Tamsaasa Kallatti:

Jilli waloo Gamtaa Afriikaa fi COMESA Obbo Dammaqaa Mokonnoniin durfamu Zaambiyaatti haala filannoo duraa ilaale

Caamsaa 1/2018(ENA) -Jilli waloo Gamtaa Afriikaa fi COMESA Obbo Dammaqaa Mokonnoniin durfamu Zaambiyaatti haala filannoo duraa ilaaleera.

Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa duraanii Obbo Dammaqaa Mokonnon, Ebla 26 hanga 30 bara 2018tti Zaambiyaatti daawwannaa hojii taasisaniiru.

Turtiisaaniin jila waloo gamtaa Afriikaa fi ‘COMESA’ filannoon duraa fi qorannoo fedhii Filannoo walii galaa Zaambiyaa Hagayya bara 2018 gaggeeffamuuf dursee hundeeffame dura taa’aa ta’uun gaggeessaniiru.


Obbo Dammaqaa Mokonnonii fi jilli miseensota Gamtaa Afriikaa fi COMESA irraa walitti babba’an qooda fudhattoota filannoo fi bulchiinsa gaarii waliin marii taasisaniiru.

Mariwwan kanaan Ministeera Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Zaambiyaa, Komishinii Filannoo Zaambiyaa, ministeerota mootummaa dhimmi ilaallatu, bakka bu’oota paartilee mormituu, Barreessaa Ol-aanaa COMESA, mishinoota dippilomaasii, dhaabbilee sivilii fi qaamoleen biroo dhimmi ilaallatu hirmaataniiru.

Mariin kun dhimma ijoo haala filannoon dura Zaambiyaa keessa jiru akkasumas qophaa'ummaa dhaabbilee raawwachiiftu filannoo sakatta'uu irratti xiyyeeffateera.

Dabalataanis, filannoon Hagayya 2018 gaggeeffamu nagaa, amanamaa, ifa fi hirmaachisaa akka ta'uuf carraaqqiiwwan taasifamaa jiran irratti mariin bal'aan taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015