Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Istaadiyeemiiwwan Waancaa addunyaa keessummeessan 16'n
Jun 11, 2026 564
Waancaa addunyaa Fiifaan 23ffaa Ameerikaa, Meeksikoo fi Kaanaadaan wal ta’uun kan qopheessan har’a ifatti eegalama. Dorgommiin kun seenaa keessatti yeroo jalqabaaf biyyoota hirmaatan 32 irraa gara guyyoota 48tti kan guddisudha. Istaadiyeemota tapha kana keessummeessuuf filataman- Istaadiyeemota Ameerikaa keessatti argaman 1. Istaadiyeemii Meetlaayif (Niwuyoork/Niwujeersii), daawwattoota 82,500, tapha 8 keessummeessa. 2. Istaadiyeemii Etii Endi Tii (Daalaas,Teeksaas), daawwattoota 94,300 keessummeessa, hunda caalaa isa guddaadha, taphoota9 keessummeessa.   3. Istaadiyeemii Soofii (Loos Anjalas, Kaaliifoorniyaa) daawwattoota 70240 qabata, taphoota saddet keessummeessa. 4. Istaadiyeemii Mersadiis Beenzi (Atilaantaa, Joorjiyaa), daawwattoota 71,000 qabata, taphoota 8 keessummeessa. 5. Istaadiyeemii haardi rook (Miiyaamii, Filooriidaa),daawwattoota 64,767qabata, taphoota 7 keessummeessa. 6. Istaadiyeemii Arowu heed (Kansaas Siitii, Miizuurii) dawwattoota 76,416 qabata,taphoota 6 keessummeessa. 7. Istaadiyeemii Enerjii(Hiiwusten, Teeksaas),daawwattoota 72.220 qabata, taphoota 7 keessummeessa. 8. Istaadiyeemii Jiileet (Boostan,Masachuseetis), daawwattoota 65,878 qabata, taphoota 7keessummeessa. 9 Istaadiyeemii Liinkan Faayinaanshaal Fiildi(Fiilaadelfiyaa, Pensilveeniyaa), daawwattoota 67,594 qabata, taphoota 6 keessummeessa. 10. Istaadiyeemii Luman Fiildi(Siiyaatil, Waashiingitan) 11. 11. Istaadiyeemii Leeviis (Saan Firaansiiskoo,Kaaliifoorniyaa), daawwattoota 68,500qabata, taphoota 6 keessummeessa. Istaadiyeemota Meeksikootti argaman 12. staadiyeemii Azetekaa (Meeksikoo Siitii)daawwattoota 87,523 qabata, taphoota shan keessummeessa. 13. Istaadiyeemii BIBIVIE(Montereeyi), daawwattoota 53,500 qabata, taphoota 4 keessummeessa. 14. Istaadiyeemii Akiroon (Guaadlahaaraa),daawwattoota 48,071 qabata, taphoota 4 keessummeessa. Istaadiyeemota Kaanaadaatti argaman 15. Istaadiyeemii Biisii Pilees (Vaankuveer), daawwattoota 54,500 qabata, taphoota 7 keessummeessa 16. Istaadiyeemii Tooroontoo (Tooroontoo), daawwattoota 45,000qabata, taphoota 6 keessummeessa. Walumaa gala taphoota 104 keessaa Ameerikaan 78, Meeksiikoo fi Kaanaadaan haala wal fakkaataan tapha 13 keessummeessu. kaataan tapha 13 keessummeessu.    
Tajaajilli Mootummaa uummatatti dhihaachuun isaa rakkoolee bu'uraalee misoomaa hirmaannaa uummataatiin hiikuuf dandeessiseera
Jun 11, 2026 425
Waxabajjii 4/2018 (ENA): Godina Baalee keessatti tajaajilli mootummaa caalaatti uummatatti dhihaachuu isaatiin, rakkoolee bu’uraalee misoomaa hirmaannaa uummataatiin hiikuun akka danda'ame bulchiinsi godinichaa ibse. Naannoo Oromiyaatti waggoottan darban keessa caasaan gandaa haarofni ijaaramee, uummatni tajaajiloota mootummaa dhiheenyaatti argachaa akka jiru ni beekama. ‎Godina Baalee keessatti caasaan gandaa ijaarame kunis hirmaannaa misoomaa uummataa guddisuun, rakkoolee bu’uraalee misoomaa hirmaannaa hawaasatiin akka hiikaman carraa kan uume ta’uu bulchiinsi Godinichaa ibseera. Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godinichaa obbo Biraanuu Arfaasaa akka ibsanitti caasaan gandaa hirmaannaa misoomaa hawaasaa dabaluun rakkoolee bu'uraalee misoomaa akka hiikaman carraa uumaa jira jedhani. Caasaan kun gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii, tajaajilaa fi misoomaa uummataa dhiheenyaatti deebisuuf deeggarsa guddaa taasisaa jiras jedhaniiru. Kanaan dura hawaasni dhimmoota haqaa fi dhimmoota biroo raawwachiifachuuf gara aanaa fi godinaatti deddeebi’uun baasii dabalataa fi qisaasama yeroo hojiitiif saaxilamaa akka turan kan eeran itti gaafatamaan kun, caasaa haaraa kanaan gaaffiiwwan kun deebii argachuu bira darbee, hojii bu’uraalee misoomaa ariifachiisuuf haala mijeessuu isaa dubbataniiru. Kanaanis hirmaannaa uummataa fi deeggarsa mootummaatiin ijaarsa waajjiraalee gandaa dabalatee, ijaarsonni manneen barnootaa, daandii fi riqichaa ijaaramaa jiruun akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Bulchaan Aanaa Harannaa Bulluq obbo Ibraahim Hasan gama isaaniitiin, caasaan haaraan kuni gaaffii misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummata aanichaa dhiheenyaatti deebisuuf gargaaraa jiraachuu ibsaniiru. Dhiyoo keessa hirmaannaa uummataatiin hojiiwwan ijaarsa riqichaa, daandii, sheedotaa fi waajjiraalee gandaa hojjetaman bu’aa caasaa kanaa ta’uu isaanii eeraniiru. Jiraattota aanichaa yaada isaanii kennan keessaa obbo Bakar Sulxaan,caasaan gandaa gaaffiin bulchiinsa gaarii fi misoomaa uummata naannichaa dhiheenyaatti akka deebi’u gargaaraa jiraachuu ibsuun, riqicha fi sheedii hojii dargaggootaa hirmaannaa uummataatiin ijaaraman akka fakkeenyaatti eeraniiru. Jiraataan aanichaa kan biraan obbo Ahimad Mahaammad gama isaaniitiin,caasaan gandaa naannoo isaaniitti hojiirra ooluu isaan kanaan dura tajaajila mootummaa argachuuf rakkina isaan mudachaa ture kan hanbisee fi hirmaannaa isaan misooma irratti taasisan kan guddise ta’uu dubbataniiru. Godina Baalee keessatti waliigalaan gandoonni haaraan gurmaa’an 189 kan jiran yoo ta’u, gandoota kanneen keessatti humna namaa guutuun ramadamee hawaasaaf dhiheenyaatti tajaajilli kennamaa akka jiru beekameera.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Pirezidaanti Taayye Atsqasillaasee Ambaasaddaroota biyyoota lamaan yeroo hojii isaanii xumuran gaggeessan
