qaxanichatti nagaa buusuuf taasiftuuf dhaabbatichi deeggarsa isaa akka cimsu ibsaniiru. Karaa walfakkaatuun Dr. Geediyoon gamtaa Awurooppaatti bakka bu’aa addaa gaanfa Afriikaa Dr. Anneet Weber waliin dhiimmoota gaanfa Afriikaa fi naannawaa irratti mari’ataniiru. Hariiroon Itiyoophiyaa fi Somaaliyaas guddaa fooyya’aa dhufuusaas ibsaniiru. Sudaanitti nagaa waaraa buusuuf carraaqqii taasifamaa jiruuf Itiyoophiyaan deeggarsa taasiftu cimstee akka itti fuftu dubbataniiru. Gamtichi dhimmoota qaxanaa fi naannawaa irratti Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuu akka itti fufu ergamtuun addaa kun ibsuusaanii ibsuusaanii odeeffannoon ministeera alaarraa argame nimul’isa.
Itiyoophiyaan hariiroo gamlamee Siingaapoor waliin qabdu bal’isuuf kutannoo qabdi-Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa
Feb 17, 2025 55
Guraandhala 10/2017(TOI)- Itiyoophiyaan hariiroo gamlamee garagaraa Siingaapoor waliin qabdu bal’isuuf akka hojjettu de’eetaan ministira dhimma alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa ibsan. Ambaasaaddarichi Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Siingaapoor Siibraajaan waajjira isaaniitti simatanii mari’ataniiru. Itiyoophiyaan hariiroo gamlamee Siingaapoor waliin qabdu siyaasaa fi dinagdeen keessumaa daldala, Invastimantii fi cehumsa teeknooloojiin caalaatti cimsuuf kutannoo akka qabdu ibsaniiru. Ambaasaaddar Siibraajaan gamasaaniin, Itiyoophiyaan teessoo dhaabbilee hedduu waan taateef Finfinneen magaalaa sochiin dippilomaasii hedduun keessatti adeemsifamu ta’uushee dubbataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhiheenya Siingaapoor daawwachuunsaanii hariiroo biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf kutannoo jiru kan mirkaneessedha jedhan ambaasaaddarichi. Ministir de’eetaan kun, hariiroo biyyoonni lamaan waltajjii biyyoota hedduun qaban caalaatti cimsuuf waliigaluusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.
Tumsi Itiyoophiyaa fi Yuunaayitid Kingidam guddachaa dhufeera-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Feb 17, 2025 59
Guraandhala 10/2017(TOI)- Tumsi Itiyoophiyaa fi Yuunaayitid Kingidam guddachaa dhufeera jedhan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan ministira muummee ergaa fuula marsariitii isaaniirratti barreessaniin gita isaanii Yuunaayitid Kiingidam Anjelaa Reeyiner waliin ta’uun inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa daawwachuusaanii ibsaniiru. Daawwannaan itti aantuu ministira muummee Yuunaayitid Kiingidam Anjelaa Reeyiner tumsui biyyoota lamaan jidduu jiru guddachaa dhufuu isaaf agarsiiftuudha jechuun ibsaniiru. Biyyoonni lamaan hubannoo nam-tolchee dabalatee teeknooloojii fi dameelee tumsa biroo irratti waliin hojjechuun akka danda’amu marii bu’a qabeessa taasisuu isaanii dubbataniiru. Itiyoophiyaa fi Yuunaayitid Kingidam michooma cimaa waggoota dheeraa Lakkoofsise akka qaban eeraniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad itti aantuu ministira Muummee Ingiliiz waliin mari’atan
Feb 17, 2025 68
Guraandhala 10/2017(TOI)- Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad itti aantuu ministira Muummee Ingiliiz Anjela Reeyiner waliin mari’ataniiru. Guyyaa har’aa itti aantuu ministira Muummee Ingiliiz Anjela Reeyiner waliin dhimmoota gamlamee fi biyyoota hedduu ijoo ta’anirratti mari’adheera jechuun fuula marsariitii isaaniirratti barreessaniiru. Itiyoophiyaa fi Ingiliiz seenaa dheeraa fi hariiroo gadi fageenyaa qabu kan jedhan ministirri muummee, daawwannaan itti aantuu ministira muummee kun hariiroo kana caalaatti nicimsa jedhan. Fuuldura yoo ilaallu, tumsi keenya siyaasaa fi dippilomaasiin olitti bal’achuun tumsa daldalaa fi dinagdee nidabalata jechuu ibsaniiru.
