ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Hospitalichi Tajaajila Qorannoo fi Wal’aansa fayyaa bilisaa kennuun namoota hedduu fayyadamoo taasisaa jira
Aug 11, 2026 13
Hagayya 5/2018 (ENA): Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Kolleejjii Saayinsii Fayyaa fi Wal'aansaa Hospitaala Riifaraalaa Gobbaa Tajaajila tola ooltummaa gannaan namoota kuma 150 ol ta’aniif tajaajila qorannoo fi wal’aansa fayyaa bilisaa kennuu isaa ibse. Hospitaalli Riifaraalichaa tajaajila qorannoo fi wal’aansa fayyaa bilisaa kennuusaan namoonni qoratamuun haala fayyaa isaanii akka beekan gargaaraa jiraachuu jiraattonni Godina Baalee Magaalaa Roobee ibsaniiru. Daarektarri Olaanaan Hospitaala Riifaraalaa Kolleejjii Saayinsii Fayyaa Gobbaa fi Wal’aansaa Yuunivarsiitichaa gargaaraa piroofeesaraa MahaammadAmaan Maamaa ENA’f akka ibsanitti, hospitaalli riifaraalaa tajaajila wal’aansaa fooyya’aa hawaasicha qaqqabsiisuuf hojjechaa jira. Keessattuu hospitaalli riifaraalichaa tajaajila wal’aansaa idilee kennurra darbee tajaajila tola ooltummaa gannaan kutaa hawaasaa rakkoo garaagaraan dhaabbata fayyaa deemuuf hin dandeenye fayyadamaa gochaa jira. Tajaajilichi hawaasa fayyaalessa uumuu fi namoota utuu hin beekiin dhukkuboota garaagaraaf saaxilaman wal’aansaa barbaachisaa ta’e hordofuu akka danda’an kaayyoo kan godhate ta’uu ibsaniiru. Kanaanis yeroo gannaa kanaatti namoota kuma 120 ol ta'aniif tajaajila kennuuf karoorfamee hanga ammaatti lammiilee kuma 150 fayyadamaa gochuun danda'amuu fi hojiichi cimee itti fufuu isaa hubachiisaniiru. Daareektarri olaanaan kun akka jedhanitti, tajaajila tola ooltummaa gannaa bara kanaatiin tajaajiloota qorannoo bilisaa fi adda baafannaa dhukkubaa kennaman cinaatti yeroo tajaajila wal’aansaa idilee hiriirri wal’aansaa baqaqsanii yaaluu eegaa turan dabalataan kan keessummeeffaman ta’uun qophiin taasifamuu sagantichaa adda taasisa jechuun ibsaniiru. Kolleejjii Saayinsii Fayyaa fi Wal’aansaa Yuunivarsiitichaatti Daareektarri Koorporeetii Barnootaa Fayyaa fi Tajaajila Wal’aansaa Obbo Abeel Balihuu gamasaaniitiin Yuunivarsiitichi tajaajila qorannoo fi wal’aansaa hawaasichaaf kennu cinaatti saaxilamummaa dhukkubaa fi haala tatamsa’ina irratti hubannoo walitti fufaa uumaa jiraachuu dubbataniiru. Tajaajilli tola ooltummaa gannaan tajaajila qorannoo fi wal’aansaa bilisaa ta’uu fi kutaan hawaasaa hedduun qoratamuun haala fayyaa isaanii akka beekan gargaaraa dhufuu isaa dubbataniiru. Mata duree ‘ Gaarumman fayyaa keenyaaf ‘ akka biyyattiitti eegalame tajaajila tola ooltummaa fayyaa gannaatiin fayyaa irra darbee biqiltuu dhaabuu, dhiiga arjoomuu fi hojiileen tola ooltummaa biroon raawwatamaa jiraachuun beekameera. Qindeessaan duula tajaajila tola ooltummaa Hospitaalichaa, Ogeessi Fayyaa Waliigalaa Doktar Salamoon Kiflee gamasaaniitiin akka jedhanitti, gareen ogeeyyii fayyaa tajaajila kennan keessaa dhiibbaa dhiigaa, HIV, dhukkuba sukkaaraa, kaansarii harmaa, dhukkuba tiruu, qorannoo ijaa fi dhukkuboota biroo adda baafannaa fi wal’aansaa argamu. Gareen wal’aansaa yeroo turtiitti, fayyadamtoota tajaajilaa adda baasuu, tajaajila qorannoo fi wal’aansaa kennuurraa darbee dhukkuboota dabalataan wal’aansa barbaadan adda baasuun qorannoo dabalataaf hospitaalicha waliin Wal-quunnamsiisuun kan hojjetamu ta'uu ibsaniiru. Namoota tajaajila bilisaa kana fayyadaman keessaa aaddee Alfiyyaa Huseen gamasaaniitiin hospitaalichaa duula jalqabeen salphaatti wal’aansa argachuudhaan sadarkaa fayyaa irra jiran beekuuf akka isaan dandeessise ibsaniiru. Obbo Ahimad Mahaammad gamasaaniitiin ogeeyyiin fayyaa tajaajila qorannoo bilisaan kennaniin sodaa dhukkubaa irraa bilisa ta’uun isaa gammachuu uumuu isaa dubbataniiru. Tajaajilichaan namoonni dhukkubaan miidhamuu isaanii dura ofumaan dursanii akka beekan waan isaan gargaareef dhaabbaticha galateeffataniiru.
Deeggarsi damee industirii Naannoo Hararitti taasifamu bu'aa qabatamaa argamsiiseera
Aug 11, 2026 9
Hagayya 5/2018 (ENA): Faayidaa diinagdee industirichaa Naannoo Hararii guddisuuf deeggarsa taasifame bu’aa qabatamaa argamsiiseera jedhan Hogganaan Biiroo Misooma Intarpiraayizii fi Industirii Naannichaa obbo Ismaa’el Yuusuf. Xiyyeeffannoon damee industirii naannichaaf kenname carraa hojii irraa fayyadamoo akka ta’an dargaggoonni himaniiru. Hogganaan Biiroo Misooma Intarpiraayizii fi Industirii Naannichaa Ismaa’eel Yuusuf ENAtti akka himanitti, xiyyeeffannoon damee industirii naannichaaf kennameen industiriiwwan xixiqqaa, giddu galeessaa fi gurguddoon 231 akka hundeeffaman taasiseera jedhani. Oomishtummaa damee industirii guddisuuf dhiyeessiin bu’uuraalee misoomaa, deeggarsaafi hordoffiin cimee hojjetamuusaas ibsaniiru. Kunis dandeettii oomishaa industiriiwwan dabaluu, oomishaalee biyya alaatii galfaman toonii kuma 49 ol bakka buusuun, sharafa alaa gara doolaara miiliyoona 60 baraaruu isaa ibsaniiru. Kana malees dandeettiin oomisha industirii guddinaan lammiileef carraa hojii uumeera jedhaniiru. Fuuldurattis invastimantiin haaraan kan hojjetamu ta’uu keessattuu ijaarsa, nyaataa fi dhugaatii, oomisha gogaa fi bu’aalee gogaa fi dameewwan biroo irratti ibsaniiru. Industiriiwwan naannichatti deeggarsa isaaniif taasifameen milkaa’ina argatan keessaa hogganaan Warshaa Borsaa fi Kophee Tatii obbo Omar Mohaammad akka jedhanitti, warshaan kun Feestaala oomishuu dhiisee, oomisha boorsaa fi kophee filannoo ta’e oomishuuf jalqabeera. Kunis dandeettii omishaa guddisuu qofa osoo hin taane guddina biyyaatiif gumaacha taasisuun lammiileef carraa hojii akka uume hubachiisaniiru. Babal’ina industiriin omishaa naannichaa hordofee carraa hojii uumame irraa fayyadamaa kan ta’e Dargaggoo Mohaammad Zuber ofii fi maatii isaa deeggaruu qofa osoo hin taane, dandeettii teeknooloojii isaa guddifachaa akka jiru dubbateera. Namoota zoonii industirii naannichaa keessatti industirii omisha huccuu keessatti hojii argatte keessaa tokko kan taate Tsiyoon Shawul carraan hojii argatte maatii ishee akka jiraachisuuf akka ishee gargaare dubbatteetti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Paarkiin ‘Friendship’(Michoomaa) Finfinee Walakkaatti argamu waggoota afran darban qofa keessatti galii gara birrii biiliyoona tokkoo argamsiise
Aug 11, 2026 29
Hagayya 5 /2018 (ENA): Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad akka himanitti, Paarkiin Michoomaa giddugala magaalaa Finfinneetti argamu waggoota afran darban qofa keessatti galii gara birrii biiliyoona tokkoo argamsiise jedhani. Paarkiin 'Friendship' Finfinnee walakkaatti argamu bakkeewwan tajaajila uummataa faayidaa damee daneessa ta'e qabaniifi waggoota saddeet darbanitti warra jalqaba Mootummaa Ida'amuutiin ijaaraman keessaa isa tokko ta’uu himaniiru. Paarkiin kun waggoota afran darban qofaatti galii birrii biliyoona tokkotti dhiyaatu kan argamsiise yoo ta'u, karaa kallattiifi kallattii hin taaneen carraawwan hojiifi fayyadamtummaa dinagdee kan uumeedha. Hundaa caalaammoo bakka lammiileen kutaalee hawaasaa garaagaraa keessaa babahaniifi daawwattonni itti walargan ta'uu danda'eera. Maatiifi ijoolleerraa eegalee hanga gareewwan ispoortiifi hirmaattonni cidhaa akkasumas kalaqxoonni qabiyyee dijitaalaafi daawwattonni biyya keessaafi biyya alaa bakka itti walgahanidha. Paarkiin 'Friendship' bu'aasaa dinagdeen alatti fayyaaf, sochii qaamaatiif, bashannanaafi hidhata hawaasaatiif tajaajila guddaa kennaa jira. Kunis bakkeewwan tajaajila uummataa haala gaariidhaan karoorfaman akkaataa itti guddina magaalummaa waliigalaa Magaalaa Finfinnetiif gumaacha taasisaa namoota walqunnamsiisuu danda'an kan agarsiisan akka ta’e eeraniiru. Paarkiin kun bakkeewwan tajaajila uummataa walfakkaataa magaalattii keessattii keessattiifi magaalotii kanbiroo keessatti ijaaramaa jiraniif fakkeenya adda dureedha. Bakkeewwan haaraan kunneen sona kan uuman, carraawwan kan mijeessaniifi hundaa olimmoo giddugaleeyyii abbummaa Itoophiyaanotaa mirkaneessanidha jedhan Ministirri Muummee ergaa Miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Sagantaan Maaddii guutuu wabii nayaataa mirkaneessuun dinagdee qonnaan bulaa guddisaa jira
Aug 11, 2026 47
Hagayya 4/2018(ENA): Sagantaan Maaddii guutuu wabii nayaataa mirkaneessuun dinagdee qonnaan bulaa guddisaa jiraachuun ibsameera. Itoophiyaatti Sagantaan Maaddii guutuu sadarkaa biyyaalessatti sochii misooma gaggeeffamaa jiru yoo ta’u; kaayyoon isaa olaanaanis damee qonnaa keessatti innisheetivota jiran hojiirra oolchuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jira. Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaatti raawwii sagantichaa bu’a qabeessa taasisuuf sochiin bal’aan taasifamaa tureera. Godinichatti Qonnaan bultoonnii fi jiraattonni naannichaa karaa ammayyaatiin horsiisa lukkuu, kunuunsa horii aannanii fi misooma dammaa irratti bobbauunsaanii ibsameera. Sochiin kunis sadarkaa maatiitti nyaanni qulqulluu fi madaalawaa ta’e salphaatti akka argamu dandeessiseera. Qonnaan bultootnii fi dargaggoonni damicha irraa bu’aa argatan gabaaf dhiyeessuun madda galii dabalataa uumuu fi sadarkaa jireenyaa isaanii fooyyessuunsaa ibsameeera. Godinichatti sagantaa maaddii guutuu irratti hirmaachuun fayyadamoo ta’an keessaa jiraattota Magaalaa Innaangoo obbo Hiikaa Kumarraa fi aadde Alamneesh Abdii akka jedhanitti loon aannanii shan horsiisuun guyyaatti giddu-galeessaan aannan liitira 150 argachaa jiraachuu dubbataniiru. Bulchiinsa magaalichaa keessatti deeggarsaa fi carraa isaaniif uumameen damee horsiisa Loon Aannaniirratti bobba’uun, jireenyaa isaanii fooyyessuu fi fayyadamummaa dinagdee isaanii guddisuuf akka isaan dandeessise ibsaniiru. Aadde Dirribee Leellisaa gama isaaniitiin lukkuu hanqaaquu buustu 300 horsiisuun hojii isaaniitiin bu’a qabeessa ta’uu danda’uu isaanii ibsaniiru. Kanaanis hawaasa naannichaaf hanqaaquu gatii madaalawaan dhiyeessuun hawaasa fayyadamaa gochuu fi galii mataasaanii guddisuu isaanii ibsaniiru. Dargaggoo Mubee Qaasim gama isaatiin maatii isaa waliin ta’uudhaan lukkuu 500n hojii horsiisaa eegaluusaa ibsuun yeroo ammaa bu’a qabeessa ta’aa jiraachuusaa ibseera. Godina Wallagga Lixaa Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Innaangoo obbo Daani’eel Badhaasaa ENA’f akka ibsaniitti; magaalattitti gaaffii misoomaa uummataa deebisuuf hojii hojjetan cinaatti wabii nyaata hawaasaa mirkaneessuuf kan dandeessisan hojiin adda addaa raawwatamaa jira. Keessattuu sagantaa ‘maaddii guutuutiin Loon Aannanii sanyii fooyya’aa lukkuuwwanii fi gaagura kaannisaa jiraattota naannichaaf dhiyeessaa jiraachuu ibsaniiru. Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaatti Dursaan Garee Misooma Beelladaa fi Fooyyessa sanyii obbo Gammachiis Taaddasaa; sagantaa ‘maaddii guutuu hojiin lammiilee hedduu fayyadamaataasise hojjetameera jedhaniiru.