Jun 10, 2026 2196
Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Pirezidantiin Riippabilika Dimookiraatawaa Federaala Itiyoophiyaa Taayye Atsqasillaasee, ambaasaddara Luksembargi Itiyoophiyaa turan ZyaanKiraawuzarii fi ambaasaddora Emireetota Araba Gamtoomanii Mohaammad Saaleem Alraashiidii hojii isaanii xumuran gaggeessaniiru. Hariiroon dippilomaasii firii qabeessaa fi milkaa'aan biyyoota kanneen gidduu jiru cimee akka ittifufu ibsameera. Ambaasaddarri Luksembargi Itiyoophiyaatti turan ZyaanKiraawuzari yaada isaanii ENA’f kennan, yeroo turtiisaaniitti hojiiwwan tumsa dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsan hojjechuusaanii dubbataniiru. Hojiiwwan tumsa dinagdee Itiyoophiyaa fi Luksembarg gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjetamanis milkaa'aa akka turan kaasaniiru. Kanaanis, sagantaa leenjii dandeettii ogummaawwan faayinaansii fi dinagdee gabbisu qopheessuun, biyyoota lamaan gidduutti wal-jijjiiraan muuxannoo bu'a qabeessi taasifamuu isaa ibsaniiru. Michummaan cimaan biyyoota lamaanii gara fuulduraattis dameewwan tumsa dinagdee magariisaa fi misooma faayinaansiitiin cimee akka ittifufu amantaa qaban ibsaniiru. Fooyya'iinsi dinagdee gooroo Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo kaampaaniwwan Luksembargi hawwachuun abdii guddaa kan kennu ta'uus dubbataniiru. Kaampaaniiwwan Luksembargis adeemsa jijjiirama carraawwan gabaa fi invesitimentii Itiyoophiyaa ilaaluun hirmaannaa isaanii akka guddisan dhaamsa dabarsaniiru.
Daangaa biyya keenyaa eegsisuu cinaatti, mirga dimokiraasii keenya fayyadamuun sagalee keenya kennineerra – Miseensota Ajaja Kaaba-Bahaa
Jun 9, 2026 2050
Waxabajjii 2/2018 (ENA)- Tokkummaa fi daangaa biyya keenyaa kabachiisuu cinaatti, mirga Dimokiraasii keenyaa fayyadamuun sagalee keenya kennineerra jechuun miseensonni raayyaa ittisa biyyaa kaaba-bahaa ibsan. Akka labsii filannoo, galmeessa paartilee siyaasaa fi naamusa filannoon, namni filatu kamiyyuu naannoo jireenyaa isaa ykn naannoo dhaabbatadhaan itti hojjetutti galmaa’ee sagalee kennuu akka qabu tuma. Haa ta'u malee, sababa uumamaa fi nam-tolchee adda addaan kanneen qe'ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa'an fi miseensonni raayyaa ittisa biyyaa daangaa biyyaa kabachiisuuf daangaa biyyaa eeganii fi kaampii adda addaa keessa jiran, buufata filannoo idileetti argamuun sagalee kennuu hin dandeenye. Mirga bu’uuraa kana kabachiisuu fi hirmaachisummaa filannichaa mirkaneessuuf, Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa qajeelfama addaa baasuun buufataalee filannoo addaa ni gurmeessa. Filannoo waliigalaa 7ffaa kanaanis, lammiilee haala addaa keessa jiran kanneen buufata daahoo keessa jiran fi kaampiiwwan ittisa biyyaa keessatti buufataalee filannoo addaa keessatti har'a gaggeeffamaa jira. Miseensonni izzii Kaaba-Bahaa yaada isaanii ENA’f kennan akka jedhanitti, raayyaan ittisa biyyaa gootummaa guddaadhaan tokkummaa fi daangaa biyya isaa kabachiisaa jira. Kanaan cinattis mirga deemokiraasii isaanii fayyadamuun paartii biyyaaf ta’a jedhaniif sagalee isaanii kennaniiru. Kanneen yaada kennan keessaa Itti-aanaan Hoogganaa Ooditii izzii Kaaba-Bahaa kumalaa Nigaatuu Kumsaa raayyaan ittisa biyyaa gootummaa olaanaan daangaa biyya isaa eegsisuu cinaatti har'a filannoo irratti hirmaachuu isaaniitiin gammachuu guddaan akka itti dhaga'ame dubbataniiru. Gara fuulduraattis filannichaan paartii mo'ate cinaa dhaabbachuun nagaa Itiyoophiyaa mirkaneessuu fi daangaa biyyaa kutannoon eegsisuu keessatti shoora keenya ni baana jedhaniiru. Shaalaqaa baashaa Abaatee Arsiinoo gama isaaniitiin; dirqama biyyaalessaa nuuf kenname ba'uu fi daangaa biyya keenyaa eegsisuuf yeroo mara qophii ta'uu isaanii ibsuun, cinaattis filannoo kanarratti hirmaachuu danda'uu isaaniitiin akka gammadaniis addeessaniiru. Filannicha irratti hirmaachuu isaaniitiin gammachuu qaban ibsuun, kunis yeroo sadaffaaf ta'uu isaa dubbataniiru. Ajaan dhibbaa Iyaasuu Cuummaa, daangaa biyya koo eegsisaa yeroo kanatti mirga dimokiraasii koo fayyadamee filachuu danda'uu kootiif gammadeera jedhaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti mirga dimokiraasii isaanii fayyadamuun bilisaan filachuu danda'uu kan dubbatan ammoo ajajaa kudhanii Taammanee Tashoomaa ti. Tokkummaa fi daangaa biyya koo eeggachaa, nagaa ishee kabachiisuu cinaatti filachuu danda'uu kootiif baay'een gammada jedhaniiru.
