Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad sirna aangoo fudhannaa pirezidaantii Jibutii Ismaa’el Omaar Giilee irratti argaman

Caamsaa 1/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Jibutii ta’uun kan filataman sirna aangoo fudhannaa Ismaa’el Omaar Giilee irratti argamaniiru.

Ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti dabarsaniin, pirezidaantii Jibutii ta’uun kan filataman sirna aangoo fudhannaa Ismaa’el Omaar Giilee irratti argamuuf har’a Jibutiitti argameera jechuun ibsaniiru.
 

Ministirri muummee itti dabaluudhaan pirezidaanti Ismaa’el tajaajilli biyya isaaniif kennan guddina hunda galeessa akka itti fufsiisu gammachuu fi hawwii gaarii onnee koo irraa madde ibsuun barbaada jedhaniiru.

Michoomnii fi tumsi tarsiimawaa yeroo dheeraa Jibutii fi Itiyoophiyaa jidduu jiru badhaadhina waloo ummata keenyaaf akkasumas cimina nagaa fi tasgabbiin riijinii keenyaaf bu’ura akka ta’un hawwa jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015