Adaamaatti pirojektoota misooma magaalaa cinatti lafti heektaara kuma 25 ol misoomee jira
Aug 10, 2026 165
Hagayya 04/2018 (ENA) Pirojektoota misooma magaalaa cinaatti lafti heektaara kuma 25 ol Adaamaatti misoomuu isaa Waajjirri Qonna magaalichaa beeksise. Adamaan wiirtuuwwan diinagdee, industirii fi geejjibaa gurguddoo naannoo Oromiyaa keessaa tokko yoo taatu, magaalaa babal’ina magaalaa saffisaa fi baay’inni ummataa keessatti mul’atudha. Bal’inni lafa magaalattii fi misoomni bu’uuraalee misoomaa yeroo hunda guddachaa kan jiru yoo ta’u, magaalattii haala eegumsa naannoo fi wabii nyaataa waliin walsimuun bulchuun barbaachisaa dha. Tarkaanfiin kun fedhii nyaataa baay’ina ummata magaalaa irraa maddu guutuu fi qaala’iinsa gatii hir’isuuf, dhiyeessii kuduraalee fi midhaan dabalatee, akkasumas dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii qonna magaalaa fi hojii qonnaa ammayyaa keessatti uumuuf kan hojjetamudha. Kanaafuu, Waajjirri Qonnaa Magaalaa Adaamaa lafa heektaara kuma 25 ol sanyiidhaan uwwisuun isaa magaalattiin giddugala omishaa fi daldalaa ishee eeggachaa oomishtummaa qonnaa guddisuuf tattaaffii taasisaa akka jirtu agarsiisa. Akka itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Alamuu Qixuu himanitti, yeroo omisha 2018/19tti oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultoota magaalichaa guddisuuf galteewwan oomishaa fooyya’oo ta’an isaaniif kennameera jedhani. Godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaa fi Lumee gandoota 28 hammachuun irra deebiin kan gurmaa’e Adaamaa; itti gaafatamaan kun qonnaan bultoonni kumaatamaan lakkaawaman magaalattiitti makamuu isaaniis ibsaniiru. Sirna qonnaa teeknooloojii fi makaanaayizeeshiniin deeggaruun omishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf tattaaffii taasifamaa jira jedhani. Misooma qonna Ganna bara kanaatiif tiraaktaroonni qonnaa 20 bulchiinsaan bitamanii qonnaan bultootaaf kennamuu eeruun, hanga ammaatti lafti heektaara kuma 25 fi 154 qamadii, xaafii, boloqqee fi midhaan gurguddoo adda addaan uwwifameera jedhani. Bulchiinsi magaalichaa yeroo ammaa lafa heektaara 100 ol irratti avokaadoo, burtukaana, loomii, paappaayyaa, zayituunaa fi maangoo bal’inaan misoomsaa jiraachuu ibsaniiru. Laga Awaash dabalatee dhaabbilee jallisii suphuu fi mootora bishaan harkisu qonnaan bultootaaf akka dhiyaatu gochuun waggaatti si’a sadii ol oomishuun aadaa akka ta’uuf akka hojjetan dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Siyaasa
Adeemsi marii gara marsaa xumuraatti ce'aa jira
Aug 10, 2026 240
Hagayya 4 /2018 (ENA): Adeemsi Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa gara marsaa xumuraatti ce'aa jira jedhan Komishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa. Adeemsi marii adeemsa murtee kennuu osoo hin taane adeemsa gorsa kennuu akka ta’es ibsaniiru. Haala yeroo ammaa adeemsi marii kun irra jiru ilaalchisee ibsa kennaniin, adeemsi marii kun cimee sadarkaa fooyya’aa ta’etti ce’aa akka jiru Komishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa beeksisaniiru. Yaadonni kanaan dura hirmaattota 10 fi 50’n ka’aa turan gara garee 250tti babal’achuu isaanii eeraniiru. Sadarkaa amma irra jiruun gareen 250 lamaan hojii mari’atanii fi hojjetan qindeessanii gabaabsuun garee 500’f dhiyeessuu eegaluu isaanii ibsaniiru. Miseensonni garee 500 marsaa itti aanu eegalan yaadota isaaniif dhiyaatan dhaggeeffachuun yaadota hammatamuu qaban qopheessaa jiru jedhan. Hirmaattonni 250 yeroo ammaa mari'achaa jiran har'a waaree booda kan xumuran yoo ta'u, boru ganama kan xumuran ammoo boru waaree booda garee isaanii 500 ta'aniif yaada isaanii ni dhiyeessu. Jalqaba adeemsa kanaa irratti yaadonni, falmiin fi ibsi miira adda addaa agarsiisan uumamaa marii ta’uu ibsuun, kunis hirmaannaa fi haaluma marii kanaa kan agarsiisan ta’uu ibsaniiru. Hirmaattonni dhimma tokkoon tokkoon gandaa fi naannoo achi jiru furuuf dhufuu osoo hin taane, Itoophiyaa akka wiirtuutti mariisisuuf dhufuu akka ta’e cimsanii dubbataniiru. Adeemsi marichaa adeemsa murtee kennuu osoo hin taane, adeemsa yaada kennuu akka ta’e eeruun,yaadonni dhiyaatan kunniin immoo qaamota seera raawwachiisan,seera kabachiisan,seera baasan,seera hiikan,paartiile siyaasaaf fi waldaalee siiviliif kan dhiyaatan ta’u jedhani. "Murteen tokko sagalee caalmaadhaan ni kennama" ykn "murtoon dhiibbaa keessoo fi alaatiin ni kennama" jechuun oduun odeeffamaa jiru olola dha. Yeroo ammaa kana mari’attoota gidduutti falmiin fi waliigaltee dhabuun sadarkaa ‘daayivarjansii’ sadarkaa adda bahuu irra waan jiruuf fudhatama kan qabudha jedhani. Yeroo gara marsaa walitti dhufeenyaatti dhufnu yaada dhuunfaa keenyaa dhiifnee yaada waloo Itoophiyaa giddu galeessa godhate qabannee gara fuulduraatti tarkaanfanna jedhaniiru. Ajandaawwan baay’ee wal falmiisoodha jedhamanii kan turan,kanaan dura uummanni kan keenyadha jedhee gara giddu galeessaatti fideera jedhani. Ifaajii baatii tokkoon booda,turban tokko ykn lama booda hirmaattota kuma 4 waliin marii adeemsifamuun,mariachi ni xumurama jedhani. Sana booda yaadota dhiyaatan komishinichi cimsee qaama raawwachiiftuutti kan ergu yoo ta’u, hojiirra oolmaa isaaniis hordofee ummataaf ifa ta’a jedhaniiru. Komishinarri Olaanaan kuni namoota adeemsa kana namuusaan hordofaa jiran hundaaf biyya keessaas ta’e biyya alaa galata guddaa qaban ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Yaa’ii marii biyyaalessaa gaggeefamaa jiruun ajandaan Murtii argate hin jiru - Komishinara Olaanaa Pirofeesar Masfin Ari’aayaa
Aug 10, 2026 166
Hagayya 4/2018 (ENA): Yaa’ii marii biyyaalessaa irratti murtiin kan hin dabarre ta'uu fi galmi isaa olaanaan qaamota raawwachiisaniif yaada galtee qopheessuu ta'uu Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Pirofeesar Masfin Ari’aayaa ibsan. Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Pirofeesar Masfin Ari’aayaa, waa'ee yaa’ii Marii biyyaalessaa Itoophiyaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Hirmaattota garee 10 irraa walitti ba'an keessaa gareen miseensota 250 lamaan yaada qopheessan walitti fiduun xumuraa akka jiran komishinarichi eeraniiru. Itti aansuun gareen miseensota 250 lamaan kun wal ta'uun yaaddoota miseensota 500 irratti mari'atan miseensota 500’f dhiyeessaa akka jiranis adeemsi kunis itti fufinsa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Gareen ajandaa miseensota 500 yaadota irratti yaada kennuun ajandaawwan akka gabbatan taasisaa akka jiran eeraniiru. Yeroo ammaa kana mariin miseensota 500 eegaluu isaa fi gareewwan marii miseensota 500 hundi guyyoota lama keessatti guutummaatti gara mariitti akka seenan himaniiru. Marii’attoonni Kutaa hawaasaa addaddaarraa kan walitti ba'an yaadotaa fi gaaffii adda addaa kaasudhaan mari'achaa akka jiranii fi adeemsi waliigalaa gaariituusaa ibsaniiru. Yaa’ii marii biyyaalessaa irratti murtiin darbe kan hin jirre ta'uu kan dubbatan komishinarichi, galmi olaanaan adeemsichaa gorsawwan (yaada galtee) dhiyeessuu ta'uu ibsaniiru. Gorsawwan yaa’ii irratti dhihaatan mootummaa fi paartiilee siyaasaa dabalatee qaamota raawwachiisaniin kan raawwataman ta'uu hubachiisaniiru. Maricha irratti murtiiwwan akkasii ni dabarfamu kan jedhan odeeffannoo kijibaa ta’uusaa dubbataniiru. Yaa’ii marichaa sadarkaa amma irra jiruutti yaadota wal hin simne kaasuun isaa sirrii fi adeemsa umamaa ta'uu eeruun, kunis fuulduratti yaada gara gidduutti fiduuf adeemsa keessatti bu'uura murteessaa kan kaa'u ta'uu kaasaniiru. Sadarkaa walitti qabamuutti yeroo ga'u yaadonni dhuunfaa gatamaa deemanii Itoophiyaa kan giddu-galeessa godhatan yaadonni gamtaa akka dhufan eeraniiru. Ajandaawwan saddeettan irratti mariin taasifamu fuulduratti gorsawwan fooyya'oo akka argamsiisan komishinarichi amantaa qaban ibsaniiru.