Manni maree ministirootaa wal gahii idilee 56ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtee dabarse
Jun 9, 2026 1431
Waxabajjii 2/2018(ENA)- Manni maree ministirootaa guyyaa har’aa wal gahii idilee 56ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtee dabarseera. Murteewwan wal gahii idilee 56ffaa mana maree ministirootaa – 1. Manni marichaa jalqaban hammattoo dinagdee gooroo fi fiisikaalaa bara jiddugaleessaa (2019-2023) irratti mari’ateera. Riifoormiin dinagdee gooroo guutummaan hojiira erga oolee dinagdeen Itiyoophiyaa gufuuwwan keessa jiru keessaa bahaa jiraachuu fi bu’uraaleen dinagdees cimaa dhufaniiru. Hammattoon kun bu’aalee jajjabeessoo riifoormii dinagdee Kanaan argaman caalaa cimsuu akka dandeessisuu fi dinagdee gooroo ijoo ta’anii fi Fiisikaala irratti hundaa’uun qophii bajataa mootummaa federaalaa bara bajataa 2019’f ka’umsa ta’ee akka tajaajilu qophaa’ee dhihaateera. Manni maree hammattoo kanarratti bal’inaan egra mari’atee booda hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 2. Xumurarrattis manni marichaa wixinee labsii bajata mootummaa federaalaa bara bajataa 2019 irratti mari’ateera. Bajanni mootummaa feeraalaa bara 2019 qaama karoora misoomaa wagga kudhanii kan ta’e galmoota karoora misoomaa fi invastimantii 2019-2021 irratti kaa’amanii fi hammattoo dinagdee gooroo fi fiisikaalaa bara jiddu galeessaa (2019-2023) bu’uureffachuun raawwii bajata sagantaa bara bajataa 2018 ka’imsa gochuun, kallattiiwwanii fi akeekama tiraanisfoormeeshinii hawaasummaa fi dinagdee akkasumas galmoota mootummaadhaan kaa’aman milkeessuuf dandeettii faayinaansii mootummaa fi sektaroonni raawwachiiftota ta’an ergamaa fi itti gaafatama kennameefiin yoo madaalamu baasii isaan barbaachisu qorachuudhaan qophaa’ee dhihaateera. Bu’uuruma kanaan, Baajanni baasiiwwan idilee, baasiiwwan kaapitaalaa, deeggarsa mootummoota naannolee fi deeggarsa raawwii galmawwan misooma fulla’aatiif oolu, Biirriin 2,339,268,126,738 (Triiliyoona lamaa fi biiliyoona dhibba sadii fi soddomii sagalii fi miliyoona dhibba lamaa fi jaatamii saddeetii, kumni dhibba tokkoo fi digdamii jaha fi dhibba torbaa fi soddomii saddeet) mana marichaatiif dhiyaateera. Manni marichaas wixinee labsii baajata mootummaa Federaalaa bara 2019 dhiyaate irratti bal’inaan erga mari’atee booda, yaada galteewwan itti dabaluun gara Mana Marii bakka bu’oota uummataatti akka darbu sagalee guutuun murteesseera.

Hawaasummaa
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa qabxii gaarii fiduuf qophoofneerra-Barattoota
Jun 11, 2026 315
Waxabajjii 4/2018 (ENA): Barattoonni Magaalaa Aggaarootti qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa fudhatan qabxii gaarii galmeessisuuf qophii gahaa taasisuu isaanii ibsaniiru. Waajjirri Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo gama isaatiin barattoonni Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara kana fudhatan qabxii gaarii akka argatan deeggarsi taasifamaa jiraachuu beeksiseera. Barattoonni yaada isaanii ENA’fkennanis akka himanitti, carraaqqii mataa keenyaatiin alatti barsiisonni barnoota dabalataa kennuuniifii fi gaaffilee dabalataa qopheessuun qormaata irratti bu'aa gaarii akka galmeessaniif nu deeggaraa jiru jedhani. Kutaa 9ffaa irraa eegalanii qormaataaf qophaa’oo ta’uu eeruun, barsiisonni isaaniin deeggarsa isaaniif kennaa jiraachuu dubbataniiru. Barattuun Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Aggaarootti Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa fudhachuuf qophaahaa jirtu Baamlaak Tamasgeen qormaatichaaf qophii gahaa taasisuu himteetti. Mana barumsaadhuma kana keessatti Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf qophaa’aa kan jirtu barattuu Timkiin Mahaammad akka gaariitti qophaa'aa akka jirtu dubbatteetti. Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti barataan Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Jiddaa Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf jiru Amiir Abdurahmaanis qormaata kanaaf akka gaariitti qophaa’aa akka jiru ibseera. Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Aggaarootti Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan fudhattu Asmaa Tamaam qormaata kanaaf akka gaariitti qophaa'aa akka jirtu dubbatteetti. Itti Gaafatamaan Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo obbo Daawud Kadir akka himanitti, bara kana barattoonni Saayinsii Uumamaatiin 478, Saayinsii Hawaasummaatiin 462, walumaa galatti barattoonni 940 qormaata kan fudhatu jedhani. Haaluma kanaan barattoonni Qormaata Bahumsaa Biyyaalessaa kutaa 12ffaa manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa magaalattii keessatti fudhatan qophii gahaa taasisuun deeggarsi barbaachisu kennamaafii jiraachuu ibsaniiru. Barattoonni yeroo qo’annoo isaanii sirnaan fayyadamuun qormaata irratti bu’aa gaarii akka argataniif daree barnootaa fi manneen kitaabaa mijataa fi qo’annoof qophaa’aa akka ta’uuf hojiin hojjetamaa turuu eeraniiru. Qormaanni kun toora interneetii(onlaayinii) irratti kan kennamu ta’uu isaatiin walqabatee, qormaattonni shaakala kompiitaraa fi bulchiinsa yeroo kennameefii gareen akka baratan bu’aa gaarii argachuuf akka of qopheessan ta’uu ibsaniiru. Barsiisonnis sa’aatii barnootaa idileetiin alatti bu’aa gaarii akka argataniif deeggarsa addaa barattootaaf taasisaa turuu isaanii ibsuun, deeggarsi kun akka itti fufu beeksisaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Yakka dijitaal faayinaansii fi waliin dhahuu telekoomii qolachuuf qaamolee haqaa fi nageenyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira
Jun 10, 2026 984
Waxabajjii 3/2018(ENA)-Yakka dijitaal faayinaansii fi waliin dhahuu telekoomii qolachuuf qaamolee haqaa fi nageenyaa waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru Itiyoo-telekoom beeksise. Mata duree “qindoominni Itiyoo-telekoomii fi qaamolee haqaa nageenya Itiyoophiyaa dijitaalaaf” jedhuun waltajjiin miidhaa waliin dhahuu dijutaal faayinaansiirra gahuu fi akkasumas bu’ura misoomaarra gahaa jiruu fi furmaatasaa irratti xiyyeeffate kmagaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti kan argaman Chiif leegaal ofisariin Itiyoo-telekoomii Lammaa Tasammaa, kaampaanichi milkaa’ina dame telekoomiin argame itti fufsiisuuf tarsiimoowwan garagaraa bocuun hojiirra oolmaasaaf carraaqaa jira jedhaniiru. Waggoottan darban hojiirra kan oolan tajaajiloonni telekoomii fi dijitaalaa misooma biyyaalessaa hammataa ta’e si’achiisuudhaan qooda murteessaa bahuusaanii kaasanii fuulduras cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan boru eessa akka geessuu fi carraa dijitaalaa egeree milkeessuuf karoora tarsiimoo wagga sadii bocuun hojiirra oolaa akka jirus kaasaniiru. Tarsiimoon haaraan kan ta’e “dijitaalli nuuraa” Itiyoo telekoomiin dorgomaa idil addunyaa fi kaampaanii dijitaalaan gabbate gochuuf kan akeekame ta’uu ibsanii, ajandaawwan misooma biyyaalessaa si’achiisuun, dinagdee dijitaalaa riijinii fi idil addunyaatiin carraalee haaraa banuuf murteessaa ta’uusaas dubbataniiru. Imala milkaa’inaa Kaampaanichaa waggoottan darbanii keessatti yakkoonni dijitaal faayinaansii fi waliin dhahuun telekoomii mudachuusaanii eeraniiru. Saamichii fi hanni bu’uraalee misoomaa telekoom irratti raawwataman rakkoo isa biraa ta’uu kaasanii yakkoota kanneen qolachuuf keessumaa dhaabbilee haqaa waliin qindoominaan hojjechaa jirra jedhaniiru. Hoggantoonnii fi ogeeyyonni abbaa alangaa walii galaa federaalaa, poolisii fi mannee murteerraa walitti dhufan waltajjicharratti hirmaachaa jiru.
