Angafoota Oduu
Tajaajila geejjibaa qilleensaa biyya keessaa qulqullinaanis baay’inaanis fooyyessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru-daandii qilleensaa Itiyoophiyaa
Jul 13, 2025 32
Adoolessa 06/2017(TOI) -Tajaajila geejjibaa qilleensaa biyya keessaa qulqullinaanis baay’inaanis fooyyessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiaachuu hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa ibsan Tarminaaliin Kombolchaa xumura baatii Adoolessaa akka eebbifame himameera. TOI waliin turtii kan taasisan hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo, Itiyoophiyaa keessatti geejjiba qilleensaa baay’inaan kan kennu daandii qilleensaa qofa akka ta’e ibsaniiru. Yeroo ammaa magaalaawwan 22tti tajaajila kennaa kennaa akka jiru ibsanii, kunis Afriikaa keessaa tajaajila guddaa ta’uu eeraniiru. Tajaajilli kun gahaa akka hintaane ibsanii, qulqullinaanis ta’e baay’inaan guddisuuf hedduu hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Kanneen keessaa terminaalonni imaltoonni itti keessummeeffaman sadarkaasaanii kan eeggatan gama gochuufn erpoortota hedduu keessatti hojiin guddaan hojjetamuu beeksisaniiru. Dabalataanis Shiree, Naqamtee fi Dambii Doolloottii terminaalota haaraa ijaaruuf karoorfamuu eeraniiru. Bakka xiyyaaronni irraa ka’an haaromsuun xiyyaaronni gurguddoo qubachiisuu akka danda’an gochuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru. Erpoortoonni bakka hinjirrettis erpoortonni jaha hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Kanneen keessaa erpoortiin Yaa’a Bal’oo baatii Hagayyaa akka eebbifamu dubbataniiru.a
Jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’aniiru
Jul 13, 2025 30
Adoolessa 06/2017(TOI)- Jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’uusaanii hooggantuun dame seeraa fi imaammataa sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Gabreelaa Abrihaam ibsan. Itiyoophiyaatti mirga waraqaa raga jiraattotaa mirkaneessuuf, tajaajilamtootaa fi tajaajila kennitoota jidduutti wal amantaan akka jiraatu, iftoominni, ittigaafatamnii fi hojmaata mijataa sadarkaa biyyaalessaatti diriirsuuf waraqaan eenyummaa dijitaalaa hojiirra ooleera.. Sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaatti hooggantuun dame seeraa fi imaammataa Gabreelaa Abrihaam turtii TOI waliin taasisaniin akka ibsanitti, Finfinnee fi naannoleetti galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa fi raawwachuu fi dhaabbilee waliin walitti hidhata uumuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Haala Kanaan amma ammaatti jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’uusaanii fi dhaabbilee 55 waliin walitti hidhanni uumamuusaa dubbataniiru. Bara bajataa 2018 galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa caalaatti guddisuuf karoorfamuu fi walitti hidhata dhaabbilee waliin jiru cimsuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu eeraniiru. Galmee kana keessumaa naannoleetti babal’isuuf walitti hidhata dhaabbilee waliin taasifamu caalaatti cimsuuf xiyyeeffatamuu dubbataniiru. Bara bajataa xumurame naannoleetti galmee waraqaa eenyummaa dijitaaalaa ilaalchisee hojiin hubannoo cimaan hojjetamuusaa fi bu’aanis argamuu beeksisaniiru. Hooggansa olaanaa irraa eegalee xiyyeeffannoon waan hojjetameef hawaasni waraqaa eenyummaaf akka galmaa’u gochuurratti hojiin guddaan hojjetameera jedhaniiru.
Ganna baranaa amma ammaatti lafti heektaarri miiliyoona 7 sanyiin facaafameera-Ministira qonnaa Dr. Girmaa Amantee
Jul 13, 2025 25
Adoolessa 06/2017(TO)- Bara oomishaa 2017/18 qonna gannaatiin amma ammaatti lafti heektaarri miiliyoona 7 sanyiin facaafamuu Ministirri qonnaa Dr.Girmaa Amantee ibsan. Ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee TOI’f akka ibsanitti, birmadummaa nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira. Waggoottan darban hojii damee qonnaatiin qonna gannaa, Arfaasaa fi akkasumas misooma jallisiitiin hojjetamaniin bu’aan quubsaan galmaa’uusaa yaadachiisaniiru. Bara kana guutuu biyyaatti lafti heektaara miiliyoona 21 qonna gannaatiin midhaag garagaraa nifacaafamu. Yeroo ammaa midhaan agadaa kan akka Boqqoolloo facaafamuu eeranii, Xaafii, Qamadii, Garbuu fi haala naannawaarratti hundaa’uun facaafamaa akka jiran dubbataniiru. Teeknooloojii ammayyaa fayyadamuu fi qonnaan bulaaf hubannoon kennamee waan hojjetameef barana oomisha caalaatu eegama jedhaniiru. Xaa’oon, sanyyiin filatamaa fi galteewwan garagaraa qonnaan bulaafyeroon akka qaqqaban taasifamuus dubbataniiru. Qonni gannaa Itiyoophiyaaf yeroo oomishaa isa guddaa ta’uu ibsanii, oomisha waliigalaa keessaa harki 70 yeroo kana kan oomishamu ta’uu dubbataniiru. Akka ibsa ministirichaatti,barana lafti heektaara miiliyoona 13 kilaastaraan kan misoomu yoo ta’u, kan bardheengaddaa yeroo walfakkaataa waliin yoo madaalamu guddachuu ibsaniiru. Qonnaan bulaan kilaastaraan wayita facaasu oomishtummaan caalaa akka dabalu yaadachiisanii, caalaa cimuu akka qabu beeksisaniiru. Lafti heektaarri miiliyoona 6 mekaanaayizeeshiniin qotamuusaa ibsanii, lafa heektaara miiliyoona 1 kan bardheengaddaa akka caalu eeraniiru. Damee qonnaa ammayyeessuu fi oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf jijjiiramni guddaan baay’inni qonnaan bulaa teeknooloojii fayyadamuu oolee bulee guddachaa waan dhufeef ta’uu dubbataniiru. Qonna gannaatiin lafa heektaara miiliyoona 21 facaasuun calla kuntaala miiliyoona 659 caalaa galchuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Godinichatti lafti heektaara kuma 800 caalu qonna gannaatiin misoomaa jira
Jul 12, 2025 96
Adoolessa 05/2017(TOI)- Godina Shawaa Lixaatti lafti heektaara kuma 800 caalu qonna gannaatiin misoomaa akka jiru waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksise. Sagantaan jalqabsiisa sanyii garbuu kilaastaraan misoomu qonna ganna misoomu godinicha aanaa Walmaraatti gaggeeffameera. Hoogganaan waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa Tarrafaa Araarsaaakka ibsanitti, qonna gannaatiin lafti heektaara kuma 889 sanyiin facaafamaa jira. Kanaanis Boqqooloon, Garbuun, Misingaa fi Qamadiin Kilaastaraan kan misoomu yoo ta’u kana keessaa lafti heektaara kuma 60 fi 425 ta’u garbuub akka facaafamu dubbataniiru. Amma ammaattis lafa qotame keessaa heektaarri harki 50 facaafamuu ibsaniiru. Itti aanaan bulchaa fi hoogganaann waajjira qonnaa fi bulchiinsa lafaa aanaa Walmaraa Dassaaleny Tashoomaa, qonnaan bultoonni aanichaa mala qonnaa kilaastaraatti madaqaa akka jiran ibsaniiru. Qonna gannaatiin aanichatti lafa heektaara kuma 32 fi 760 midhaan garagaraa facaasuun kuntaala miiliyoona 2 fi tuqaa 7 galchuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Kana keessaa gandoota afuritti lafa heektaara kuma 5 fi 700 kilaastaraan garbuu biiraa facaasuun eegalameera jedhaniiru. Qonnaan bultoonni kuma 9 kilaastaraan gurmaa’anii lafa asiidiin miidhame nooraan waldhaanuun misooma qonnaa bu’a qabeessa gochuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Qonnaan bultoonni aanichaa gamasaaniin, kilaastaraan misoomsuun ammanatti akka hin baramne ta’uu ibsanii, deeggarsa waajjira qonnaan barana taasifameefiin garbuu kilaastaraan misoomsuun oomishasaanii warshaaf dhiheessuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru. Qonnaan bulaan Asaffaa Angaasuu, lafasaanii asiidiin miidhame ogeessota qonnaa waliin ta’uun Nooraan waldhaanuun oomishtummaa guddisuuf hojjechaa jiru. Qonnaan bulaan Hundee Tolaa, lafasaanii asiidiin miidhame Nooraan waldhaananii oomishtummaa guddisuu erga eegalanii waggaa sadii akka guute yaadataniiru. Laftisaanii gara du turetti waan deebi’eef oomishni wagga waggaan argatan guddachaa dhufuusaa ibsaniiru.
