Tajaajilli tola ooltummaa Daangaa qaxxaamuraa namoota deeggaruu irra darbee tokkummaa sabdaneessuumaa fi walitti hidhaminsa Aadaa kan jabeessudha-dargaggoota tola ooltota

Waxabajjii 30/2017(TOI)-Tajaajilli tola ooltummaa Daangaa qaxxaamuraa namoota deeggaruu irra darbee tokkummaa sabdaneessuumaa fi  walitti hidhaminsa Aadaa kan jabeessudha jedhan dargaggootni tola Ooltotaa Daangaa Qaxxaamuran.

Dargaggoonni Tola Ooltonni Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaa Hunda Irraa Walitti Dhufan Naannoo Tigraayitti Tajaajila Tola Ooltummaa Bilsaa kan Gannaa Kennuu Eegalaniiru.

Dargaggoonni kun tibbana Naannoo Tigiraayitti Aanaa Indartaa ganda Aratootti boolla biqiltuun itti dhaabbatu qotuu fi Hojii Misoomaa biroo raawwataniiru.

Dargaaggota Sagantaa Kana irratti hirmaatan kan TOI dubbise keessaa turtii Naannoo Tigiuraayi ganna kana Dabarsaaniin Hawaasa Tajaajiluu fi Hojii Misoomaa Adda Adaa Irratti  Hirmaachuuf Qophii ta’uu Isaanii Ibsaniiru. 

Tajaajilli tola Ooltummaa Daanga Qaxxaamuraa namoota deeggaruu irra darbee tokkummaa sabdaneessummaa fi walitti hidhaminsa Aadaa haala cimsuun  turtii taassisna jechuun dubbataniiru.

Naannoo Oromiyaa irraa kan dhufe Dargaggoo Gabbisaa Nagaasuu fi Naannoo Amaaraa  irraa kan dhufe dargaggoo Fiqiresab Alamuu, simannaa NaannooTigiraayitti Taassifameefiitti gammaduu isaanii ibsuun, turtii isaaniitiin hojii gaarii raawwachuunfi namoota harka qal’eeyyii  deeggaruun dabarsuuf qophaa’uu isaanii ibsaniiru.

Itiyoophiyaa keessaa Afaanota Hedduu, Aadaa fi bakkeewwan hawata Tuuristii  waan jiraniif  sababa Kanaan dargaggoonni turtii Isaanii Naannoo Tigiraayiin beekumsa adda addaa, Walitti dhufeenyaa aadaa, fi duudhaalee hawaasummaa akka waliirraa qooddatan ibsaniiru.

Dargaggoon Dirree Dawaatii dhufe Falmataa  Ahimad , Itiyoophiyaan Biyya Guddoo,  uummata baay’ee fi kuufama qabeeeenya uumamaa kan qabdu waan taateef tajaajilli tola ooltummaa Daangaa Qaxxaamuraa xiqqoos ta’u akka beeknu nugaragaara jedheera.

Naannoo Tigiraayitti  Qabeenya uumamaa fi namtolchee, seenaawwan kan keessatti argaman, tajaajila tola ooltummaa kennuu kootii fi  carraa daawwachuu argachuukootiif   gammadeera jedhaeera.

SNaannoo Itiyoophiyaa Kibbaarraa kan dhufte shamarree Maaragaa Mulugeetaa gamasheetiin, walooma ummataa fi tokkummaa biyyaa cimsuuf hojiiwwan daangaa qaxxaamuraa kan akkasii  murteessaa ta’uu kaafteetti.

Keessumaa dargaaggoonni kunneen turtii isaanii Yunvarsiitiin wal beekuuf carraa argatanis , qabeenya Tuurizimii fi aadaa  sirnaan beekuuf daawwannaan  humna guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Nageenya, Misoomaa fi tokkummaa sabdaneesummaa Itiyoophiyaa cimsiuuf tattaaffii taassifamu keessatti dargaggoonni qooda olaanaa kan qaban waan  ta’eef haala Kanaan hojjechuu qabna  jechuun dargaggoonni kunneen mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015