Oromoon abbaa dabareeti warri jedhan yaada siyaasaa hin qaban – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Aug 10, 2026 187
Hagayya 4/2018(ENA)- Oromoon abbaa dabareeti warri jedhan yaada siyaasaa hin qaban jechuun Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gaaffii fi deebii tibbana Oromia Broadcasting Network (OBN) waliin taasisaniiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gaaffii gareen tokko oromoon abbaa dabareetii, garee biraan immoo ammallee oromoon waan isaaf malu argachaa hin jiru jedhu ilaalchisuun gaafatamaniif deebii kennaniiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad wayita deebisan gartuun lamaanuu yaada siyaasaa gahaa ta’e hin qabani, yaada faallaa dubbatu garuu waliin hojjetuu jechuun ibsaniiru. Gareen gaaffii akkasii kaasu tokko warra saamuu bare, qabeenyakee akka barbaade saamee, sabakee hidhee ofii tokkoffaa ta’ee ati akka lammaffaa taatu kan fedhuu fi amma saamicha dhabetu yaada akkanaa kaasa jedhaniiru. Itti dabaluunis gareen biroon warra ilaalcha anamalee jedhuun guutamanidha jechuun ibsuun gareen lamaanuu yaada siyaasaa gahaa hin qaban jedhaniiru. Gareen lamaan yaada garaa garaa qabatanii waliin dhaabbatanii mootummaa jigsuuf socho’aa jiru jedhan. Gareen kun dhimma uummattummaa akka hinqabne dubbataniiru. Oromoon qabeenya namaa saamee,hatee hin beeku; kanaafis fedha hin qabu jechuun ibsaniiru. Oromoon qe’ee namaa deemee hin saammane, kan ofii fedhee kennuuf hanqatee hin beeku jechuun dubbataniiru. Gareen baay’een kan ofii kan kootii jedha, kankee immoo kana walooti jedhu,kan ofii qofaa bulfatee,to’atee, itti fayyadamee kan keemmoo waliin qooddanna warri jedhan wal qixxummaa jibbuurraa kan maddudha jedhan. kan ofii bulfachuun kan waloorrattis seera tumachuun waloon bulfachuun walqixxummaa dhugoomsuuf qabsoofna jechuun ibsaniiru. Nuti walqixxummaarraa malee olaantummaarraa hin buufannu akkas akka ta’us hin barbaannu jechuun turtii OBN waliin taasisaniin ibsaniiru.
Qabxiilee Gurguddoo Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad turtii OBN Waliin taasisaniin kaasan:
Aug 9, 2026 390
Walitti Hidhamiinsa Seeraan Alaa: Hidhattoonni Naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Tigiraay keessa socho'an mootummaa moo'achuu akka hin dandeenye hubatanii walitti hidhaminsa/gaa'ela seeraan alaa uumaniiru. Yaada Siyaasaa dulloomaa/Moofaa/: Gareen ABUT haala qabatamaa ammaa keessatti milkaa'uu kan hin dandeenye, yaada fi gaggeessummaa siyaasaa moofaa keessatti qabamee jira. Hidhattoota Meeshaa Taasifachuu: Gareen kun hidhattoota kutaa biyyaa biraa akka michuutti osoo hin taane, biyya diiguuf akka meeshaatti itti fayyadamaa jira. Fedhii diinota Alaa Tajaajiluu: Diinota seenaa kanneen Itoophiyaa dadhabsiisuu fi diiguuf fedhii tarsiimoo yeroo dheeraa qabaniif akka meeshaatti tajaajilaa jira. Gara Olaantummaa Seeraatti Ceessisuu: Dimokiraasiin dhugaa bilisummaa siyaasaa irraa gara mariitti, mariin immoo gara olaantummaa seeraa waliigaltee walootiin bocamutti guddatee ce'uu qaba.
Ida'amuun Yaadama Mandhaalee jijjiirama qabatamaa damee hundaan kan fidedha – Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahmmad
Aug 9, 2026 234
Hagayya 3/2018 (ENA): Yaadamni Ida’amuu milkaa'inoota qabatamaa damee hundumaa keessatti galmeeffamaniif bu'uura kan kaa’e yaadama mandhaalee ta'uu isaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad turtii OBN waliin taasisaniin yaadni ida’amuu jedhu orma biraa kan waraabame osoo hin taane, bu'aa yaadaa fi falaasama mandhaalee ta'uu isaa ibsa taasisaniiru. Hojiin gaggeessaa siyaasaa dhugaan uummata rakkoo keessa gale keessaa baasee gara jireenya gaarii fi fooyya'aatti ceessisuu ta'uu isaa ibsaniiru. Hojii riifoormii damee dinagdeetiin raawwataman ilaalchisee yeroo ibsan, Naannoo Oromiyaa keessatti misooma jallisiitiin hojiilee gurguddoon raawwatamuu isaanii caqasaniiru. Kanaanis godinaalee Booranaa fi Baalee keessatti bu'aan galmeeffame agarsiistuu gaarii ta'uu isaa eeraniiru. Manneen barnootaa idileen duraa bal'isuu irrattis hojii guddaan raawwatamuu isaa ibsaniiru. Gama biraatiin yaada ida’amuuntiin hariiroo alaa keessatti dhageettii fi bifa Itoophiyaan sadarkaa addunyaatti qabdu kan ol kaasan hojiileen raawwatamuu isaanii ibsaniiru. Qajeeltoo Yaadama Ida’muu keessatti gara duubaatti ilaaluun barnoota fudhachuuf qofa ta'uu isaas dubbataniiru. Kitaabni yaada Ida’amuu qabatee jiru Afaanota garagaraa 10tti hiikamuufi yaadni sun qabatamaan jijjiirama fidaa jiraachuu isaa arguun kan danda'amu ta'uu dubbataniiru. Walii galatti , yaadni Ida’amuu hojiilee rifoormii damee hundumaa keessatti bu'aan akka galmeeffamuuf shoora murteessaa taphachuu isaa ibsaniiru.
Qabxiilee ijoo Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Oromia Broadcasting Network ( OBN) Waliin taasisaniin Kaasan:
Aug 9, 2026 341
Filannoo Ilaalchisee: Akkuma uummata keenyaaf waadaa galle hamma dandeettii keenyaatti filannoon sun dimokirataawaa akka ta'u, uummannis karaa nagayaatiin ba'ee akka filatuuf akka mootummaatti qooda keenya bahanneerra. Uummanni aangoo Siyaasaa humnaan qabachuun dhaabbachuu qaba jechuun; aangoo Siyaasaa karaa nagayaatiin, filannoodhaan, hirmaannaa uummataatiin malee gareen tokko dhufee humnaan qabachuu hin danda'u jedheera. Uummanni Itoophiyaa daangaa hanga daangaatti sagalee tokkoon dhaamsa isaanii nuufis warra kaaniifis dabarsaniiru. Karaa dimokiraataawaa ta'een mormuu, falmuu, gaafachuu, garuu mootummaa naaf ta'u filachuu nan danda'a jedheera. Uummanni keenya kutannoo dimokiraasiif qabu, sirna dimokiraasii ijaaruuf fedhii inni qabu haala ifa ta’een mul'atee argameera. Karaa nagayaatiin filadheera; kanaan filadhes waadaa naaf galte ni raawwatta jedhee waanan amaneef jedheera. Filannoon 7ffaan nagayaanis, karaa dimokiraataawaa ta'eenis, hirmaannaa uummataatiinis, hirmaannaa paartileetiinis Seenaa addaati. Ida'amuu Ilaalchisee: Ida’amuun haaromsa siyaasaa, haaromsa dinagdee fi haaromsa hawaasummaa keessatti bu'aa guddaa nuuf fideera. Ida’amuun Afaanota kurnanii olitti hiikameera. Yaadni ida’amuu ilaalama qabatamaan rakkoo kan furu, jijjiirama fidaa kan jirudha. Namni tokko yaada ida’amuu yeroo dubbisu yaadni ida’amuu gaaffii yoo isaaf ta'e qorachuu ni danda'a; qabiyyee isaa keessa seenaa baay'ee, beekumsa baay'een akka jiru, aadaa baay'ee, eenyummaa baay’ee qabachuu isaatiin hiika guddaa akka qabu ni hubata. See less
Gareen seeraan ala ABUT humna boodatti hafaa deeggarsa alagaatiin biyya jeequuf tattaaffatu ta’uu isaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbatan.
Aug 8, 2026 403
Hagayya 2/2018 (ENA): Gareen seeraan ala ABUT of danda'ee kan dhaabbate osoo hin taane, diinoota birootiin deeggaramee biyya jeequuf kan tattaaffatu humna boodatti hafaa ta'uu isaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Oromia Broadcasting Network (OBN) waliin turtee taasisaniiru. Ministirri Muummee turtii isaaniitiin Gareen seeraan ala ABUT kan rakkoo uumuuf socho'aa jiru yaada, hoggansa fi ilaalcha boodatti hafaa kan qabu ta'uu ibsan. Gareen kun yaada kaleessaa irratti jijjiirama tokkollee osoo hin taasisin karaa kaleessa barateen deemuuf kan barbaadu ta'us, adeemsi isaanii milkaa'uu akka hin dandeenye dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis, gareen kun ilaalcha baraa waliin of jijjiiruu fi waliin tarkaanachuuf qophii akka hin taane ibsaniiru. Rakkoon inni guddaan lammaffaan gareen kun wal-qixxummaa fudhachuu dadhabuu isaati kan jedhan Ministirri Muummee; bara kana keessatti qaamni wal-qixxummaa hin fudhanne qormaata guddaan akka isa mudatu dubbataniiru. Yeroo ammaa kana ummanni naannichaa guutumaan guutuutti of bulchaa akka jiruufi, gareen kun gaaffii dhugaa kan hin qabne ta'uu ibsuun; waan xixiqqoodhaan gowwoomee Itoophiyaa jeequuf hojjechaa akka jiru himaniiru. Gareen kun kanaan dura qaamolee adda addaatiin deeggaramee gara aangootti kan dhufe ta'uu kan yaadachiisan Ministirri Muummee, akka kaleessaa qaamolee birootiin deeggaramanii biyya jeequu akka barbaadaniifi nagaa akka hina jaallanne dubbataniiru. Fakkeenyaaf, barana warqii alaatti ergameen Birrii biiliyoona 5.6 kan argame yoo ta'u; waggoota 27 isaan aangoorra turan keessatti walumaagalatti kan argame garuu Birrii biiliyoona 3.6 qofa ture jedhaniiru. Kunis warqichi saamamaa akka ture kan agarsiisuu fi yeroo isaan aangoorra turanitti galiin galuu qabu Birrii biiliyoona 200 yoo ta'u, yeroo ammaa garuu Birrii triiliyoona 1.5 gahuu ibsuun, namoonni kun beekumsa misoomaa akka hin qabne ibsaniiru. Gareen kun nagaa fi wal-qixxummaa kan hin jaallanneefi diinoota Itoophiyaa waliin hidhata uumuun jeequun jiraachuu akka barbaadan ibsan. Ilaalchi isaanii baraa kan hin madaallee fi waanti hedduun jijjiiramaa kan jiru yoo ta'eyyuu, qaamoleen kunniin rakkoo uumuu danda'u malee tasuma mo'achuu akka hin dandeenye Ministirri Muummee hubachiisaniiru.