Itiyoophiyaan teeknooloojiin adda duree gochuuf guddattoota beekumsa hubannoo namtolcheen qaroomsuu barbaachisa-Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa
Jul 12, 2025 90
Adoolessa 05/2017(TOI)- Itiyoophiyaan sadarkaa idil addunyaatti teeknooloojiin adda duree gochuuf guddattoota beekumsa hubannoo namtolcheen qaruunakka barbaachisudaarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam tolchee Itiyoophiyaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa ibsan. Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa dameelee Saayinsii fi Teeknoloojii garagaraatiin leenjii guddattootaa 4ffaa golambaa saayinsiitti eegalchiiseera. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutichaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa guddattootaa fi dargaggoota ga’oomsuuf leenjii gannaa akkasumas dhaabbilee barnootaa waliin ta’uun beekumsaa fi ogummaa akka gabbifatan hojjetamaa jira jedhaniiru. Hubannoon namtolchee yeroo dhihoo asitti meeshaa ijoo biyyoonni rakkoosaanii ittiin furatan ta’aa dhufuusaa kaasaniiru. Itiyoophiyaattis hubannoo namtolcheetti gargaaramuun gama hundaan adda duree ta’uuf guddattootarratti hojjechuun nibarbaachisa jedhaniiru. Damee Kanaan beekumsa bu’uraa horatanii addunyaarratti dorgomuu akka danda’an leenjiincimee akka ittifufu mirkaneessaniiru. Hojiiwwan inistiitiyuutichi xiyyeeffannoo kennuuf keessaa damee Kanaan humna namaa cimsuu fi hubannoo uumuun isa tokko ta’uu ibsanii, leenjiin gannaa hubannoon namtolchee kennu waggaa 4ffaa qabate kan eeramu ta’uu kaasaniiru. Waggaa sadii dura sagantaan leenjii kun barattoota 15niin akka jalqabame ibsanii, yeroo ammaa bu’aalee abdii namatti horan galmaa’aa akka jiran dubbataniiru. Guddattoota marsaa 4ffaan leenjichaaf galmaa’an kuma 3 keessaa 300 ulaagaa guutanii leenjii galuusaanii ibsaniiru. Leenjiin baatii lamaaf turu Kanaan guddattoonni bu’uraalee hubannoo namtolchee, Roobootiksii, Pirogiraamiingii fi barnoota biroo akka baratan dubbataniiru. Leenjii teekniikaan alatti leenjii furtuu rakkinaa, hojii garee, kalaqaa fi komunikeeshinii fi ogummaawwan jireenyaa ogummaa gabbifachuu dandeessisan biroon akka kennamuuf eeraniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Yuunivarsiitiin ittisaa raayyaa ga’oome ijaaruun cinaatti teeknooloojiiwwan loltuumaa uumaa jira-Birgaader jeneraal Kabbadaa Raggaasaa
Jul 12, 2025 157
Adoolessa 05/2017(TOI)- Yuunivarsiitiin ittisaa Itiyoophiyaa raayyaa ga’oome ijaaruun cinaatti teeknooloojiiwwan loltuumaa ammayyaa uumaa akka jiru pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa Birgaader jeneraal Kabbadaa Raggaasaa ibsan. Yuunivarsiitichi maandisummaa, saayinsii fayyaa, biizinasii, bulchiinsa qabeenyaa fi sagantaalee barnootaa biroon digirii jalqabaa, lammaffaa fi sadaffaan leenjise har’a eebbisiiseera. Ministirri ittisaa injiinar Ayishaa Mahaammad, ministirri jallisii fi naannawoota gammoojjii Dr. Abrahaam Balaayi, de’eetaan ministira fayyaa fi itti aanaan walitti qabaa boordii Yuunivarsiitichaa Dr. Darajjee Dhugumaa , qondaaltonni ittisaa olaanoon, attaasheewwan loltuu biyyoota garagaraa fi maatii eebbifamtootaa sirna eebbaarratti argamaniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii ittisaa Itiyoophiyaa Birgaader jeneraal Kabbadaa Raggaasaa, Yuunivarsiitichi dameelee barnootaa garagaraan loltummaan, siviilii fi barattoota biyyoota ollaa leenjisaa jira jedhaniiru. Yuunivarsiitichi hooggantoota loltuu fi siviilii raawwii ergama raayyaa ittisaa sadarkaa olaanaan gahan horachaa akka jiru ibsaniiru. Gama teeknooloojiitiin hojiilee biyya ceesisan hojjechaa akka jiru eeraniiru. Yuunivarsiitichi karaa maqaa raayyaa madaaluun kan caaseffame yoo ta’u hojii baruu fi barsiisuu cinaatti hojiilee qorannoo fi qu’annoo garagaraa fihojiilee hawaasa fayyadan biroo hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Teeknooloojiiwwan Itiyoophiyaan raayyaa ammayyaa ijaaruuf alaa galchitu biyya keessatti bakka buusuuf hojiilee garagaraa hojjechaa akka jirtu dabalanii ibsaniiru. Barattoonni beekumsaa fi ogummaa argataniin biyyasaanii ga’oomaan tajaajiluu akka qaban ergaa dabarsaniiru. Yuunivarsiitiin ittisaa Itiyoophiyaa bara 2025 Afriikaarraa Yunivarsiitiiwwan shan keessaa tokko ta’uuf mul’ata qabatee hojjechaa jira.
Ijaarsi seenessa tokkummaa sabdaneessarratti xiyyeffate cimee ittifufeera-Dr. Biqilaa Hurrisaa
Jul 11, 2025 166
Adoolessa 04/2017(TOI)-Ijaarsi seenessa tokkummaa sabdaneessarratti xiyyeffate Itiyoophiyaatti cimee ittifuuusaa hoogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa Paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa dubbatan. Dameen ummataa fi hariiroo idil addunyaa waajjira muummee Paartii badhaadhinaa raawwii bara bajataa 2017 fi karoora bara bajataa 2018 magaalaa Arbaa Mincitti qorachaa jira. Hoogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa Paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa wayita kana, Itiyoophiyaan damee dinagdee, siyaasaa fi dippilomaasiin addababayii addunyaarratti jijiirama hatattamaa galmeessisaa jirti jedhaniiru. Kana milkeessuuf dirree siyaasaa tasgabbaa’aa uumuudhaan obbolummaa fi waggaa obboleettummaa umattoota jidduutti cimaa itti dhufedha jechuun ibsaniiru. Qaamoleen guddina biyyaa boodatti deebisuuf dhama’an shirri isaan xaxan ummataa fi mootummaan fashalaa’aa dhufuu ibsaniiru. Adeemsi ijaarsa seenessa tokkummaa sabdaneessummaa milkaa’inaan hojjetamaa jiraachuu kan kaasan Dr. Biqilaan, milkaa’inni amma ammaatti galmaa’e ittifufsiisuuf nihojjenna jedhaniiru. Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee naannoo kibba Itiyoophiyaa obbo Gabramasqal Caalaa gamasaaniin, paartichi badhaadhina waliigalaa mirkaneessaa jira. Mirga sabaa fi sablammootaa kabachiisuun biyya tasgabboofte ijaaruuf haala gaariin raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru. Fuulduras misooma eegalaman ittifufsiisuun badhaadhina waliigalaa ummataa mirkaneessuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu eeraniiru. Waltajji guyyoota lamaaf qophaa’e hooggantoonni hariiroo ummataa paartichaa fi ogeeyyonni hirmaachaa jiru.
