Tamsaasa Kallatti:

Godina Shawaa Lixaatti Qonna Gannaan lafti hektaarri kuma 900 ol misooma

Caamsaa 1/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti qonna Gannaa bara Kanaan lafti hektaarri kuma 900 ol midhaan gosa garaagaraan misoomsuuf karoorfamee hojiitti galamuu waajjirri qonnaa Godinichaa beeksise.
Waajjirichatti Ogeessi misooma Midhaanii obbo Dajanee Dabushee ENA’f akka ibsanitti, Godina Shawaa Lixaatti bara omishaa 2018/19 lafa hektaara kuma 902 fi 892 misoomsuuf karoorfameera.
Lafa misoomerraa omisha kuntaala miiliyoona 34 tuqaa 3 ol walitti qabuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru.

Hanga ammaatti sochii taasifameen Lafti hektaarri kuma 549 fi 190 qotamuu ibsuun, kana keessaas lafti hektaara kuma 144 ol ta’u boqqolloo fi misingaan facaa’uusaa ibsaniiru.
Hojii qonna gannaa kanaan qonnaan bultoonni kuma 300 ol hirmaachaa jiraachuu beeksisaniiru.
Waajjira Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa godina Shawaa Lixaatti Ogeessi dhiyeessii fi raabsaa xaa’oo Obbo Daanyaachoo Alamayyoo gama isaaniitiin, godinichatti qonna gannaa kanaan hanga ammaatti xaa’oon kuntaalli kuma 548 tti dhiyaachuun qonnaan bultootaaf raabsamuu ibsaniiru.

Waldaalee hojii gamtaan sanyiin filatamaa boqqolloo kuntaala kuma 700 ol qonnaan bultootaaf dhiyaachuus dubbataniiru.

Godinichatti Qonnaan bulaa Aanaa Amboo Mul’ataa Gutamaa yeroo qonna gannaa oomisha fooyya’aa argachuuf lafa hektaara tokko irra-deddeebi’anii qotuun qopheessaa jiraachuu himaniiru.
Qonnaan bulaa biroon Aanichaa Obbo Abarraa Tolasaa gama isaaniitiin, lafa hektaara tokkoo fi walakkaa irratti misingaa, xaafii fi garbuu facaasuuf qophii taasisaa jiraachuu himaniiru.

Ammatti oomisha jallisii bonaan qopheessan guutummaatti walitti qabuun gara hojii qonna gannaatti galuu isaanii eeraniiru.
Godinichatti ganna darbe lafa hektaara kuma 900 ol misoomerraa oomishni Kuntaala Miiliyoona 33 tuqaa 8 argamuu isaa odeeffannoon Waajjira Qonnaa Godinicharraa argame ni agarsiisa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015