Pirojektoonni bu’ura misoomaa magaalichatti tajaajilaaf oolan fayyadama ummataa kan guddisanidha - ENA Afaan Oromoo
Pirojektoonni bu’ura misoomaa magaalichatti tajaajilaaf oolan fayyadama ummataa kan guddisanidha

Adoolessa 01/2017(TOI)- Pirojektoonni bu’ura misoomaa bulchiinsa magaa Shaggaritti tajaajilaaf oolan fayyadama ummataa akka guddisan kantiibaan bulchiinsa magaalichaa Dr. Tashoomaa Addunyaa ibsan.
Pirojektoonni bu’ura misoomaa kutaalee magaalaa Galaan fi Koyyee Facceetti birrii biiliyoona 6 tuqaa 8 caaluun ijaaraman eebbifamanii tajaajilaaf oolaniiru.
Pirojektoota eebbifaman keessaa Misoomni kooriidarii, manneen jireenyaa manguddootaaf ijaaraman, daandii, manneen barnootaa idileen duraa, riqichootaa fi dhaabbileen bishaan dhugaatii qulqulluu keessatti argamu.
Kantiibaan bulchiinsa magaalichaa Dr. Tashoomaa Addunyaa eebbicharratti, pirojektoonni eebbifaman kunneen fayyadama ummataa kan guddisan ta’uu ibsaniiru.
Bara bajataa 2017 qofa magaalichatti pirojektoonni misoomaa 308 caalan birrii biiliyoona 17 tuqaa 5niin ijaaramanii tajaajilaaf banamuu dubbataniiru.
Pirojektoonni misoomaa kutaalee magaalaa Galaanii fi Koyyee Facceetti xumuramanii har’a eebbifaman qaama kanaati jedhaniiru.
Hawaasni pirojektoota kanneen kunuunsee eeguun qoodasaa akka bahatu waamicha taasisaniiru.
Bulchaan bulchiinsa kutaa magaalaa Galaan Kiflee Calqabaa, bpirojektoonni kunneen xumuramuunsaanii misooma magaalichaa nisaffisiisu jedhaniiru.
Ijaarsi pirojektootaa mootummaa fi ummataan raawwataman cimanii akka ittifufan dubbataniiru.
Bulchaan kutaa magaalaa Koyyee Faccee Fiqaaduu Tulluu gamasaaniin, pirojektoonni kuta magaalichaatti xumuramanii hojiirra oolan rakkoo bu’ura misoomaa furuun alatti sochii dinagdee nimijeessu jedhaniiru.
Jiraattonni magaalichaa TOI’n dubbise yaada kennaniin, pirojektoonni bu’ura misoomaa tajaajilarra oolan gaaffii yeroo dheeraa deebisuusaa ibsaniiru.
Jiraataan aanaa Galaan Arraabsaa obbo Lammaa Dhaabii, aanaansaanii magaalaa Finfinneetti dhihoo jiraatu ta’us daandiin waan hinjirreef rakkachaa akka turan ibsaniiru.
Jiraataan aanaa kanaa kan biraan obbo Garmaamuu Bulbulaa gamasaniin, dhaabbileen bishaan dhugaatii qulqulluu ijaaramanii xumuraman rakkoo bara dheeraa kan furan ta’uu eeraniiru.
Ijaarsi dhaabbilee bishaanii hatattamaan xumuramee tajaajilaaf ooluusaatiin gammaduusaanii ibsanii, gaaffileen misoomaa biroonis akkanumatt akka furamuuf gaafataniiru.
Dhaabbileen bu’ura misoomaa tajaajilaaf qaqqaban eeguu fi kunuunsuun jiraattota hundarraa akka egamu himaniiru.