Koomoroos carraaqqii nyaataan ofdanda’uuf taasifamu Ityoophiyaarraa muuxannoo hedduu qooddachuu nidandeessi-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Adoolessa 01/2017(TOI)- Koomoroos carraaqqii nyaataan ofdanda’uuf taasifamu Ityoophiyaarraa muuxannoo hedduu qooddachuu nidandeessi jedhan Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee.

Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaaseen Afeerraa Komoroos taasifteen ayyaana bilisummaa Komooroos 50ffaa magaalaa Moroniitti kabajamerratti argamuunsaanii niyaadatama.

Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaaseen Afeerraa Komoroos taasifteef galateeffatanii, Itiyoophyaan hariiroo gamlamee Komoroos waliin qabdu sadarkaa olaanaatti ceesisuuf fedhii akka qabdu ibsaniiru.

Baay’ina ummataa miiliyoona 120 kan qabdu Itiyoophiyaan tattaaffi nyaataan ofdanda’uuf taasifteen jijjiirama qabatamaa fiduushee hubachiisaniiru.

Itti dabaluunis, Komoroos damee qonnaan Itiyoophiyaarraa muuxannoo guddaa qooddachuu akka dandeessu himaniiru.

Pirezidaantiin Komoroos Azaalii Asumanii gamasaaniin, pirezidaant Taayyeen ayyaana kanarratti argamuunsaanii kabaja Itiyoophiyaan Komorosiif qabdu akka agarsiisu ibsaniiru.

Pirezidaant Azaalii Asumaaniin dhimmoota gamlamee ilaalchisuun pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee waliin marii bu’a qabeessa taasisuusaanii eeraniiru.

Itiyoophiyaan wiirtuu Afriikaa ta’uushee marii kanarratti ibsaniiru.

 Jijjiiramni dinagdee Itiyoophiyaan galmeessisaa jirtu Afriikaanota guddina caaluuf kan kakaasu ta’uu dubbataniiru.

Agarsiiftuu jijjiirama Itiyoophiyaa kan ta’e daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Koomooroosiin biyyoota Afriikaa fi addunyaa walquunnamsiisuun qooda ijoo bahachaa akka jiru ibsaniiru.

Komoroos Itiyoophiyaarraa Qamadii bituu akka barbaaddu Pirezidaantiin Komoros Azaalii Asumaaniin dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015