Hojiileen bu’a qabeessi damee gabbisa aadaan galmaa’an sadarkaa olaanaati guddisuun itti fufuun nihojjetma
Jul 10, 2025 176
Adoolessa 03/2017 (TOI)- Hojiileen bu’a qabeessi damee gabbisa aadaan galmaa’an sadarkaa olaanaati guddisuun cimee akka itti fufu waajjira muummee paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee ijaarsa aadaa demokiraasii Mallas Alamuu ibsan. Dameen ijaarsa aadaa demokiraasii paartii badhaadhinaa waltajjii qorannoo raawwii karoora 2017 fi karoora bara 2018 magaalaa Hararitti guyyoota lamaaf gaggeessaa ture har’a Xumureera. Hooggantoonni federaalaa fi naannoo damee ijaarsa aadaa demokiraasii paartii badhaadhinaa akkasumas qaamni dargaggootaa fi dubartoota paartichaa waltajjicharratti hirmaataniiru. Waajjira muummee paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee ijaarsa aadaa demokiraasii Mallas Alamuu wayita kana akka jedhanitti, bara bajataa 2017 duudhaa ijaarsa aadaa demokiraasii cimsuun hojiin bu’a qabeessi hojjetamaniiru. Paartileen siyaasaa waliin hojjechuun naannolee fi bulchiinsota magaalaa hundatti mana maree walooj gurmaa’uun aadaan waliin hojjechuu gabbachaa dhufuu eeraniiru. Hojiileen paartilee siyaasaa waliin eegalaman aadaa f i barbmaata haaraa fidaa akka jiran kaasaniiru. Hojiileen waloo ciminaan akka ittifufan ibsanii, paartileen siyaasaas ijaarsa aadaa demokiraasiif hojii hojjetan ciminaan akka ittifufan himaniiru. Yeroo ammaa qaamoleen mootummaa fi hawaasni siviilii sadarkaan jiran qindoominaan hojjechuuf calqabbiin gaariin uumamuusaa eeraniiru. Keessumaa gumaacha dargaggootaa fi dubartootaaga’oomsuu fi caalaatti guddisuuf akkasumas ittifayyadamasaanii gabbisuuf waltajjichi haala mijataa uumuusaa kaasaniiru. Fuulduras akkaataa kallattii kaa’ameen dhimmoota xiyyeeffannoo barbaachisan irratti xiyyeeffannoo kennamee aadaa godhachuun akka hojjetamu himaniiru.
Itiyoophiyaan Bara bajatichaatti hojii dippilomaasii faayidaa biyyaalessaashee eegsisan cimaa hojjetteetti-Ministeera dhimma alaa
Jul 10, 2025 160
Adoolessa 03/2017(TOI)- Itiyoophiyaan Bara bajataa xumurametti hojii dippilomaasii faayidaa biyyaalessaashee eegsisan cimaa hojjechuushee Ministeerri dhimma alaa beeksise. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo raawwii dippilomaasii bara bajatichaa ijoo ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniinis bara bajatichaatti dameelee dippilomaasii hundaan hojiileen dippilomaasii faayidaa biyyaalessaa eegsisanii fi maqaa gaarii biyyaa beeksisan hojjetamuu beeksisaniiru. Biyyoota ollaa waliin hariiroo fayyadama waloo irratti hundaa’e humna elektiriikii fi bu’ura misoomaa daandiin caalaatti cimsuu fi nageenya waaraa gaanfa Afriikaatti buusuuf hojiileen milkaa’oon raawwatamuu ibsaniiru. Bara bajatichaatti fayyadama haqa qabeessa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha ilaalchisee haqa Itiyoophiyaa hawaasa addunuyaaf hubachiisuun akka danda’ame dubbataniiru. Bara bajatichaatti waliigalteewwan gamlamee fi gama hedduu biyyoota garagaraa waliin taasifamuu kaasaniiru. Waliigalteewwan kunneen faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan eegsisanii fi dhageettii fi fudhatama waltajjii addunyaarratti qabdu kan gabbisanidha jedhaniiru. Dippilomaasiin lammiileerratti xiyyeeffateenis Itiyoophiyaanota biyyoota garagaraatti haala rakkisaa keessa turan fayyaa fi kabajnisaanii eegamee biyyatti akka deebi’an taasifamuu ibsaniiru.
Lammiileen biyyoota garagaraa keessatti haala rakkisaa keessa turan kuma 131 caalan biyyatti deebi’aniiru-Minsteera dhimma alaa
Jul 10, 2025 137
Adoolessa 03/2017(TOI)- Bara bajataa xumurametti lammiileen biyyoota garagaraa keessatti haala rakkisaa keessa turan kuma 131 caalan biyyatti deebi’uusaanii Minstirri dhimma alaa beeksise. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoo hojiilee dippilomaasii ijoo bara bajataa 2017 ilaalchisuun galaalchotaaf ibsa kennaniiru. Bara bajatichaatti Itiyoophiyaan hojiilee dippilomaasii hariiroo gamlamee fi gama hedduu faayidaa biyyaalessaa kabachiisan uumuun, walitti dhufeenya riijinii akkasumas tumsa ardii fi idil addunyaa cimsa raawwatteetti jedhan. Itiyoophiyaan hojiilee dippilomaasii bu’a qabeessa hariiroo biyyoota ollaa waliin qabdu caalaatti cimsuu dandeessisanii fi walitti hidhamiinsa riijinii saffisiisan raawwachuushee himaniiru. Hidha haaromsaa Ityoophiyaa guddicha ilaalchisuun haqa Itiyoophiyaan qabdu hawaasa addunyaa hubachiisuuf hojiin dippilomaasii cimaan hojjetamuusaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan Komishiniin sulula Naayil akka hundaa’u gochuun fedhii itti fayyadama haqa qabeessaaf qabdu qabatamaan agarsiifteetti jedhaniiru. Itiyoophiyaan ollootashee waliin walitti dhufeenya ummattootaa cimsuuf lammiilee biyyoota garagaraa 968’f carraa barnootaa kennuushee dubbi himaan kun dabalanii himaniiru. Bara bajatichaa waliigalteewwan faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kabachiisan 11 mallatteeffamanii paarlaamaan mirkanaa’uusaanii ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo ibsaniiru. Dippilomaasii dinagdeetiinis hawaasni addunyaa waa’ee riifoormii dinagdee gooroo fi gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa hubannoo argachuun deeggarsa akka taasisu gochuuf hojjetamuu eeraniiru. Dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffateen bara bajatichaa lammiileen biyyoota 21 keessatti rakkoo keessa turan kuma 131 biyyatti deebifamuu dubbataniiru. Ministeerri dhimma alaa bara bajatichaatti nageenyaa fi kabaja lammiilee eegsisuurratti xiyyeeffatee hojjechuusaa himaniiru. Dandeettiin Itiyoophiyaan konfaransii idil addunyaa keessummeessuuf qabdu guddachaa dhufuu eeranii, dhiheenyatti yaa’iiwwan idil addunyaa jajjaboon nitaa’amu jedhaniiru. Kanneen keessaa yaa’iin sirna soorataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii lammaffaa fi yaa’iin haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan akka adeemsifaman eeraniiru. Lammiileen Itiyoophiyaa Ameerikaatti argaman yeroo Viizaa eyyamameefiin olitti turuun waan isaan gaafachiisuuf ofeeggannoo gochuu akka qaban dubbi himaan kun ibsa kennaniin hubachiisaniiru. Lammiileen biyya biroo Viizaa Itiyoophiyaa argatanii dhufan yeroo turtii kennameefiin olitti turuun akkaataa seera biyyattiin kan adabsiisuuf ta’uu hubachuun ofeeggannoo akka taasisan cimsanii dubbataniiru.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bara Baajatichaatti Karoora Qabate Milkeessuuf Hirmaannaan Taassise Bu’aa Qabeessadha-Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo
Jul 7, 2025 303
