Milkaa’inni Bu’uraalee Misooma Ispoortii Finfinnee Carraa dandeettii Ispoortii Idil-addunyaa keessummeessuu uumaa jira - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’inni Bu’uraalee Misooma Ispoortii Finfinnee Carraa dandeettii Ispoortii Idil-addunyaa keessummeessuu uumaa jira
Caamsaa 1/2018(ENA) - Milkaa’inni bu’uraalee misooma ispoortii Magaalaa Finfinnee sagantaalee Ispoortii Idil-Addunyaa keessummeessuuf carraa uumaa jiraachuun Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.
Manni Maree Magaalaa Finfinnee walga’ii idilee waggaa 5ffaa bara hojii 3ffaa galma walga’ii mana marichaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeesseera.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi hooggantoonni olaanoon magaalattii biroon gaaffilee miseensota mana marichaa irraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee dhimmoota miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsa kennaniin, Finfinnee keessatti daa’immanii fi dargaggoota dhaloota boruuf biyya mijataa uumuun danda’amuusaa ibsaniiru.
kanaanis, ijaarsa manneenii kunuunsa daa’immanii fi wiirtuulee tapha ijoollee keessatti hojiiwwan misoomaa bal’aan dhaloota boruu fayya-qabeessaa fi dandeettii qaban taasisan hojjetamuu isaanii dubbataniiru.
Keessattuu dargaggoonni aadaa sochii ispoortii gabbisuun yeroo isaanii qaamaa fi sammuu isaanii itti cimsan uumuun danda’amuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan, bakkeewwan ispoortii kanaan dura 495 turan gara kuma 2tti guddisuun, ispoorteessitoota bakka bu’oo fayya-qabeessaa fi dandeettii qaban horachuu keessatti shoora olaanaa kan bahan ta’uu ibsaniiru.
Bu’uraalee misooma ispoortii babal’isuu fi hawaasatti dhiyeessuun hojii hojjetameen, magaalattiin dorgommiilee Ispoortii Idil-Addunyaa akka keessummeessitu ishee dandeessisaa jiraachuun eeraniiru.
Akka fakkeenyaatti, ji’a Eblaa qofatti sagantaaleen Ispoortii Idil-Addunyaa sadii Finfinnee keessatti keessummeeffamuu isaanii ibsaniiru.
Dorgommiileen ispoortii Idil-Addunyaa Aadaa fi duudhaa biyya keenyaa beeksisuu, walitti dhufeenya uummata jidduutti uumuu, dargaggootaa biratti kaka’umsa olaanaa uumaa jiraachuus ibsaniiru.
Istaatidiyeemoonni Idil-Addunyaa kanneen akka Dirree Idil-addunyaa Aqaaqii, Adeey Ababaa, Istaadiyeemii Finfinnee fi Ababa Biqiilaa dandeettii dorgommi Ispoortii Magaalattii cimsuuf humna ta’u jedhaniiru.