Manni maree ministirootaa walgahii idilee 42ffaa har’a taa’een dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtoo dabarse
Feb 17, 2025 61
Guraandhala 10/2017(TOI)- Manni maree ministirootaa walgahii idilee 42ffaa har’a taa’een dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtoo dabarseera. Haala Kanaan- 1.Jalqabarratti manni marichaa wixilee labsii hooggansa hojii yaaddoo balaa Itiyoophiyaa irratti mari’ateera. Labsichi riifoormii dhaabbaticha keessatti eegalame hojiitti jijjiiruun aadaa wal deggarsaa ummata Itiyoophiyaa gabbisuu fi humna ofiin gargaaramuu jalaa guutummaatti bahuu jiddu galeessa godhachuun lammiilee miidhaa balaaf saaxilamaniif qajeelfamoota deeggarsa namoomaa, sagantaawwan misooma egeree fi nageenya buusuu wajjin walitti hidhuun miidhaa hawaasummaa, dinagdee fi hamilee hir’isuu kan dandeessisudha.Manni marii dhimmoota kanarratti bal’inaan erga mari’atee booda galteewwan itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera. 2. Manni marichaa itti aansuun wixinee dambiiwwanii dhaabbilee hundeessuuf bahan sadii irratti mari’ateera. Dambiin Yuunivarsiitii ittisaa Itiyoophiyaa hundeessuuf bahe Yuunivarsiitichi galmasaa milkeessuuf sirreeffamoota gurmaa’insaa fi jijjiiramoota hojmaataa gochuuf, garee Hoospitaala rifaraalaa speeshaalaayizdii ittisaa fi danbii jiddu galeessa diyaaginoostiikii ittisaa hundeessuuf bahe dhaabbatichi fedhii waldhaansa ga’oomaa, diyaaginoostiikii fi tajaajiloota wal fakkaatan guutuuf, akkasumas waldhaanamtoonni waldhaansa fooyya’aa barbaacha biyya alaa deeman biyya keessatti tajaajila akka argatan akkasumas danbiin garee industrii injiinariingii ittisaa hundeessuuf bahe hojii fi itti gaafatama dhaabbatichaa tumuun guddina biyyaaf qoodasaa akka bahatu gochuuf hammattoo seeraa ta’ee akka tajaajiluuf dhihaateera. Manni marees wixinee danbii dhihaata irratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun guyyaa gaazexaa magalataa irratti maxxanfamee baherraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

Hawaasummaa
Guraandhala 14 irraa eegalee talaalliin ittisa pooliyoo biyyaalessaa nikennama-ministeera Fayyaa
Feb 18, 2025 13
Guraandhala 11/2017(TOI)- Guraandhala 14 irraa eegalee duulli talaallii ittisa pooliyoo biyyaalessaa qindaa’aan akka kennamu ministeerri Fayyaa beeksise. Dhukkubni pooliyoo daa’imman waggaa shanii gadii irratti babal’achaa waan jiruuf talaalliin kun yeroo yeroon nilennama. Talaallii dhukkuba Pooliyoo ilaalchisuun ministeerri fayyaa har’a ogeeyyota miidiyaaf waltajjii hubannoo uumu adeemsiseera. Ministeerra Fayyaatti ogeessi sagantaa talaallii obbo Masfin Kaasayee akka jedhanitti, Guraandhala 14/2017 irraa eegalee guyyoota afur walitti aansuun duulli talaallii Pooliyoo ni’adeemsifama. Marsaa jalqabaan naannolee 10 keessatti daa’imman miiliyoona 14 ta’an talaaluun karoorfamuu ibsaniiru. Marsaan tokkoffaa erga xumuramee baatii tokko booda duulli marsaa lammaffaa naannolee hafan keessatti akka itti fufu ibsaniiru. Talaallichi manaa-manatti, manneen barnootaa, oolmaa daa’immanii fi dhaabbilee fayyaa keessatti tolaan akka kennamu eeraniiru. Duulli kun hawaasa bira akka gahu miidiyaaleen idirqama ogummaasaanii akka bahanwaamicha taasisaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI#Itiyoophiyaa#pooliyoo
Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Hooggantuu jiddugaleessa misooma imaammataa godaantota idil addunyaa waliin mari’atan
Feb 18, 2025 15
Guraandhala 11/2017(TOI)- De’eetaan ministira dhimma alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Hooggantuu jiddugaleessa misooma imaammataa godaantota idil addunyaa Moniikaa Zannetee waliin mari’atan. Marii kanaanis tumsa waloo dhimma godaantotaa irratti qaban ilaalchisuun mari’atiiru. Haala wal fakkaatuun jiddugaleessi imaammata misoomaa godaantota idil addunyaa haala Itiyoophiyaatti biiroo banuuf dandeessisurratti mari’achuusaanii odeeffannoon miisteericharraa argame nimul’isa.