Marichi rakkoolee baroottaniif turan furuun biyya cimtuu ijaaruuf dandeessisa- Mari’attoota
Aug 8, 2026 339
Hagayya 2/2018(ENA): Marichi rakkoolee baroottaniif turan furuun biyya cimtuu ijaaruuf dandeessisa jedhan mari’attoonni yaa’ii marii biyyaalessaa. Akka mari’attoonni kunneen jedhanitti marichi rakkoolee waggoottaniif lafarra harkifachaa turan furuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa bahata. Yaa’icharratti hirmaachaa kan jiran Sayifajamaal Hajii, mariin biyyaalessaa kun garaagarummaa mariin furuun nageenyaafi misooma waaraaf bu’uura cimaa kaa’a jedhan. Addunyaa ammayyaa keessatti rakkoon kamiyyuu mariin akka furamu ibsuun, mariin Itiyoophiyaatti gaggeeffamaa jirus kanaaf agarsiistuudha jedhaniiru. Mari’ataa biraan Marduu Gabrasillaasee gamasaaniin, rakkoon mariin hin furamne akka hin jirre hubachiisaniiru. Mariin kun tokkummaa Itiyoophiyaanotaa cimsuun misoomaafi badhaadhina ni mirkaneessa amantaa jedhu qabaachuu ibsaniiru. Lammiileen biyyattii kutaalee garaagaraarraa dhufan maricharratti hirmaachuun waltajjichi hirmaachisaa fi Itiyoophiyaa kan ibsu ta’uus eeraniiru. Hirmaachisummaan marichaa kan nama gammachiisu, adeemsi isaas Itiyoophiyaanonni carraa egeree biyya isaanii murteessuu keessatti qooda walqixaa akka bahatan kan dandeessisu ta’uu kan ibsan ammoo mari’ataa biraa Gabayyoo Dagooyyeedha. Waltajjichi waldhabdeewwan waggoottaniif turaniif furmaata waaraa kennuun hundi gara misoomaatti akka fuulleffatuuf carraa mijataa kan uumu ta’uus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Hawaasummaa
Hospitalichi Tajaajila Qorannoo fi Wal’aansa fayyaa bilisaa kennuun namoota hedduu fayyadamoo taasisaa jira
Aug 11, 2026 13
Hagayya 5/2018 (ENA): Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Kolleejjii Saayinsii Fayyaa fi Wal'aansaa Hospitaala Riifaraalaa Gobbaa Tajaajila tola ooltummaa gannaan namoota kuma 150 ol ta’aniif tajaajila qorannoo fi wal’aansa fayyaa bilisaa kennuu isaa ibse. Hospitaalli Riifaraalichaa tajaajila qorannoo fi wal’aansa fayyaa bilisaa kennuusaan namoonni qoratamuun haala fayyaa isaanii akka beekan gargaaraa jiraachuu jiraattonni Godina Baalee Magaalaa Roobee ibsaniiru. Daarektarri Olaanaan Hospitaala Riifaraalaa Kolleejjii Saayinsii Fayyaa Gobbaa fi Wal’aansaa Yuunivarsiitichaa gargaaraa piroofeesaraa MahaammadAmaan Maamaa ENA’f akka ibsanitti, hospitaalli riifaraalaa tajaajila wal’aansaa fooyya’aa hawaasicha qaqqabsiisuuf hojjechaa jira. Keessattuu hospitaalli riifaraalichaa tajaajila wal’aansaa idilee kennurra darbee tajaajila tola ooltummaa gannaan kutaa hawaasaa rakkoo garaagaraan dhaabbata fayyaa deemuuf hin dandeenye fayyadamaa gochaa jira. Tajaajilichi hawaasa fayyaalessa uumuu fi namoota utuu hin beekiin dhukkuboota garaagaraaf saaxilaman wal’aansaa barbaachisaa ta’e hordofuu akka danda’an kaayyoo kan godhate ta’uu ibsaniiru. Kanaanis yeroo gannaa kanaatti namoota kuma 120 ol ta'aniif tajaajila kennuuf karoorfamee hanga ammaatti lammiilee kuma 150 fayyadamaa gochuun danda'amuu fi hojiichi cimee itti fufuu isaa hubachiisaniiru. Daareektarri olaanaan kun akka jedhanitti, tajaajila tola ooltummaa gannaa bara kanaatiin tajaajiloota qorannoo bilisaa fi adda baafannaa dhukkubaa kennaman cinaatti yeroo tajaajila wal’aansaa idilee hiriirri wal’aansaa baqaqsanii yaaluu eegaa turan dabalataan kan keessummeeffaman ta’uun qophiin taasifamuu sagantichaa adda taasisa jechuun ibsaniiru. Kolleejjii Saayinsii Fayyaa fi Wal’aansaa Yuunivarsiitichaatti Daareektarri Koorporeetii Barnootaa Fayyaa fi Tajaajila Wal’aansaa Obbo Abeel Balihuu gamasaaniitiin Yuunivarsiitichi tajaajila qorannoo fi wal’aansaa hawaasichaaf kennu cinaatti saaxilamummaa dhukkubaa fi haala tatamsa’ina irratti hubannoo walitti fufaa uumaa jiraachuu dubbataniiru. Tajaajilli tola ooltummaa gannaan tajaajila qorannoo fi wal’aansaa bilisaa ta’uu fi kutaan hawaasaa hedduun qoratamuun haala fayyaa isaanii akka beekan gargaaraa dhufuu isaa dubbataniiru. Mata duree ‘ Gaarumman fayyaa keenyaaf ‘ akka biyyattiitti eegalame tajaajila tola ooltummaa fayyaa gannaatiin fayyaa irra darbee biqiltuu dhaabuu, dhiiga arjoomuu fi hojiileen tola ooltummaa biroon raawwatamaa jiraachuun beekameera. Qindeessaan duula tajaajila tola ooltummaa Hospitaalichaa, Ogeessi Fayyaa Waliigalaa Doktar Salamoon Kiflee gamasaaniitiin akka jedhanitti, gareen ogeeyyii fayyaa tajaajila kennan keessaa dhiibbaa dhiigaa, HIV, dhukkuba sukkaaraa, kaansarii harmaa, dhukkuba tiruu, qorannoo ijaa fi dhukkuboota biroo adda baafannaa fi wal’aansaa argamu. Gareen wal’aansaa yeroo turtiitti, fayyadamtoota tajaajilaa adda baasuu, tajaajila qorannoo fi wal’aansaa kennuurraa darbee dhukkuboota dabalataan wal’aansa barbaadan adda baasuun qorannoo dabalataaf hospitaalicha waliin Wal-quunnamsiisuun kan hojjetamu ta'uu ibsaniiru. Namoota tajaajila bilisaa kana fayyadaman keessaa aaddee Alfiyyaa Huseen gamasaaniitiin hospitaalichaa duula jalqabeen salphaatti wal’aansa argachuudhaan sadarkaa fayyaa irra jiran beekuuf akka isaan dandeessise ibsaniiru. Obbo Ahimad Mahaammad gamasaaniitiin ogeeyyiin fayyaa tajaajila qorannoo bilisaan kennaniin sodaa dhukkubaa irraa bilisa ta’uun isaa gammachuu uumuu isaa dubbataniiru. Tajaajilichaan namoonni dhukkubaan miidhamuu isaanii dura ofumaan dursanii akka beekan waan isaan gargaareef dhaabbaticha galateeffataniiru.
Tajaajilli Baankii Dhiigaa Adaamaa Bara Baajataa darbeetti Dhiiga Yuunitii kuma 21 Ol Walitti Qabe
Aug 10, 2026 150
Hagayya 4/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli Baankii Dhiiga Adaamaa bara bajataa darbe keessa dhiiga yuunitii kuma 21 ol arjoomtoota dhiigaa tola ooltummaa irraa walitti qabuun dhaabbilee fayyaaf raabsuu beeksise. Du’a haadholii fi daa’immanii hir’isuu, yeroo balaa tasaa lubbuu baraaruuf, baqaqsanii hodhuu dhibeewwan gurguddaa adda addaatiif dhiheessi dhiigaa barbaachisaa ta’e mirkaneessuuf tajaajilli baankii dhiigaa damee fayyaa keessatti gahee olaanaa qaba. Tajaajilli Baankii Dhiigaa Adaamaas qaamota dhimmi ilaallatu waliin ta’uun duula arjooma dhiigaa wiirtuuwwan dhaabbataa fi socho’aa irratti qopheessuun dhiyeessii dhiigaa amanamaa ta’e mirkaneessuuf ni hojjeta. Hogganaan Tajaajila Baankii Dhiigaa obbo Katamaa Dhaqqabaa ENAtti akka himanitti, hanqina dhiigaa salphisuuf baankichi dhiiga hawaasa irraa walitti qabuun dhaabbilee fayyaaf raabsaa jira. Bara baajataa darbe keessa tola ooltota irraa dhiiga yuunitii kuma 24 walitti qabuuf karoorfachuun dhiiga yuunitii kuma 21 fi 700 walitti qabuu akka danda’e himani. Dhiigni walitti qabame gara Magaalaa Adaamaa, Shawa Bahaa fi Arsiitti erguun dhaabbilee fayyaa 50f raabsamee, itti fayyadamamaa akka tures ibsaniiru. Teeknooloojii fi meeshaalee ammayyaatiin baankii dhiigaa ijaaruun dhiyeessii dhiigaa gahaa fi amanamaa ta’e tola ooltota irraa walitti qabuuf hojiin hojjetame bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru. Hogganaan baankii dhiigaa kun bara bajataa 2019tti dhiiga yuunitii kuma 25 walitti qabuuf karoorfachuun hojii eegaluu beeksisaniiru. Milkaa’ina karoorichaatiif lakkoofsi namoota tola ooltota dhiiga arjoomtootaa dabaluu fi qindoomina qooda fudhattoota waliin cimsuuf tattaaffiin akka hojjetamu beeksisaniiru. Itti dabaluunis yeroo ammaa haala mijataa tajaajila tola ooltummaa waktiin Gannaa uumetti fayyadamuun magaalota Adaamaa, Boqojjii fi Bishooftuutti duula dhiiga sassaabuun gaggeeffamaa jira jedhan. Dargaggoonni arjooma dhiigaa tola ooltummaa Gannaa magaalaa Adaamaa irratti hirmaatan ENAtti akka himanitti, Dhiiga arjoomuun nama arjoomu irratti miidhaa fayyaa tokkollee kan hin geessisne yoo ta'u, hojii gaarii lubbuu namootaa baraaruun nagaa keessoo fi qalbii argamsiisa jedhani. Namoota yaada kennan keessaa Yoonaas Ashamoo yeroo 5ffaaf dhiiga kan arjoome ta’uu eeruun, dhiiga arjoomuun lubbuu baraaruudha jedheera. Yaada kennaan kan biraan Dagafaa Baalchaa gama isaatiin namni fayyaalessii fi umuriin isaa eeyyamuuf dhiiga ajoomuun lubbuu baraaruuf hirmaachu qaba jedheera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Tajaalila tola ooltummaan deeggarsi taasifameefii rakkoo isaanii salphisaa fii jiraachuu jiraattonni fayyadamoo deeggarsichaa ta’an godina Harargee Lixaa magaalota Masalaa fi Ciroo dubbatani.