Waxabajjii 30/2017(TOI)-Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bara Baajataa 2017tti Karoora Qabate Milkeessuuf hirmaannaan taassisee bu’aa qabeessa akka ta’e Af-yayaa’ii Taaggasaa Caafoo ibsan. Manni Marichaa Walga’ii addaa 3ffaa gaggeesseen gabaasa raawwii hojii bara baajatichaa dhihaatee irratti mariin gaggeeffameera. Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo wayita kanatti, manni maricha labsiiwwan baasu sirnaan hojiirra akka oolaniif mirkaneeffamuun dura Qorannoon barbaachisaan akka taassifamu kaasaniiru. Seeronni erga Mirkanaa’anii boodas sirnaan hojiirra ooluu isaa odiitii gochuun jalqabamuus beeksisaniiru. Manni Marichaa hojii to’annoo fi hordoffii haala kallattii taa’een gaggeeffamuu fi hojmaata itti gaafatamummaa hojiirra oolaa jiraachuu dubbataniiru. Manni Marichaa bara Baajatichaatti hojiiwwan karoorran qabatan milkeessuuf hirmaannaa taassisan bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru. Itti fufuunis Manni Marichaa bara hojii waggaa 5ffaa ciminoota turan ittifufsiisuun hanqinoota turan guutuun hojii fooyyee qabu raawwachuuf miseensonni hundi qooda isaanii bahu akka qaban kaasaniiru. Gabaasicha kan dhiheessan Itti Aantuun Af- yaa’ii Mana Maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo akka ibsanitti, Manni marichaa hojiiwwan karoorfame gahumsan raawwachuuf qindoominaan hojjechaa turuu ibsaniiru. Keessumaa manani marichaa ergamoota gurguddoo afur seeraan kennameef galmaan ga’uuf hojiiwwan hojjete bu’aa qabeessadha jedhaniiru. Seeronni osoo hin Raggaassifamiin Dura Ogeeyyiin Kutaa Seeraa Mana Marichaa Sadarkaa Sadarkaan Jiranii fi miseensonni koree dhaabbii qorannoo bal’aa akka Gaggeessan Ibsaniiru. Kanarra darbees waltajjii hubannaa fi Marii Hawaasaa Mijeessuun Iftoomina Seerotaa Keessatti akka Uumamu ta’eera jedhaniiru. Bara Baajatichaatti Manni Marichaa walga’ii Idilee 43ffaa fi walga’ii addaan Labsiiwwan adda addaa 50 ol qorachuun raggaassisuu ibsaniiru. Hojii Dippiloomaasii Paarlaamaan Jiloota Paarlaamaa biyyoota adda addaa waliin Hariiroo Dippiloomaasii faayidaa biyyoolessaa cimsan hojjetamaniiru jedhaniiru. Gabaasichaan Manni Marichaa koreewwan dhaabbii 13n karoora qaama raawwachiiftuu deeggaruu fi hordofuu ibsaniiru. Miseensonni mana marichaa hojiiwwan bakka bu’ummaa Filannoo Naannoo waggaatti yeroo lama gaggeessan sirnaan gaggeeffamaa jiraachuu fi gaaffii hawaasni kaasu sadarkaa sadarkaan deebii argachuu isaanii kaasaniiru.
Bulchiinsi gandaa bifa haaraan caaseffamee hojiitti gale tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka arganu taasiseera
Jul 6, 2025 419
Waxabajjii 29/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaatti bulchiinsi gandaa bifa haaraan caaseffamee hojiitti gale bu’aa ba’ii hambisuun tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatan taasisuu jiraattonni godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ibsan. Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi hooggantoonni olaanoo Naannichaa daawwannaa guyyaa shanaffaatiin hojiiwwan misoomaa garagaraa godina Baaleetti hojjetamaa jiran daawwachaa jiru. Daawwannaa kanaa sochii hojii caasaa gurmaa’insa gandaa dhiheenya naannichatti caaseffame ilaalaniiru. Jiraattonni aanaa Dalloo Mannaa TOI’n wayita kana dubbise bulchiinsi gandaa bu’aa bayii hambisuun tajaajila mootummaa si’ataa dhiheenyatti akka argatan taasiseera. Hajjii Kaliif Abdullaahii fi Aliyyii Toree akka jedhanitti, caasaan gandaa naannawasaaniitti gurmaa’e qe’eesaaniirraa osoo hinfagaanne tajaajiloota mootummaa garagaraa dhiheenyatti akka argata taasisuusaa dubbataniiru. Tajaajilli kun akka fulla’u qoodasaanii akka bahan mirkaneessaniiru. Hawaasni tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatu akkasumas rakkooleen bulchiinsa gaarii hatattamaan akka furamu yaaduun Mootummaan naannoo Oromiyaa caasaa kana gurmeessuunsaa nibeekama. Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira dame naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa akkasumas hooggantoonni olaanoo naannichaa daawwannaa godina Baaleetti taasifamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Hawaasummaa
Yaa’iin sirna Nyaataa Dh.M.G Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu hojii Itiyoophiyaan Sirna soorataan hojjetteef beekamtii kan kennudha
Jul 10, 2025 157
Adoolessa 03/2017(TOI)-Yaa’iin sirna Nyaataa Dh.M.G Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu hojii Itiyoophiyaan Sirna soorataan hojjetteef beekamtii kan kennu Ta’uu Itti Aanaan Daarekteera Olaanaa Inistitiyuutii Tiranisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa Dr. Fireewu Tagany ibsan. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa Inistitiyuutii Tiranisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa waliin ta’uun mata duree “mul’atarraa gochatti, imala cehumsa sirna nyaataa egeree fi hammataa Itiyoophiyaa” jedhuun qopheessan irratti marii irna nyaataa Itiyoophiyaarratti Xiyyeeffate gaggeessaa jira. Saganticha irrtti barreeffama ka’umsaa kan dhiheessan Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutii Tiraanisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa Dr.Fireewu Tagany akka jedhanitti, Itiyoophiyaan milkaa’ina galmoota misoomaa fulla’aaf qooda mataashee bahaa jirti jedhaniiru. Itiyoophiyaan cehumsa sirna soorataa eegaluun biyya adda duree ta’uushee ibsaniiru. Kanaanis Innisheetivoota Misoomaa adda addaa hojiirra oolchuu jalqabuu ishee eeruun , Maaddii Guutuu, Misooma Qamadii, Ashaaraa Magariisaa fi kanneen biroo akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Konfaraansiin Sirna Soorataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 2ffaan Adoolessa 20 hanga 22/2017tti Qopheessummaa Itiyoophiyaa fi xaaliyaaniin Magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uuu ibsaniiru. Yaa’ichi Itiyoophiyaatti gaggeeffamuunsaa maqaa qaarii biyyattii mul’isuuf faayidaa guddaa qabaachuu ibsuun, keessumattuu imala cehumsa sirna soorataa Itiyoophiyaan eegalteef beekamtii kan kennu ta’uu dubataniiru. Iiyoophiyaan jijiiramaa asitti sagantaawwan biyyoolessaa adda addaa cehumsa sirna soorataa saffisiisan bocuun xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuun ishee ni beekama. Innisheetivota Kanneen akka Sagantaa Maaddii Guutuu, Misoomaa Qamadii, Ashaaraa Magariisaa, Soorata barattootaa, Sosochii Itiyoophiyaan Haa omishituu fi waadaa saqoxaa akka fakkeenyaatti ni caqafamu. Qopheessummaa Itiyoophiyaan kan gaggeefamu yaa’iin sirna soorataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii milkaa’inaan keessummeessuuf hojiileen haaldureen hojjetamaa jiru.
