Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan jalqabsiisa imala Hajjii 1447ffaan gaggeeffame

Caamsaa 1/2018 (ENA)- Sagantaan jalqabsiisa imala Hajjii 1447ffaan mooraa daandii qillensaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffameera.

Pirezidaantiin mana maree walii galaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Hajjii Ibraahim Tufaa mooraa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa keessatti argamuun saganticha ifatti jalqabsiisaniiru.

Pirezidaanti sheeh Hajjii Ibraahim Tufaa saganticha wayita jalqabsiisan, imalli Hajjii 1447ffaan kan jalqabaa ifatti jalqabamuusaa ibsaniiru.

Hordoftoota amantichaa gara Hajjiitti imalaniif ergaa imala nagaa dhaamaniiruuf.

Imala Hajjii mijataa gochuuf mootummaan sirna galmee fi kaffaltii irraa eegalee haala mijataa uumuusaa ibsaniiru.

Tajaajila mijataa daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa imaltootaaf godhuuf galateeffataniiru.

Garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaatti itti gaafatamaan  damee daldalaa Lammaa Yaaddechaa, daandiin qilleensichaa imaltoota Hajjii deddeebisuudhaan seenaa bara dheeraa akka qabu ibsaniiru.

Baranas tajaajila bara dheeraa kana guddisuun mijataa gochuuf qophiin taasifamuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015