Aug 8, 2026 267
Hagayya 2/2018 (ENA): Tajaalila tola ooltummaan deeggarsi taasifameefii rakkoo isaanii salphisaa fii jiraachuu jiraattonni fayyadamoo deeggarsichaa ta’an godina Harargee Lixaa magaalota Masalaa fi Ciroo dubbatani. Waajjirri Maallaqaa godinichaa akka beeksisetti, yeroo Ganna kanaa hanga ammaatti godina Harargee Lixaa keessatti tajaajilli tola ooltummaan birrii biiliyoona 10 oliin kan tilmaamamu adeemsifamaa jira jedhe. Aadde Tsadaalee Irgaxee fi obbo Ibraahim Muummee jiraattonni magaala Masalaa sababa hanqina qabeenyaatiin mana isaanii suphuu waan hin dandeenyeef rakkoon cimaan isaan mudachaa akka ture dubbatu. Haa ta'u malee hojiin tola ooltummaa kun amma mana haaraa akka argatan gochuun rakkoo hawaasummaa fi diinagdee isaanii akka salphise himu. Tajaajila tola ooltummaatiin mana isaaniif ijaarame keessatti abdii fi gammachuu haaraa argachuun amma jireenya tasgabbaa’aa jiraachuu eegaluu isaanii ibsaniiru. Fayyadamtoota tajaajilichaa kan ta’an magaalaa Ciroo irraa Aadde Aayishaa Kadir; tajaajila tola ooltummaatiin manni mijataa akka isheef ijaaramee fi meeshaalee mana keessaas akka argatte dubbatti. Hojii Gaggeessaa Bulchiinsa Magaalaa Masalaa obbo Kadir Aliyyii akka jedhanitti Ganna kana keessa manneen qaama miidhamtootaafi humna hin qabne manneen 16 ijaaramuu ibsaniiru. Lammiilee kunuunsa fayyaa barbaadaniif yaala fayyaa kennuu bira darbee dabtara darzaana 500 barattootaaf bitamuu ibsaniiru. Itti Gaafatamaan Waajjira Maallaqaa godina Harargee Lixaa obbo Huseyid Mu’azam akka jedhanitti, Ijaarsa mana jireenyaa, deeggarsa meeshaalee barnootaa, fi arjooma dhiigaa dabalatee sektaroota 18 keessatti hojiin tajaajila tola ooltummaa birrii biiliyoona 10 ol hojjatamuu ibsaniiru. Ijaarsa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa 40 fi manneen barnootaa duraa 70 dabalatee pirojektoonni mana jireenyaa qaama miidhamtootaa 4,800 ol xumuramuu isaanii akeekaniiru. Walumaagalatti hirmaannaa hawaasaa cimsuun bara bajataa kana keessatti hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa birrii biiliyoona 23 olitti tilmaamamu raawwachuuf karoorfamuu isaa obbo Huseyid ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Godina Boorana Bahaatti Miidhaa Uumamaas ta’ee Nam-tolche Humna ofiin damddamachuuf ji’a tokko keessatti qabeenyi gosaafi qarshiidhaan Birrii Miiliyoona 48 Ol Ta'u fi meeshaadhan walitti qabame.
Aug 8, 2026 227
Hagayya 2/2018(ENA): Godina Boorana Bahaatti Miidhaa Uumamaas ta’ee Nam-tolchee Humna Ofiin damdamachuuf j’a tokko keessatti qabeenyi birrii miiliyoona 48 Ol ta'u qarshiifi gosaan kan walitti qabame ta’uu Waajjirri Buusaa Gonofaa Godinichaa beeksiseera. Godinichi rooba xiqqaa fi balaa hongeef kan saaxilamu waan ta'eef, rakkoon midhaan nyaataa, bishaan dhugaatii fi nyaatni beeyladaa akka mudatu ni beekama. Hoogganaan waajjirichaa Obbo Liiban Dabbasoo akka jedhanitti, rakkoolee kana humna ofiin furuuf uummata kuma 62 fi 931 waliin marii taasiisameen walhubannan uumameera. Godinichatti aanaalee 9 keessatti uummata kuma 481 fi 700 ol ta’an miseensummaa Buusaa Gonofaatiin galmeessuun danda'ameera jedhaniiru. Barana miseensotaa fi deeggartoota irraa qabeenya gosaanii fi maallaqa callaan deeggarsa Qarshii Miiliyoona 179 fi Kuutaa 700 ol ta'u sassaabuuf gara hojiitti galamuu eeraniiru. Ji'a Adoolessaa 2018 qofaatti aanaalee godinichaa hunda irraa qabeenyi gosaa fi qarshii Miiliyoona 48 olitti tilmaamamu sassaabamuu ibsaniiru. Godinichatti bara darbe balaawwan uumamuu danda’an qolachuuf humna ofiin furuuf hojii qabeenyaa waliitti qabu taasiifameen Qarshii Miiliyoona 78 ol sassaabamuus ibsaniiru. Kanneen keessaas qarshii miiliyoona 25 ol kan ta’u namoota arjoomtota miseensa Buusaa Gonofaa hin taaneen kaka’umsa mataa isaaniitiin deeggarsa taasiisame akka ta'e eeraniiru. Godinichatti aanaalee 8 keessatti lafa uummataa heektaara 172 misoomsuun, qamadii fi midhaan adda addaa irratti oomishuudhaan harka namaa eegu irraa gara oomishtummaatti ce'uuf tattaaffiin taasiifamaa jira jedhaniiru. Godinichatti balaa uumamaatiin namoonni hanqina midhaan nyaataaf saaxilaman kuma 96 ol akka jiran eeraniiru. Jiraataan magaalaa Nagallee Booranaa fi hojjetaan mootummaa obbo Mokkonnin Gashir fedhii fi kaka'umsa mataa isaaniitiin Buusaa Gonofaaf deeggarsa kan taasiisan keessaa nama tokkodha. Balaa uumamaa fi nam-tolchee humna ofiin furuuf deeggarsa gosaa fi qarshii taasiisan cimsanii kan ittifuufan ta'uu ibsaniiru. Jiraataan magaalaa kanaa dargaggoo Dhibbaa Diidhaa rakkoolee hawaasummaa humna ofiin furuuf qarshiidhaan, beekumsaa fi humnaan hundumti keenya walgargaaruu qabna jedheera. Dargaggoon kun kaka'umsa mataa isaatiin miseensa Buusaa Gonofaa ta'uudhaan dhaabbataan ji'a ji'aan deeggarsa qarshii taasiisaa akka jiru ibseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Diinagdee
Deeggarsi damee industirii Naannoo Hararitti taasifamu bu'aa qabatamaa argamsiiseera
Aug 11, 2026 9
Hagayya 5/2018 (ENA): Faayidaa diinagdee industirichaa Naannoo Hararii guddisuuf deeggarsa taasifame bu’aa qabatamaa argamsiiseera jedhan Hogganaan Biiroo Misooma Intarpiraayizii fi Industirii Naannichaa obbo Ismaa’el Yuusuf. Xiyyeeffannoon damee industirii naannichaaf kenname carraa hojii irraa fayyadamoo akka ta’an dargaggoonni himaniiru. Hogganaan Biiroo Misooma Intarpiraayizii fi Industirii Naannichaa Ismaa’eel Yuusuf ENAtti akka himanitti, xiyyeeffannoon damee industirii naannichaaf kennameen industiriiwwan xixiqqaa, giddu galeessaa fi gurguddoon 231 akka hundeeffaman taasiseera jedhani. Oomishtummaa damee industirii guddisuuf dhiyeessiin bu’uuraalee misoomaa, deeggarsaafi hordoffiin cimee hojjetamuusaas ibsaniiru. Kunis dandeettii oomishaa industiriiwwan dabaluu, oomishaalee biyya alaatii galfaman toonii kuma 49 ol bakka buusuun, sharafa alaa gara doolaara miiliyoona 60 baraaruu isaa ibsaniiru. Kana malees dandeettiin oomisha industirii guddinaan lammiileef carraa hojii uumeera jedhaniiru. Fuuldurattis invastimantiin haaraan kan hojjetamu ta’uu keessattuu ijaarsa, nyaataa fi dhugaatii, oomisha gogaa fi bu’aalee gogaa fi dameewwan biroo irratti ibsaniiru. Industiriiwwan naannichatti deeggarsa isaaniif taasifameen milkaa’ina argatan keessaa hogganaan Warshaa Borsaa fi Kophee Tatii obbo Omar Mohaammad akka jedhanitti, warshaan kun Feestaala oomishuu dhiisee, oomisha boorsaa fi kophee filannoo ta’e oomishuuf jalqabeera. Kunis dandeettii omishaa guddisuu qofa osoo hin taane guddina biyyaatiif gumaacha taasisuun lammiileef carraa hojii akka uume hubachiisaniiru. Babal’ina industiriin omishaa naannichaa hordofee carraa hojii uumame irraa fayyadamaa kan ta’e Dargaggoo Mohaammad Zuber ofii fi maatii isaa deeggaruu qofa osoo hin taane, dandeettii teeknooloojii isaa guddifachaa akka jiru dubbateera. Namoota zoonii industirii naannichaa keessatti industirii omisha huccuu keessatti hojii argatte keessaa tokko kan taate Tsiyoon Shawul carraan hojii argatte maatii ishee akka jiraachisuuf akka ishee gargaare dubbatteetti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Paarkiin ‘Friendship’(Michoomaa) Finfinee Walakkaatti argamu waggoota afran darban qofa keessatti galii gara birrii biiliyoona tokkoo argamsiise
Aug 11, 2026 29
Hagayya 5 /2018 (ENA): Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad akka himanitti, Paarkiin Michoomaa giddugala magaalaa Finfinneetti argamu waggoota afran darban qofa keessatti galii gara birrii biiliyoona tokkoo argamsiise jedhani. Paarkiin 'Friendship' Finfinnee walakkaatti argamu bakkeewwan tajaajila uummataa faayidaa damee daneessa ta'e qabaniifi waggoota saddeet darbanitti warra jalqaba Mootummaa Ida'amuutiin ijaaraman keessaa isa tokko ta’uu himaniiru. Paarkiin kun waggoota afran darban qofaatti galii birrii biliyoona tokkotti dhiyaatu kan argamsiise yoo ta'u, karaa kallattiifi kallattii hin taaneen carraawwan hojiifi fayyadamtummaa dinagdee kan uumeedha. Hundaa caalaammoo bakka lammiileen kutaalee hawaasaa garaagaraa keessaa babahaniifi daawwattonni itti walargan ta'uu danda'eera. Maatiifi ijoolleerraa eegalee hanga gareewwan ispoortiifi hirmaattonni cidhaa akkasumas kalaqxoonni qabiyyee dijitaalaafi daawwattonni biyya keessaafi biyya alaa bakka itti walgahanidha. Paarkiin 'Friendship' bu'aasaa dinagdeen alatti fayyaaf, sochii qaamaatiif, bashannanaafi hidhata hawaasaatiif tajaajila guddaa kennaa jira. Kunis bakkeewwan tajaajila uummataa haala gaariidhaan karoorfaman akkaataa itti guddina magaalummaa waliigalaa Magaalaa Finfinnetiif gumaacha taasisaa namoota walqunnamsiisuu danda'an kan agarsiisan akka ta’e eeraniiru. Paarkiin kun bakkeewwan tajaajila uummataa walfakkaataa magaalattii keessattii keessattiifi magaalotii kanbiroo keessatti ijaaramaa jiraniif fakkeenya adda dureedha. Bakkeewwan haaraan kunneen sona kan uuman, carraawwan kan mijeessaniifi hundaa olimmoo giddugaleeyyii abbummaa Itoophiyaanotaa mirkaneessanidha jedhan Ministirri Muummee ergaa Miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Sagantaan Maaddii guutuu wabii nayaataa mirkaneessuun dinagdee qonnaan bulaa guddisaa jira
Aug 11, 2026 47
Hagayya 4/2018(ENA): Sagantaan Maaddii guutuu wabii nayaataa mirkaneessuun dinagdee qonnaan bulaa guddisaa jiraachuun ibsameera. Itoophiyaatti Sagantaan Maaddii guutuu sadarkaa biyyaalessatti sochii misooma gaggeeffamaa jiru yoo ta’u; kaayyoon isaa olaanaanis damee qonnaa keessatti innisheetivota jiran hojiirra oolchuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jira. Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaatti raawwii sagantichaa bu’a qabeessa taasisuuf sochiin bal’aan taasifamaa tureera. Godinichatti Qonnaan bultoonnii fi jiraattonni naannichaa karaa ammayyaatiin horsiisa lukkuu, kunuunsa horii aannanii fi misooma dammaa irratti bobbauunsaanii ibsameera. Sochiin kunis sadarkaa maatiitti nyaanni qulqulluu fi madaalawaa ta’e salphaatti akka argamu dandeessiseera. Qonnaan bultootnii fi dargaggoonni damicha irraa bu’aa argatan gabaaf dhiyeessuun madda galii dabalataa uumuu fi sadarkaa jireenyaa isaanii fooyyessuunsaa ibsameeera. Godinichatti sagantaa maaddii guutuu irratti hirmaachuun fayyadamoo ta’an keessaa jiraattota Magaalaa Innaangoo obbo Hiikaa Kumarraa fi aadde Alamneesh Abdii akka jedhanitti loon aannanii shan horsiisuun guyyaatti giddu-galeessaan aannan liitira 150 argachaa jiraachuu dubbataniiru. Bulchiinsa magaalichaa keessatti deeggarsaa fi carraa isaaniif uumameen damee horsiisa Loon Aannaniirratti bobba’uun, jireenyaa isaanii fooyyessuu fi fayyadamummaa dinagdee isaanii guddisuuf akka isaan dandeessise ibsaniiru. Aadde Dirribee Leellisaa gama isaaniitiin lukkuu hanqaaquu buustu 300 horsiisuun hojii isaaniitiin bu’a qabeessa ta’uu danda’uu isaanii ibsaniiru. Kanaanis hawaasa naannichaaf hanqaaquu gatii madaalawaan dhiyeessuun hawaasa fayyadamaa gochuu fi galii mataasaanii guddisuu isaanii ibsaniiru. Dargaggoo Mubee Qaasim gama isaatiin maatii isaa waliin ta’uudhaan lukkuu 500n hojii horsiisaa eegaluusaa ibsuun yeroo ammaa bu’a qabeessa ta’aa jiraachuusaa ibseera. Godina Wallagga Lixaa Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Innaangoo obbo Daani’eel Badhaasaa ENA’f akka ibsaniitti; magaalattitti gaaffii misoomaa uummataa deebisuuf hojii hojjetan cinaatti wabii nyaata hawaasaa mirkaneessuuf kan dandeessisan hojiin adda addaa raawwatamaa jira. Keessattuu sagantaa ‘maaddii guutuutiin Loon Aannanii sanyii fooyya’aa lukkuuwwanii fi gaagura kaannisaa jiraattota naannichaaf dhiyeessaa jiraachuu ibsaniiru. Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaatti Dursaan Garee Misooma Beelladaa fi Fooyyessa sanyii obbo Gammachiis Taaddasaa; sagantaa ‘maaddii guutuu hojiin lammiilee hedduu fayyadamaataasise hojjetameera jedhaniiru.