Diinagdee
Tajaajilli Mootummaa uummatatti dhihaachuun isaa rakkoolee bu'uraalee misoomaa hirmaannaa uummataatiin hiikuuf dandeessiseera
Jun 11, 2026 425
Waxabajjii 4/2018 (ENA): Godina Baalee keessatti tajaajilli mootummaa caalaatti uummatatti dhihaachuu isaatiin, rakkoolee bu’uraalee misoomaa hirmaannaa uummataatiin hiikuun akka danda'ame bulchiinsi godinichaa ibse. Naannoo Oromiyaatti waggoottan darban keessa caasaan gandaa haarofni ijaaramee, uummatni tajaajiloota mootummaa dhiheenyaatti argachaa akka jiru ni beekama. ‎Godina Baalee keessatti caasaan gandaa ijaarame kunis hirmaannaa misoomaa uummataa guddisuun, rakkoolee bu’uraalee misoomaa hirmaannaa hawaasatiin akka hiikaman carraa kan uume ta’uu bulchiinsi Godinichaa ibseera. Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godinichaa obbo Biraanuu Arfaasaa akka ibsanitti caasaan gandaa hirmaannaa misoomaa hawaasaa dabaluun rakkoolee bu'uraalee misoomaa akka hiikaman carraa uumaa jira jedhani. Caasaan kun gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii, tajaajilaa fi misoomaa uummataa dhiheenyaatti deebisuuf deeggarsa guddaa taasisaa jiras jedhaniiru. Kanaan dura hawaasni dhimmoota haqaa fi dhimmoota biroo raawwachiifachuuf gara aanaa fi godinaatti deddeebi’uun baasii dabalataa fi qisaasama yeroo hojiitiif saaxilamaa akka turan kan eeran itti gaafatamaan kun, caasaa haaraa kanaan gaaffiiwwan kun deebii argachuu bira darbee, hojii bu’uraalee misoomaa ariifachiisuuf haala mijeessuu isaa dubbataniiru. Kanaanis hirmaannaa uummataa fi deeggarsa mootummaatiin ijaarsa waajjiraalee gandaa dabalatee, ijaarsonni manneen barnootaa, daandii fi riqichaa ijaaramaa jiruun akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Bulchaan Aanaa Harannaa Bulluq obbo Ibraahim Hasan gama isaaniitiin, caasaan haaraan kuni gaaffii misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummata aanichaa dhiheenyaatti deebisuuf gargaaraa jiraachuu ibsaniiru. Dhiyoo keessa hirmaannaa uummataatiin hojiiwwan ijaarsa riqichaa, daandii, sheedotaa fi waajjiraalee gandaa hojjetaman bu’aa caasaa kanaa ta’uu isaanii eeraniiru. Jiraattota aanichaa yaada isaanii kennan keessaa obbo Bakar Sulxaan,caasaan gandaa gaaffiin bulchiinsa gaarii fi misoomaa uummata naannichaa dhiheenyaatti akka deebi’u gargaaraa jiraachuu ibsuun, riqicha fi sheedii hojii dargaggootaa hirmaannaa uummataatiin ijaaraman akka fakkeenyaatti eeraniiru. Jiraataan aanichaa kan biraan obbo Ahimad Mahaammad gama isaaniitiin,caasaan gandaa naannoo isaaniitti hojiirra ooluu isaan kanaan dura tajaajila mootummaa argachuuf rakkina isaan mudachaa ture kan hanbisee fi hirmaannaa isaan misooma irratti taasisan kan guddise ta’uu dubbataniiru. Godina Baalee keessatti waliigalaan gandoonni haaraan gurmaa’an 189 kan jiran yoo ta’u, gandoota kanneen keessatti humna namaa guutuun ramadamee hawaasaaf dhiheenyaatti tajaajilli kennamaa akka jiru beekameera.
Wixineen Baajata Bara 2019 Birrii Tiriiliyoona 2.339 ol ta’ee dhiyaate
Jun 11, 2026 304
Waxabajjii 4/2018 (ENA): Wixineen baajata mootummaa federaalaa bara 2019 Birrii tiriliyoona 2.339 ol ta’ee dhiyaateera. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaan wixinee baajata mootummaa federaalaa bara 2019 ilaalchisee ibsa baajata Ministirri Maallaqaa Ahmad Shideen yaa’ii idilee 5ffaa irratti dhiyeessan irratti marii’achaa jira. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee ibsa isaanii keessatti wixinee baajata mootummaa federaalaa bara 2019 Mana Maree Ministirootaatiin dhiyaate ilaalchisee ibsa kennaniiru. Tilmaama ramaddiin baajata bara baajataa itti aanuuf yaadame irratti hundaa’e bal’inaan ibsuun, imala diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa fi ilaalcha dinagdee fi raawwii bara baajataa xumura irra jiru kaasuun ibsaniiru. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee wixinee baajata kana mana mareef wayita dhiyeessan, karoora misoomaa fi diinagdee Gooroo mootummaan qabate tilmaama keessa galchuun baajatichi kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Baajata bara baajata 2019 yaadame keessaa birrii tiriiliyoona 1.236 baasii idileetiif, birrii biiliyoona 568.2 baasii kaappitaalaaf akka oolu ibsaniiru. Dabalataanis deeggarsa baajata mootummoota biyyaalessaa fi naannoleetiif Birri biiliyoona 520.6, galmoota misooma itti fufiinsa qabuu naannolee hojiirra oolchuuf birrii biiliyoona 14 akka bahu himaniiru. Baajata waliigalaa keessaa dhibbeentaan 52.9 baasii idileetiif kan ramadamu yoo ta’u, kana keessaa Birriin biiliyoona 542 liqaa biyya keessaa fi alaa deebisuuf kan oolu ta’uu ibsaniiru. Baasii idilee kana keessaa birrii biiliyoona 236.4 ammoo xaa’oo, deeggarsa boba’aa fi daballii kaappitaalaa Intarpiraayizii Boba’aa Itiyoophiyaatiif ramadameera jedhan. Dhaabbilee baajata mootummaaf mindaa, duurgoo fi kaffaltii adda addaatiif birrii biiliyoona 170.8 ramadameera jedhan. Waraanni Baha Giddu Galeessaa guddina dinagdee irratti dhiibbaa akka geessisu agarsiiftuun mul’achuu himaniiru. Baajata bara 2019 dhiibbaa waraanni Baha Giddu Galeessaa ilaalcha keessa galchuun qophaa’uus ibsaniiru. Galiin waliigalaa mootummaa federaalaa bara baajata 2019tti Birrii tiriiliyoona 1.817 tilmaamameera. Kana keessaa birri tiriiliyoona 1.6 galii gibiraa fi gibiraan ala ta’e irraa sassaabuuf karoorfamee akka jiru akeekaniiru. Bara baajata 2019’f baajata birrii tiriliyoona 2.339 yaadame bara baajata amma jiruun wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 21.3 dabaluu isaa ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Ergaa Ministira Muummee  Doktar Abiyyi  Ahimad