Raayyaan birmadummaa biyyaa kabachiisuun cinaatti tajaajiloota hawaasaarratti hirmaachuun tusaa jira
Jul 10, 2025 150
Adoolessa 03/2017(TOI)- Raayyaan birmadummaa biyyaa kabachiisuun cinaatti tajaajiloota hawaasaarratti hirmaachuun tusaa isaa cimsaa akka jiru ajajaan olaanaa Izzii jiddugalaa Daalool letenaal jeneraal Zawudee Balaay ibsan. Miseensonni raayyaa izzii jiddugalaa Daalol sagantaa xumuraa dorgommii feestivaalii Ispoortii guyyoota kudhan darban gaggeessaa turee fi dhiiga arjoomuu har’a gaggeesseera. Wayita kana ajajaan olaanaa Izzii jiddugalaa Daalool letenaal jeneraal Zawudee Balaay, raayyaan hojii idileessaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun ga’umsaan raawwachaa gootummaan ittifufuusaa dubbataniiru. Kana cinaattis tajaajiloota hawaasummaarratti ga’umsaan hirmaachuun tumsa isaa cimsaa ittifufuusaa ibsanii, miseensonni Izzichaa gama Kanaan hojii jajjabeessaa hojjechaa akka jiran beeksisaniiru. Feestivaaliin Ispoortii har’a xumurame raayyaa fi Ispoortiin tokko ta’uu hubata nii qaamolee milkaa’ina dorgommichaaf oolmaa oolan galateeffamuu qabu jedhaniiru. Hoogganaan waajjira Izzii jiddugaleessaa Daalool Koloneel Bazzaabih Yimar gamasaaniin, dorgommiin Ispoortii ga’umsa raayyaa caalaatti gabbisuuf kaayyeffate gaggeeffamuusaa dubbataniiru. Kooronni Izzicha jalatti argaman dorgommii Ispoortiirratti hirmaachuusaanii kaasanii, dorgommichis milkaa’uusaa eeraniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Jimmaa Xahaa Qamar wayita kana ergaa dabarsaniin, Izziin jiddugalaa Daalol naannawichatti nagaan cimee akka ittifufu qooda olaanaa bahachaa jira jedhaniiru. Hojiin Izzichaa caalaatti akka milkaa’u bulchiinsichi waan irraa eegamu hunda akka raawwatu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni rayyaa olaanoon, pirezidaantiin akkaadaamii ga’ooma hooggantoota Afriikaa Zaadiig Abrahaa, bulchaan godina Jimmaa Tiijaanii Naasir fi keessummoonni waamaman sgantaa xumuraa kanarratti argamaniiru.
Diinagdee
Tajaajila geejjibaa qilleensaa biyya keessaa qulqullinaanis baay’inaanis fooyyessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru-daandii qilleensaa Itiyoophiyaa
Jul 13, 2025 32
Adoolessa 06/2017(TOI) -Tajaajila geejjibaa qilleensaa biyya keessaa qulqullinaanis baay’inaanis fooyyessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiaachuu hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa ibsan Tarminaaliin Kombolchaa xumura baatii Adoolessaa akka eebbifame himameera. TOI waliin turtii kan taasisan hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo, Itiyoophiyaa keessatti geejjiba qilleensaa baay’inaan kan kennu daandii qilleensaa qofa akka ta’e ibsaniiru. Yeroo ammaa magaalaawwan 22tti tajaajila kennaa kennaa akka jiru ibsanii, kunis Afriikaa keessaa tajaajila guddaa ta’uu eeraniiru. Tajaajilli kun gahaa akka hintaane ibsanii, qulqullinaanis ta’e baay’inaan guddisuuf hedduu hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Kanneen keessaa terminaalonni imaltoonni itti keessummeeffaman sadarkaasaanii kan eeggatan gama gochuufn erpoortota hedduu keessatti hojiin guddaan hojjetamuu beeksisaniiru. Dabalataanis Shiree, Naqamtee fi Dambii Doolloottii terminaalota haaraa ijaaruuf karoorfamuu eeraniiru. Bakka xiyyaaronni irraa ka’an haaromsuun xiyyaaronni gurguddoo qubachiisuu akka danda’an gochuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru. Erpoortoonni bakka hinjirrettis erpoortonni jaha hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Kanneen keessaa erpoortiin Yaa’a Bal’oo baatii Hagayyaa akka eebbifamu dubbataniiru.a
Ganna baranaa amma ammaatti lafti heektaarri miiliyoona 7 sanyiin facaafameera-Ministira qonnaa Dr. Girmaa Amantee
Jul 13, 2025 25
Adoolessa 06/2017(TO)- Bara oomishaa 2017/18 qonna gannaatiin amma ammaatti lafti heektaarri miiliyoona 7 sanyiin facaafamuu Ministirri qonnaa Dr.Girmaa Amantee ibsan. Ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee TOI’f akka ibsanitti, birmadummaa nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira. Waggoottan darban hojii damee qonnaatiin qonna gannaa, Arfaasaa fi akkasumas misooma jallisiitiin hojjetamaniin bu’aan quubsaan galmaa’uusaa yaadachiisaniiru. Bara kana guutuu biyyaatti lafti heektaara miiliyoona 21 qonna gannaatiin midhaag garagaraa nifacaafamu. Yeroo ammaa midhaan agadaa kan akka Boqqoolloo facaafamuu eeranii, Xaafii, Qamadii, Garbuu fi haala naannawaarratti hundaa’uun facaafamaa akka jiran dubbataniiru. Teeknooloojii ammayyaa fayyadamuu fi qonnaan bulaaf hubannoon kennamee waan hojjetameef barana oomisha caalaatu eegama jedhaniiru. Xaa’oon, sanyyiin filatamaa fi galteewwan garagaraa qonnaan bulaafyeroon akka qaqqaban taasifamuus dubbataniiru. Qonni gannaa Itiyoophiyaaf yeroo oomishaa isa guddaa ta’uu ibsanii, oomisha waliigalaa keessaa harki 70 yeroo kana kan oomishamu ta’uu dubbataniiru. Akka ibsa ministirichaatti,barana lafti heektaara miiliyoona 13 kilaastaraan kan misoomu yoo ta’u, kan bardheengaddaa yeroo walfakkaataa waliin yoo madaalamu guddachuu ibsaniiru. Qonnaan bulaan kilaastaraan wayita facaasu oomishtummaan caalaa akka dabalu yaadachiisanii, caalaa cimuu akka qabu beeksisaniiru. Lafti heektaarri miiliyoona 6 mekaanaayizeeshiniin qotamuusaa ibsanii, lafa heektaara miiliyoona 1 kan bardheengaddaa akka caalu eeraniiru. Damee qonnaa ammayyeessuu fi oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf jijjiiramni guddaan baay’inni qonnaan bulaa teeknooloojii fayyadamuu oolee bulee guddachaa waan dhufeef ta’uu dubbataniiru. Qonna gannaatiin lafa heektaara miiliyoona 21 facaasuun calla kuntaala miiliyoona 659 caalaa galchuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Godinichatti lafti heektaara kuma 800 caalu qonna gannaatiin misoomaa jira
Jul 12, 2025 96
Adoolessa 05/2017(TOI)- Godina Shawaa Lixaatti lafti heektaara kuma 800 caalu qonna gannaatiin misoomaa akka jiru waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksise. Sagantaan jalqabsiisa sanyii garbuu kilaastaraan misoomu qonna ganna misoomu godinicha aanaa Walmaraatti gaggeeffameera. Hoogganaan waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa Tarrafaa Araarsaaakka ibsanitti, qonna gannaatiin lafti heektaara kuma 889 sanyiin facaafamaa jira. Kanaanis Boqqooloon, Garbuun, Misingaa fi Qamadiin Kilaastaraan kan misoomu yoo ta’u kana keessaa lafti heektaara kuma 60 fi 425 ta’u garbuub akka facaafamu dubbataniiru. Amma ammaattis lafa qotame keessaa heektaarri harki 50 facaafamuu ibsaniiru. Itti aanaan bulchaa fi hoogganaann waajjira qonnaa fi bulchiinsa lafaa aanaa Walmaraa Dassaaleny Tashoomaa, qonnaan bultoonni aanichaa mala qonnaa kilaastaraatti madaqaa akka jiran ibsaniiru. Qonna gannaatiin aanichatti lafa heektaara kuma 32 fi 760 midhaan garagaraa facaasuun kuntaala miiliyoona 2 fi tuqaa 7 galchuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Kana keessaa gandoota afuritti lafa heektaara kuma 5 fi 700 kilaastaraan garbuu biiraa facaasuun eegalameera jedhaniiru. Qonnaan bultoonni kuma 9 kilaastaraan gurmaa’anii lafa asiidiin miidhame nooraan waldhaanuun misooma qonnaa bu’a qabeessa gochuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Qonnaan bultoonni aanichaa gamasaaniin, kilaastaraan misoomsuun ammanatti akka hin baramne ta’uu ibsanii, deeggarsa waajjira qonnaan barana taasifameefiin garbuu kilaastaraan misoomsuun oomishasaanii warshaaf dhiheessuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru. Qonnaan bulaan Asaffaa Angaasuu, lafasaanii asiidiin miidhame ogeessota qonnaa waliin ta’uun Nooraan waldhaanuun oomishtummaa guddisuuf hojjechaa jiru. Qonnaan bulaan Hundee Tolaa, lafasaanii asiidiin miidhame Nooraan waldhaananii oomishtummaa guddisuu erga eegalanii waggaa sadii akka guute yaadataniiru. Laftisaanii gara du turetti waan deebi’eef oomishni wagga waggaan argatan guddachaa dhufuusaa ibsaniiru.