Adaamaatti pirojektoota misooma magaalaa cinatti lafti heektaara kuma 25 ol misoomee jira
Aug 10, 2026 165
Hagayya 04/2018 (ENA) Pirojektoota misooma magaalaa cinaatti lafti heektaara kuma 25 ol Adaamaatti misoomuu isaa Waajjirri Qonna magaalichaa beeksise. Adamaan wiirtuuwwan diinagdee, industirii fi geejjibaa gurguddoo naannoo Oromiyaa keessaa tokko yoo taatu, magaalaa babal’ina magaalaa saffisaa fi baay’inni ummataa keessatti mul’atudha. Bal’inni lafa magaalattii fi misoomni bu’uuraalee misoomaa yeroo hunda guddachaa kan jiru yoo ta’u, magaalattii haala eegumsa naannoo fi wabii nyaataa waliin walsimuun bulchuun barbaachisaa dha. Tarkaanfiin kun fedhii nyaataa baay’ina ummata magaalaa irraa maddu guutuu fi qaala’iinsa gatii hir’isuuf, dhiyeessii kuduraalee fi midhaan dabalatee, akkasumas dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii qonna magaalaa fi hojii qonnaa ammayyaa keessatti uumuuf kan hojjetamudha. Kanaafuu, Waajjirri Qonnaa Magaalaa Adaamaa lafa heektaara kuma 25 ol sanyiidhaan uwwisuun isaa magaalattiin giddugala omishaa fi daldalaa ishee eeggachaa oomishtummaa qonnaa guddisuuf tattaaffii taasisaa akka jirtu agarsiisa. Akka itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Alamuu Qixuu himanitti, yeroo omisha 2018/19tti oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultoota magaalichaa guddisuuf galteewwan oomishaa fooyya’oo ta’an isaaniif kennameera jedhani. Godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaa fi Lumee gandoota 28 hammachuun irra deebiin kan gurmaa’e Adaamaa; itti gaafatamaan kun qonnaan bultoonni kumaatamaan lakkaawaman magaalattiitti makamuu isaaniis ibsaniiru. Sirna qonnaa teeknooloojii fi makaanaayizeeshiniin deeggaruun omishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf tattaaffii taasifamaa jira jedhani. Misooma qonna Ganna bara kanaatiif tiraaktaroonni qonnaa 20 bulchiinsaan bitamanii qonnaan bultootaaf kennamuu eeruun, hanga ammaatti lafti heektaara kuma 25 fi 154 qamadii, xaafii, boloqqee fi midhaan gurguddoo adda addaan uwwifameera jedhani. Bulchiinsi magaalichaa yeroo ammaa lafa heektaara 100 ol irratti avokaadoo, burtukaana, loomii, paappaayyaa, zayituunaa fi maangoo bal’inaan misoomsaa jiraachuu ibsaniiru. Laga Awaash dabalatee dhaabbilee jallisii suphuu fi mootora bishaan harkisu qonnaan bultootaaf akka dhiyaatu gochuun waggaatti si’a sadii ol oomishuun aadaa akka ta’uuf akka hojjetan dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Saayinsii fi teeknooloojii
Innisheetivii Qonna Magaalaan jijiiramni guddaan mul’achaa jira
Aug 10, 2026 137
Hagayya 4/2018 (ENA) : hojiirra oolmaa Innisheetivii Qonna majgaalaan jijiiramni gudan mul’achaa jiraachuun Biiroon Misooma magaalaa fi manneenii Oromiyaa beeksise. Tarsiimoo Magaalota giddugala dinagdee taasisuuf hojjetama jiruun bu’aan abdachiisaan mul’achuusaa Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Mohaammad Guyyee ibsaniru. Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa waltaa'insa Yunvarsitii Naannoo Oromiyaa waliin ta'uun qorannoo rakkoo hawaas-dinagdee magaalota hiikuu dandeessisan gaggeesse irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeessa jira. Magaalota giddugala dinagdee taasisuufii fi beekumsan hogganuuf qorannoon deeggaramuun hojjetamaa jiraachuu Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Mohaammad Guyyee ibsaniru. Mootummaan tarsiimoo magaalomsuu hojirra oolchaa jiruun jijjiiramni dhufa jiraachuu ibsuun qorannoo kanaan rakkoowwan raawwii keessatti mudaacha jiru addaa baasuun fi tarsiimoo haaraa bocuun hojjechuuf yaadame kan gaggeeffame ta'u Obbo Mohaammad himaniru. Qorannicha kan dhiheessan Yunvarsitii Naannoo Oromiyaa irra sanada "Urban Agriculture Initiatives" irratti kan dhiyeessan qorattoonni Dr Dasaalenyi Fiqaaduu fi Dr. Ahimed Mohaammad akka jedhanitti hojiin inisheetivii qonna magaalaa magaalota keessatti hojjetama jiran jijjiirama gaarii argamsiisaa jiraachuu ibsuun, hojiiwwan inisheetiviin hojjetamaa jiran daran ammayyeessuuf ''Innovative Urban Farming''(Qonna magaalaa kalaqaa) hojirra oolchuun yoo hojjetame misooma itti fufinsa barbaadame fiduun barbaachisa ta'u himaniru. Hojiin inisheetivii qonna magaalaa ijaarsa kilaastara beelladaa, omishaa kuduraa fi muduraa, misooma dammaa karaa qindaa'een hojjetamaa jiruun carraan hojii uumamuu, galii fayyadamtoota guddisuu, magaalaa iddoo oomishaa taasisuu, maddii madaalawwa lammileen akka argatan taasifama jiraachuus ibsameera. Magaalota jireenyaaf mijataa ta'an horaachuuf kan hojjetamu ta’uunis ibsameera. BMMMO irraa
Inishiyeetiiviin Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.
Aug 10, 2026 107
Hagayya 4/2018(ENA) : Inishiyeetiiviin Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu Waajjirri Ministira Muummee beeksise. Waamicha biyyaalessaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) dargaggoonni Itoophiyaa Inishiyeetiivii Kooderota Itoophiyaa Miliyoona 5tti makamuun dhuma waqtii Gannaa lakkoofsi hirmaattota gara miliyoona 7tti akka ol guddatuuf hordofuun, sagantaan muuxannoo wal jijjiiraa gaggeessummaa Waajjira Ministira Muummeetiin adeemsifameera. Sagantaan kun hoggantoota industirichaa fi qaamolee imaammata baasan, eebbifamtoota jalqabbii kanarraa mirkanaa’anii fi ogeessota dargaggootaa walitti fideera. Sagantaan kun waltajjii hirmaattonni muuxannoo fi ilaalcha isaanii akka waliif qoodan taasisuudhaan Ajandaa Dijitaalaa Itoophiyaa bara 2030 guddina ogummaa dijitaalaa qabatamaan akka tarkaanfachiisu gumaacheera. Sagantaan kun agarsiisa hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffate daawwachuudhaan kan eegale yoo ta’u, Waajjira Ministira Muummeetti Hoggantuun Sakreetariyaatii Pireesii Billenee Siyyum haasaa baniinsaa taasisaniiru. Itti Gaafatamtuun Biirichaa haasaa isaanii keessatti ogummaan teeknikaa fi dijitaalaa dargaggoota qabeenya biyyaalessaa murteessaa ta’uu ibsuun, waamicha Ministirri Muummee Ganna kana lakkoofsi koodaroota gara miiliyoona 7tti akka ol guddisu taasisan hojiirra ooluu isaa mirkaneessaniiru. Marii paanaalii itti aanu irratti ogeeyyiin afur kanneen Inishiyeetiivii Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 irratti muuxannoo fi ilaalcha isaanii qoodaniiru. Paanaalistoonni Dr. Abiyyoot Baayyuu Gorsaa Olaanaa Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii; Hojii Gaggeessaa Olaanaa dhaabbata Giiroo(gheero) Beeteeliheem Dassee , eebbifamaa inisheetivii kanaa Azmaraa Taaddasaa fi hojii uumtuu teknooloojii Maahileet Siyyum dha. Hirmaattonnii fi dargaggoonni dandeettii isaanii itti fufiinsaan akka guddisan, furmaata gochaan hojjetamuu danda’u akka qopheessan, guddinaa fi kalaqa sirna ikoo dijiitaalaa Itoophiyaa keessatti gahee isaanii akka ba’an jajjabeessaniiru. Dargaggoonni hirmaattonni ogummaa dijitaalaa ilaalchisee gaaffii paanalistootaaf kan dhiyeessan yoo ta’u, gaaffii isaaniif deebii kan argatanii fi guutuun waltajjii marii banaa fi muuxannoon kan itti wal jiijjirame ture. Muuxannoo wal jijjiiruun kun dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa Inishiyeetiiviin Koodaroota Itoophiyaa Miiliyoona 5 qabu irra deebi’ee kan mirkaneesse ta’uu Waajjirichi ibseera. #PMOEthiopia #DigitalEthiopia2030 #5MillionEthiopianCoders #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Wiirtuun Tajaajila IddooTokkoo 'MESOB' Kenniinsa tajaajila Abbaa Dhimmaa Sirnoomsuun tajaajila si'ataa fi dhaqabamaa taasisuu keessaatti qooda olaanaa qaba- Obbo Abbaabbuu Waaqoo
Aug 8, 2026 281
Hagayya 2/2018(ENA): Wiirtuun Tajaajila IddooTokkoo 'MESOB' Kenniinsa tajaajila Abbaa Dhimmaa Sirnoomsuun tajaajila si'ataa fi dhaqqabamaa taasisuu keessaatti qooda olaanaa qaba jedhan bulchaan godina Shawaa Bahaa obbo Abbaabbuu Waaqoo. Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa Magaalaa Bulbulaatti Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo (MESOB) ijaaramaa ture xumuramuun tajaajila kennuu eegaleera. Wiirtuun kenna tajaajila iddoo tokkoo hojii eegale kun rakkoo kenna tajaajilaa abbaa dhimmaa deeddebii irraa hambisuun rakkoolee bulchiinsa gaarii fi malaamaltummaa hundee irraa hiikuuf gahee olaanaa akka qabu Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii dubbatan. Wiirtuun kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo magaalaa Bulbulaatti ijaarame kun Saktaaraalee adda addaa tajaajila kennuu fi ogessoota gahumsaa qabanii fi teeknoloojii ammaayyaa qabaniin tajaajila si'ataa fi iftoomina qabu kennuu eegaleera jechuun waajjirri komunikeeshinii Shawaa Bahaa gabaaseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Labsiin nageenya saayibarii bu’uuraalee misooma gurguddoo faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuuf ga’ee olaanaa qaba
Aug 7, 2026 228