Jun 11, 2026 374
Jaallatamtoota Hawaasa Itiyoophiyaatiif, baga milkaa’ina sagantaa Koodaroota Miliyoona 5tiif baga gammaddan! Galma waggaa sadii keessatti milkeessuuf karoorfame waggaa lamaa gadi keessatti milkeessuun danda'ameera. Sagantaan Koodaroota Itiyoophiyaa Miliyoona 5 Adoolessa 16 bara 2016 erga eegalee kaasee pirogiraamii kompiitaraa (Computer Programming), xiinxala ragaa (Data Analysis), misooma sooftiweerii Andirooyidii (Android Software Development) fi barumsa bu'uuraa beekumsa hubannaa nam-tolchee (Artificial Intelligence)tiin leenji'uuf Namoonni 5,005,146 galmaa’anii, isaan keessaa miiliyoona 3 ol kan ta'an leenjicha xumuraniiru. Milkaa'inni kun kutannoo fi dandeettii uummata keenyaa daangaa hin qabne kan mirkaneessudha. Boqonnaan seenaa addunyaa dijiitaalaa keessatti of ijaaruuf jalqabne kun, dhuma imala keenyaa utuu hin taane, mul’ata biyyaalessa keenya caalaatti ittiin ariifachiifnudha. Hanga Hagayya bara 2018tti lakkoofsa leenjifamtootaa miliyoona 7 geessisuuf galma qabame milkeessuuf, Itiyoophiyaan dabalataan hundi ergama biyyaalessa kanaa akka ta'u waamicha koo nan dabarsa. Dargaggootaa fi barattoota keenyaaf yeroon Gannaa dhuftu kun carraa guddaadha. Yeroo keessan akkasumatti gubuu irraa of qusachuun, galmaahuu fi barachuun yeroo gara mana barumsaa keessaniitti deebitan barattoota qofa utuu hin taane, geggeessitoota dijiitaalaa sadarkaa addunyaatti beekamtii qaban akka taatan nan dhaama. Leenjichi guutummaatti bilisaan kan kennamu yoo ta'u, waraqaan ragaa (certificate) kennamus sadarkaa addunyaatti beekamtii kan qabudha. Egereen isin ijaartan har'a eegala! ‎Galmaa’uuf liinkii gadii tuqaa!
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Addis Masoob tajaajilamtoota kuma 230 ol keessummeessuu danda’eera
Jun 10, 2026 584
Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Hojiin tajaajila dijiitaalaa mootummaa tajaajila wiirtuu tokkoo Addis Masoob erga eegalee yeroo gabaabaa keessatti namoota kuma 230 ol keessummeessuusaa waajjirri kantiibaa beeksise. Gidduugalichi itti quufinsa maamilaa dhibbentaa 99 galmeessuusaa beeksiseera. Kenninsa tajaajilaa magaalaa Finfinnee ammayyeessuu fi tajaajila mootummaa dijitaalaa wiirtuu tokkoof haala mijataa uumuuf kan eegalame pirojektiin tajaajila wiirtuu haaraan Addis Masoob kun milkaa’ina guddaa galmeessisaa jiraachuu eeraniiru. Hanga Waxabajjii 30 bara 2018 giddugalaawwan 11 banuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, hanga Caamsaa 30 bara 2018tti saglan isaanii guutummaatti tajaajila eegalaniiru. Isaanis: Araadaa, Boolee, Lidataa, Qirqoos, Addis Katamaa, Gullallee, Nifaas Silk Laaftoo, Kolfee Qaraaniyoo fi Ekkaan guutummaa guutuutti hojiitti galaniiru. Hojii-geessisaan Olaanaan tajaajila dijitaalaa giddugala tokkoo "Addis Masoob" Injiinar Dassaalenyi Tarrafaa akka ibsanitti, giddugalaawwan hafan kanneen akka Aqaaqii fi Lammii Kurraa raawwiin ijaarsa isaanii dhibbantaa 99 tuqaa 5 ol waan ta'eef, guyyoota dhiyoo keessatti eebbifamanii tajaajila akka eegalan qophiin xumurameera. Milkaa'inni kun kan argame deeggarsa addaa bulchiinsa magaalichaan qacarrii ogeessotaa, leenjii fi meeshaaleen bu'uuraa dursanii guutamuu isaaniitiin akka ta'e Injinar Dassaalenyi dabalanii ibsaniiru
Dhaabbatichi pirojektoota dijitaalaayizeeshinii kenniinsa tajaajilaa bu’a qabeessaa fi mijataa taasisu hedduu hojiirra oolchaa jira
Jun 10, 2026 467
Waxabajjii 3/2018 (ENA): Sirna madaallii barnootaa fi tajaajila qormaataa ammayyeessuun alattis, Pirojektoota dijitaalaayizeeshinii kenniinsa tajaajilaa bu’a qabeessaa fi mijataa taasisu hedduu hojiirra oolchaa jiraachuu Daarektarri Olaanaa Dr. Isheetuu Kabbadaa ibsaniiru. Dandeettiin qormaata biyyaalessaa karaa oonlaayiniin qoruu gaggeessu uumamuusaas akeekaniiru. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiitiin eegalame imala dijiitaalaayizeeshinii biyyattii keessatti bu’aa olaanaa galmeessisuun isaa ni beekama. Kana hordofuun Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 tibbana ifoomee fi yeroo ammaa hojiirra oolaa jirus biyyattiin damee dijitaalaa irratti bu’a qabeessummaa akka qabaattu gumaacha guddaa taasisaa jira. Turtii ENA waliin taasisaniin, Daarektarri Olaanaa sirna Madaallii barnootaa fi tajaajila Qormaataa Doktar Isheetuu Kabbadaa, tajaajilichi imala dijiitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaa keessatti gahee isaa ba’uuf hojiiwwan isaa karaa teeknooloojii qorachuuf hojiiwwan bal’aa gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajilli adda addaa dhaabbatichi kennu haaromfamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Yeroo hojiirra oolmaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 irratti dandeettiin qormaata biyyaalessaa adda addaa dorgomtootaaf dhiyeessuu kan uumame