Bu’uuraaleen Misoomaa Magaalichatti Ijaaramanii Eebbifaman Dhiheenyatti Tajaajila akka argannu nudandeessisu-- Jiraattota
Jul 12, 2025 66
Adoolessa 05/2017(TOI)- Bu’uuraaleen Misoomaa Magaalaa Adaamaatti Ijaaramanii Eebbifaman Dhiheenyatti Tajaajila Argachuu akka isaan dandeessisu Jiraattonni magaalichaa ibsan. Naannoon Oromiyaa bara baajataa xumurametti bu’uuraaleen misoomaa ijaarsi isaanii xumurame tajaajilaaf banaa gochaa turuunsaa ni beekama. Bulchiinsi Magaalaa Adaamaas Bu’uuraalee Misoomaa Fayyadama hunda galeessa jiraattotaa magaalichaa guddisan tajaajilaaf geessiseera. Jiraattonni magaalichaa Yaadaa isaanii TOI’f kennan akka ibsanitti, bu’uuraaleen misoomaa gidduu kana eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’an, sochii Hawaas-Diinagdee isaanii saffisiisuun jireenya isaanii jijiiruuf kan isaan gargaaru ta’uu dubbataniiru. Jiraataan Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Boolee Aanaa Gooroo Shariif Ibraahim akka ibsanitti, ammaan dura Manni Barumsaa Idileen Duraa Naannoo isaanii waan hin jirreef Daa’imman Umuriin Isaanii Mana Barumsaa Idileen Duraaf qaqqabe carraa barnootaa dhiheenyatti hin argatan ture. Mana Barumsaa Idileen Duraa Naannoo isaaniirraa fagaate jiru geessanii barsiisuuf daandii konkolaataan itti baay’atu qaxxaamuruun dirqama waan ta’eef nageenya isaaniif waan sodaataniif mana isaan oolchina turre jedhaniiiru. Yeroo ammaa Manni Barumsaa Idileen duraa ‘Bu’uura Boruu’’ naannoawa isaaniitti ijaarameefii ibsaniiru. Manni Barumsaa Ijaaramuunsaa Baasii Geejibaafi rakkoo ture hanbisuurra darbee , mana barumsaa dhiheenyatti argachuu isaanniin carraa daa’immn isaani fuulduraaf haala gaarii kan uumedha jedhaniiru. Gidduugalli Bashannanaa Bulchiinsa Magaalichaan IjaaramanSammuu keenya hojiin dadhabe bashannansiisuuf haala mijataa uumera ,jechuun jiraataa kutaa magaalaa Danbalaa dargaggoo Iyoob Kindee ibseera. Bakkeewwan bashannanaa dargaggoonni magaalichaa bakka hin taane ooluurra yeroo isaanii bakka midhaa fi gaariitti dabarsuuf haalla mijataa uumuu ibseera. Dabalataanis Jiraataan Aanichaa Biroon Obbo Lammii Baallammii gamasaaniin, bakki bashannanaa miidhagee naannoo isaaniitti amma ijaarame kanaan dura bakka balfi itti gatamu ijaaf hin tolle ture jedhaniiru. Bakkichi Dargaaggootaa fi Manguddooota magaalichaa dabalatee, kan itti bashannanan, kan itti boqotanii fi tajaajiloota adda addaa bakka itti argatan ta’eera jedhaniiru. Kutaa Magaalaa Danbalaatti Gidduugala Sa’a Aannaanii fi Furdisa Loonii Wanjiitti Fayyadamaa bakka hojii kan ta’an Qonnaan Bulaa Tasfaayee Kaasaa akka jedhanitti, ammaan dura loon ka furdisan mana jireenyaaasaanii keessatti ta’uu ibsaniiru. Yeroo ammaa Bulchiinsa Magaalichaangidduu gala sa’a aanaanii fi sangaa furdisaa ammayyaa argachuu isaaniif Mootummaa galateeffataniiru. Sa’a Aannan fooyya’aa kennan gara gidduu galichaatti galchuun haala ammayyaan horsiisuuf karoorfannee gara hojiitti galleera jedhaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’an tajaajila bu’uuraa dhiheenyatti argachuuf kan isaan dandaeessisu ta’uu jiraattonni Yaada kennaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’aniiru
Jul 13, 2025 30
Adoolessa 06/2017(TOI)- Jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’uusaanii hooggantuun dame seeraa fi imaammataa sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Gabreelaa Abrihaam ibsan. Itiyoophiyaatti mirga waraqaa raga jiraattotaa mirkaneessuuf, tajaajilamtootaa fi tajaajila kennitoota jidduutti wal amantaan akka jiraatu, iftoominni, ittigaafatamnii fi hojmaata mijataa sadarkaa biyyaalessaatti diriirsuuf waraqaan eenyummaa dijitaalaa hojiirra ooleera.. Sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaatti hooggantuun dame seeraa fi imaammataa Gabreelaa Abrihaam turtii TOI waliin taasisaniin akka ibsanitti, Finfinnee fi naannoleetti galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa fi raawwachuu fi dhaabbilee waliin walitti hidhata uumuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Haala Kanaan amma ammaatti jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’uusaanii fi dhaabbilee 55 waliin walitti hidhanni uumamuusaa dubbataniiru. Bara bajataa 2018 galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa caalaatti guddisuuf karoorfamuu fi walitti hidhata dhaabbilee waliin jiru cimsuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu eeraniiru. Galmee kana keessumaa naannoleetti babal’isuuf walitti hidhata dhaabbilee waliin taasifamu caalaatti cimsuuf xiyyeeffatamuu dubbataniiru. Bara bajataa xumurame naannoleetti galmee waraqaa eenyummaa dijitaaalaa ilaalchisee hojiin hubannoo cimaan hojjetamuusaa fi bu’aanis argamuu beeksisaniiru. Hooggansa olaanaa irraa eegalee xiyyeeffannoon waan hojjetameef hawaasni waraqaa eenyummaaf akka galmaa’u gochuurratti hojiin guddaan hojjetameera jedhaniiru.