Hagayya 1/2018 (ENA ) Labsiin nageenya saayibarii bu’uuraalee misooma gurguddoo nageenya saayibarii mirkaneessuun faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuuf ga’ee olaanaa akka qabu Daarektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo (INSA) aaddee Tigisti Hamiid ibsan. Daayrektarri olaantuun aaddee Tigisti Hamiid labsichaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniitiinis labsichi waxabajjii 2 bara 2018 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin ragga’uusaa eeraniiru. Eegumsi bu’uuraalee misooma gurguddoo imala ce’umsa diijitaalaa Itoophiyaa bu’uura nageenya saayibarii jabaa irratti ijaaruuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru. Sagantaan Eenyummaa Diijitaalaa, sirni kaffaltii mobaayilaa fi bittaa elektirooniksii akkasumas pirojektoonni biyyaalessaa fakkaatan kun daataa hanga olaanaa ta’e kan maddisiisan ta’uu ibsuudhaan, nageenya odeeffannoowwan kanaa fi siistamootaa mirkaneessuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafuu hojiirra ooluun labsichaa nageenya saayibarii mirkaneessuun odeeffannoo lammiilee fi biyyaa miidhaa irraa ittisuudhaan olaantummaa odeeffannoo mirkaneessuuf tarkaanfii guddaa ta’uu ibsaniiru . Miidhaawwan bu’uuraalee misooma gurguddoo irratti gaggeeffaman dabalaa dhufuun isaa ba’uu labsichaaf sababa ta’uu ibsuudhaan, labsiin haaraan kun sodaa saayibarii bu’uura godhatee to’annoo fi sirna deebii ta’ee giddu-galeessa ta’e diriirsuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru. Akka labsichaatti bulchiinsichi dhaabbileen bu’uuraalee misooma gurguddoo guutuu qaban irratti qophii barbaachisaa ta’e akka godhan deeggaruun, eegumsa bu’uuraalee misooma gurguddoof kan gargaaran qajeelfamootaa fi istaandaardiiwwan qopheessuun dhimmoota caasaa seeraa keessatti kan hammataman ta’uu eeraniiru. Eegumsa bu’uuraalee misooma gurguddoo irratti ogeessa ga’umsa qabuu fi naamusaanis kan qophaa’e humna namaa gurmeessuun hojjetamuu isaa ibsaniiru. Dhimma labsichaa irratti hawaasaa fi qaamolee dhimmi ilaaluuf hojiin hubannoo uumuu kan raawwataman ta’us eeraniiru. Dhaabbileen abbaa qabeenyaa bu’uuraalee misooma gurguddoo ta’an ammoo ogeessa leenjifame bobbaasuu, ga’oomsuu fi qorannoo nageenyaa barbaachisaa ta’e gochuun akka irraa eegamu labsichi kan tumu ta’uu eeraniiru.
Ispoortii
Itoophiyaan Shaampiyoonaa Addunyaa Umurii 20 gadiitin Medaaliyaa 6 Argachuun Dorgommicha Xumurte
Aug 10, 2026 146
Hagayya 4/2018 (ENA): Itoophiyaan Shaampiyoonaa Addunyaa Umurii 20 gadiitin Meedaaliyaa 6 Argachuun dorgommii ishee xumurteetti. Halkan edaa sagantaa guyyaa dhumaa gaggeeffameen gosa dorgommii fiigicha meeitra 1500 koorniyaa lamaaniin kan hirmaatte Itoophiyaan, meedaaliyaa argachuu hin dandeenye. Dorgommii dubartootaan Elsaabeet Amaaree 4ffaa, Haragawayin Kaalaayuu 9ffaa ta'uun xumuraniiru. Dhiiraan immoo Dastaa Taaddee sadarkaa 12ffaa qabachuun xumureera. Itoophiyaan walumaagalatti medaaliyaa Warqee 2, Meetii 3 fi Nahaasa 1 argatteetti. Waggaa lamaan dura dorgommii walfakkaataa Peeruu, Liimaatti gaggeeffameen Itoophiyaan medaaliyaa warqee 6 dabalatee walumaagalatti medaaliyaawwan 10 argachuun xumuruun ishee ni yaadatama. Dorgommii baranaatiin biyyi qopheessituu turte Ameerikaan medaaliyaawwan 24 walitti qabachuun sadarkaa jalqabaatiin xumurteetti. Keeniyaan medaaliyaa 11’n sadarkaa 2ffaa kan qabatte yoo ta'u, Itoophiyaan Addunyaarraa 5ffaa, Afrikaa irraa immoo sadarkaa 2ffaa qabachuun dorgommii ishee xumurteetti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Itoophiyaan dorgommii Atileetiksii Addunyaa umurii waggaa 20 gadiitiin Madaaliyaa Warqee Lammaffaa argatte
Aug 9, 2026 216
Hagayya 3/2018 (ENA) Dorgommii Atileetiksii Addunyaa 21ffaa Amerikaa Oregoonitti gaggeefamaa jiruun Itoophiyaan madaaliyaa warqee lammaffaa argatteetti. Dorommii Fiigicha meetira 3000 umrii 20 gadii atileetiksii addunyaa irratti dorgomameen Atileeti Yordaanos Tsiggaa’ab madaaliyaa warqee mo'atteetti. Atileetiin kun sa'aatii fooyya'aa dhuunfaa ishee 8:43.65 galmeessuudhaan biyya isheetiif madaaliyaa warqee argamsiisteetti. Atileetiin kan biraan Shittoo Gumii sa'aatii 8:45.06n lammaffaa ba'uudhaan madaaliyaa meetii (biirrii) argamsiisteetti. Atileetiin kun waldorgommmii meetira 5000tiinis madaaliyaa meetii argachuun ishee ni yaadatama. Shampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa Umrii 20 Gadii Amerikaa Oregoonitti gaggeefamaa jiru har'a kan xumuramu ta'a. Itoophiyaan dorgommii kanaan madaaliyaa warqee 2, meetii(birrii) 3 fi meedaaliyaa naasii 1 argachuun gabatee madaaliyaatiin sadarkaa 3ffaa irratti argamti
Biruunoo Gumaareesh Arsenaalitti makame
Aug 8, 2026 292
Hagayya 2/2018 (ENA): Kilabiin Kaaba Landan Arsenaal taphataa sarara gidduu lammii Biraazil ganna 28 Biruunoo Gumaareesh Niwukaastil Yunaayitid irraa jijjiirraa isaa xumuruu isaa har'a beeksise. Shaampiyoononni Piriimiyerliigii ammaa taphatichaaf kaffaltii paawundii miiliyoona 75 kan kaffalan yoo ta'u, Gumaareesh waggaa afuriif mallatteessee waggaa dabalataa filachuu danda'a. Garee Miikel Arteettaa keessatti shamizii lakkoofsa 39 uffatee taphata. Biruunoo Gumaareesh qormaata haaraa mudatee waancaa gurguddaa injifachuuf gara Arsenaalitti makamuu akka barbaadu dubbateera. Taphataan ganna 28 kun akka lakkoofsa warra Awurooppaatti ji'a Adoolessa 2026tti Arsenaalitti makamuuf waliigaltee dhuunfaa isaa kan mallatteesse ta’uun ni yaadatama. Taphataan kun bara 2022tti kilaba Keliyoon irraa gara Niwuukaastil yunaayitiditti jijjiramuun taphachaa tureera. Biruunoo Gumaareesh Kiristoos Zoolisii fi Ilaan Meesliyer hordofuun taphataa 3ffaa jijjiirraa ganna kanaan Arsenaalitti makame ta'eera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ispeen Arjentiinaa injifachuun waancaa addunyaa kaafte
Jul 20, 2026 1668
Adoolessa 13/2018 (ENA): Ispeen tapha xumuraa waancaa addunyaa 23ffaa irratti Arjentiinaa 1 fi 0’n injifatte. Taphichi Niiw Yoorkitti Istaadiyeemii Niiw Jeersii keessatti kan gaggeeffame kun yeroo xapha idilee booda goolii malee qixa xumurame. Taphataan sarara gidduu Arjentiinaa Enzoo Fernandez daqiiqaa 93ffaa irratti kaardii keelloo lamaa fi kaardii diimaa erga argateen booda dirreedhaa lakkisee baheera. Gareen kunneen daqiiqaa 90 booda osoo hin injifatiin gara sa'aatii dabalataatti seenaniiru. Taphataan jijjiirraa Feeraan Toorees daqiiqaa 106ffaa irratti goolii injifannoo galcheera. Ispeen tapha kana irratti ol'aantummaa qabattee jirti. Goolii eegaa Arjentiinaa Emiliyaanoo Maartineez kubbaa hedduu qusachuu danda'eera. Morkattoonni Arjentiinaa tapha kana irratti ga’umsa gaarii agarsiisaniiru. Gareen kun carraa goolii galchuu tokkollee uumuu hin dandeenye. Bu'aa kana hordofuun Ispeen waancaa addunyaa ishee lammaffaa injifatte. Biyyi Awurooppaa kun waancaa addunyaa 19ffaa akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2010 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame irratti injifchuun ishee ni yaadatama. Arjentiinaan ulfina waancaa addunyaa ishee itti fufsiisuuf turte hin dandeenye. Abjuun isaanii yeroo 4ffaaf waancaa kana injifachuuf qaban diigameera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Paarkiiwwan Biyyaalessaa Haala Qindoomina qabuun Hogganamuu Qabu - Abbaa Taayitichaa
Aug 6, 2026 337
Adoolessa 30/2018 (ENA): Hambaa idil addunyaa kan ta’e paarkiin biyyaalessa Gaarreen Baalee misoomsuunii fi madda galii itti fufinsa qabu taasisuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa eegumasa Bineensota Bosonaafi fi Kunuunsa Itoophiyaa obbo Kumarraa Waaqjiraa ibsani. Workshopiin Karoora Bulchiinsa Waggaa Kudhanii Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee (2027-2036) irratti mari’achuuf Baalee Roobeetti qooda fudhattoota waliin gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Kumarraa Waaqjiraa haasawa taasisaniin, waggoota darban keessatti paarkiiwwan biyyaalessaa fi iddoowwan eegumsa argatan keessatti hojii qindoominaan hojjetamaa tureen qormaanni paarkiiwwan mudatu hir’achuusaa ibsaniiru. Waggoota darbanitti bulchiinsa federaalaa, naannoo fi paarkii qindoominaan tattaaffii taasisaniin qormaanni paarkicha mudate hir’achuu isaa ibsaniiru. Akkasumas, dheedichi garmalee, bosona ciruu fi qubsumni seeraan alaa rakkoowwan jiraachuu paarkiiwwanii qormaata ta’aa turan keessaa tokko ta’uu fi yeroo ammaa hojii qindoominaan hojjetamaa jiruun hir’achaa akka jiran akeekaniiru. Bulchaan olaanaa godina Baalee obbo Abdulhaakim Alii akka jedhanitti, bulchiinsi paarkii biyyaalessaa fi heddummina lubbu qabeeyyii isaa sirnaan akka eegamu ciminaan hojjechatamaa jira. Kaayyoon guddaan karoora hoggansa waggaa kudhanii qophaa’aa jiru paarkicha eeguu fi misoomsuun fayyadamummaa hawaasa naannoo itti fufiinsa qabu mirkaneessuudha jedhan. Bulchiinsi paarkicha misoomsuu fi tiksuuf qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaan jiran waliin ta’uun akka itti fufu akeekaniiru. Maastar pilaaniin mariif dhiyaate qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun, filannoowwanii fi qormaata adda baasuun, furmaata itti kennuun itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee obbo Shaamil Kadir himaniiru. Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)’n galmaa’ee hambaalee Itoophiyaa keessaa tokko kan ta’e Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee, Gadmsaa fi jeedala diimtuu dabalatee bineensota bosonaa bal’aa kan qabudha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina damee turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira
Aug 6, 2026 245