Afriikaatti dhukkuba Sombaa to’achuuf tumsi biyyoota miseensaa cimuu qaba
Feb 18, 2025 26
Guraandhala 11/2017(TOI)- Afriikaatti dhukkuba Sombaa to’achuuf tumsi biyyoota miseensaa cimuu akka qabu jedhameera. Waltajjiin maree Neetwoorkii Afriikaatti dhukkuba Sombaa to’achuu dandeessisu kan waggaa Finfinneetti taa’amaa jira. Itiyoophiyaa dablatee bakka bu’oonni biyyoota kibbaa Afriikaa, Baha Afriikaa, Lixa Afriikaa fi Jiddugaleessaa Afriikaa 22 maree tumsa biyyoota miseensaa cimsuun dhukkuba Sombaa to’achuun danda’amurratti taasifamaa jiru kanarratti hirmaataniiru. Walgahicharraatti kan hirmaatan de’etaan ministira Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa, Mootummaan Itiyoophiyaa carraaqqii dhukkuba Sombaa to’achuuf taasifamu deeggaruuf kutannoo akka qabu ibsaniiru. Qorannoowwan taasisuuf rakkoo bajataa mudachaa jiru furuuf biyyoonni miseensaa qabeenya biyya keessaa walitti qabuuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Marii Kanaan muuxannoo walii qooduun, muuxannoon gaariin akka qindaa’u, tumsi daangaa cehu akka cimuu fi adeemsi qindoominaa qoratamuu akka qabu dubbachuusaanii odeeffannoon ministeera fayyaarraa argame nimul’isa.
Qulqullina Tajaajila Fayyaa Naannichaa Fooyyessuuf xiyyeeffannoon Taasifameera
Feb 17, 2025 51
Guraandhala 10/2017 (TOI)-Qulqullinaa fi bu’a qabeessummaa Tajaajila Fayyaa Naannoo Sidaamaa Fooyyessuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise. Biirichi hooggantoonni Biioo fi godinaalee bakka argamanitti Ambulaansotaa 10 fi Doqdoqqeewwan38 ministeera fayyaa harkaa fudhate aanaalee naannichaaf dabarseera. Hooggantuun Biiroo Fayyaa naannichaa Dr. Salaamaawiit Mangashaa akka jedhanitti, naannichatti qulqullinaa fi bu’a qabeessummaa tajaajilaa fooyyessuuf sosochiin “Bu’aa fi qulqullinaaf haa hojjennu” jedhu naannicha keessatti hojjetamaa tureera. Carraaqqiiwwan bu’a qabeessummaa fi qulqullina tajaajila dhaabbilee Fayya fooyyessuuf taasifaman keessaa galtee guuttachuu fakkeenyaaf kaasaniiru. Ambulaansonnii fi Doqdoqqeewwan ministeera fayyaarraa argaman kunneen du’a balaa tasaan mudatu hir’isuuf akka deeggaran ibsaniiru. Bulchaan godina jiddu galeessa Sidaamaa obbo Mangistuu Maatewoos akka jedhanitti, deeggarsi kun tajaajila Fayyaa bu’a qabeessaa fi qulqulluu gama gochuun faayidaa guddaa qaba.