yoo ta’u, irra caalaan isaa toora interneetii (oonlaayinii) irratti akka ta’e eeraniiru. Daarektarri kun kaadhimamaa malees, tajaajila barbaaddonni biroos hojmaata mijataa marsariitii dhaabbatichaa fi iyyannoo interneetii waliin walqabatu qopheessuu isaanii ibsaniiru. Haaluma kanaan sirni lammiileen sanada barnootaa bade ykn miidhame iyyachuu fi gaafii isaanii qaamaan gara dhaabbatichatti osoo hin dhufiin deebii itti argachuu danda’an uumamuus himaniiru. Gaaffiin mirkaneessa barnootaas guutummaatti dijiitaalaan deebii kennamaa akka jirus ibsaniiru. Dhaabbatichi hojii teeknooloojii madaqsuu fi dandeettii ijaaruu cimsuun Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 fuulduratti tarkaanfachiisuu fi tajaajila lammiileef kennamu caalaatti dhaqqabamaa taasisuu akka itti fufu mirkaneessaniiru. Kunis dhaqqabummaa tajaajila adda addaa hawaasaaf kennamu babal’isuuf ga’ee olaanaa akka qabu akeekaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI
Teeknooloojii mul'ata biyyaalessaa keenya waliin walitti qindeessuun guddina ariifataa biyya keenyaaf malu galmaan ga'uuf karaa sirrii irra akka jirru agarsiisa - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad
Jun 9, 2026 859
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Teeknooloojii mul'ata biyyaalessaa keenya waliin walitti qindeessuun guddina ariifataa biyya keenyaaf malu galmaan ga'uuf karaa sirrii irra akka jirru agarsiisa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad. Ministirri Muummee RDFI Doktar Abiyyi Ahimad saayitii ijaarsaa manneen teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun ijaaraman agarsiisu daawwataniiru. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, walga’ii Mana Maree Ministirootaan booda saayitii ijaarsaa, ijaarsa manneen teeknooloojii ammayyaafi saffisaan ijaaraman agarsiisu daawwachuu ibsaniiru. Saayitii kanatti tooftaaleen ijaarsaa ammayyaa sadii qindoominaan hojiirra ooluu eeranii, isaanis 3D Piriintiingii, ijaarsa sibiila Arabaa qophiin duraa fi manneen jireenyaa konteeyinarootaati jedhan.   Tokkoon tokkoo ijaarsaa kunneen teeknooloojii sirrii wayita fayyadamnu saffisniifi qulqullinni kan wal siman ta’uu mirkaneessu jechhuun eeranii, manneen jireenyaa qulqullinni isaanii eegame yeroo gabaabaa keessatti hojjetanii xumuruun akka danda’amus ragaa ta’uu ibsani. ‎Kalaqni guddaan kun kutaa biyyattii kamittuu haala salphaan hojiirra ooluu fi babal’ifamuu kan danda’u waan ta’eef sagantaa misooma manaa biyya keenyaa sadarkaa olaanaatti jijjiiruuf humna qaba jedhan. Teeknooloojii mul’ata biyyaalessaa keenya waliin walsimsiisneerra; hojiileen keenya akka kanaa qabatamaan mul’atan ammoo guddina saffisaa biyyaaf malu dhugoomsuuf kallattii sirriirra kutannoon imalaa jiraachuu keenya qabatamaan agarsiiseera jedhaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI  
Ispoortii
Istaadiyeemiiwwan Waancaa addunyaa keessummeessan 16'n
Jun 11, 2026 564
Waancaa addunyaa Fiifaan 23ffaa Ameerikaa, Meeksikoo fi Kaanaadaan wal ta’uun kan qopheessan har’a ifatti eegalama. Dorgommiin kun seenaa keessatti yeroo jalqabaaf biyyoota hirmaatan 32 irraa gara guyyoota 48tti kan guddisudha. Istaadiyeemota tapha kana keessummeessuuf filataman- Istaadiyeemota Ameerikaa keessatti argaman 1. Istaadiyeemii Meetlaayif (Niwuyoork/Niwujeersii), daawwattoota 82,500, tapha 8 keessummeessa. 2. Istaadiyeemii Etii Endi Tii (Daalaas,Teeksaas), daawwattoota 94,300 keessummeessa, hunda caalaa isa guddaadha, taphoota9 keessummeessa.   3. Istaadiyeemii Soofii (Loos Anjalas, Kaaliifoorniyaa) daawwattoota 70240 qabata, taphoota saddet keessummeessa. 4. Istaadiyeemii Mersadiis Beenzi (Atilaantaa, Joorjiyaa), daawwattoota 71,000 qabata, taphoota 8 keessummeessa. 5. Istaadiyeemii haardi rook (Miiyaamii, Filooriidaa),daawwattoota 64,767qabata, taphoota 7 keessummeessa. 6. Istaadiyeemii Arowu heed (Kansaas Siitii, Miizuurii) dawwattoota 76,416 qabata,taphoota 6 keessummeessa. 7. Istaadiyeemii Enerjii(Hiiwusten, Teeksaas),daawwattoota 72.220 qabata, taphoota 7 keessummeessa. 8. Istaadiyeemii Jiileet (Boostan,Masachuseetis), daawwattoota 65,878 qabata, taphoota 7keessummeessa. 9 Istaadiyeemii Liinkan Faayinaanshaal Fiildi(Fiilaadelfiyaa, Pensilveeniyaa), daawwattoota 67,594 qabata, taphoota 6 keessummeessa. 10. Istaadiyeemii Luman Fiildi(Siiyaatil, Waashiingitan) 11. 11. Istaadiyeemii Leeviis (Saan Firaansiiskoo,Kaaliifoorniyaa), daawwattoota 68,500qabata, taphoota 6 keessummeessa. Istaadiyeemota Meeksikootti argaman 12. staadiyeemii Azetekaa (Meeksikoo Siitii)daawwattoota 87,523 qabata, taphoota shan keessummeessa. 13. Istaadiyeemii BIBIVIE(Montereeyi), daawwattoota 53,500 qabata, taphoota 4 keessummeessa. 14. Istaadiyeemii Akiroon (Guaadlahaaraa),daawwattoota 48,071 qabata, taphoota 4 keessummeessa. Istaadiyeemota Kaanaadaatti argaman 15. Istaadiyeemii Biisii Pilees (Vaankuveer), daawwattoota 54,500 qabata, taphoota 7 keessummeessa 16. Istaadiyeemii Tooroontoo (Tooroontoo), daawwattoota 45,000qabata, taphoota 6 keessummeessa. Walumaa gala taphoota 104 keessaa Ameerikaan 78, Meeksiikoo fi Kaanaadaan haala wal fakkaataan tapha 13 keessummeessu. kaataan tapha 13 keessummeessu.    
