Tamsaasa Kallatti:

Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Afriikaa magaalaa Adaamaatti argamuun daawwannaa taasisan

Caamsaa 1/2018 (ENA)- Hirmaattonni yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS 2026) kan jalqabaa magaalaa Adaamaatti argamuun daawwannaa taasisaniiru.

Hirmaattonni turtii isaanii Adaanaatiin magaalatti keessa deemanii daawwachuudhaan duudhaalee aadaa kan daawwatan yoo ta’u waan arganitti dinqisiifatamuusaanii ibsaniiru.

Haala magaalichaa fi simannaa jiraattotaa akkasumas aadaa miidhagaa dinqisiifachuun Adaamaan magaalaa nageenyaa ta’uushee dubbataniiru.

Miidhagina sulula qinxaamaa kan taate magaalaan Adaamaateessuma lafaa dinqii kan qabdu ta’uushee raga bahaniiru.

Daawwannaan isaanii Itiyoophiyaan miidhaginaa fi bifa Afriikaa kan agarsiiftu ta’uu irra deebi’uun kan ittiin mirkaneessan ta’uu ibsaniiru.

Yaa’ii mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyofteef” jedhuun kaleessa Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti qophaa’erratti dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Afriikaa biyyoota Afriikaa 30 irraa walitti dhufan hirmaataniiru..

Yaa’ii kana ‘pulse of Africa’ (POA) fi intarpiraayizii teeknooloojii ‘AGA’ tu waliin qopheesse.

Yaa’iin dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa itti gaafatamni itti dhagahamu jajjabeessuuf, Itiyoophiyaa dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi galma ajandaa gamtaa Afriikaa 2063 milkeessuuf kan gargaaru tumsa uumuuf kan akeekamedha.

Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Afriikaan seenessashee ofiisheetiin ijaaruuf, bu’aalee Ardicharratti amantummaa guddisan galmeessisuuf, waan Afriikaa adda baasu uumuuf mariin waloo gaggeeffameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015