Diinagdee
Naannoo Amaaraatti bajanni gaaffii ummataa deebisuuf ramadame kaayyoo qabameef akka oolu to’annaan taasifamaa jira
Feb 18, 2025 17
Guraandhala 11/2017(TOI)- Naannoo Amaaraatti bajanni gaaffii ummataa deebisuuf ramadame kaayyoo qabameef akka oolu hordoffiin, to’annaa fideeggarsi taasifamaa akka jiru biiroon maallaqaa naannichaa beeksise. Biirichi raawwii baatii jahaa karoora bara bajataa 2017 magaalaa Daseetti qorachaa jira. Hoogganaan biirichaa Dr. Xilahun Mahaarii waltajjicharratti akka ibsanitti,bara bajataa kana gaaffii misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummataa deebisuuf bajanni birrii biiliyoona 150 caalu mana mareen ragga’eera. Bajanni kun kaayyoo akeekameef faaidaarra akka oolu hordoffii, to’annaa fi deeggarsi taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Hordoffii fi to’annoo kanaanis rakkooleen itti fayyadama bajataa waggoottan darban turan fooyya’uu dubbataniiru. Bajata ramadame keessaa amma ammaatti birriin biiliyoona 32 caalu hojiirra ooluu kan dubbatan hoogganaan biiroo kun, naannichatti argannoo Odiitii keessaa harki 79 akka deebi’u taasifamuusaa ibsaniiru. Minseensota hooggansaa naannoo, godinaa fi aanaa dabalatee qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.
Gamoo abbaa darbii 9 lama kan manneen jireenyaa 192 qaban jiraattotaaf dabarsineerra-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Feb 18, 2025 15
Guraandhala 11/2017(TOI)- Gamoo abbaa darbii 9 lama kan manneen jireenyaa 192 qaban ‘Mandara Jireenyaa Baggoonnatitti” dadhabootaa fi sababa misoomaa kaafamaniif har’a dabarsineerra jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee. Hojii Keenya namarratti xiyyeeffateen haqa hawaasummaa buusuuf hojjechaa jirruun mandara Jireenyaa ‘Baggonnatitii’ manneen jireenyaa qofa osoo hinta’iin bakka daa;imni itti taphatan, warshaa bidden tolchu, carraalee hojii hojii rifeensaa fi uffata hodhuu ofkeessaa qaban akkasumas kabaja namaa kan madaalu naannawa qulqulluu fi miidhagaadha. Manneen har’a jiraattotaaf dabarsine cinaa keenya kan dhaabate hooggantootaa fi hojjettoota Miidirook Invastimant Giruup maqaa jiraattotaa fi maqaa kootiin nan galateeffadha.
Hojiin misooma Kooriidarii Harar qulqullinaa fi si’aayinaan akka xumuramu hundi qoodasaa bahuu qaba
Feb 17, 2025 38
Guraandhala 10/2017(TOI)- Hojiin misooma Kooriidarii magaalaa Hararitti hojjetamaa jiru qulqullinaa fi si’aayinaan akka xumuramu hundi qoodasaa bahuu akka qabu bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badrii ibsan. Hojiin misooma Kooriidarii ‘land Mark’ Istaadiyeemii irraa amma Harar Barritti hojjetamu jalqabamuusaa bulchaan kun dubbataniiru. Kooriidarichi qulqullinaa fi yeroo gabaabaatti akka xumuramu hundi keenya qooda keenya akka baanu waamichan taasisa jechuusaanii odeeffannoon waajjira komunikeeshinii naannichaa nimul’isa.