Itiyoophiyaan teeknooloojiin adda duree gochuuf guddattoota beekumsa hubannoo namtolcheen qaroomsuu barbaachisa-Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa
Jul 12, 2025 90
Adoolessa 05/2017(TOI)- Itiyoophiyaan sadarkaa idil addunyaatti teeknooloojiin adda duree gochuuf guddattoota beekumsa hubannoo namtolcheen qaruunakka barbaachisudaarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam tolchee Itiyoophiyaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa ibsan. Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa dameelee Saayinsii fi Teeknoloojii garagaraatiin leenjii guddattootaa 4ffaa golambaa saayinsiitti eegalchiiseera. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutichaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa guddattootaa fi dargaggoota ga’oomsuuf leenjii gannaa akkasumas dhaabbilee barnootaa waliin ta’uun beekumsaa fi ogummaa akka gabbifatan hojjetamaa jira jedhaniiru. Hubannoon namtolchee yeroo dhihoo asitti meeshaa ijoo biyyoonni rakkoosaanii ittiin furatan ta’aa dhufuusaa kaasaniiru. Itiyoophiyaattis hubannoo namtolcheetti gargaaramuun gama hundaan adda duree ta’uuf guddattootarratti hojjechuun nibarbaachisa jedhaniiru. Damee Kanaan beekumsa bu’uraa horatanii addunyaarratti dorgomuu akka danda’an leenjiincimee akka ittifufu mirkaneessaniiru. Hojiiwwan inistiitiyuutichi xiyyeeffannoo kennuuf keessaa damee Kanaan humna namaa cimsuu fi hubannoo uumuun isa tokko ta’uu ibsanii, leenjiin gannaa hubannoon namtolchee kennu waggaa 4ffaa qabate kan eeramu ta’uu kaasaniiru. Waggaa sadii dura sagantaan leenjii kun barattoota 15niin akka jalqabame ibsanii, yeroo ammaa bu’aalee abdii namatti horan galmaa’aa akka jiran dubbataniiru. Guddattoota marsaa 4ffaan leenjichaaf galmaa’an kuma 3 keessaa 300 ulaagaa guutanii leenjii galuusaanii ibsaniiru. Leenjiin baatii lamaaf turu Kanaan guddattoonni bu’uraalee hubannoo namtolchee, Roobootiksii, Pirogiraamiingii fi barnoota biroo akka baratan dubbataniiru. Leenjii teekniikaan alatti leenjii furtuu rakkinaa, hojii garee, kalaqaa fi komunikeeshinii fi ogummaawwan jireenyaa ogummaa gabbifachuu dandeessisan biroon akka kennamuuf eeraniiru.
Dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhiheenyasaanii akka cimsan foramichi haala mijataa uumeera-Ministira Mufarihaat Kaamil
Jul 9, 2025 174
Adoolessa 02/2017(TOI)-Dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhiheenyasaanii akka cimsan foramiin hojii uumuu Afriikaa haala mijataa uumuusaa Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan. Sagantaan xumuraa foramii hojii uumuu Afriikaa ministeerri hojii fi ogummaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun qopheessee fi yaadannoo injifannoo Adwaatti taa’amaa ture gaggeeffamaa jira. Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti ittigaafatamaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi ittiaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoon saganticharratti argamaniiru. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil waltajjicharratti akka ibsanitti, Itiyoophiyaan fayyadama dargaggootaa mirkaneessuuf hojjehaa jirti. Dargaggoonni biyyattii kan hojii uumanii fi fayyadamoo carraa hojii akka ta’an hojii hojjetameen bu’aan gaariin galmaa’uu eeraniiru. Keessumaa carraalee hojii filmaataa bal’isuu, teeknooloojiiwwan fooyya’an damee garagaraan hubachiisuu fi hirmaannaa sochii dinagdee dargaggoo guddisuuf isaan ijoo ta’uu eeraniiru. Haala Kanaan foramiin carraa hojii uumuu guyyoota sadan darban taa’amaa ture dargaggoonnii fi hojii uumtonni Afriikaa walitti dhufeenyasaanii akka cimsan haala mijataa uumuusaa beeksisaniiru. Waltajjichi muuxannoo waliiqooduun gufuulee damee knaan mudataniif furmaata waloo barbaaduuf haalli dandeessisu akka uumaman gochuusa ibsaniiru. Foramichi kallattii fuulduraas akka kaa’e dabalanii dubbataniiru. Afriikaan misooma fulla’aa akka mirkaneessitu dinagdee, misoomaa fi bu’ura misoomaan walitti fiduun tumsa waloo fi carraaqqii akka gaafatu ibsaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan tumsa carraa hojii fi dameewwan garagaraan biyyoota Ardii Afriikaa waliin qabdu cimsitee akka ittifuftu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan gamaTeekinooloojiin Hojiin Hojjechaa Jirtu Dinqisiisaadha-Ministiroota  Foramii Kalaqa Hojii Afrikaa Irratti Hirmaatan
Jul 9, 2025 117
Adoolessa 02/2017(TOI)-Itiyophiyaan guddina ishee saffisiisuuf gama Teekiniooloojiin hojii hojjechaa jirtu dinqisiisaa fi biyyoonni Afriikaa biroon muuxannoo kan irraa fudhatan ta’uu Ministiroonni Fooramii kalaqa hojii Afriikaa 3ffaa irratti hirmaatan ibsan. fooramii kalaqa hojii 3ffaa Ministeerrii hojii fi kalaqaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun qopheesse Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Ministiroonni, Dippiloomaatonni, Hayyoonni, Qorattoonni, Hojii Uumtonnii Biyyoota Afriikaa adda addaa irraa dhufanii fi bakka bu’oonni dhaabbilee Idila Addunyaa waltajjicha irratti hirmaachaa jiru. Hirmaattooni kaleessa waaree booda yaadannoo Injifannoo Adwaa, golambaa Saayinsii , Ministeera Hojjetaa fi ogummaa jala jiran daawwataniiru. Namoota daawwannichaa irratti yaada kennan keessaa Ministira Hojjetaa, hojii fi bobbii hojii Gaanaa Abdul- Rashiid Pelipuwoo, Magaalaan Finfinnee guddina Si’ataa irra jiraachuushee Arguusaanii dubbataniiru. Ijaarsi bu’uuraalee Misoomaa guddina magaalittii saffisiisan ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan hojiiwwan guddina ishee saffisiisuuf eegalte Biyyoota Afriikaa biroof fakkeenyadha jedhaniiru. Ministirri Hojjeta Sudaan Kibbaa Jeneraal Jemsi Hoot Maayi gama isaaniin, Hojii teeknooloojii Itiyoophiyaan golambaa Saayinsii keessatti hojjechaa jirtu daawwachuu isaanii dubbataniiru. Hojiiwwan Daawwataman Itiyoophiyaan Omishtummaa caalaatti guddisuuf Qonna Ammayyaa irratti karoora qabdu kan agarsiisanidha jedhaniiru. Hojii Itiyoophiyaan eegalte wabii nyaataa Afriikaa waliin wal qabatee rakkoowwan ka’an furuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru. Itiyophiyaan hojii Misoomaa Biyyoota Afriikaaf muuxannoo ta’u raawwachaa jiraachuu Kan dubbatan ammoo walitti qabduu Boordii dhaabbata misooma Intarpiraayizoota xiqqaa fi jiddugaleessaa Maalaawii BonfiiskaaZamiiraadha. Dhaabbata Misooma Itarpiraayizoota xixiqqaa fi gidduugaleessaa Maalaawwiitti dura teessuun boordii Boonfiskaa Zaamiiraa ibsaniiru.
