Gidduu Galichi Akaakuu Midhaanii fi midhaan dheedhii Qorannoodhaan argate shan omishaaf akka oolan dabarsee jira - ENA Afaan Oromoo
Gidduu Galichi Akaakuu Midhaanii fi midhaan dheedhii Qorannoodhaan argate shan omishaaf akka oolan dabarsee jira

Adoolessa 01/ 2017 (TOI)- Giddugalli Qorannoo Qonna Sinaanaa sanyii midhaanii fi midhaan dheedhii gara omishaatti akka cehaniif dabarsuusaa beeksiseera.
Sanyiiwwan Qorannoon argaman Qonnaan Bulaan Nyaataan of danda’uuf tattaaffii taassisu kan deeggaranii fi galii dabalataa argamsiisuun qooda olaanaa kan qaban ta’uun ibsameera.
Daarektarri Wiirtuun Qorannoo Qonna Sinaanaa Taammanee Miidhaksaa akka ibsanitti, Giddugalichi Qorannoon wabii Nyaataa Mirkaneessuuf tattaaffii qonnaan bultoonni taassisaa jiran nideeggara jedhaniiru.
Gidduugalichi waggoottan darban Qorannoon kan argate qamadii “boku, sannatee fi haacaaluu’’ jedhaman hektaara tokko irraa hanga kuntaala 70 oomishamu fayyadamtoota qaqqabsiisuu eeraniiru.
Sanyiin Fooyya’aan Qorannoon argaman Ooyruu Gidduu Galichaatti, Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Oromiyaa fi ooyruu Qonnaan bulaa irratti bal’inaan baay’ifamanii, Qotee bulaaf akka qaqqabaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachu ibsaniiru.
Obbo Taammanaan, gidduu galichi qorannoo Kanaan dura gaggeessaa tureen bara baajataa xumurametti gosoota midhanii fi dheedhii haaraa shan gara omishaaf akka oolan baasuusaa beeksisaniiru.
Sanyiiwwan qorannoon argaman keessaa Qamadii Paastaa fi Mokoroonii, Baaqelaa, Missira fi akaakuu talbaa lama keessatti argamu.
Sanyiiwwan Koree biyyaalessaa sanyii mirkaneessurraa fudhatama erga argatanii gadhiifaman booda gadhiifaman kunneen caalmaa oomishaa dhibbantaa 15 kan qaban ta’uu dabalanii ibsaniiru.
Giddu galli Qorannoo Sinaanaa bara 1978 kan hundeeffame yoo ta’u, hanga Ammaatti Sanyiiwwanii fi nyaata horii Qorannoon Maddisiisuun fayyadamtootaaf rabsuu odeeffannoon Gidduugalichaa irraa argame nimul’isa.