Itiyoophiyaan marii miseensa dhaabbata daldalaa idil addunyaa ta’uuf taasisaa jirtu xumuruuf qophii gahaa taasifteetti-Dr. Kaasahuun Goofee
Feb 17, 2025 41
Guraandhala 10/2017(TOI)- Itiyoophiyaan yoomiyyuu caalaa marii miseensa dhaabbata daldalaa idil addunyaa ta’uuf taasisaa jirtu xumuruuf qophii gahaa taasisuushee ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannoo Dr. Kaasahuun Goofee ibsan. Ministira daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannoo Dr. Kaasahuun Goofee dabalatee miseensonni koree mari’ataa dhaabbata daldala addunyaa Itiyoophiyaa daarektara dhaabbata daldala addunyaa Nigoozii Okoonjoo waliin mari’ataniiru. Ministirichi marii taasifame ilaalchisuuf miidiyaaleef ubsa kennaniiru. Itiyoophiyaan adeemsa maree miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf taasifamu xumuruuf karoorsitee hojjechaa jiraachuushee daarektara olaantuu kana waliin mariin taasifamuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf waggaa 23 dura mariin eegalamuu yaadachiisanii, amma ammaatti mariiwwan garee hojiirra afur taasisuushee dubbataniiru. Walgahii garee hojiirraa shanaffaa Bitootessa dhufu Jenevaatti taasifamuuf qophii gahaa taasisuushee dubbataniiru. Gaaffiiwwan biyyoota garagaraa irraa dhihaataniif deebiin kennamaa akka jiru eeranii, keewwattoonni 18 qophaa’anii dhihaachuusaanii ibsaniiru. Daarektarri olaantuu dhaabbata daldala addunyaa Nigoozaa Okoonjoo Itiyoophiyaan miseensa dhaabbata daldala addunyaa akka taatu deeggarsa isaanirra eegamu kamiyyuu kan taasisan ta’uu mirkaneessuu isaanii ministirichi ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Magaalaa Jimmaa Smaart siitii gochuuf waliigalteen mallatteeffame
Feb 18, 2025 12
Guraandhala 11/2017 (TOI)-Magaalaa Jimmaa jiraattotaaf mijataa taasisuu fi kenniinsa tajaajilaa si’achiisuuf wliigalteen “Pirojektii Smaart Siitii” mallatteeffameera. Waliigaltichi Itiyoo-Telekoom fi bulchiinsa magaalaa Jimmaa jidduutti mallatteeffameera. Guyyaa kaleessaa neetwoorkii Mobayilii dhaloota shanaffaa (5G) magaalaa Jimmaatti kan jalqabsiise Iyiyoo-Telekoom har’ammo Jimma Smaart Siitii gochuuf waliigaleera. Pirojektichi kenniinsa tajaajilaa bulchiinsa magaalichaa nimijeessa, bulchiinsa odeeffannoo nisi’achiisa, damee nageenyaa fi geejjibaa fooyyessuuf nigargaara jedhameera. Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo-Telekoom Fireehiywoot Taammiruu, kaampaanichi hojii magaalaa Jimmaa ammayyeessuuf taasifamuuf kan irraa eegamu niraawwata jedhan. Itiyoo-Telekoom bu’ura misoomaa Telekoomii fi Infoormeeshin Komunikeeshinii qindaa’aa dhiheessuuf akka hojjetu himaniiru. Kantiibaan magaalaa Jimmaa Obbo Xaahir Qamar gamasaaniin, magaalaa Jimmaa “Smaart Siitii” gochuuf waliigalteerra akka gahame dubbataniiru. Magaalaan Jimmaa bu’ura misoomaa fooyya’aa akka qabaattu, nageenyii fi tasgabbiinshee kan mirkanaa’e akka ta’u dijitaal teeknooloojiitti fayyadamuunshee sirrii ta’uu kaasaniiru.
Itiyoo Telekoom Neetwoorkii Moobaayilii dhaloota shanaffaa magaalaa Jimmaatti Jalqabsiise
Feb 17, 2025 37
Guraandhala 10/2017(TOI)- Itiyoo Telekoom tajaajila Neetwoorkii Moobaayilii dhaloota shanaffaa har’a magaalaa Jimmaatti Jalqabsiise. Hojii raawwachiiftuu olaantuun Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu fi miseensonni hooggantoota olaanaa kaampaanichaa akkasumas hooggantoonni olaanaa magaalaa Jimmaa fi godina Jimmaa fi maamiltoonni tajaajilichaa sagantaa jalqabsiisaa irratti argamaniiru. Hojii raawwachiiftuun olaantuu kun wayita kana akka jedhanitti, kaampaanichi tajaajila isaa fooyyessuun dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf imalarratti argama. Tajaajilli neetwoorkii dhaloota shanaffaa tajaajila neetwoorkii si’ataa ta’uu kaasanii, Finfinnee dabalatee magaalota Itiyoophiyaa 12 keessatti tajaajila kennaa jira. Tajaajilli neetwoorkii Moobaayilii(5G) maamiltoonni tajaajila si’ataa yeroo waliin deemu akka argatan dandeessisa jedhaniiru. Tajaajilli Neetwoorkii moobaayilii dhaloota shanaffaa har’a magaalaa Jimmaatti jalqabame hojiiwwan hawaasummaa fi dinagdee magaalaa Jimmaa fi naannawasheetti hojjetaman aala fooyya’een raawwachuuf kan gargaarudha jedhaniiru.