Ispoortii
Magaalichatti dirreen ispoortii fi bakki Daa’imman itti tapahatan Baasii Birii Biiliyona 5 oliin  ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banameera 
Jul 8, 2025 252
Adoolessa 01/ 2017 (TOI)- Magaalaa Finfinneetti dirreen ispoortii fi bakki Daa’imman itti tapahatan Baasii Birii Biiliyona 5 oliin ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banamuusaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Dirreen ispoortii 122 fi bakkeewwan daa’imman itti tapahatan kuma 1 fi 155 kutaa Magaalotaa 11tti baasii birrii biiliyoona 5 oliin ijaaraan guyyaa hara’aa tajaajilaaf banamaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee har’a ganama bu’uuraalee Misoomaa dirreewwanIspoortii fi bakkeewwan daa’imman itti taphatan Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Naannoo Kondeemineemii Marii Loqqee fi Kolfee Qaraaniyootti Ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf banaa goodhaniiru. Saganticha irratti Kantiibaa Adaanech akka jedhanitti, Bulchiinsi Magaalichaa bara Baajataa 2017tti Pirojektoota kuma 15 fi 960 ijaaruun Xumureera. Bu’uuraalee Misoomaa Ijaaruuf Baasii Birrii Biiliyoona 5 bahe Keessaa Dhibbentaa 50 kan ta’u Jiraattonni Magaalichaa akka buusan Dubbataniiru. Bulchiinsi Magaalichaa waggoota lamaan darban bakka Daa’imman kuma 3 fi dhibba 800 ol itti taphatan ijaaruusaa ibsaniiru. Yeroo, Beekumsaa fi Hirmaannaa Hawaasaa Qindeessuun Daa’immanii fi dargaggootaaf dursa kennuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiiwwan kun daa’immanii fi dargaggoonni qaamaa fi sammuun gahoomanii akka guddataniif kan isaan dandeessisu ta’uu eeruun, gara fuulduraatti damee Ispoortiin waltajjii Ardii fi Addunyaa irrattii bu’aa fooyya’aa fiduuf qooda akka qabu eeraniiru. Hogannaan biiroo Dargaaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalichaa Balaayi Dajan gama isaaniin, bakkeewwan Shaakala Ispoortii Magaalichatti Ijaaraman dhaloota Qaamaa fi sammuun gahoomee biyya fudhatu ijaaruuf faayidaansaa olaanaadha jedhaniru
Hoggansii  fi gurmaa’insi  waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi  Teeknooloojii ammayyaan kan deeggaramedha-Leetenaal Jeneral  Zawuduu Balaay
Jun 27, 2025 576
Waxabajjii 20 /2017(TOI)-Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii Ammayyaan kan deeggarame ta’uu Ajajaa Olaanan izii giddugalaa Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaay ibsan. Festivaaliin Ispoortii Kooriwwan adda addaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti izzii jiddugalaa Daalol jalatti argaman hirmaachise Magaala Jimmaatti eegalameera. Baniinsa Feestivaalichaarratti kan argaman Raayyaa Ittisa biyyaatti ajajaa Olaanaan izzii giddugala Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaayi Izichi daangaa biyyaa kabachiisuurra darbee hojiiwwwan waloomaa fi Tajaajila Hawaasummaa cimsan raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Izziin Daalol tajaajila tola ooltummaan dhiiga arjoomuun,mana namoota harka qal’eeyyii haaromsuu fi biqiltuu dhaabuu dabalatee hojiii misooma adda addaa irratti hirmaachuun beekama jedhaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa Tokkummaa Sab-Daneessummaa gootummaan kabajaa fi birmadummaa biyyaatiif halkanii fi guyyaa hojjechaa kan jiru raayyaa cimaa fi gahoome ta’uu dubbataniiru. Raayyichi gahumsa hunda galeessa olaanaa, ogummaa waraanaa fi teekinooloojii ammayyaan haala gurmaa’een gaggeeffamaa jiraachuu kaasuun, gaachana birmadummaa biyyaa ta’uurra darbee, misoomaa fi tajaajila Hawaasummaa biroo itti gaafatamummaa isaa bahaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf Kaayyoon guddaan festivaala Ispoortii Iizzichi walitti dhufeenya raayyaa ittisa biyyaa fi hawaasa naannoo gidduu jiru daran cimsuuf ta’uu kaasaniiru. Hogganaan Waajjira izzii Gidduugala Daalol Koloneel Bazaabbihi Yimar akka jedhanitti, kooriiwwan izzii kana jala jiran 5 dorgmmii Ispoortiii kana irrratiti kan hirmaatanii fi guyyaa10’f gosa ispootii adda addaan akka dorgoman himaniiru. Sagantaa Baninsaa irrratti Qondaaltonni Olaanoon Raayyichaa, miseensonnii fi keessummooni wamichi taasifamee fi biroon argamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasuftuuf deeggarsi idil addunyaa cimuu qaba
Jul 9, 2025 177
Adoolessa 02/2017(TOI)-Tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasuftuuf deeggarsi idil addunyaa cimuu akka qabu ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa ibsan. Ministeerri pilaanii fi misoomaa qophii yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaa Itiyoophiyaan gamtaa Afriikaa waliin ta’uun Qaam’ee 3 amma 5/2017tti jiddu gala konveenshinii Addis Intarnaashinaalitti keessummeessitu ilaalchisuun komishinii dinagdee Afriikaatti mari’achaa jira. Dhaabbileen idil addunyaa garagaraa fi bakka bu’oonni qaamolee deeggartootaa waltajjii marichaarratti hirmaachaa jiru. Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa wayita kana akka jedhanitti, tattaaffii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf taasiftuuf deeggarsi idil adunyaa cimuu qaba. Gumaachi Afriikaan faalama jijjiirama haala qilleensaaf taasiftu xiqqaa ta’us dhiibbaa uumamaa jiruun garuu giddaa miidhaman ta’uushee dubbataniiru. Sababa Miidhaawwan ongee, lolaa fi jijjiirama haala qilleensaa biroon gahaniin Afriikaan akka malee miidhamaa akka jirtu ibsaniiru. Afriikaa dhiibbaa kana qolachuuf tattaaffii gootuuf dhaabbileen idil addunyaa faayinaansii, teeknooloojii fi kanneen biroon deeggaruu qabu jedhaniiru. Itiyoophiyaan teessoo gamtaa Afriikaa waan taateef hojii jijjiirama haala qilleensaa qlachuuf hojjechaa jirtu biyyoota biroof muuxannoo qooduun deeggarsa taasisaa jirti.
Tattaaffi Itiyoophiyaan dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaa damdamatu ijaaruuf taasiftuuf BRICS beekamtii kenneera-Dr. Fitsum Asaffaa
Jul 9, 2025 124
Adoolessa 02/2017(TOI)-Yaa’iin hooggantoota BRICS 17ffaan tattaaffii Itiyoophiyaan dinagdee magariisa jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne ijaaruuf taasiftuuf beekamtii kennuusaa ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa ibsan. Itiyoophiyaan yaa’ii Koop 30 Biraazilitti gaggeeffamurratti ajandaawwanshee ittisa jijjiirama haala qilleensaa ibsachuuf qophii gochaa akka jirtu eeraniiru. Yaa’iin hooggantoota BRICS 17ffaan Biraazil Riiyoo Dejenerootti taa’ameera. Jilli Itiyoophiyaa ministira muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin durfame yaa’icharratti hirmaateera. Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa hirmaannaa jilli kun yaa’icharratti taasise ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Yaa’ichi wayitii addunyaan jijjirama haala qilleensaaf amma barbaadamu deebii kennaa hinjirretti ejjennoon cimaa fi ifaa dhimmicharratti qabate Itiyoophiyaaf, riijinii fi Afriikaaf gaarii akka ta’e ibsaniiru. Yaa’iin hooggantoota BRICS Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni jjjiirama haala qilleensaaf saaxilaman misooma cinaatti dinagdee magariisa hinmiidhamne ijaaruu akka qaban ibsuusaa himaniiru. Hawaasni addunyaa biyyoota jijjiirama haala qilleensaan miidhamaniif deeggarsa faayinaansii akka godhan waamichi taasifamuu dubbataniiru. Ajandaalee yaa’ichi irratti mari’ate keessaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf tarkaanfii biyyoonni fudhachaa jiran keessatti argama. Ministirittin ibsa kennaniin, hojiileen Itiyoophiyaan eegumsa bosonaa fi bosona deebisuun misoomuuf sagantaa ashaaraa magariisaan hojjechaa jirtu, hojiileen inarjii fi qonnaaf beekamtii kennuusaa ibsaniiru. Hawaasni addunyaa hojiilee Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf hojjettuuf faayinaansiin akka deeggaru gaafatamuusaa kaasaniiru. Beekamtiin Itiyoophiyaan tattaaffii dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne ijaaruuf taasiftuuf BRICS irraa argatte hiikoo guddaa akka qabu ibsaniiru. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomanii 30ffaan(Koop 30) Baatii Sadaasaa 2018 Biraaziil magaalaa Beelemitti taa’ama. Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisuun yaada Riiyoo Dejenerootti ibsite Koop 30 irratti ajandaa gochuun akka dhihaattu Dr. Fitsum Asaffaa eeraniiru. Paaviliyooniin hojiilee ashaaraa magariisaa fi eegumsa naannoon hojjechaa jirtu agarsiisaaf akka dhihaatu kaasaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 11846
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015