Naannichatti hojiilee misoomaa ittifufsiisuuf hanqinoota gibira walitti qabuurratti mul’atan furuu barbaachisa-Bulchaa Ordiin Badrii

Adoolessa 01/2017(TOI)-Naannoo Harariitti hojiilee misoomaa ittifufsiisuuf hanqinoota gibira walitti qabuurratti mul’atan furuu akka barbaachisu Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii beeksisan.

Waltajjiin sosochii Gibira bara 2018 sadarkaa naannootti magaalaa Hararitti gaggeeffameera.

Waltajjii sosochii kanarratti kan argaman obbo Ordiin Badrii ergaa dabarsaniin, misooma fulla’aa fi nageenya naannichatti ittifufsiisuuf kafalaan gibiraa hundi dirqamasaa bahuu qaba jedhaniiru.

Keessumaa bajata barana naannichaaf ramadamu keessaa harki 63 galii keessoorraa akka walitti qabamu ibsaniiru.

Kanaaf kaffalaan gibiraa gibira irraa eegamu kaffaluun dirqama lammummaa bahuu akka abu eeranii rakkoolee taaksii waliin dhahuu fi gibira sirnaan kaffaluu dhabuun walqabatee mul’atan seeraan akka gaafataman himaniiru.

Hojmaata badaa kaffaltii gibiraarratti mul’atan furuunis cimee akka ittifufu cimsanii kaasaniiru.

Bara darbe naannichatti dameelee garagaraarraa galiin birriin biiliyoona 3 tuqaa 1 caalu walitti qabamuu kan ibsan ammoo hoogganaa biiroo galii naannichaa Yaasin Abdullaahiiti.

Bara bajataa baranaas hojmaata qindaa’aa cimsuu fi waliigaltee waloo uumuun galii birrii biiliyoona 4 tuqaa 6 caalu walitti qabuuf karoorfamuu dubbataniiru.

Akkasumas kaffaltoonni gibiraa seera qabeessa hintaane seera qabeessa gochuu, daldala seeraan alaa ittisuu, waliin dhahuu taaksii furuu fi labsiiwwanii fi dambiiwwan qajeelfama gibiraa hojiirra oolchuun xiyyeeffannoon nihojjetama jedhaniiru.

Waltajjiin sosochii kun kaffaltoota gibiraa amanamoo jajjabeessuu fi kanneen yeroon gibira hinkaffalle karaa qabsiisuuf yaadamee qophaa’uusaa ibsanii, hojii galii walitti qabuuf hojjetamu keessatti hundi qoodasaa akka bahu gaafataniiru.

Hawaasni daldalaa naannichatti argaman, hooggantoonni olaanoo naannichaa fi keessummoonni waamaman kan argaman yoo ta’u kaffaltoota gibiraa naannichaa amanamummaan gibira kaffalan sartafikeettiin beekamtii fi Waancaan Kennameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015