Adoolessa 30/2018 (ENA): Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Godina Harargee Lixaa Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu beeksise. Waggoota saddeet darban keessatti hojiiwwan dhaabbii fi kunuunsi Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti hojjetaman uwwisa bosonaa dabaluu fi haroo goge deebisee burqisiisaa jiraachuu keessatti bu’aa qabatamaa agarsiisaniiru. Akka dursaan garee misooma gahumsa turizimii waajjirichaa obbo Saaniyoo Adam ENAtti akka himanittii, iddoowwan bosonaa fi ikoo-tuurizimii Godinicha keessa jiran mukkeen mandhaleen waan uwwifamaniif lakkoofsi bineensota bosonaa godinicha keessatti baay’ee dabalaa jira jedhan. Aanaa Doobbaa, Habroo, Odaa Bultum, Ancar, Shanan Dhugoo, Ciroo fi Gammachiis bosonni dandamachaa kan ture yoo ta’u, kunis baay’ina bineensota bosonaa dabalaa jira jedhan. Dursaan garee kun bosonni uumamaa aanaa Ancarii fi aanaa Gammachiis gaara Muktaar keessatti bosonni uumamaa argamu baay’ina bineensota bosonaa kanneen akka Gadamsaa, Karkarroo,Bosonuufi bineensonni biroon akka aragaman ibsaniiru. Milkaa’inni kan biraan waggoota kurnanii oliif gogee kan ture haroo Carcar aanaalee Habroo, Bookee fi Odaa Bultum keessatti argamu deebisee akka maddu taasiseera. Haroo kana daran misoomsuu fi beeksisuuf akkasumas bakka gahumsa turizimii isaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus obbo Saaniyoo ibsaniiru. Hojii gaggeesituu Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa damee Harargee Aadde Faakiyaa Adam sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti biqiltuu dhaabuun bosonni hawaasaa kanaan dura haalaan manca’ee ture ulfina duraan turetti deebi’uu isaa mirkaneessaniiru. Kunis baay’ina bineensota bosonaa naannoo sana jiran dabaluudhaan adamsa seera qabeessa ta’een galii akka argatan taasiseera jedhani. Bara baajataa xumurame kana qofatti adamsa seeraatiin birri miiliyoona lamaa ol kan argame ta’uu ibsuun, galiin irra caalaan isaa qonnaan bultoota kunuunsaa fi bulchiinsa bosona naannoo sanaa irratti bobba’aniif raabsamee, fayyadamummaa kallattiin hawaasaaf mirkaneesseera jedhani. Qonnaan bulaan aanaa Gammachiis Ganda Diingatee Ahmad Sulee sagantaan Ashaaraa magariisaa naannoon sun rooba idilee akka argatu gochuudhaan qonnaafi horsiisa beeyladaatiif haala mijataa uumeera jechuun ragaa ba’aniiru. Kanaan dura sababa qoginsaan baay’inni bosonaa hir’achaa kan ture yoo ta’u, amma garuu hojii ashaaraa magariisaa irraa kan ka’e baay’inni bosonaa dabalaa dhufuu fi lakkoofsi bineensota bosonaa dabalaa akka jiru yaadachiisaniiru. Odeeffannoon Waajjira Aadaa fi Tuurizimii godinicha irraa argame akka mul’isutti, godina Harargee Lixaatti bakkeewwan hawwata turizimii 50 ol adda baafamaniiru. Isaan keessaa harki caalaan isaanii bosona uumamaa fi ikoo-tuurizimii irratti kan xiyyeeffataniidha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Waloomaan yoo hojjetan waanti hin milkoofne hin jiru-Hayyoota
Aug 6, 2026 234
Adoolessa 30/2018 (ENA): Sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kun Itoophiyaanonni yaada Ida’amuun yoo waliin hojjetan kaayyoo biyyaalessaa ofii galmaan gahuu akka danda’an agarsiisa jedhan hayyoonni yunivarsistii Madda Walaabuu. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 805.3 dhaabuun Afrikaaf fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad biyyi keenya of bira darbitee, guutuu Afrikaaf fakkeenya guddaa ta'uu ishee beeksisaniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoof adeemsifame ilaachisuun hayyoota damichaa yunivarsiistii Madda Walaabuu waliin ENA’n turtii taasiseera. Akka hayyoonni kun jedhanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa kun aadaa dandeettii walootiin kaayyoo biyyaalessaa galmaan gahuu guddisuu qofa osoo hin taane, dhaloonni itti aanu mallattoo isaa akka kaa’u barsiiseera. Barsiisaa Yunivarsiistichaa kan ta’an Gargaaraa Piroofeesar Alamaayyoo Abaataa hayyuu Bishaanii fi Eegumsa Naannoo, sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kun Itoophiyaanonni yeroo waliin dhaabbatan akkamitti dinqii hojjechuu akka danda’an fakkeenya guddaadha jedhan. Sagantaan ashaaraa Magariisaa biyyattii yeroo yeroon biqiltuu dhaabuu fi daagaa hidhuun lageen akka hin gogneefi gochuun faalama naannoo hir’isuuf gargaaraa turuu ibsaniiru. Jijjiirama qilleensaa ittisuu, oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuu, carraa hojii uumuun milkaa’inni hedduun galmaa’uu isaas hubachiisaniiru. Itoophiyaanonni kaayyoo waloo tokkoof yeroo waliin dhaabbatan akkamitti raajii hojjechuu akka danda’an sagantaan biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, kan lammiileen biyyattii miira xiiqiin dhugoome fakkeenyota tokkummaa fi dandeettii biyyaalessaa qindaa’aa kanaa keessaa tokko ta’uu eeraniiru. Yunivarsiitichatti barsiisaa saayinsii naannoo fi qorataa damee bosonaa Umar Abdallaa akka himanitti, Sagantaan ashaaraa magariisaa biyyattiin hojiirra oolchaa jirtu kun eegumsa naannoo qofa osoo hin taane faayidaa itti fufiinsa qabuu fi addunyaa maraaf kan fayyadu dha jedhani. Waggoota darban keessatti hojiiwwan damee kana keessatti gabbina biyyee eeguu fi manca’iinsa lafaa ittisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa turan bu’aa jajjabeessaa agarsiisuu jalqabaniiru jedhan. Jijjiirama qilleensaa fi gogiinsa addunyaa dandamachuudhaan oomishtummaan qonnaa akka dabale eeraniiru. Hojii damee bosonaa fi eegumsa naannootiin hojjetamaa jiruun dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuu bira darbee ummanni kaayyoo waloo biyyaalessaa dhaabuu fi kunuunsuun aadaa tokkummaa isaa cimsuuf waltajjii guddaa ta’uu ibsaniiru. Hayyoonni kunneen itti dabaluudhaan, Itoophiyaanoonni karoora, dandeettii fi tokkummaa cimaa mataa isaaniitiin yoo socho’an badhaadhina waliigalaa mirkaneessuu akka danda’an fakkeenya qabatamaa ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa Magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u mirkaneessee jira
Aug 5, 2026 293
Adoolessa 29/2018 (ENA): Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u kan mirkaneesse ta’uu Hayyoonni Yuunivarsiitii Jimma ibsan. Ministira Mummee Doktor Abiyyi Ahmadiin bara 2011 kan jalqabame Innisheetiivii Ashaaraa Magariisaa, faayyidan damdaneessuummaa isaa qabatamaan mul’achaa jira. Sagantaan kun keessattuu Miidhaa jijjiirama qilleensaan dhufu hir'isuuf, biyyeen akka hin dhiqamne ittisuuf,wabii nyaataa mirkaneessuufi uwwisa bosona biyyattii xiqqaate ture dabaluuf yaadameeti. Kanaanis waggoota darbaniif guutuu biyyaatti "guyyaa tokkoon biqiltuu dhaabuu" dabalatee uummata tokkummaan sochoosuun biqiltuu biliyoonaan lakka'aman dhaabuun danda'amera. Bara kanas duula dhabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf kan karoorfame ture yoo ta’u, tumsa fi hirmaannaa Itoophiyaanootaatiin karoora olitti galmaan ga'uun danda'ameera. Dhimma kana ilaalchisuun hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa yaada isaanii ENA'f kennaniruu; sagantaan guyyaa tokkoon raawwatame kun tokkummaan yoo dhaabbannee biyya keenya guddisuu fi jijjiiruu akka dandeenyu qabatamaan kan agarsiisedha jedhan. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, Doktor Xibabuu Alamuu; uummanni dammaqinaan ba'ee biqiltuu dhaabuun isaa miira abbummaa uumuu bira dabree aadaa ta'aa dhufu dubbataniira. Hojiiwwan misoomaa duulaan raawwannu Itoophiyaa gara sadarkaa fooyya'aatti kan ceesisan fi dhaloota dhufuuf bu'uura kan kaa'an ta'uu isaa milka’inni biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo argasiiseera jedhaniira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggoota darbatan keessatti fayyadamummaa lakka'amee hin dhumne kan argamsiise ta'uu kan ibsan Doktor Xibabuu Alamuu; pirojeektiin kun naannoo jijjiiruu bira dabree dargaggootaaf carraa hojii uumuu isaa eeraniiru. Dabalataanis, dubartoota fi daa’imman dabalatee garaagarummaa tokko malee uummata kan tokkumsee fi uummanni faayidaa biqiltuu dhaabuu caalaatti akka hubatu kan taasisedha jedhaniiru. Sagantaan kun xiyyeeffannoo dhaabbilee Idil-Addunyaa fi dhaabbilee Sab-qunnamtii kan harkise ta'uu kan eeran hayyuun kun; kunis Itoophiyoonni yoo tumsan biyya dhiibbaa uumtuu fi mo'attu ijaaruu akka danda'an kan mirkaneessaadha jedhan. Bu'aa tokkummaa beekuu kan barbaadu Injiffannoo Adwaa fi Hidha Haaroomsaa Guddicha Itoophiyaa yaadachuun gahaa ta'uu kan dubbatan hayyuun kun; yoo waltumsine wal-dhiibuun hafee walii galteen caalaatti gabbachaa deema jedhaniiru. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, kan ta’an Geetinnat Sayid sagantaan Ashaaraa Magariisaa uwwisa bosonaa biyyattii dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuu bira dabree, hiika guddaa fi cee’uumsaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Waqtii jijjiiramni qilleensaa addunyaa dhiphisaa jiru kanatti, tokkummaan keenya biyya irra dabree qaama furmaata rakkoo Addunyaa ta'aa jira jedhaniiru. Keessattuu sagantaa duula Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo irratti lammiileen garaagarummaa tokko malee waggaa waggaadhaan tokkummaadhaan ashaaraa isaanii kaa'uun isaanii; nagaa keenyaaf, guddina keenyaaf fi hiyyummaa balleessuuf shoora bakka hin buune kan taphatu ta'uu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 16103
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 15884
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.