Appilikeeshiniin tajaajiloota Faayidaa bakka tokkotti qabate ifoome
Feb 13, 2025 97
Guraandhala 6/2017(TOI)- Saganraan waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Appilikeeshinii tajaajiloota Faayidaa bakka tokkotti qabate har’a ifoomseera. Appilikeeshiniin kun ogeeyyota dhaabbatichaan hojjetamuunsaa kan ibsame yoo ta’u siistanoota oppireetiingii Andirooyidii fi IOS’n har’a lammiileef ifa taasifameera. Gorsaan komunikeeshinii tarsiimoo sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalesaa Abeenezer Fallaqee, appilikeeshiniin ifoome kun yaalii fi mirkaneessi nageenyaa kan taasifameef ta’uu dubbataniiru. Appilikeeshiniin moobaayilii ifoome kun tajaajiloota waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaa hawaasni argatu teeknooloojiin deeggaramee karaa si’ataa ta’een fayyadamuuf nidandeessisa jedhan. Appilikeeshinichi lakk. Faayidaa bade ykn osoo abbaa hinqaqqabiin hafe deebisanii argachuuf, waraqaa enyummaa dijitaalaa faayidaa kaardiin maxxansiisuun qabachuu fi maxxansa kaardii gaafachuuf nidandeessisa. Kana malees waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaa argachuuf wayita qaama dhimmi ilaaluun galmooftan odeeffannoo dogoggoraa yoo jiraate bilbilasaaniirratti sirreessuun kan itti danda’amudha.
Itiyoo-Telekoom Teeknooloojiiwwan baatirii konkolaattotaa battalatti guutan ifoomse
Feb 11, 2025 122
Guraandhala 4/2017(TOI)- Itiyoo-Telekoom Teeknooloojiiwwan baatirii konkolaattotaa battalatti guutan sadii ifoomse. Buufanni teeknooloojiiwwan itti hojeeffaman karaa humna ittiin dabarsu kan mataasaa kan qophaa’ef yoo ta’u, innis Finfinnee daandii magganaanyaarraa Boolee geessu naannawa Impeeriyaalitti argama. Teeknooloojiiwwan kunneen sadarkaalee idil addunyaa kan guutanii fi yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaa keessatti kan hojiirra oolanidha jedhan hojii raawwachiiftuun olaantuu Itiyoo-Telekoom Fireehiywoot Taammiruu . Teeknooloojiiwwan kanneen keessaa Baatirii konkolaataa kan guutu kan Altiraa faast jedhamiin beekamu anniisaa k.m tokko deemuu dandeessisu sakondii tokkotti kan guutu ta’uu dubbataniiru. Dabalataanis teeknooloojiin Suuppar faast jedhamu daqiiqaa 10 amma daqiiqaa 30tti annuusaa guutuu akka dandeessisudha jedhaniiru. Teeknooloojiin anniisaa guutu inni biraan anniisaan wayita addaan citu karaa teeknooloojiiwwan pooliiwwan buufata anniisaa dabarsan keessa dhaabaman irratti maxxanfamanii salphaatti anniisaa kennuu kan dandeessisan akka ta’e ibsaniiru.
Ispoortii
Waltajjiin raawwii karoora walakkaa waggaa ministeerichaa qoratu Magaalaa Hawaasaatti taa’amaa jira
Feb 13, 2025 112
Guraandhala 6/2017(TOI)- Waltajjiin raawwii karoora walakkaa waggaa ministeera Aadaa fi Ispoortii qoratu Magaalaa Hawaasaatti taa’amaa jira. Ministirri aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa dabalatee de’eetaawwan ministiraa,hooggantoonno sektarichaa naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalota lamaanii, Komishiranoonni, pirezidaantonni federeeshinichaa fi qaamoleen dhimmiilaalu bioon yaa’icharratti argamaniiru. Gabaasni raawwii karoora walakkaa waggaa dhihaatee mariin kan taasifamu yoo ta’u kallattiiwwan hojii fuul duraa irratti akka mari’atamu beekameera.