Waancaa Addunyaa bara kanaa yeroo jalqabaatiif biyyoonni 48 ni hirmaatu
Jun 11, 2026 299
Waxabajjii 4/2018 (ENA): Waancaa Addunyaa 23ffaan Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoo waliin qopheessan har’a ni eegala. Dorgommiin lakkoofsi biyyoota hirmaatan gara 48tti ol guddate seenaa kubbaa miilaa waancaa addunyaa keessatti isa guddaa ta’e kun walumaa galatti taphoota 104 ni keessummeessa. Taphi baniinsaa waancaa addunyaa Meeksikoo Istaadiyeemii Azetekaatti kan daawwattoota kuma 80 keessummeessuu danda'utti halkan keessaa sa’aatii 4:00 irratti Meeksikoo fi Afriikaan Kibbaan ni gaggeeffama. Biyyoonni lamaan tapha baniinsaa waancaa addunyaa 19ffaa bara 2010 Afriikaa Kibbaatti gaggeeffameen haaluma wal fakkaatuun wal quunnamanii turani. Wayita sana taphichi galchii tokko tokkoon qixaan xumurame. Siwiippee Shabalaalaan Afriikaa Kibbaaf yoo galchu, Raafaa’el Maarquweez immoo Meeksikoof galchii kan lakkoofsise ture. Taphi har'aa yeroo seena qabeessa sana irra deebiin kan agarsiisu yoo ta'u, gammachuu guddaa uumeera. Meeksikoon taphoota michoomaa sadan waancaa addunyaatiin alatti taphatte keessaa lama yoo injifattu, Afrikaan Kibbaa ammoo yeroo tokko qofa injifatteetti. Meeksikoon dirree ishee irratti waan taphattuuf carraa injifachuu qabdi jedhamee yoo eegamu, kuni Afriikaa Kibbaaf immoo qormaata cimaa ta’a jedhamee eegama. Taphni garee kanaa inni lammaffaan Istaadiyeemii ammayyaa Akroon Meeksikoo Guwaadaalahaaraatti Rippabiliika Kooriyaa fi Rippabiliika Cheek gidduutti galgala sa'aatii 11 irratti taphatama. Biyyoonni lamaan waancaa addunyaa irratti yeroo wal argan kun isa jalqabaati. Kanaan dura taphoota michoomaa irratti yeroo sadii wal arganii yeroo tokko injifachuun tapha tokko qixa ba'aniiru. Xiinxaltoonni ispoortii biyyoota lamaaniif carraa walitti dhiyoo injifannoof kennaniiru. Seenaa waancaa addunyaa keessatti yeroo jalqabaaf biyya keessummeessituutti sirni baniinsaa adda addaa sadii kan gaggeeffamu yoo ta'u, sirni jalqabaa tapha jalqabuu daqiiqaa 90 dura kan raawwatamu ta'a. Guyyoota dhufan keessattis sirni baniinsaa Toroontoo, Kaanaadaa fi Los Anjeelees keessatti ni gaggeeffama. Sirna baniinsaa kana irratti namoonni beekamoo Keeti Peerii, Fuuchar, Liisaa fi Reemaa sirba kan dhiyeessan yoo ta’u, artistoonni idil-addunyaa kanneen akka Alejandiro Fernandez, J Balvin, Mana, Belinda fi Tayla’nis sirba ni dhiyeessu. Waancaan Addunyaa bara kanaas gama faayinaansiitiin isa guddaa yoo ta’u, gumaachi maallaqaa waliigalaa FIFA’n biyyoota hirmaatan doolaara Ameerikaa miiliyoona 871 ga’eera. Kana keessaa Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 655 kallattiin maallaqa badhaasaaf kan oolu yoo ta’u, waancaa addunyaa 22ffaa Qaxar keessatti gaggeeffame irraa dhibbeentaa 50’n dabaleera. Waancaa Addunyaa 23ffaan seenaa keessatti yeroo jalqabaaf dorgommii biyyoota sadii waliin keessummeessuun gareewwan 48 hirmaachisa. Dorgommiin kun magaalota keessummeessituu 16 keessatti istaadiyeemii 16 keessatti kan gaggeeffamu ta’a. Waancaa Addunyaa 23ffaan hanga Adoolessa 12, 2018tti ni adeemsifama. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Dorgommiin kubbaa miilaa dippilomaatotaa dippilomaasii Ispoortii beeksisuuf kaayyeffate Finfinneetti ni gaggeeffama
Jun 10, 2026 875
Waxabajjii 3/2018 (ENA) – Dorgommiin kubbaa miilaa dippilomaatotaa afraffaan Sanbata Waxabajjii 6 bara 2018 ni gaggeeffama. Federeeshiniin kubbaa miilaa Itiyoophiyaa Embaasiiwwan Yunaayitid Kingidam, Kaanaadaa fi Meeksikoo Waliin ta’uun dorgommii kana qopheesseera. Bakka bu’oonni federeeshinichaa fi Embaasotaa waliin ta’uun kaayyoo dorgommichaa irratti ibsa gaazexeessummaa kennaniiru. Embaasonni 30 ol teessoon isaanii Finfinnee ta’e, misiyoononni dippilomaasii, dhaabbileen idil addunyaa fi tumsitoonni dorgommii kanarratti ni hirmaatu. Dorgommichi dippilomaasii Ispoortii beeksisuuf, hariiroo idil addunyaa fi wal jijjiirraa aadaa cimsuuf kan akeekame ta’uu himameera. Dorgommiin kun Sanbata Waxabajjii 6 bara 2018 Finfinnee Istaadiyoomii Abbabaa Biqilaatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, guyyaa kanatti Embaasotaa fi dhaabbilee garagaraa kan bakka bu’an gareewwan kubbaa miilaa 25 ni dorgomu. Namoonni kuma 2 fi 500 caalan dorgommicharratti ni argamu jedhameetu eegama. Dorgommii kummaa miilaa kana malees taateewwan garagaraa akka gaggeeffaman beekameera. Dorgommii kanatti fayyadamuudhaan tumsitoota dippilomaasii, daldalaa fi siyaasaa cimsuuf akeekameera. Dorgommiin kun magaalaan Finfinnee wiirtuu hariiroo idil addunyaa ishee murteessituu ta’uushee akka mul’isu ibsameera. Biiroon dargaggootaa fi Ispoortii Finfinnee, komishiniin turizimii Finfinnee qophii dorgommichaaf deeggarsa gochuunsaanii dubbatameera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Pirojektoonni Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Jun 6, 2026 2339
Caamsaa 29/2018 (ENA)- Misooma qarqara lagaa fi misooma koriidaraa dabalatee, pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixinreeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa gumaacha jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa ibse. Guyyaan Eegumsa Naannoo Addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 53ffaaf, Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 33ffaaf kabajameera. Guyyaa kana sababeeffachuun hoggantoonni fi ogeeyyiin Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Federaalaa fi Magaalaa Finfinneerraa walitti babahan pirojektii misooma qarqara lagaa Inxooxxoo irraa hanga Qacaneetti hojjetame daawwataniiru. Pirojektiin kun dhiyeenya kana ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eebbifamee tajaajilaaf banaa ta'uun isaanii ni yaadatama. Daarektarri olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr.Injiinar Lalisee Namee wayita sana akka dubbatanitti; pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan hojiiwwan eegumsa naannoo akka milkaa'aniif gumaacha guddaa gumaacha jiru. Sagantaa misooma ashaaraa magariisaan hanga ammaatti biqiltuuwwan biliyoona 48 ol dhaabamuu isaanii yaadachiisanii; kunis faalama qilleensaa hir'isuu dabalatee bu'aawwan hedduu argamsiisaa jira jedhaniiru. Kunis Itiyoophiyaan sadarkaa addunyaatti beekamtii akka argattu kan taasise ta'uu ibsanii, sirna ikkooloojii naannoo fooyyessuu keessattis gahee adda duree taphachaa akka jiru ibsaniiru. Pirojektiin misooma qarqara lageenii hojiiwwan eegumsa naannoo bu'a-qabeessa taasisan keessaa isa tokko ta'uu eeranii; pirojektiin misooma qarqara lagaa Inxooxxoo- Qacanees agarsiiftuu adda dureedha jedhaniiru. Pirojektii kana keessatti mukkeen biyya keessaa dhaabamuu isaanii ibsanii, beekumsi eegumsa naannoo biyya keessaa kan Konsoo ashaaraan isaanii kan irra taa’e ta’uunsaa adda akka isa taasisu kaasaniiru. Hojiiwwan eegumsa naannoo fi misooma biroon kunneen Itiyoophiyaa biyya fakkeenyaan caqasamuu dandeessu taasisaa jiraachuu isaanii daarektarri kun addeessaniiru.
