Bara Baajatichaatti Lammiileen  kuma 23 ol dandeettii muuxannoon argataniin   madaalamanii waraqaa beekamtii argataniiru

Adoolessa 01/2017 (TOI)-Bara Baajatichaatti Lammiileen kuma 23 ol dandeettii   muuxannoon argataniin madaalamanii waraqaa beekamtii argachuiuu isaanii Ministeerri hojii fi ogummaa ibse.

Muuxannoon Dandeettii argame hojiin beekamtii kennuu xiyyeeffannoon  hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Ministeera hojii fi ogummaatti dursituun hojii raawwachiiftuu sirna leenjii sadarkaa ogummaa fi madaallii ga’umsaa Maartaa Waldee TOI’f akka ibsanitti, sirni ogummaa Muuxannoodhaan argamaniif beekamtiin ittiin kennamu qophaa’eera.

 Haala kanaan bara baajatichaatti qajeelfamni madaallii beekamtiin ittiin kennamu qophaa’ee sadarkaa biyyoolessaatti hojimaatni walfakkaatu hojiirra ooluu jalqabuu hubachiisaniiru.

Kanaanis bara baajatichaatti lammiilee kuma23 ol ta’aniif dandeettii muuxannoon  argataniin madaalamanii waraqaa beekmtii argachuu isaanii dubbataniiru.

Ogeeyyyiiwwan kun beekumsaa fi dandeettii barbaadamu guutuu isaaniin ulaagaa taa’aniin madaalamuun waraqaan beekamtii kennamaafii jiraachuu dubbataniiru.

Kunis lammiileef bekumsa muuxannoon argatan irratti hundaa’uun Madaallii Mirkaneessa gahumsaa argachuun hojii saaniin caalaatti fayyadamoo akka ta’an taassifamaa jiraachuu  ibsaniiru.

Madaallichi Dameewwan Mootummaan  dursi  kenneef, kanneen ogeessonni itti heddummatan, akkasumas fedhii gabaa irratti hundaa’uun keennama jedhaniiru.

Yeroo ammaa kana hojiin madaalii Dameewwan Ijaarsaa, Hojii Hoteelaa, Hojii weeldiingii fi kanneen birootiin hojjetamaa akka jiru eeraniiru, akkasumas ogummaawwan gabaa irratti barbaadaman 55 adda baasuun ulaagaaleen madaalii qophaa’uu ibsaniiru.

Kanneen Madaallicha  darbuu  hin dandaeenye irra deebiin madaalamanii beekamtii akka argatan leenjiin ni kennama jedhaniiru.

Ogeeyyiin beekamtii argatan gama isaaniin beekumsa muuxannoon argataniin   madaalamanii waraqaa ragaa aragachuun isaanii fayyadamoo akka isaan godhe  dubbataniiru.

Hojii ijaarsaa kan hojjetan Obbo Aschaaloo Mollaallinyii fi  Obbo Yihun Balaayineh  Kanaan dura ogummaa muuxannoon gonfataniin madaalamanii beekmtii argachuu isaanii ibsaniiru.

Kunis kan duraanii caalaa fayyadamoo akka isaan taassisee fi ogummaa isaanii fooyyesuuf  akka isaan gargaare dubbataniiru.

Madaalliin kun ejensiiwwan ga’umsaa fi madaallii naannoo waajiraalee ministeerucha jala jiraniin kennamaa waan jiruuf lammiileen ga’umsasaanii mirkaneessuu akka danda’an ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015