Watajjiin Akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaa irratti mari’atu taa’amaa jira
Feb 10, 2025 141
Guraandhala 03/2017 (TOI)- Watajjiin Qooda Fudhattootaa Akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaa irratti mari’atu magaalaa Arbaa Miincitti taa’amaa jira. Ministira Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa dabalatee hooggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoo, miseensonni koree dhaabbataa mana maree bakka bu’oota ummataa fi qaamoleen qooda fudhattootaa hawaasa Ispoortii waltajjii guyyoota lamaaf turu kanarratti argamaniiru. Hojii raawwachiisaan hariiroo ummataa fi komunikeeshinii Akkaadaamichaa obbo Alaamirroo Maammoo yaada TOI’f kennaniin, waltajjiin kun imala akkaadaamichaa waggaa 10nii qorachuun kallattii gara fuula duraa kaa’uuf kan qophaa’edha jedhaniiru .Haala Kanaan sanadoonni sadii mata dureewwan bu’a qabeessummaa ergama waggaa 10nii dhaabbatichaa, bu’a qabeessummaa fi faayidaa leenjifamtootaa fi beekumsi bu’uraa Ispoortii Itiyoophiyaa leenjiftootaaf jedhan dhihaatanii nimari’atama jedhaniiru. Akkaadaamichi Ispoort essitoota dargaggoota dorgommiiwwan biyyaalessaa fi idil addunyaaf qaamaa fi sammuun cima akkasumas naamusaan guutaman horachuuf akeekatee hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Dabalataanis dameelee Ispoortii garagaraan ogeeyyotaaf leenjii gabbisa dandeettii kennuun fi qu’annoo fi qorannoo taasisaa akka jiru eeranii waltajjichu bu’aarratti xiyyeeffatee nimari’ata jedhaniiru.
Dorgommii Walakkaa Maaraatoonii Dubaayiin Atileet Yaalemzarf Yehuwaalaawu mo’atte
Feb 9, 2025 164
Guraandhala 2/2017(TOI)- Dorgommii Walakkaa Maaraatoonii Dubaayiin Atileet Yaalemzarf Yehuwaalaawu mo’atte. Atileet Yaalemzarf Yehuwaalaawu sa’aatii 1:07.09’n galuun tokkoffaa ta’uun dorgommicha xumuruushee odeeffannoon federeeshinii Atileetiksii nimul’isa.
Sagantaan xumuraa dorgommii Ispoortii Ayyaana guyyaa Poolisii Itiyoophiyaa 116ffaa sababeeffachuun adeemsifamaa ture adeemsifamaa jira
Jan 12, 2025 604
Amajjii 4/2017(TOI)- Sagantaan xumuraa dorgommii Ispoortii Ayyaana guyyaa Poolisii Itiyoophiyaa 116ffaa sababeeffachuun adeemsifamaa ture adeemsifamaa jira. Komishinar Jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el, de’eetaan ministiraa aadaa fi Ispoortii Makkiyyee Mahaammad akkasumas hooggantoonni olaanoo poolisii federaalaa fi keessummoonni afeeraman sagantaa Istaadiyeemii Finfinneetti adeemsifamaa jirurratti argamaniiru. Dorgommii yaaddannoo hundeeffamaa Mudde 22 irraa eegalee guyyoota 12 darbaniif adeemsifamaa jiru kanarratti Ispoortessitoonni 640 akaakuu Ispoortii shaniin hirmaataniiru. Dorgommichi har’a wayita xumuramu hooggantoota tarsiimawaa poolisii federaalaa jidduutti taphni kubbaa miilaa michoomaa taasifameera. Dorgommiiwwan taphoota xumuraa Ispoortii addaddaa har’a nidorgomamu. #Ethiopia #Ethiopian_news_agency #federalpolice
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Yaa’iin idil addunyaa misooma jallisii fi oomishtummaa jijjiirama haala qilleensaaf hinmiidhamnee taa’amaa jira
Feb 12, 2025 106
Guraandhala 5/2017(TOI)- Yaa’iin idil addunyaa misooma jallisii fi oomishtummaa jijjiirama haala qilleensaaf hinmiidhamne kan Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf keessummeessitu Finfinneetti eegalameera. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, ministirri muummee Itiyoophiyaa duraanii Hayilamaariyam Dassaaleny, ministirri jallisii fi naannawa gammoojjii Dr. Abrahaam Balaay,hooggantoonni biyyoota Afriikaa duraanii, hooggantoota olaanoo dabalatee hirmaattonni yedduun yaa’ii kanarratti hirmaachaa jiru. Yaa’iin idil addunyaa ministeera jallisii fi naannawa gammoojjiin qophaa’e kun har’a dabalatee guyyoota sadiif nitaa’ama. Muuxannoowwa idil addunyaa gama misooma jallisii, dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuu iaalchisee nidhihaatu jedhameera. Itiyoophiyaan hojiiwwan eegumsa naannoo fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojjette keessumaa misooma Qamadii Bonee fi Ashaaraa magariisaa ilaalchisuun hojjette muuxannoo akka qooddu ni’eegama. Egzibiishiniin hojiiwwan jallisii agarsiisu yaa’ii kanarratti ifatti banameera.