Misoomni dinagdee magariisaa Itiyoophiyaa dhiheessii anniisaa mirkaneessuudhaan walitti hidhamiinsa dinagdee Ardii cimsuu ni dandeessisa
Jun 5, 2026 1805
Caamsaa 28/2018 (ENA)- Misoomni dinagdee magariisaa Itiyoophiyaa dhiheessii anniisaa mirkaneessuudhaan walitti hidhamiinsa dinagdee Ardii cimsuu kan dandeessisu ta’uu dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri teeknooloojii, innoveeshinii fi diviziyoonii bu’ura misoomaa komishinii dinagdee Afriikaa Dr. Roobarti Liisiingee ibsan. Itiyoophiyaan misooma dinagdee magariisaa kan si’achiisan teeknooloojii geejjibaa, industirii, anniisaa qusatuu fi konkolaattota elektiriikii irratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti. Haala Kanaan baasii wagga waggaan boba’aaf bahu hir’isuu fi sirna geejjibaa humna haaromfamuun durfamu ijaaruu kan dandeessisan tarsiimoo konkolaataa elektiriikii biyyaalessaa fi karoora hojmaataa ifoomsiteetti. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri teeknooloojii, innoveeshinii fi diviziyoonii bu’ura misoomaa komishinii dinagdee Afriikaa Dr. Roobarti Liisiingee ENAtti akka himanitti, tarsiimoon konkolaataa elektiriikii Itiyoophiyaan baafte hammattoo seeraa, seera idil addunyaa waliin kan wal simedha. Biyyoonni Afriikaa hedduun boba’aa alaa galurratti kan hirkatan waan ta’eef sharafa alaa guddaa akka baasan ibsanii, tarsiimoo konkolaataa elektiriikii biyyaalessaa fi karoora hojmaataa baasii hir’isuurra darbee anniisaa amansiisaa dhiheessuudhaaf wabii ni ta’a jedhaniiru. Itiyoophiyaan cehumsi gara konkolaattota elektiriikiitti gochaa jirtu faalama qilleensaa hir’isuudhaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuudhaaf tattaaffii taasifamu akka deeggaru ibsaniiru. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa Awurooppaa amma 2030tti konkolaattota elektiriikii haaraa qabaattu keessaa dhibbantaa 30 kan ta’an biyya keessatti oomishuu fi walitti suphuuf karoorsuunshee walitti hidhamiinsa daldalaa Afrikaanota jidduu jiru ni cimsa jedhaniiru. Riijiniin daldala bilisaa Afriikaa jalqabamuunsaa cehumsa gara konkolaataa elektiriikiitti taasifamu ni si’achiisa kan jedhan daarektarichi, walitti hidhamiinsa daldalaa Ardii Afriikaa jiru akka si’achiisu ibsaniiru.
Hojiin misooma qarqara lageenii Finfinneen magaalaa nama giddugaleessa godhatte gochuuf kan karoorfame invastimantii yeroo dheeraati-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jun 5, 2026 1578
Caamsaa 28/2018 (ENA)- Hojiin misooma qarqara lageenii Finfinneen magaalaa nama giddugaleessa godhatte gochuuf kan karoorfame invastimantii yeroo dheeraa ta’uusaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Misoomni qarqara lagaa Finfinnee pirojektii faayidaa qarqara lageenii miidhagsuurra darbe kan qabu ta’uu ministirri muummee ergaasaatiin barreessaniiru. Tiraanisfoormeeshiniin magaalaa Inxooxxoo amma Piikook, akkasumas Inxooxxoorraa amma toora Qabbanaatti bal’inaan hojjetamu, lageenirraa amma meetura 50 kan fulla’u yoo ta’u, misooma kooriidaroota magariisaa, bakka ummanni itti wal gahu, daandiiwwan lafoo, bakkee bashannanaa fi bakkeewwan daldalaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, magaalattiis baay’ee kan jijjiire ta’uu beeksisaniiru. Barbaachisummaa pirojektii kana adda kan godhu faayidaa dinagdee fi hawaasummaa inni qabudha. Bifaa fi tajaajila qarqara lageenii fooyyessuurra darbee dameelee konistiraakshinii, injiinariingii, ijaarsa miidhagina teessuma lafaa, loojistiksii fi Kanaan walqabataniin, namoota hedduuf carraa hojii kan uume yoo ta’u, kontiraaktaroota biyya keessaa, dhiheessitootaa fi daldalootaafis carraa garagaraa mijeessuusaa eeraniiru. Hojiin irra caalaadhaan mahaandisoota biyya keessaatiin bocamuusaa fi hojiirra ooluunsaa, ogeeyyonni Itiyoophiyaa misooma magaalaa fi ijaarsa bu’ura misoomaarratti dandeettiin qaban guddachaa dhufuusaa ibsaniiru. Fulla’insi misoomichaa xiyyeeffannoon wal qixaa kan kennamuuf ta’uu eeranii, bakkeewwan Kanaan dura keemikaalonni summaawaa fi balfi itti gatamu, bakkeewwan hawaasa jiraattota qarqara lagaa balaa lolaaf saaxilan kunneen, yeroo ammaa bakka magariisaa, fayyaalessaa fi magaalaa jireenyaaf mijataa ta’etti jijjiiraa jiru jedhaniiru. Karaa wal fakkaatuun, bakkeewwan daldalaa fi bashannana ummataa qindaa’anii ijaaramuunsaanii, eegumsi naannoo fi guddinni dinagdee Kanaan dura waliin hin qindoofne jalaa bahanii qorannoo fi galma waloof tumsaan hojjechuu akka danda’an kan mirkaneessudha. Hojiin misoomaa si’ataan kun Finfinnee magaalaa magariisa, caalaatti kan walitti hidhamte , dinagdeen kan dammaqxee fi nama jiddugaleessa godhatte gochuuf carraashee egeree irratti bu’urri kan kaa’ame invastimantii yeroo dheeraa ta’uusaa ministirri muummee ergaasaaniin hubachiisaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 22301
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 2211
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 8715
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015