Yaa’iin idil addunyaa jallisii fi oomishtummaa jijjiirama haala qilleensaaf hinmiidhamnee Itiyoophiyaatti nitaa’ama
Feb 7, 2025 139
Amajjii 30/2017(TOI)- Yaa’iin idil addunyaa jallisii fi oomishtummaa jijjiirama haala qilleensaaf hinmiidhamnee Guraandhala 5 amma 7 bara 2017tti Finfinnee yaadannii injifannoo Adwaatti nitaa’ama Hooggantoonni biyyootaa, ogeeyyonnii fi qooda fudhattoonni biroon yaa’ii kanarratti nihirmaatu. Yaa’ichi hojiirra oolmaa imaammata teeknooloojiiwwan jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamnee bocuu fi birmadummaa nyaataa Afriikaa mirkaneessuurratti kan xiyyeeffate ta’uu odeeffannoon ministeera jallisii fi naannawa gammoojjiirraa argame nimul’isa. Mariin kun akka waltajjii hubannoo uumuutti akka gargaaru ibsamra. #Itiyoophiyaa #Tajaajila oduu Itiyoophiyaa #TOI
Hojiin misooma sululaa qindaa'aan naannoo Sidaamaatti eegalame
Jan 27, 2025 243
Amajjii 19/2017(TOI)- Hojiin misooma sululaa qindaa'aan naannoo Sidaamaatti ifatti eegalameera. Hojiin misooma Sululaa kun hooggantoonni olaanoon naannichaa bakka argamanitti qarqara godina kaaba Sidaamaa ganda Aldadaa tti sirni jalqabsiisaa raawwateera. Hojiin misooma Sululaa mata duree "qabeenyi biyyoo keenyaa badhaadhina keenyaaf" jedhuun baatii tokkoof ittifufa. Sululoota naannichaa 678 irratti lafa heektaara kuma 136 fi 400 irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii ni'adeemsifama jedhameera. Hojiilee misooma Sululaa kanaan ummanni miiliyoona 1 fi tuqaa 4 ol nihirmaata jedhamee akka eegamu ibsameera.
Naannoo Harariitti hojiin misooma Sululaa kan bara kanaa har'a ifatti jalqabame
Jan 25, 2025 248
Amajjii 17/2017 (TOI) - Naannoo Harariitti hojiin misooma Sululaa kan bara kana mata duree '' biyyoo keenya badhaadhina keenyaaf'' jedhuun har'a ifatti hojjetamuu eegaleera. Sirna jalqabiisa misooma sululaa kan bara kanaa kana irratti miseensonni hoggansa naannichaa sadarkaa hundatti argaman, qonnaan bultoonni fi kutaaleen hawaasaa biroon argamaniiru. Biiroo Misooma Qonnaa Naannichaatti Daarektarri Misooma Qabeenya Uumamaa, Kunuunsaa fi Itti Fayyadama isaa obbo Araarsoo Adem; naannichatti hojiin misooma sululaa har'a eegale kun ji'a tokkoof kan turu yoo ta'u sululoota 16 keessaatti lafa heektaara 900 iirratti hojiin eegumsa biyyee fi bishaaniif tajaajilan akka hojjetaman himaniiru.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 858
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 1536
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.